cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

HIN GADDIN

Hingaddin لاتحزن TABBA GUBBAA DHAABANNE YAADA NAMAA HUBANNE KANAAF CHANAL BANANNE ISIN HOO MAA NUN SIMANNE 😜😜😜😜😜😜😜😜😜😜😜 @hin_gaddin

Більше
Країна не вказанаМова не вказанаКатегорія не вказана
Рекламні дописи
205
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
Немає даних30 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

TOWHIIDA Dirqama jalqabaati,dirqama xummuraati,hundee waa hundaati! Kitaabni samii hundi isaafi isaan buufame,ardii fi samiin addunyaaf aakiraa,ibiddaafi jannatni isaaf ijaaramee,Anbiyootni kumaatamatti lakkaa'amu isaafi isaan ergame! Haqa RABBIITI,Soora qalbiiti,siinqii qabriiti! TOWHIIDA Isaan mana islaamaa seenan,isa dhabuun achii bayan,isa qofaan jannata gayan,isaan salphina addunyaaf aakiraa jala bayan,isaan rakkoo hunda ofirraa dhayan! TOWHIIDA Wallaahi osoo akka utubaa mukaatti dhaabattee abadan salaattee,osoo addunyaan kun hundi kee tahee kennattee,osoo lubbuu kuma qabaattee wareegdee,osoo keeyrii waan jedhamu kamuu irratti hirmaattee; bakka TOWHIIDNI kee sirrii hin jirretti wanti hundi 0+=0 tahee argama! TOWHIIDA Uleen Nabi Muusaa wanti galaana addaan murteef: isatu TOWHIIDA cimaa qalbii qaba! Qurxummiin wanti Nabi Yuunusiin galaana jalaa baaftee dirretti darbiteef: isatu TOWHIIDA guddaa qomaa qaba! Ibiddi wanti Nabi Ibraahimiin gubuu dideef: isatu TOWHIIDA ol aanaa onnee irraa qaba! TOWHIIDA RABBIIN malee hin gabbarru,isa malee hin kadhannu,isa malee hin sodaannu,isa malee hin abdannu,isa malee kan biroo irratti hin erkannu! RABBIIN malee hin jaalannu,jaalalli biroo kan jaalala san hordofee isa cimsu tahuu qaba! Isaan malee hin kakannu,isa maleef hin sujuudnu,isa maleef hin qallu (gorraanu) isa maleef silata (qodhaa) hin goonu...Akaakuu ibaadaa hundaa isa maleef hin hayyamnu! TOWHIIDA Qalbiin kee dhugaan fudhannaan,qaamni kee hojiin mirkaneessinaan,jannata dhabuun waan fakkaatuu miti! Isa diddee darbinaan,qalbii teetii baaftee tufnaan,dhoqqee shirkiitiin walitti laaqxee bukeessinaan; ibidda seenuun shakkii hin qabu! TOWHIIDA Dhagaa hin gabbarru kan isa dhakeesse gabbarra malee! Urjii hin gabbarru kan urjeesse gabbarra malee! Addeessa hin gabbarru kan isa addeesse gabbarra malee! Muka,laga,nama,horii,jinnii hin gabbarru kan isaan uume gabbarra malee! Bakka Towhidni jirutti; yakki kamuu humna hin qabu,hunduu abdii araaraa qaba! Bakka inni hin jirretti; gaariin kamuu bakka hin qabu! TOWHIIDA Isaaf jecha Anbiyootni ajjeeffaman! Sababa towhiidaa Nabi Yahyaan dhiigaan hallame! Sababa towhiidaa Nabi Zakariyyaan qalame! Sababa Towhiidaa Nabi Ibraahim ibidda affeerame! Sababa Towhiidaa Nabi Muhammad صلى الله عليه وسلم biyyaa baafame! Sababa Towhiidaa dugdi Ulamootaa cirame,inni kuun hidhamee,gariin zeeytiin affeelame! TOWHIIDA Waa hunda dura isa bari,waan hunda dura isa dhugi,waan hunda dura isa dursi! Towhiida baruun: Ibaadaa,fiqhii,siiraa,seenaa,adabaafi Akhlaaqa...caala! Yoo towhiidni dabe hunduu cabe! Inni ulaagaa qaba,seeraaf heera qaba,sarara isaaf bocametu jira! لا إله الا الله محمد رسول الله
Показати все...
🌸As wr wb🌸............. ይህ መልክት ለምን ተላከልኝ ልትል/ልትዪ ትችላለህ/ትችያለሽ: ምክኒያቱን እንደሚከተለው እናቀርባለን:: 👇የተላከሎት ምክንያት👇 ❶ይህ መልክት ደርሶህ እንድትማርበት/እንድትማሪበት ነው:: ❷ቴሌግራም ላይ ታይቶም ተሰምቶም የማይታወቅ የ ጥያቄ እና መልስ ፕሮግራም: ላይ ተሳትፋቹህ ተምራቹ የ ...... 4,500 ብር (100ዶላር $) እንድታገኙ:: ❸የምታውቀው/ቂው ወይም ያለህበት/ያለሽበት ጀመዐ እዚህ ላይ በሚተላለፈው በመሳተፍ የ ገንዘብ ድጋፍ እንዲያገኙ:: ❹ኢስላሚክ የሆኑ ትምህርቶችን በ ቀላሉ ለማግኘት :: ✔️ኢስላሚክ ትርክት ባማረ መንገድ ✔️የ ሙስሊም ሳይንቲስቶች ታሪክ ✔️የ ኢስላም ወርቃማው ጊዜ (Islamic golden age ) ታሪክ ✔️አሪፍ መልክት ያለው አናሺዳዎች ✔️አሪፍ መልክት ያላቸው ኢሜጆች(ፎቶዎች) ✔️አሪፍ የሆኑ የህሊና እረፍት መልክቶች ✔️ ከ እምነት ጋር የሚያያዙ መረጃዎች ☪️ እንዴት ነው ነው ከነኚሁሉ ነገር ተጠቃሚ ምሆነው ካላቹ @Baytal_Hikma ን ጆይን Join ማረግ ብቻ ነው:: ረሱላቭን (ሰ.ዐ.ወ) በ ሀዲሳቸው እንዲህ ብለዋል "አንዳቹም አያምንም: ለራሱ የሚወደውን ነገር ለ ወንድሙም እስካል ወደደ ድረስ" አንተም/አንቺም እህት ወንድሞቼ እሄንን መልክት ለምትወዱት ጏደኞቻቹ contact ላለው ሰው በሙሉ Share አርጉ:: እንዲሁም ለምታውቁት ጀመዐ በሙሉ ሼር አድርጉ ለራሳቸው ተጠቅመው የሙስሊሙንም ዑማ እንዲጠቅሙ:: Join ለማረግ ||| @Baytal_Hikma 🌸As Wr Wb🌸................... Ergaan Kuni Maaf Natti Ergame Jechuun Nimala, Sababni Siif Ergameef Haala Asii Gadiitiin Isiniif Ibsinee jirra. 👇 Sababa Siif Ergameef👇 〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️ ➊Ergaan Kuni Si Gahee Akka Irraa Fayyadamtuufi. ➋Gaaffii fi Deebii Barnoota Haala Dinqisiisaan Irraa Argattuu fi Badhaasa Takkaa Telegram Irratti Agamee Hin Beekne ...... 4,500birr (Doolaara 100$) Akka Argattuuf. ➌Jama'aan Biyya Keetii YKN Jama'aan Beektu Sagantaa Dhihaateef Irratti Hirmaachuun Qarqarsa Maallaqaa Akka argatuuf. ➍Barnoota Waa'ee Islaamaa Haala Salphaa Ta'een Argachuuf. ✔️Seenaalee Islaamaa ✔️Saayintistoota Islaamaa ✔️Baroota Ifaa Islaamaa (Islamic Golden age) ✔️Nashiidaalee Ergaa Qaban ✔️Suuraalee Ergaalee Qaban ✔️Ergaalee Boqonnaa Sammuu ✔️Odeeffannoolee Amataan Wal qabatan ☪️Akkamitti Irraa Fayyadama Yoo Jette @Baytal_Hikma Join Godhi. Ergamaan Rabbii (S.A.W) Akkana Jedhan ''Tokkoon Keessan Hin Amanne Haga Waan Ofii Jaalatu Obboleessa Isaatiin Jaalatutti'' Atis Ergaa Kheyrii Tana Waahila (Hiriyyaa) Kee Contact Keessa Namoota Jiran Hundaaf #Share Godhii Ittiin Gahi Akka Innis Irraa Fayyadamu. Akkasumas Jama'aa Beeytu Hundaaf #Share Godhi Akka Irraa Fayyadamanii Hawaasa Islaamaa Fayyadan. 🔑 Join Godhuuf ||| @Baytal_Hikma @Hingaddi
Показати все...
Kheeyriin osoma hin beekinuu qalbii namaa tasgabbeessiti. Diliin ammoo waan Qalbii jeeqaati! Nawwaas bin Sam’aan irraa odeeffame, ni jedhe: Nabiyyiin ﷺ ni jedhan: “khayriin amala gaaromuudha. Diliin immoo waan qoma kee keessatti si hooksisee namni sirratti baruu jibbiteedha.” Muslimtu gabaase. Waabisaa bin Ma’abad ammoo akkana jechuun odeeysse: Ergamaa Rabbiitti ﷺ dhufnaan “waa’ee kheeyrii irraa gaafachuu dhuftee?” naan jedhan. ‘Eeyyee’n jedheen. Ni jedhan: “qalbuma kee gaafadhu. Khayrii jechuun waan lubbuun kee ittiin tasgabbaa’eedha; akkasumas qalbiin ittiin tasgabbaa’eedha. Diliin immoo waan nafsii keessa hooksisee qoma kee keessa deddeebi’eedha. Odoma namoonni siif himanii fatwaa siif godhaniiyyuu (waan qalbiin ittiin tasgabbaa’etu khayriidha).” وَعَنْ النَّوَّاسِ بْنِ سَمْعَانَ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ عَنْ النَّبِيِّ صلى الله عليه و سلم قَالَ: "الْبِرُّ حُسْنُ الْخُلُقِ، وَالْإِثْمُ مَا حَاكَ فِي صَدْرِك، وَكَرِهْت أَنْ يَطَّلِعَ عَلَيْهِ النَّاسُ" رَوَاهُ مُسْلِمٌ . وَعَنْ وَابِصَةَ بْنِ مَعْبَدٍ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ قَالَ: أَتَيْت رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه و سلم فَقَالَ: "جِئْتَ تَسْأَلُ عَنْ الْبِرِّ؟ قُلْت: نَعَمْ. فقَالَ: استفت قلبك، الْبِرُّ مَا اطْمَأَنَّتْ إلَيْهِ النَّفْسُ، وَاطْمَأَنَّ إلَيْهِ الْقَلْبُ، وَالْإِثْمُ مَا حَاكَ فِي النَّفْسِ وَتَرَدَّدَ فِي الصَّدْرِ، وَإِنْ أَفْتَاك النَّاسُ وَأَفْتَوْك" . حَدِيثٌ حَسَنٌ، رَوَيْنَاهُ في مُسْنَدَي الْإِمَامَيْنِ أَحْمَدَ بْنِ حَنْبَلٍ [رقم:4/227]، وَالدَّارِمِيّ [2/246] بِإِسْنَادٍ حَسَنٍ. Hadiisichi hasan (gaariidha). Musnada imaama lamaanii Ahmad bin Hambaliifi Addaaramii keessatti sanada gaariin nuuf gabaafame. Nuuralhudaa Soora Qalbii Muslimaa
Показати все...
Hadiisa Abdallaah ibn Amruu odeyseen ergamaan Rabbii Muhammadﷺ "namni lafarra jiru tokko *laa Ilaaha illaLlaah waLlaahu'akbar walaa howla walaa quwwata illaa biLlaah* yoo ja'e, akka hoomacha baharaa taatuus badiin irraa haqamtu malee hin taane" ja'e. [Sahiihula Jaami' : 5636] - Kadhaan tun jabduudha. Sababaa kadhaa tana yeroo takka jechuutiin badii teenya hedduuf dhiifama Rabbii arkanna. Hiikkaan: "Allaah malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Rabbiin guddaadha. (Rabbi malee)malaafi humnaas hin qabnu". ما علَى الأرضِ أحدٌ يقولُ : لا إلَهَ إلَّا اللَّهُ واللَّهُ أَكْبرُ ولا حولَ ولا قوَّةَ إلَّا باللَّهِ ، إلَّا كُفِّرَت عنهُ خطاياهُ ولو كانت مثلَ زبدِ البحرِ. NUURALHUDAA Soora Qalbii Muslimaa
Показати все...
وسنحاربُ حتى نُسلِّم "إسرائيل" إلى "عزرائيل". "Hanga Israa'eliin Azraa'elitti/malakul_mowtitti kenninutti lola addaan hin kunnu". #Aliyy_Axxanxaawii علي الطنطاوي #Rabbiin_nuuf_haa_tumsu Join👇 @tafak_or

Ni daganne! Dhugaan jiru dirree taa'a! Waan godhuu qabnu dhiisnee waan biraatti jirra. Ta hojjachuu qabnu irraanfannee tan biraa yaadanne. Addunyaa tana yeroo Muraasaaf Kontraata qeeballee taa'utti jirra. Kun fedha Moowlaatiini kan ta'e. Nu tolchee bereechee nu Uume nu guddisee Sadarkaa nutti godhe. Waan adda addaatiin akka wal caallu nu taasise. Faaruutu isaan mala, Kadhaatu, isaan mala, galataatu isaan mala walumaa galatti ykn dimshaashumattu gabbaramuutu isaan mala. «Guddina Allaahaan Malu Waa Isa guddisne» Subhaanallah! Rabbi Keenya gabbaruuf Uumamnee Jaalala Saalaa faallaa keenyaatiin dagamne, Rabbii Keenya gabbaruuf Uumamnee Jaalala duniyaatiin sakaalamne, Rabbii Keenya gabbaruuf Uumamne jaalala technology tiin Hatamne, Rabbii Keenya gabbaruuf Uumamnee Jaalala Hawaasummaatiin Dagamne. Rabbii Keenya gabbaruuf Uumamnee Jaalala Politica tiin Nyaatamne. Subhaanallah! Yaa Rabbii Jaalala tee hiiddaa fi dhiiga qaama Keenya cufa keessaa yaasi. Bakkaa hiddaa fi lafeen itti wal qunnamtu hunda obaasi. Ujummoo qaama Keenya Cufa jaalala teetiin qulqulleessi. Yaa Mowlaa Warreen jaalala teetirraa qullaa gooterraa nu hin taasisin. Jemal Sheikh Bakri @JemalSheikhBakri1 @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показати все...
Yeroo toltuu Rabbitti boohi akka yeroo rakkatte si gargaaru! Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhan: “Yeroo toltuu Rabbiin beeki, yeroo rakkoo Inni si beekati. Beeki! Wanti sirra darbe sitti bu’uufi miti. Wanti sitti bu’ee kan sirra darbuu miti. Beeki! Injifannoon obsa waliin dhufa; Farajni (Rakkoon namarraa deemun) balaa guddaa waliin dhufa. Rakkoo waliin laafinnatu jira." (Hadiis Nawawii-19) ... وَفِي رِوَايَةِ غَيْرِ التِّرْمِذِيِّ: "احْفَظْ اللَّهَ تَجِدْهُ أمامك، تَعَرَّفْ إلَى اللَّهِ فِي الرَّخَاءِ يَعْرِفُك فِي الشِّدَّةِ، وَاعْلَمْ أَنَّ مَا أَخْطَأَك لَمْ يَكُنْ لِيُصِيبَك، وَمَا أَصَابَك لَمْ يَكُنْ لِيُخْطِئَك، وَاعْلَمْ أَنَّ النَّصْرَ مَعَ الصَّبْرِ، وَأَنْ الْفَرَجَ مَعَ الْكَرْبِ، وَأَنَّ مَعَ الْعُسْرِ يُسْرًا". Nuuralhudaa Soora Qalbii Muslimaa
Показати все...
Kheeyriin osoma hin beekinuu qalbii namaa tasgabbeessiti. Diliin ammoo waan Qalbii jeeqaati! Nawwaas bin Sam’aan irraa odeeffame, ni jedhe: Nabiyyiin ﷺ ni jedhan: “khayriin amala gaaromuudha. Diliin immoo waan qoma kee keessatti si hooksisee namni sirratti baruu jibbiteedha.” Muslimtu gabaase. Waabisaa bin Ma’abad ammoo akkana jechuun odeeysse: Ergamaa Rabbiitti ﷺ dhufnaan “waa’ee kheeyrii irraa gaafachuu dhuftee?” naan jedhan. ‘Eeyyee’n jedheen. Ni jedhan: “qalbuma kee gaafadhu. Khayrii jechuun waan lubbuun kee ittiin tasgabbaa’eedha; akkasumas qalbiin ittiin tasgabbaa’eedha. Diliin immoo waan nafsii keessa hooksisee qoma kee keessa deddeebi’eedha. Odoma namoonni siif himanii fatwaa siif godhaniiyyuu (waan qalbiin ittiin tasgabbaa’etu khayriidha).” وَعَنْ النَّوَّاسِ بْنِ سَمْعَانَ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ عَنْ النَّبِيِّ صلى الله عليه و سلم قَالَ: "الْبِرُّ حُسْنُ الْخُلُقِ، وَالْإِثْمُ مَا حَاكَ فِي صَدْرِك، وَكَرِهْت أَنْ يَطَّلِعَ عَلَيْهِ النَّاسُ" رَوَاهُ مُسْلِمٌ . وَعَنْ وَابِصَةَ بْنِ مَعْبَدٍ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ قَالَ: أَتَيْت رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه و سلم فَقَالَ: "جِئْتَ تَسْأَلُ عَنْ الْبِرِّ؟ قُلْت: نَعَمْ. فقَالَ: استفت قلبك، الْبِرُّ مَا اطْمَأَنَّتْ إلَيْهِ النَّفْسُ، وَاطْمَأَنَّ إلَيْهِ الْقَلْبُ، وَالْإِثْمُ مَا حَاكَ فِي النَّفْسِ وَتَرَدَّدَ فِي الصَّدْرِ، وَإِنْ أَفْتَاك النَّاسُ وَأَفْتَوْك" . حَدِيثٌ حَسَنٌ، رَوَيْنَاهُ في مُسْنَدَي الْإِمَامَيْنِ أَحْمَدَ بْنِ حَنْبَلٍ [رقم:4/227]، وَالدَّارِمِيّ [2/246] بِإِسْنَادٍ حَسَنٍ. Hadiisichi hasan (gaariidha). Musnada imaama lamaanii Ahmad bin Hambaliifi Addaaramii keessatti sanada gaariin nuuf gabaafame. Nuuralhudaa Soora Qalbii Muslimaa
Показати все...
Innaa Lillaahi Wa'Innaa Ileeyhi Raaji'uun😭😭😭
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.