cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Більше
Рекламні дописи
32 616
Підписники
+2224 години
+567 днів
+2 46630 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Oduu Galgala ONM-ABO Caamsaa 6-2024 itti dhiyaadhaa! https://www.facebook.com/ArraataONM/videos/817507486915191/?app=fbl
Показати все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaashamannee keessatti humni jajjabee WBO magaalaa fi Ittisa Uummataa waliin ta'uun injifannoo boonsaa galmeessan. ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Kaleessa Caamsaa 04,2024 godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee kutaa magaalaa Diida Boqee keessatti humni jajjabee WBO magaalaa fi Ittisa Uummataa waliin ta'uun qeerrowwan magaalichaa humnaan maatii isaanii biraa qabamuun waraanummaa deemuuf qophaa'aa jiran gadhiisisan. Humni waloo Jajjabee WBO magaalaa fi Ittisa Uummata walta'uun oppireeshinii geggeessaniin mana kuusaa midhaanii qeerrowwan Oromoo haati isaanii osoo boossuu achi keessatti barcuma Abiy Ahimed tiksuuf ugguramanii jiran qaxxisee biraan ba'uun dhukaasa tokko malee waardiyaa ukkaamsuun dargaggoota 190 ta'an bilxiginnaa harkaa baasuun maatii isaaniif deebiseera. Maatii qeerrowwan kanas gocha kanatti gammaduun ijoollee isaanii magaalicha keessaa bakka birootti baqachiisaniiru. Akka hawaasni magaalichaa eeruutti ganama har'aa humnaa yeroo sana egumsa irra ture jedhaman kanneen oppireeshinii sanaan miliqan waraanni faashistii PP qabuun mana hidhaatti darbitee dararaa jirti. Kana malees qeerrowwan deebisanii qabuuf olii fi gadii fiigaa kan turan yoo ta'u, namoota fuula haaraadha jedhanii shakkan gaaffiin qoraa turan. Sababa kanaanis hawaasni magaalichaa goolamuun itti aananii eenyuun qabanii hidhu jechuun yaaddoo keessa akka jiran jiraataan magaalaa Shaashamannee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera. Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
Показати все...
👍 6
Qophii Qorqortii Siyaasaa ONM-ABO Caamsaa 6-2024 itti dhiyaadhaa! Guddina Itoophiyaa bilxiginnaan faarsu, Maree Biyyaalessaa, Rakkoo Kaaba Impaayeerattii fi Dhimma Dippilomaasii Bilxiginnaa ilaalchisuun turtii Dr. Hambisaa Bal'inaa waliin taasisne! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:- Twitter:- https://twitter.com/ArraataO Telegram:- https://t.me/onm_AbO11 YouTube:- https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw Rumble:- https://rumble.com/c/ONM Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, Afaan saba Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromooti, Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa!
Показати все...
👍 7
#Naqamtee ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Sababa Abiy Ahimed magaala Naqamteetti imaluun Warshaa Daabboo Eebbisiisuuf magaalattiin waraana faashistii PP'n jeeqamaa jirti. Uummanni hojii isaa irraa galu karaatti konkolaataa PP danqamaa, akkasumas eegdota sirnichaan doorsifamaa fi reebamaa jira. Namootni daandii gubbaatti hojii kophee hojjetan ari'amuunii fi baajota irraa uguggii fuudhanii dhaabsisanii jiru. Faashistootni jaarraa 21ffaa uummata ukkamsanii fi dirqiin waltajjii yaasuun itti dubbatanii viidiyoo waraabuun olola irraa tolfatu.
Показати все...
😁 11👍 9 1
ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Qophii Qorqortii Siyaasaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irraa isiniif darbuuf dhimmoota adda addaa irratti turtii Dr. Hambisaa Bal'inaa waliin taasisne har'a sa'a 12:00 irratti qabannee isiniif dhiyaanna. Nu hordofaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Sagalee Cunqurfamtootaa ❗️
Показати все...
Hamaas Gaazaa irraa rookkeettii dhukaasuun bakka qaxxaamuraa Kerem Shaalom haleeluun beekame. ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Haleellaan Hamaas daangaa qaxxaamuraa irratti raawwate kun kan raawwatame yeroo mariin Israa’elii fi Hamaas gidduutti araara buusuuf gaggeeffamaa jiruuttidha. Israa’el bakka qaxxaamuraa Kerem Shalom Gaazaa waliin jiru erga Hamaas daandii kana keessaatti rookkeettii dhukaaseen booda akka cuftee waraanni biyyattii beeksiseera. Haleellaa Hamaas raawwateen yoo xiqqaate namoonni 10 kan miidhaman yoo ta’u, gariin ammoo miidhaa cimaa akka qaban miidiyaaleen Israa’el gabaasan. Qaxxaamurri kun karaa muraasa gargaarsa namoomaa gara Gaazaatti geessu keessaa isa tokkodha. Haleellaan kun kan raawwatame yeroo Masriitti mariin dhukaasa dhaabuu akkasumas namoota Israa'el booji'aman gadhiisuuf mari'achaa jiranitti. Israa'el gaaffii Hamaas waraana Gaazaa dhaabuuf dhiheesse akka hin fudhanne dubbatteetti. Raayyaan Ittisaa Israa’el akka jedhetti, naannoo qaxxaamuraa Raafaa Kibba Gaazaa naannoo qaxxaamuraa Raafah jedhamutti kan argamu yoo ta’u, kunis Kerem Shalom irraa tilmaamaan kiiloo meetira 3.6 fagaatee argama. Sana booda xiyyaaronni waraanaa Israa’el bakka itti dhukaafamanii fi caasaa waraanaa kan biraa dhihoo jiru rukutanii akka turan ibsa baaseen beeksiseera. Hamaas marii waraana dhaabuu Kaayirootti gaggeeffamaa jiruuf jila kan erge lola dhaabuu akkasumas hidhamtoota Falasxiinota hedduu mana hidhaa Israa’el keessatti hidhaman gadhiisuu of keessaa qaba jedhame. Haa ta'u malee sochiin marii haaraan kunis otoo hin mallatteessiin gufate jechuun BBCn gabaasera.
Показати все...
Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessatti doqdoqqee hedduun waraana faashistii PP'n jiraattota jalaa saamamuun himame ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Bilxiginnaan qabeenyaa jiraattotaa saamuu jabeessuun hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaa hin qabne maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun hawaasa nagaa irratti saamicha geggeessuu itti fufaniiru. Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessaa namoonni doqdoqqee oofuun jiraatan gandoota akka: Badhaasaa, Mul'ataa fi Jireenyaa jedhaman keessa yeroo ammaa sababa waraana mootummaa PP'n akka itti dalagatan dhabuu jiraattonni ONM'tti himan. Caamsaa 03,2024 gandeen kana sadan keessa socho'anii akka hin hojjenneef doqdoqqee 3 kan namoota maqaan isaanii : Sambataa Moosisaa, Amanuu Hundee fi kanneen biroo jalaa fuudhuun waajjira poolisii magaalaa Naqamtee ganda 05, 07 fi Kumsaa Morodaa keessatti furtuu irraa fudhatanii kaa'aniiru. Hanga yoonaattis magaalicha keessaa doqdoqqeen 40 ol qabamanii jiru. Doqdoqqeen waajjira Poolisii aanaa jirus waraana PP'n akka malee abbootii qabeenyaa jalaa miidhamaa jira. Qabeenyaa hawaasaa irratti shaakalaa akkasumas bakka fedha isaanii kan ittiin dhaqan yommuu ta'u, kanneen gurguratanii korojoo isaanii kaawwatanis danuu akka ta'e himameera.
Показати все...
Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Arxummaa Fursee keessatti meeshaalee gurgguddaa qe'ee hawaasaatti dhukaasaa jiraniin namni tokko madaa'uun, qabeenyaan jiraattotaas manca'e. ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon murna bilxiginnaan tumsamanii akeeka sirna moofaa bakkatti deebisuu qabatanii socho'aa jiran, meeshaalee gurgguddaa fageenya dheeraa deemuu danda'u qe'ee uummataatti dhukaasaa jiraniin lubbuu namootaa fi beelladootaa galafaachaa jiru. Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Arxummaa Fursee ganda Ashawaa Luxeetti Caamsaa 3,2024 ganama sa'a 2:00 irraa eegaluun lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon kun meeshaalee gurguddaa kanneen akka dishqaa, moortera, PKM fi Isnaayipera fayyadamuun qe'ee hawaasa Oromootti dhukaasaa turaniin namni tokko kan maqaan isaa Ahimed Abbabaa jedhamu madaa'uun, qabeenyaan jiraattotaa loonii fi oomishaaleen garaagaraa barbadaa'aa jiraachuu ibsaniiru. Akka jiraattotani jedhanitti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kun meeshaalee gurguddaa fi humna namaa duubaan waammachaa akka jiranii fi murni bilxiginnaa maqaa Oromoo dha'achuun warraaqsa dhiiga Qeerroo fi Qarreetiin geggeeffamaa ture butuun gara aangoo impaayerattiitti dhufe, humnoota badii Finxaaleeyyii Amaaraa kana ofii waan tumsuuf, yeroo isaan uummata nagaa irratti ajjeechaa, saamicha, buqqaatii fi gubaatii manneenii raawwatan callisee ilaaluun isaa hawaasicha kan gaddisiisee fi Koloneel Abiy Ahimed Oromoo bakka bu'uu akka hin dandeenyes dabaluun addeessaniiru.
Показати все...