cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️

Gorsa fayyaa💊💉,Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoo💪, Beeksisa, Qoosaawwan😂 garaagaraafi kkf yoo feetan👇 'Join' fi 'share' gochuu hin dagatiinaa❣️ Yoo gaaffii qabaattan👉 @dr_bultoo Fb page👇 https://www.facebook.com/bultooliko/

Більше
Фінляндія935Мова не вказанаМедицина3 072
Рекламні дописи
7 218
Підписники
+1624 години
+427 днів
+4030 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

DHUKKUBA BUSAA (#MALARIA) 💥Dhibee yeroo ammaa lubbuu danuu galaafataa jiru! 💥Dhukkubni busaa gosa maxxantuu #plasmodium jedhamuun dhufa. Maxxantuuleen kun gosaan afur (4) kan jiran yoo tahu isaan keessaa pilasmodiyeem falsiiparam (60%) fi pilasmodiiyeem vaayvaaksii (37%) sadarkaa 1ffaaf lammaffaarra jiru. 💥Biyya keenya dabalatee biyyoota addunyaa heddu keessattii dhukkuba busaa heddumminaan fidun kan beekamu gosti pilaasmoodiyeem falsipaaram yoo dafee hin yaalamiin, dhukkuba hamaa (#severe) fida. 💥Waggaa keessatti dhukkubni busaa waqtiilee lamaan heddumminaan mul'ata. Kunis: 1. Waqtii birraa: ji'a fulbaana hanga muddee; 2. Waqtii arfaasaa: ji'a Eblaa hanga Caamsaa. MALLATTOOLEE ♦️Gubaa qaamaa (#fever) ♦️Hoollachiisuu qaamaa (#chills & #rigor) ♦️Mataa bowwoo (#headache) ♦️Fedhii nyaataa dhabuu (#anorexia) ♦️Qaama caccabsuu (#arthralgia, #myalgia, #malaise) ♦️Sadarkaa hammaataa irra yoo gahe immoo: ✅Ofiin dhaabatanii deemuu dadhabuu (#prostration) ✅Of wallaaluu (#comatose) ✅Gaggabsoo (#convulsion) ✅Keelloo ta'uu gogaa qaamaa fi ijaa (#jaundice) ✅Fincaan diimachuu/xiqqaachuu ykn dhabamuu (#oliguria/#anuria) ⭐Mallattoleen kun sadarkaa hammaataatti cehuu waan agarsiisaniif hatattamaan gara mana yaalaa geessuu. WAL'AANSA 🔥Dhukkubni busaa dhibee yaalaan fayyuu dandahu dha. Kanaaf mallattooleen kunneen jiraannaan dhukkubichi osoo hin hammaatiin qoratamuun qoricha ogeessi kennu seeraan fayyadamuun fayyuun danda’ama. 🔥Hub: qoricha ajajame haala ajajameen hanga xumuraatti fudhachuu, qoricha siniif kennames nama biroof qooduu dhiisuun barbaachisaadha. ITTISA ✅Dhibeee kana gara namaatti kan daddabarsitu bookee busaa dhaltuu (#anopheles_mosquito) waan tateef ittisni dhibee busaas bookee kana gidduugaleessa kan godhatedha. Isaanis: 👌Agoobara farra bookee qabu fayyadamuu 👌Keemikaala farra bookee busaa biifsisuu 👌Yeroo halkanii uffata dheeraa qaama keenya guututti haguuguun uffachuu. ✅Bakka bookeen busaa itti walhoruu dandeessu dhabamsiisuu fkn, balfaf bishaan ciisan. Magaalota keessatti naannoo ijaarsi jirutti bishaan faayidaa biroof kuufamee dagatamuufi akkasumas meeshaale caccaboo gatamanii bishaan qabatan dabalata. ✅Yeroo gara lafa dhukkubni busaa itti hedduummatu dhaqan, dursanii ogeessa fayyaa mariisisuun ittisaaf qoricha fudhachuu. Dr. Tezera G. @Fayyaa_egeree
Показати все...
👍 12 3🥰 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Kitaabolee argachuuf....
Kitaaba Xiinsammuu....
Kitaaba Asoosamaa....
Kitaaba Seenaafi Falasamaa....
Barreeffamoota barsiisoofi oonnachiisoo....
Walaloo argachuuf....
Booka Beekumsaa👍
GALATOOMAA!👏
DHIBEE GIFIRAA (#MEASLES) ~~~ ✅Dhukkuba talaalliin ittifamuu danda'u, garuu ammallee biyya keenyaaf mataa bowwoo ta'aa jira. ✅Gifirri dhibee vayirasiin dhufuufi carraa namaa namatti darbuu ol'aanaa qabu yoo ta’u, akki daddarba isaas dhangala'aa funyaan fi afaan nama dhibee kanaan qabameeni. ✅Keessattuu guyyoota muraasa shiftoon qaama irratti bahu duraa fi booda jiran hedduuminaan daddarba. ✅Dhibeen kun nama kamiyyuu kan miidhu ta’us, caalmaattii garuu daa’imman huba. Maaltu dhibee kanaaf saaxilamuu dabalaa? 💎Umurii 5 gadii fi 30 ol 💎Hanqina soorataa 💎Humna ittisa dhukkubaa dadhabaa 💎Balaa uumamaa ykn namtolchee 💎Talaallii dhabuu MALLATTOOLEE DHUKKUBICHAA ⭐Hoo’ina qaamaa ⭐Qufaa ⭐Dhukkubbii/diimachuu ijaa ⭐Dhangala’aan funyaaniin ba’uu ⭐Shiftoo fuularra eegaluun gara kutaa qaama birootti babal’atu XAAXAA DHUKKUBICHAA (#Complications) ✅Dhibee kanaan walqabatee rakkooleen fayyaa kana: 🔹️Ija jaamsuu 🔹️Infeekshinii sammuu 🔹️Dhangala’aan qaamaa hir’achuu 🔹️Infeekshinii sombaa fi gurraa 🔹️Hir'ina ulfaatinaa 🔹️Garaa kaasaa yeroo dheeraa fi madaa’uu afaaniiti. YAALII DHUKKUBICHAA ♦️Mallaattoowwan armaan olii yoo argitan daa’ima keessan saffisaan gara dhaabbata fayyaa geessuu. ♦️Wal’aansi kennamu Vaayitaminii A fi yaaliiwwan hojii sirna qaamaa gargaaran [#supportive_cares] ta'a ♦️Tamsa'ina dhibee kanaa ittisuufis daa’imman dhibee kanaan qabaman kutaa qofaatti (#isolated_room) wal’aanamu. TOOFTAALEE ITTISA DHUKKUBICHAA 🔷️Talaallii farra Gifiraa: daa'imman talaallii kana marsaa lamaaf fudhatan dandeettiin dhibee kana of irraa ittisuu isaanii dhibbentaa 97 taha. 🔷️Vaayitaminii A (#Vitamin_A) fudhachuu 🔷️Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu 🔷️Tuttuqqii dhukkubsataa irraa of eeguu fi 🔷️Nama mallattoo dhukkubicha qabu dafanii gara dhabbata fayyatti geessuu. Dr. Mo'iboon Camadaa @Fayyaa_egeree
Показати все...
👍 15 3🥰 1🙏 1
#DHUKKUBA_TOONSILII 🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹 👉 👉 DHukkubni qoonqoo keessaa sababa infeekshinii vaayirasii ykn baakteeriyaatiin kan uumamu yoo ta'u, isaanis; karaa funyaaniifi afaanii gara qoonqootti seenuun dhukkuba kana fidu. 👉 👉#MALLATTOOLEEN dhukkuba kanaa maalfaati? 🔵 Toonsiliin diimatee dhiita'uu 🔵 Toonsilii irratti waan adii ykn keelloo fakkaatu jiraachuu 🔵 Qoonqoo utaallootiin cufame 🔵 Liqimsuuf rakkachuu 🔵 Hoo'a qaamaa 🔵Dhiita'uu lymph nodes 🔵 Foolii afaanii badaa 🔵 Garaa muraa 🔵 Dhukkubbii mormaa 🔵 Mataa dhukkubbii 👉 👉#MAALTU dhukkuba kanaaf nama saaxila? 🔵 Umurii dargaggummaa: Yeroo hedduu dhukkubni toonsilii ijoollee irratti kan mul'atu yoo ta'u, kan sababa baakteeriyaan dhufu, ijoollee waggaa 5 hanga 15 jiran irratti kan baramedha. 🔵 Jarmootaaf saaxila bahuu: 👉 👉 #RAKKOO WALXAXAA dhukkubni toonsilii fidu maalfaati? 🔵 Yeroo rafan afuura baafachuu dadhabuu 🔵 Infeekshiiniin kun gara qoonqoo gara gadiitti daddarbuu 🔵 Dhiitoon toonsilii malaa kuufachuu 👉 👉 #YAALA Dhukkuba Toonsilii 🔵 Yaalli dhukkuba kanaa wantootuma sababa ta'an irratti hundaa'uun garaagara. Kan vaayirasiitiin dhufu sababa dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaan (Immunity) waan ta'eef, qoricha fudhachuun barbaachisaa miti. Kan baakteeriyaan dhufu yoo ta'emmoo, mana yaalaa deemuun qoricha (antibiotics)fudhachuun gaariidha. 👉 👉 #DABALATAAN ariitiin dhukkuba kanarraa dandamachuuf: 🔵 Boqonnaa gahaa fudhachuu 🔵 Waan hoo'aa dhuguu; shayii, aannan, aximiitii.. 🔵 Nyaata lallaafaa ta'an soorachuu; shoorbaa,... 🔵 Bishaan hoo'aan ashaboofi jinjibilaan lulluuqqachuu 🔵 Burcuqqoo tokkotti damma fal'aana afur, ashaboo fal'aana nuusaafi cuunfaa loomii walitti makuun guyyaatti yeroo 2 hanga 3 dhuguun bu'aa gaarii qaba. 🙏Fayyaaf nagaa hin dhabiinaa🙏 ~~ © Dr. Bulti Likisa, 2022, (Carii)       #JOIN&#SHARE👇👇👇 #Facebook page👇👇 https://www.facebook.com/bultooliko/ #Telegram👇👇 @Fayyaa_egeree https://t.me/Fayyaa_egeree
Показати все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👍 16 5🥰 1👏 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
#GALMA_GAHINSA ~~~~~~~~~~~~ Galma gahinsi maali? 👉Bu'aa rakkinoota hedduu booda dhufudha. 👉Bu'aa wanta irra deddeebi'uun hojjetaniiti. 👉Bu'aa ejjennoo gaarii qabaachuuti. 👉Bu'aa fedhiifi ofitti amanamummaa qabaachuuti. ☆☆☆☆☆ #Follow_n_Share🙏🥰 👇👇👇 @ Fayyaa_egeree
Показати все...
👍 4
HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA) Hir'ina dhiigaa jechuun yoo seeliin dhiiga diimaa qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu'e jechuudha. MALLATTOO 1. Dadhabbii, afuurri cituu 2. Mataa dhukkubbii 3. Lafti namaan maruu, 4. Waa yaadachuu dadhabuu. 5. Dha'annaan onnee oduma taa'anii akka nama fiiguu namatti dhaga'amuu. 6. Gurra keessaa namatti iyyuu 7. Dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf. KA'UMSA 1. Dhiiguu (kanneen akka da'umsaa, balaa tasaa, marsaa laguu yeroo dheeraa, kintaarootii fi kkf) 2. Hir'ina viitamin B. 3. Hir'ina elementii ayirenii (Iron) 4. Raammoo garaa (hook worm) 5. Dhukkuba busaa (malaria) 6. Dhukkuba kalee yoo namarra ture 7. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni oomishamu) miidhan. 8. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf namarra turan illee hir'ina dhiigaa ni fidu. NYAATA KAMTU HIR'INA DHIIGAA ITTISA? 1. Tiruu beeyladootaa 2. Hundee diimaa. 3. Timaatimaa fi loomii. 4. Kuduraalee fi muduraalee. 5. Damma fi Aannan 6. Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu bunaa fi shayii waliin dhuguu hin qabnu. Kunis xuuxamuu iron waan hir'isuuf. Fayyaan Faaya Dr. Gurmeessaa (Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo) @Fayyaa_egeree
Показати все...
22👍 7
Фото недоступнеДивитись в Telegram
#Foolii_afaanii_badaa ta'e kan nutti fidan maal faati? ~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~ 🔴 Qulqullina ilkaanii eeguu dhabuu 🔴 Afaaniin harganuu 🔴 Wantoota goginsa afaanii fidan kanneen akka tsoomii, qorichoota adda addaa, yeroo dheeraaf haasawaa gochuufi kkf. 🔴 Yaala ilkaanii kanneen akka bireesii ilkaaniifi guutinsa sirrii hin taane 🔴Ilkaan nam_tolchee qulqullina eeguu dhabuu 🔴Alkoolii dhuguu 🔴Ulfaatinni qaamaa garmalee dabaluu 🔴Yeroo marsaa laguu 🔴Haftee nyaataa ilkaan gidduutti hafuu 🔴Qullubbii adiifi diimaa yeroo nyaatan 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓 ☆☆☆☆☆ © Dr.Bulti Likisa, 2024 #Follow_n_Share🙏🥰 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Показати все...
👍 18 6🙏 2
Halkan yeroo hirribaa, ifaa dhaamsuun faayidaa moo miidhaa qaba? ================= Qorannoowwan fayyaa haarofti bahaa jiran akka agarsiisanitti, baay’innaan osoo ifaa hin dhaamsin rafuun, yeroo dheeraa booda rakkoolee fayyaa garagaraatiif nama saaxiluu danda’a. Qorannoo “ Procedings of the National Academy of science” jedhamu dhiheenya kana akka ifoomsetti, namoonni mana ifti keessa jiru rafan; isaan mana dukkanaayaa keessa rafan caalaa, hirriba keessa of eeggataa ta’u. Sababni isaas sirni “fight or flight’’ jedhamu kan yeroo hirribaa cufamu, mana ifti keessa jiru yoo rafan banaa waan ta’uufi. Banaa ta’uun sirna kanaa immoo, dhahannaan onnee akka dabaluufi dandeettiin qaamni keenna hoormoonii insuliiinii fayyadamuun, sukkaara dhiiga keessaa gara inerjiitti jijjiiruu, akka gadi bu’u taasisa. Kunis yeroo dheeraa booda dhukkuba onneetii fi dhukkuba sukkaaraatiif nu saaxila jechuudha. Kanaaf maal gochuutu barbaachisa? =============== 1. Amala TV banaa dhiisnee achumaan rafuu yoo qabaanneef, waan akkasii dhaabuu 2. Yeroo hirribaa ibsaa dhaamsuu 3. 'PC ykn Computer' yoo fayyadamna taane, osoo hin cufin rafuu dhiisuu 4. Yeroo hirribaa ifaa golgolaa (Dim light) ibsachuu dhiisuu Nagaan Bulaa !! ©Dr. Lencho Kawo @Fayyaa_egeree
Показати все...
👍 34🥰 3🙏 2
Фото недоступнеДивитись в Telegram
#Kaanserii_Kalee ~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~ Kaanseriin kalee daa'immanii fi gaheessota umurii kamirrattuu dhibee mul'achuu danda'u dha. Yeroo ammaa kanas kan durii caalaa namoonni dhibee kanaaf saaxilaman dabalaa jiraachuutu mul'ata. *Tambo aarsuu fi dawaa dhukkubbiif fudhataman (pain killers) akka malee fayyadamuun kaanserii kanaaf nama saaxiluu danda'u. *Yeroo baay'ee namoonni kaanserii kalee qaban mallattoo homaa otoo hin argisiisiin turuu danda'u. Darbee darbee garuu, fiincaan dhiiga makachuu, dhukkubbii cinaaachaa, ulfaatina qaamaa hir'isuu ykn fedhii nyaataa dhabuu fi ho'ina qaamaa qabaachuu danda'u. *Mallattoolee kanneen fakkaatan yoo qabaattan bilbila armaan gadiin gorsaa fi tajaajila fayyaa argachuu dandeessu. ~~~~~~~~~~~~ Dr Seenaa Safaraa Ispeeshalistii baqaqsanii yaaluu kalee, afuuffeefi Ujummoo fincanii, Pirosteetii fi sirna hormaata dhiiraa. 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓 #Follow_n_Share🙏🥰 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Показати все...
👍 26
Фото недоступнеДивитись в Telegram
#Mallattoolee_Kaansarii_Harmaa ~~~~~~~~~~~~~~~ 🔴Dhiitoon harma ykn bobaa jalatti dhiita'uu 🔴Harmi lamaan guddinaan walcaaluu 🔴Guddina ykn boca harmaarratti jijjiiramni jiraachuu 🔴Gogaan harmaa madaa'uu ykn jijjiiramuu 🔴Fiixeen harmaa diimachuu ykn gogaan qunca'uu 🔴Fiixeen harmaa gara keessatti lixuu 🔴Dhangala’aan karaa fiixee harmaa bahuufi kkf. 🔴Mallattoolee kana ji'a keessatti altokko harma ofii check gochuun, yoo shakkan gara mana yaalaa deemuun ogeessa mariisisuun gaaridha! 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓 ☆☆☆☆☆ © Dr. Bulti Likisa Muleta, 2024 #Follow_n_Share🙏🥰 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Показати все...
👍 16👏 1
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.