cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Oromia Communications Bureau

This is official Telegram page of Oromia Communications Bureau

Більше
Рекламні дописи
13 494
Підписники
+4224 години
+3367 днів
+1 50530 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступнеДивитись в Telegram
👍 16
Dargaggoonni abdii biyyaati!
Показати все...
👍 15 9
Pirojektoota qulqullinaafi yeroo qabame keessatti xumuruun aadaa ta'aa dhufee jira ----- Pirojektoota yeroo qabameefi qulqullina barbaadameen xumuruun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu bira darbee qisaasama qabeenyaa hir'isuun guddina biyyaa ariifachiisa. Waggoota jijjiiramaa darban keessa kan mul'ates kanuma. Dhagaa bu'uuraa kaa'anii achumaan hafuun jijjiiramuun pirojektoota misoomaa yeroo qabameefi qulqullina barbaadameen xumuruun tajaajila hawaasaaf banaa taasisuun aadaa ta'ee jira. Kanaanis gaaffiin misoomaa fi bu'uuraalee misoomaa hawaasni qabu hedduun furamaa jira. Godina Shawaa Lixaatti bara kana pirojektoonni misoomaa gosa adda addaa 762 birrii biiliyoona 3 fi miliyoona 396 fi kuma 772 oliin ijaaraman xumuramanii eebbaaf qophaa'aa jiru. Pirojektoonni hojjetamaa turan kunneen Manneen barnootaa, Keellaa Fayyaa, daandii, Riqaalee adda addaa, Kaanaalota Jallisii Amayyaa, Waajiraalee adda addaa ta’uu Itti Aanaan Bulchaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Takkaalliny Yimaamuu ibsaniiru. Pirojektonni kunneen baasii bajata mootummaa, tajaajila lammummaa, hirmaannaa hawaasaa fi dhaabbilee miti mootummaatiin kan ijaaraman ta'uu kan dubbatan Obbo Takkaalliny kunis, hojiileen misoomaa uummata waliin qindoominaan hojjechaa jirru dabalaa dhufuun gaaffiin hawaasa keenyaa deebi'aa jiraachuu argarsiisa jedhan. Godinichatti dandeettii galii sassaabuu guddisuufi ittifayyadama bajataa qusannaa irratti hundaa’e taasiisuun raawwii pirojektootaa irratti jijjiirama ariifataa fideeras jedhan. Pirojektoonni ijaaraman namoota hedduuf dhaabbiifi yeroon carraa hojii kan uumee fi muuxannoo pirojektoota qulqullinaa fi saffisaan raawwachuu kan guddise akka ta'es Itti Aanaan Bulchaa kun eeraniiru. Haata'u malee, daballiin gatii meeshaalee ijaarsaa, rakkoon nageenyaa fi kanneen biroon rakkoolee raawwii pirojektootaa keessatti mul’atan ta’uu ibsaniiru. Walumaagalatti pirojektoonni xumuraman kun hawaasa miliyoona 2.3 ta'uuf tajaajila guutuu kan kennu ta'uu kan dubbatan Obbo Takkaalliny uummanni Godinichaa pirojetoonni xumuramanii tajaajilaaf ga'an kunneen yeroo dheeraaf tajaajila kennuu akka danda'aniif eegumsaafi kunuunsa barbaachisu taasisuu akka qaban dhaamaniiru.
Показати все...
👍 11 9
Фото недоступнеДивитись в Telegram
👍 1
Maree biyyaalessaan dhugaa walootu mirkanaa'a!
Показати все...
"Mariin Biyyaaleessaa maddoota waldhabdee maqsuun biyya keenyatti boqonnaa haaraa kan saaqudha" Hayyoota Yunivarsiitii Madda Walaabuu Biyyi kun humnaan kan ijaaramte waan taateef haala ijaarsa isheerratti mufiin jira; mufiin kunis madda waldhibdee ta'aa har'a ga'eera. Seenaa darbe keessatti beekaas ta'ee haala bulchinsa yeroo sanaa keessatti dhimmoonni mufiifi waldhibdeef sababa ta'an jiru kan jedhan Yunivarsiitii Madda Walaabuutti Barsiisaa Muummee Gaazexeessummaafi Kominikeeshinii kan ta'n Barsiisaa Umar Mahaammadnuur. Kanaaf mufiin kunneen furamuun akka biyyaatti ejjennoo tokkorra gahamuu kan danda'amuu marii biyyaalessaa kanaan ta'uu dubbatu. Marii Biyyaalessaa maddoota waldhabdee karaa mariifi ilaafi ilaameen hiikuun badii lubbuufi mancaatii qabeenyaa hambisuun nagaafi tasgabbii buusuu keessatti dhimma baay'ee murteessaa ta'uu Yunivarsiitichatti Barsiisaa Barnoota Siivikii Gargaaraan Pirofeeseraa Guutamaa Adam ibsaniiru. Itti dabaluun meeshaan hayyuu harka jiru beekumsa waan ta'eef hayyoonni carraa kanatti fayyadamuun faayidaa mariin biyyaalessaa nageenya biyya keenyaa waaressuu keessatti qabu hubachiisuu qabna jedhan. Mariin Biyyaalessaa uummanni biyyattii hariiroo gaariin akka qabaatuufi miirri abbaa biyyummaa akka dhaga'amu taasisuuf barbaachisaadha. Keessattuu uummata Oromoof murteessaadha. Sababni isaas uummanni Oromoo lafeefi dhiigasaan biyya kana ijaaree tiksee asiin gahe. Haata'u malee, akka ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa bahate iddoo maluufi karaa haqa qabeessa ta'een fayyadamaa ta'aa hin turre jedhu hayyoonni kunneen. Oromoon carraa kana fayyadamuu qaba. Sababnisaas seenaa biyyattii keessatti mariin akkanaa isa jalqabaati kan jedhan Yunivarsiitichatti Barsiisaa Filoosoofii kan ta'an Kaamil Kadir. Uummatni Oromoo uummata guddaadha biyya kanaafis mataadha. Kanaaf mataan biyya kanaa waan hundaaf of kennuu qaba, keessatti hirmaachuu, mariyachuu, yaada gumaachuu, waan isaaf malu argachuu, seenaa jallate soroorfachuu qaba jedhu Barsiisaa Umar. Qaamonni tokko tokko barbaachisummaa marii biyyaalessaa irratti mamii ykn shakkii wayita calaqqisiisan ni mul'atu kanaaf isin maal jettu? Gaaffii jedhuuf deebii kennaniinis rakkoon biyya keenyaa waan hunda ija shakkiin ilaaludha jedhanii kunimmoo fayyummaas miti jedhan. Kan as jirus ta'ee gara biraa jirru biyya tokko qabna waan ta'eef dhalootaaf bu'uura tokko kaa'uu qabna jedhan. Kunimmoo seenessa waloo biyya waloo kan hunduu waliigalee wal kabajee itti jiraatu ta'uu qaba jedhan. Kunis marii biyyaalessaan waliigaltee biyyaalessaa uumuun dhufa jedhan. Namoonni dhuunfaas ta'e jaarmiyaaleen ija shakkiin kana ilaalan dhaabbatanii of ilaalu qabu, seenanii qaama marichaa ta'uun dogoggoraafi hir'ina jiru sirreessuu qabus jedhu. Kanaaf ija shakkiin ilaaluufi irraa qoollifachuu osoo hin taane, carraa yaada ofii ibsachuu, sagalee ofii dhageessifachuu, dhimmoota irratti walii hin galle, seeneffama hin fudhanne waltajjii irratti dhiyeeffannu ta'uu beeknee karaa ijaarameen irratti hirmaachuu qabna jedhan. Akka yaada hayyoota kanaanitti jaarraan keessa jirru jaarraa bosona seenuun afaan qawween dantaa ofii milkeessuuf yaallu miti; kun duubatti hafummaa hamaadha. Tooftaan qabsoo kun bu'aan isaa lubbuu gamaa gamanaa balleessuu, qabeenya mancaasuu, guddina biyyaa quucarsuu dha. Jaarrichi jaarraa dantaa ofii karaa mariifi olaantummaa yaadaan kabachiifatan malee fedhii ofii qofa kaanirratti fe'an waan hin taaneef haala mootummaan mijeessee Maree Biyyaaleessaa irratti dhiyaachuun mariyachuun rakkoo jiru furuun dhimma filannoo hin qabne ta'uu ibsaniiru. Marii kanaanis waldhibdeen ture maqee boqonnaa haaraan lammiileen seenaa waloo itti gabbifatanii dhaloota egeree dhaalchisan ta'uu qaba jechuun yaada isaanii goolabu.
Показати все...
👍 12🥰 6
Показати все...
Goleen Afran Oromiyaa Misoomatti Jira!