cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Dr Zakir Naik Afaan Oromoo

Barnoota Dr Zaakir Naik Afaan Oromootiin akkasumatti Sheekkotii amantii wal bira qabanii barsiisan salpatti argachuuf Ikhwaanii join godhaa. @DrZakirNaikAfaanOromoo Namoonni yaada qabdan garee Teenya Join godhaa. Yaada keessan nuuf.. @Ne4Je2

Більше
Рекламні дописи
14 274
Підписники
+1924 години
+1187 днів
+48930 днів
Час активного постингу

Триває завантаження даних...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Аналітика публікацій
ДописиПерегляди
Поширення
Динаміка переглядів
01
Macaafa qulqulluu keessa iyyasuus Waaqayyo kan jedhu erga hin jirree, Eenyutu isaan waaqayyo jedhe? Ragaa fidaa.. @DrZakirNaikAfaanOromoo
1 1600Loading...
02
Daandiin dhugaa tokko qofa! ***** Daandiin sirriin gara milkaa'ina biyya lafaa fi boodaatti nama geessu daandii tokko qofa. Sunis daandii Nabiyyoonni waliigalaa hundi ittiin ergamanii fi barsiisaa turaniidha. Daandiin sunis daandii Islaamummaati. Haqummaa fi dhugoomina daandii kanaa ilmaan namaatiif ibsuuf jecha; Rabbiin (s.w) Nabiyyoota irratti kitaabota yeroo gara garaatti hedduu buuse. Fakkeenyaaf, kitaabonni akka Toowraat, Zabuur, Injiilii fi Qur'aanaa hundi daandiin dhugaa Islaamummaa akka ta'e barsiisan. Anantiiwwan Islaamummaan ala jiran hundi isaaniituu takkaa amantaa sirriidha jedhamanii, kitaabota kamiiyyuu keessatti hin dubbatamne. Garuu Qur'aana qofa keessatti Islaamummaan daandii sirrii ta'uun dubbatame. Quraanaa fi Islaamummaan walsimatu. Akkasumas, Islaamaa fi muslimnis walsimatu. Ifaan dhugaa kan hin dhaamnes Islaamummaa qofa. Waa'ee kanaa ilaalchisee, Qur'aanni akkana jedha: (قُلْ هَذِهِ سَبِيلِي أَدْعُو إِلَى اللَّهِ عَلَى بَصِيرَةٍ أَنَا وَمَنِ اتَّبَعَنِي وَسُبْحَانَ اللَّهِ وَمَا أَنَا مِنَ الْمُشْرِكِينَ) [Kuni karaa kiyya anii namni na hordofes, beekumsa irratti haala ta’een gara Rabbiitti waama. Rabbiinis qulqullaa’e. Anis mushrikoota irraayis miti jedhi.] [Suuraa Yuusuf 12:108] (شَرَعَ لَكُمْ مِنَ الدِّينِ مَا وَصَّى بِهِ نُوحًا وَالَّذِي أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ وَمَا وَصَّيْنَا بِهِ إِبْرَاهِيمَ وَمُوسَى وَعِيسَى أَنْ أَقِيمُوا الدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُوا فِيهِ كَبُرَ عَلَى الْمُشْرِكِينَ مَا تَدْعُوهُمْ إِلَيْهِ اللَّهُ يَجْتَبِي إِلَيْهِ مَنْ يَشَاءُ وَيَهْدِي إِلَيْهِ مَنْ يُنِيبُ ) [Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe. [Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudha. Wanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha.] (Suuraa Ash-Shura 42:13) Karaan qajeelaan, karaa Islaamummaa qofa. Karaa Y*ahuudotaa fi k*iristaanotaa miti. Daandii jallinaa hin hordofinaa. Hunda isaaniituu yeroo qorannoo dhugaa irratti gaggeessitan, amantaa Rabbiin bira dhufte akka hin taane baratta. Sunis karaa faallaa Islaamummaa ti. Qur'aanni daandiin sirriin Islaamummaa akka ta’e dubbata. (وَأَنَّ هَذَا صِرَاطِي مُسْتَقِيمًا فَاتَّبِعُوهُ وَلَا تَتَّبِعُوا السُّبُلَ فَتَفَرَّقَ بِكُمْ عَنْ سَبِيلِهِ ذَلِكُمْ وَصَّاكُمْ بِهِ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ) [Dhugumatti, kun karaa kiyya Isa qajeelaa dhaa, isa hordofaa. Karaa Rabbii irraa isin baasanii karaa heddu hin hordofinaa. Kana akka isin sodaattaniif isa isiniif dhaama.] (Suuraa Al-An'am 6:153) Namni qajeelfama Islaamummaa hordofe yoomiyyuu hin jallatu. Karaan dhugaa ganduma dhugaa nama geessa. (فَمَنِ اتَّبَعَ هُدَايَ فَلَا يَضِلُّ وَلَا يَشْقَى) [Namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin rakkatus.] (Suuraa xaahaa 20:123) Macaafa qulqulluu keessattis karaan dhugaa tokko akka ta’e dubbatameera. Innis karaa qajeelaa durii sana hordofaa jedha. Karaan innii durii sunis, karaa Nabiyyoota yesuusiin duraati. Sunis, karaa Nabi Ibraahiimi. Karaan isaaniis Islaamummaa dha. " Waaqayyo akkana jedhe, "Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! 'Daandiin inni durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" jedhe; isin garuu, "Lakkii nuyi isa irra adeemuu hin barbaannu" in jettan." (Macaafa Ermiyaas 6: 16) karaan inni baeessa jedhamee macaafa keessatti dubbatame suni, karaa Nabiyyoonni dura dabran ittiin ergamanii fi barsiisaa turaniidha. Karaan sunis, k*iristaanummaa fi y*ahuudummaas tauu hin dandau. Garuu karaan inni sirriin suni, Islaamummaa akka tae beekamaadha. Kitaaba Efsiyoon jedhamu keessattis, amantaan tokko, Rabbiiniis tokko qofa jedha. Amantaan tokkoo fi Rabbiin sun hoo eenyu? Deebii....... Qopheessaan: Xaahir Galatoo
1 48713Loading...
03
Imala gara Islaamummaa Qeesonni, Phaaphaasonni fi Paastaroonni armaan gaditti argitan kun warreen Rabbiin daandii dhugaatti qajeelcheedha. Har'a hayyoota amantii ta'anii Islaamummaa tajaajilaa jiran.. Gafaa si qaceelche akkasi kunoo #Qajeelloo @DrZakirNaikAfaanOromoo
2 03214Loading...
04
Innaa lillaahi wa Innaa Ileeyhi Raaji'uun #Sheikh Faqiin yeroo dheeraadhaaf, Da'awaa daandii fi bakka hundatti, sagalee guddiftuu fayyadamee gara #Tokkochummaa Rabbiitti ykn Gara amantaa dhugaatti waamicha taasisuun beekamu, kan hidhaa fi reebichi harka isa kennachiiftee hin beekne, guyyaa har'aa gara fuula Rabbii deemeera jechuu yeroon dhaga'u baay’ee natti dhaga'ame. Leenca sodaa malee dhugaa lallabaa tureedha, kan sodaa malee dubbatu, Gadda guddatu namatti dhaga'ama, maatii fi muslimtoota hundaaf sabrii haa kennu, Isa ammoo jannata Rabbi haa badhaasu. @DrZakirNaikAfaanOromoo
1 4384Loading...
05
Iyyasuus wangeela Waaqayyoo lallabaa akka ture, kitaaba keessatti mirkanaa'ee jira, Gabricha isaa akka ta'e ragaan macaafa qulqulluu fi Qur'aanaa ni addeessa. Kanaafuu, Iyyasuus erga Waaqayyoon ta'ee, maaliif wangeela Waaqayyoo lallabe? Akkasumas Waaqayyoon qofa maaliif waaqqesse???? Qopheessaan//Xaahir Galato @DrZakirNaikAfaanOromoo
1 4408Loading...
06
Iyyasuus kiristoos Muslima moo Kiristaana? _____ Iyyasuus kiristoos Amantaa kiristaanaa odoo hin taane, amantaa Islaamaa hordofaa ture. Inni muslima malee kiristaanaa miti. Garuu kiristaanonni hedduun isaanii Iyyasuus kiristaanummaa barsiiseera amantaa jedhan qaban. Inni kiristaanummaa odoo hin taane Islaamummaa barsiisaa ture. Sababbiin isaas, inni Nabiyyii Islaamaati. Kana yeroon jedhu qabatama ragaa dhugaa irratti hundaa'eeti. Macaafa qulqulluu keessatti ragaan qabatamaan heddutu jiru. Garuu mee wangeelaa Afranii fi Qur'aana irratti haa xiyyeeffannuu. Wangeelota Afran kanneen jedhaman; Wangeela Maatiwoos, luqaas, Maarqoosii fi Yuhaannisi. " Yesusis guutummaa Galiilaa keessa naanna'ee, masgiida isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa, namootas dhukkubaa fi dhibee hundumaattii fayyisaa ture." (Wangeela Maatiwoos 4: 23) " "Egaa akka warri of argisiiftuun namoota biratti galateeffamuudhaaf jedhanii, manneen sagadaa fi karaa keessatti godhan, ati yeroodhuma arjoomtu hundumaatti kana of duratti hin odeessifatin! Dhuguman isinitti hima, isaan kun gatii isaanii argataniiru. " (Wangeela Maatiwoos 6: 2) Dabalataaniis, wangeela maatiwoos 6:2, 9:23, 9:35, 10:17, 12:9, 13:54 jalatti dubbatameera. Wangeela Maatiwoos 9:23 xiinxaluun yeroo ilaalle; " Yesus mana geggeessituu sanaa bira yommuu ga'e, warra ulullee gaddaa afuufanii fi warra huursanii boo'an argee, " (Wangeela Maatiwoos 9: 23) " Namni hafuura hamaadhaan qabame tokko mana sagadaa isaaniii keessa ture iyyuu, si'uma sana caraanee," (Wangeela Maarqoos 1: 23) " Yesus masgiidaa akkuma ba'een, Yaaqoobii fi Yohannisii wajjin mana Simoonii fi Indriiyaas dhaqe." (Wangeela Maarqoos 1: 29) " Innis manneen sagadaa isaaniitti in barsiisa, hundinuus isa in jaja ture." (Wangeela Luqaas 4: 15) " Yesus Qifinaahomitti yeroo barsiise mana sagadaa keessatti kana hundumaa dubbate." ( wangeela Yohaannis 6: 59) " Abbaan isaa fi haati isaa Yihudoota waan sodaataniif kana jedhan; namni "Yesus Masiihicha" jedhee dhugaa ba'u, tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa akka baafamu Yihudoonni sun irratti walii-galanii turan. " (Wangeela Yohaannis 9: 22) " Yesus immoo deebisee, "Ani mul'inatti biyya lafaatti dubbadheera; yeroo hundumaas masgiidaa fi mana qulqullummaa iddoo Yihudoonni hundinuu itti walga'anitti, barsiiseera; dhoksaattis waan tokko illee hin dubbanne." (Wangeela Yohaannis 18: 20) Yesuus kiristoos, muslima ta'uu isaa ilaalchisee, Qur'aannis ifaan ifatti dubbateera. مَا قُلْتُ لَهُمْ إِلَّا مَآ أَمَرْتَنِى بِهِۦٓ أَنِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبَّكُمْۚ وَكُنتُ عَلَيْهِمْ شَهِيدًا مَّا دُمْتُ فِيهِمْۖ فَلَمَّا تَوَفَّيْتَنِى كُنتَ أَنتَ ٱلرَّقِيبَ عَلَيْهِمْۚ وَأَنتَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ شَهِيدٌ Waan ati itti na ajajje ‘Rabbiin, Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan gabbaraa’ jechuu malee waan biraa isaaniin hin janne. Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol nafuutee booda ati isaan irratti tiksaa turte. Ati waan hunda irratti ragaadha. [Suuraa Al-Maa'idaa 5:117] Akkasumas, Islaamummaan amantaa yesuus kiristoos ta'uu ilaalchisee Qur’aanni akkan jedha: وَإِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ (Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani. Kanaaf Isa qofa gabbaraa. Santu karaa qajeelaadha” jedhe. [Suuraa Maryam 19:36] Qur’aanni suuraa shuuraa keessattis akkana jedheera; شَرَعَ لَكُم مِّنَ ٱلدِّينِ مَا وَصَّىٰ بِهِۦ نُوحًا وَٱلَّذِىٓ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ وَمَا وَصَّيْنَا بِهِۦٓ إِبْرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَىٰٓۖ أَنْ أَقِيمُوا۟ ٱلدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُوا۟ فِيهِۚ كَبُرَ عَلَى ٱلْمُشْرِكِينَ مَا تَدْعُوهُمْ إِلَيْهِۚ ٱللَّهُ يَجْتَبِىٓ إِلَيْهِ مَن يَشَآءُ وَيَهْدِىٓ إِلَيْهِ مَن يُنِيبُ "Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe[Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudhaWanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha.[Suuraa Ash-Shuuraa 42:13]
1 53815Loading...
07
“ Yesus Kiristos gara samii ul-fuudhamuu”. ..... Yahuudonni Nabi Iisaa (Yesus Kiristos) wantoota adda addaatiin maqaa xureessuu fi yakkuu turan, isa kana qofattuu osoo hin dhaabatin, isa ajjeesuudhaaf malaa fi yaalii cimaa taasisuu eegalan. Yeroo kana keessatti namni adda durummaan sadarkaa ajjeechaa kana irratti mari’ataa turan Namicha Maqaan isaa 𝗞𝗮𝗮𝘆𝗮𝗮𝗳𝗮𝗮𝘀 jedhamuudha. Garuu isa ajjeesuun sun gonkumaa isaaniif hin mijoofne. Isaan tooftaa baasan, haa ta’u malee tooftaan Rabbii tooftaa isaanii dursee argame. Rabbiin waa’ee kanaa ilaalchisee akka armaan gadii kanatti Qur’aanaan dubbateera; وَمَكَرُوا وَمَكَرَ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ [ Isaanis tooftaa baasani; Rabbiinis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti.] (Qur'aana 3:54) إِذْ قَالَ اللَّهُ يَا عِيسَىٰ إِنِّي مُتَوَفِّيكَ وَرَافِعُكَ إِلَيَّ وَمُطَهِّرُكَ مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا وَجَاعِلُ الَّذِينَ اتَّبَعُوكَ فَوْقَ الَّذِينَ كَفَرُوا إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ ۖ ثُمَّ إِلَيَّ مَرْجِعُكُمْ فَأَحْكُمُ بَيْنَكُمْ فِيمَا كُنتُمْ فِيهِ تَخْتَلِفُونَ [ Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kaf*aran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga Guyyaa Qiyaamatti warra kaf*aran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gidduu keessanitti nan murteessa.] (Qur'aana 3:55) Yesus Kiristos gara samii ol fuudhame malee, akka Yahuudonni nutu ajjeese jedhan, akka Kiristiyaanonnis eeyyan isintu ajjeese jedhan sana miti. Fannifamuu dhabuu isaa irrattis akka Macaafni Qulqulluun jedhutti Yesus waan dubbate qaba. Mee keeyyattoota Macaafa Qulqulluu kanneen armaan gadii kana sirritti hubadhaa. Jecha Kiristiyaanonni cubbuu keenya nurraa baachuuf du’e jedhanis yaadadhaa. "Yesus yeroo sanatti, “Egaa ani yeroo gabaabduu duwwaadhaaf isin biran jira; kana booddee gara isa ana ergee nan dhaqa. Isin ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan” jedhe." [Yohannis 7:33-34] "Ammas Yesus, “Ani nan adeema, isin ana barbaaduuf jirtu; iddoo ani dhaqus dhufuu hin dandeessan, kanaaf cubbuu keessaniin in duutu” jedhee isaanitti dubbate." [Yohannis 8:21] Yaa Yahuudotaa fi Kiristiyaanota! Osoo Yesus Kiristos ana arguu hin dandeessan jedhee dubbatuu isin akkamitti argamee ajjeefamee, fannifamee, du’ee du’aa ka’e jettan ?. Ammas Yesus Kiristos isinirraa ajjeefamee cubbuu keessan isinirraa baadha hin jenne, cubbuu keessaniin ni duutan jedhe malee, akkamitti cubbuu keenya baate jettu ?. Moo Yesustu sobe jechuu barbaaddaniiti ?. "Yommus Yesus, “Maariyaam!” isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara isaatti garagalte afaan Ibraayisxiitiin, “Rabbuunii!” ittiin jette; kana jechuun “Barsiisaa” jechuu dha. Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome." [Yohannis 20:16-17] Yesus Kiristos ammas akka hin duune kadhatee jira. Kadhannaan isaatis isaaf awwaatamee jira. [Ergaa Gara Ibrootaa 5:7] Yeroo anbiyoonni/raajonni Rabbiin kadhatan Rabbiin ni awwaataafi, FKN; Hisqi’el Raajichaatif awwaatamee jira, Isaayaas Raajichaatifis [38:1-6], akkasuma namoota biraatiifis awwaatamee jira. [Macaafa Saamu’el Isa Lammaffaa 24:11], [Macaafa Moototaa Isa Duraa 21:19- 29]. Yesus Kiristos Rabbii isaa kadhachuu akka armaan gadiitti haa ilaallu mee: "Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, “Yaa abbaa ko! In danda’ama yoo ta’e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta’u malee” jedhee kadhate." [Maatewos 26:38-39] "Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate.
1 81912Loading...
08
Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”." [Luqaas 22:42-44] Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ? "Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama." [Maatewos 27:46] [Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”] (Qur'aana Suuratu Aal- Imraan 3:55) Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan; ❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama. ❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre. ❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu. ❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa. ❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6] ❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu. ❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13] Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef. Yihuudicha Yesusin gane nama “𝗬𝗶𝗱𝘂𝘂𝘇𝗮𝗹-𝗜𝘀𝗸𝗮𝗿𝘆𝗼𝗼𝘇” jedhamu Rabbiin bifaa fi haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira. وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا الْمَسِيحَ عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ اللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِيهِ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ ۚ مَا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا اتِّبَاعَ الظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًا [Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur'aana 4:157) بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا [Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.] (Qur'aana 4:158) Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraanna. Maddoota ragaa; ● Qur'aana Kabajamaa. ● Macaafa Qulqulluu. ● Kitaaba Aarsaa Wangeela Jildii 1ffaa. (Qannoo Addisuu Hundeessaa}) ● حبي العظيم للمسيح عيس عليه السلام قادني إلى الإسلام Dubbistanii jirtan taanaan commenti jalatti isin eega. ❤ © Ifaa Dhugaa
1 92913Loading...
09
Kan Itiyoopiyaa hoo? @DrZakirNaikAfaanOromoo
2 5105Loading...
10
Amantaan Rabbiin biratti fudhatama qabu Islaamummaa qofa. (Qur'aana 3:19)
2 4081Loading...
11
Maashaa Allaah Rabbiin isinirraa haa jaalatu 🥰 Sh. Hajjiin silaa Dr. Zaakir nuuf afeeranii Stadium finfinneetti da'awaa nuuf godhanii ...
2 9707Loading...
12
Paastaroonni dirree miidiyaa irraa; wacaan praankii Islaamummaa irratti dalaguu barbaadan maaliif falmii sirrii baqatu?? Xaahir galatoo @DrZakirNaikAfaanOromoo
4 0504Loading...
13
Kafyaalew Tufaa Yaadetaa to'annaa seeraa jala oolee jira...!! Namni kun jechoota jibbiinsaa garaagaraa fayyadamuun Amantaa Islaamaa fi hordoftoota Amantichaa yeroo dheeraaf karaa miidiyaa hawaasummaa irra-deddeebiin arrabsuun kan beekamu yoo ta'u dhaabbata Muslimoota biyya kanaa bakka bu'u Majliisa irratti qoosuun barruu hedduu maxxansuun isaa ni yaadatama. Kafyaalew n namoota hawaasummaa Oromoo diiguuf baajata guddaan diinonni Oromoo bobbaasan yoo ta'u garee dhimma kana waliin milkeessan ijaaruun sochii bal'aa taasisaa jiraachuun isaanii ni beekama. Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa. Jechoota gaggaarii @DrZakirNaikAfaanOromoo
4 45011Loading...
14
Yesus nyaate,dhuge,muge,rafe dadhabe Rabbiin tahuu hin danda'u Rabbiin wantoota kanneen irraa qulqullaa'adha!! @DrZakirNaikAfaanOromoo
3 3874Loading...
15
Guyyaa Sadi boodaa du'a moo'ee ka'e ! Garuu guyyaa Sadi dura du'atu isa moo'ee turekaa? Akkasuma woliinuu waan du'a injifatee ka'eef waaqaa jedhan Garuu wongeelli waaqatu isa kaase jedha. "Waaqayyo garuu hidhaa du'aattii hiike; inni harka du'aa jalatti qabamee turuu waan hin dandeenyeef, du'aa isa kaase" Hojii Ergamootaa 2:24 @DrZakirNaikAfaanOromoo
4 08312Loading...
16
Hamma yesuus du'ee ka'utti eenyuutu universii bulchaa ture jettuuree innoo du'ee qabrii bubbulaa ture miti. @DrZakirNaikAfaanOromoo
3 9647Loading...
17
Anaaf jedhee waaqni du'e Awwaalamees boolla bu'e Cubbuu kiyya Narraa dhiqee Achii bayee Samii dhaqe. Jedhan jarri Anis ni gaafadhe ka'ee Akkam ta'ee Rabbiin du,e? Eenyutu ajjeese danda'ee? Fedha isaati moo humnaan ta'e Humnaan ajjeefame taanaan waaqaa mitii dadhabaadha. Fedhasaatiin ajjeefamus Uf ajjeesuunis cubbuudha. @DrZakirNaikAfaanOromoo
4 68520Loading...
18
Amma falmiif osoo hin taane gaafii tana deebisaa. "RABBIIN MEEQA?". TOKKO; yoo jettan "Eenyu inni"? Warra pheenxee saniin baana mee dubbadhaa @DrZakirNaikAfaanOromoo
5 1222Loading...
19
Iyyasuus gabbaran, Iyyasuus ammoo "nama naazireet" tahuu ni beekan. Iyyasuus na gabbaraa isaaniin hin jenne, waaqa tokkicha gabbaraa jedhe malee #Ajab @DrZakirNaikAfaanOromoo
5 1754Loading...
20
“Akka shari'aa islaamaatti Dubartiin muslimaa tokko nama muslima hin tahinitti heerumuun dhoorgaadha. Nikaan hin hidhamu. Wal qunnamtiin isaaniitis Zinaa jedhama!”
5 0672Loading...
21
Warri waaqeffattootaa ifaan ifatti amantii keenyaa fi Nabiyyii keenya jaalatamaa (saw) irratti jibbanna labsanii jiran. Dhimmi kun furmaanni maali jettan?
4 7831Loading...
22
Haqni dhufe, baaxilli dhabame
5 2571Loading...
23
Warri Amantii Waaqeffataa Mushrika. Waaqeffattoonni Silaa akka isaaniitii Muslimoota Oromoo lafarraa fixuu barbaadu. Garuu kun goonkuma isaaniif hin milkaayu. Nuti muslimoonni obboleewwani 💪
5 4097Loading...
24
Rabbiin tokko, sadii miti. Warri Rabbiin tokko jettan of eeggadhaa☝️
5 1893Loading...
25
😭 Eega Lolli Orma Ghazzatti Baname, Awroppaa keessatti Saffiisaan Amantaa Islaamaa Qeebalutti jira. Durirra Harka 400 Dhibbeentaan Dabale. #Allaahu_Akbar ● Ghazzaan Hangafee Miidhamaa Cufaaf Rabbiin Haa Dirmatu! @DrZakirNaikAfaanOromoo
5 8178Loading...
26
Paastaroonni harka kennatanii islaamummaan amantii dhugaa ta'uu amananii ragaa ba'an ~~~ Kunoo akkana. Paastaroonni waa'ee Islaamummaa dudduubatti dubbatan fuulaafi fuulaatti dhufanii muslimotaan falmuu qabu. Barreeffamni kanaa gadii kan Ustaaz Xaaliburidallah Hussen i. 👇 #Magaalaa_Goljootaa #Godina_Arsii_Lixaa, Aanaa Heeban Arsii #Magaalaa_Goljootaatti Sagantaan guddaan (#Guyyaa 21/04/2024 or 13/08/2016) Islaamummaan Addunyaaf jedhuun gegeeffamaa ture, gammachuu guddaan, namoonni amantii biroollee kan ta'an keessattuu #Paastaroonnii hirmaatuun gaafii fi deebii boodaa Yesuus Ergamaa Rabbii ta’uu amanuun, Yesuus Waaqaa jechuun dogongora akka ta'e hubatuun sagantaan keenna milkiidhaan goolabamee, nagahaan faaruun kan Rabbii keennaatii gallee jirraa. Alhamdulillaah. @DrZakirNaikAfaanOromoo
5 1736Loading...
27
Innaalillaahi wa’innaa ileeyhi Raaji’uun Shekni beekamaan Hayyuun Addnyaa Islaamaa keessatti bakka guddaa qabu biyya ofiirra jiraachuu sarbamanii baqattu ta’anii biyya Turkii jiraataa turan shekh Abdulmajiid Al Zandaaniin Har’a ganama gara fuula Rabbi deemaniiru Warri isaan ariyaa ture dachiin harra isaaniif bal’attus boru achima dhaquuf taa’u السلام عليكم ورحمة الله وبركاته ببالغ الحزن والأسى وبقلوب راضية بقضاء الله وقدره، ننعي وفاة والدنا الشيخ العلامة/ عبدالمجيد بن عزيز الزنداني ، والذي توفاه الله عزوجل إليه يومنا هذا الإثنين بتاريخ ١٣ من شهر شوال ١٤٤٥ للهجرة، الموافق ٢٢ من شهر إبريل ٢٠٢٤م. لله ما أخذ وله ما أعطى وكل شيء عنده بأجل مسمى ولا نقول إلا ما يرضي ربنا ، إنا لله وإنا إليه راجعون.
4 0617Loading...
28
Daa'ii Islaamaa beekkamaa Dr Zakir Naik "osoo warri dhihaa sirratti duulanii akkamitti Da'awaa itti fufte?! Lubbuu teetiif hin sodaattuu?!" Jachuun gaafatame. Maal ja'ee deebise?! Hayyuun kun gaaffii tana jacha Ibnu Teeymiyaan (Rahimahullaahu) ja'e tokko fayyadamee deebise. "Warri najibban maal nagodhuu dandayan?! Yoo nahidhan mana hidhaa keessatti galeen Ibaadaa godha, Yoo biyyarraa nabaasan dachii keessa deemeen Rabbi gabbara. Yoo lubbuu tiyya baasan Shahiideen taha. Wamaa nagodhuu hin dandayan" ja'ee deebiseef! Mataa dhiiraa! Nama osoo Da'awaa godhuu rifeensi adiin/Aarriin itti baate. Hafizahullaah! @DrZakirNaikAfaanOromoo
3 8508Loading...
29
GAAFII #KRISTAANOOTA FI DEEBII #ISLAAMAA ⬇➡#Kutaa_78ffaa⬅⬇ IiSAA FI IYESUS TOKKO MOO GARGARI ❓ Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin. ▶Deebiin gababan Eeyyeen tokkodha. ↪Qur'aana keessatti maqaa Iisaa jedhu dubbatame. Kitaaba Wangeela jedhamu keessatti immoo maqaa Yesus jedhun dubbatame. Asirratti Garagarummaan maqaa kitaaba laman keessatti jiru garagarummaa afaanoota argisisa malee Garagarummaa dhufa isa miti. ↪Qur'aana fi kitaaba Wangeela jedhamu keessatti akkuma wal fakkeenyi jiru Garagarummaan waa'ee Yesus/Iisaa ni jira.Adda adduman tokko tokko kan jiru immoo Macaafa isa kamtu dhugaa akka tahe baruudhaf nu gargara. ⏩Amma kallatiidhan gara deebii gaafii gaafatameti yoo deebine; ragaa qabatama dhufa Yesus/Iisaa tokko tahu adda baase argisiisu akka arman gaditti ilaala. ◀1▶ Wal qunnamti saalaa malee(abba malee ) Dubree Maryam(Maariyaam ) irra dhalachu.Kun yesus/Iisaan tokko tahu ragaa guddaadha. Qur'aana *[Maryamis] “yaa Gooftaa kiyya! Odoo namni tokkollee ana hin tuqne akkamitti ilmi naaf argama?” jette.[Rabbiinis] “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe uuma. Inni yeroo waan tokko murteesse ‘ta’i!’ qofa isaan jedha; yeroma san ta’a” jedhe.{Suuratu Aali Imraan 3:47} Wangeela luqaas 1:34 *Maariyaam yommus, “Anoo amma illee durba, kun attamitti ta'uu danda'a?” jettee ergamicha gaafatte.* ◀2▶ Yesus/Iisaan Qur'aana fi kitaaba Wangeela jedhamu keessatti of isaatiif "Ani Waaqayyoodha na waaqeeffadha " jedhe dubbate ykn abboome hin beeku.Kunis wanti isa adda taasisu dha.Fallaa kan Inni Ergamaa tahu isa dubbate ykn dubbatame . Fkn.Qur'aana 4:171, 3:49, Wangeela yoh 17:3 ,12:44, 49-50 fi kkf. ◀3▶ Dinqii/Raajii isa adda taasisu hojjachu.Fkn.Waaqayyo tokkicha Allah kadhachun nama Alaazaar jedhamu du'a kaasu. Qur'aana 3:49 fi Wangeela Yohannis 11:41. ◀4▶ Yesus/Iisaan Qaama guutudhan gara samiitti/waaqatti ol fuudhamu.Qur'aana 3:55, 4:158 fi Wangeela Maarqos 16:19, luqaas 24:36-42. ◀5▶ Yesus bara dhuma immo gara biyyaa lafatti deebi'uf jirachu.Qur'aana 43:61.fi Wangeela Maatewos 24:30, Maarqos 13:26, luqaas 21:27 HUB.Qabxiilleen shan (5n) arman ol kun wal fakkeenya Iyesus fi Iisaa osoo hin tahin Qabxiillee Yesus Iisaa ykn Iisaan yesusin tahu addatti ragaa nuf bahudha. ♻♻♻ @DrZakirNaikAfaanOromoo
3 89411Loading...
30
Kan qeesonni isaanii akkanaa, barattoonni isaanii akkami jettee yaadda? @DrZakirNaikAfaanOromoo
4 0730Loading...
Macaafa qulqulluu keessa iyyasuus Waaqayyo kan jedhu erga hin jirree, Eenyutu isaan waaqayyo jedhe? Ragaa fidaa.. @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показати все...
👍 9 3
Daandiin dhugaa tokko qofa! ***** Daandiin sirriin gara milkaa'ina biyya lafaa fi boodaatti nama geessu daandii tokko qofa. Sunis daandii Nabiyyoonni waliigalaa hundi ittiin ergamanii fi barsiisaa turaniidha. Daandiin sunis daandii Islaamummaati. Haqummaa fi dhugoomina daandii kanaa ilmaan namaatiif ibsuuf jecha; Rabbiin (s.w) Nabiyyoota irratti kitaabota yeroo gara garaatti hedduu buuse. Fakkeenyaaf, kitaabonni akka Toowraat, Zabuur, Injiilii fi Qur'aanaa hundi daandiin dhugaa Islaamummaa akka ta'e barsiisan. Anantiiwwan Islaamummaan ala jiran hundi isaaniituu takkaa amantaa sirriidha jedhamanii, kitaabota kamiiyyuu keessatti hin dubbatamne. Garuu Qur'aana qofa keessatti Islaamummaan daandii sirrii ta'uun dubbatame. Quraanaa fi Islaamummaan walsimatu. Akkasumas, Islaamaa fi muslimnis walsimatu. Ifaan dhugaa kan hin dhaamnes Islaamummaa qofa. Waa'ee kanaa ilaalchisee, Qur'aanni akkana jedha: (قُلْ هَذِهِ سَبِيلِي أَدْعُو إِلَى اللَّهِ عَلَى بَصِيرَةٍ أَنَا وَمَنِ اتَّبَعَنِي وَسُبْحَانَ اللَّهِ وَمَا أَنَا مِنَ الْمُشْرِكِينَ) [Kuni karaa kiyya anii namni na hordofes, beekumsa irratti haala ta’een gara Rabbiitti waama. Rabbiinis qulqullaa’e. Anis mushrikoota irraayis miti jedhi.] [Suuraa Yuusuf 12:108] (شَرَعَ لَكُمْ مِنَ الدِّينِ مَا وَصَّى بِهِ نُوحًا وَالَّذِي أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ وَمَا وَصَّيْنَا بِهِ إِبْرَاهِيمَ وَمُوسَى وَعِيسَى أَنْ أَقِيمُوا الدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُوا فِيهِ كَبُرَ عَلَى الْمُشْرِكِينَ مَا تَدْعُوهُمْ إِلَيْهِ اللَّهُ يَجْتَبِي إِلَيْهِ مَنْ يَشَاءُ وَيَهْدِي إِلَيْهِ مَنْ يُنِيبُ ) [Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe. [Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudha. Wanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha.] (Suuraa Ash-Shura 42:13) Karaan qajeelaan, karaa Islaamummaa qofa. Karaa Y*ahuudotaa fi k*iristaanotaa miti. Daandii jallinaa hin hordofinaa. Hunda isaaniituu yeroo qorannoo dhugaa irratti gaggeessitan, amantaa Rabbiin bira dhufte akka hin taane baratta. Sunis karaa faallaa Islaamummaa ti. Qur'aanni daandiin sirriin Islaamummaa akka ta’e dubbata. (وَأَنَّ هَذَا صِرَاطِي مُسْتَقِيمًا فَاتَّبِعُوهُ وَلَا تَتَّبِعُوا السُّبُلَ فَتَفَرَّقَ بِكُمْ عَنْ سَبِيلِهِ ذَلِكُمْ وَصَّاكُمْ بِهِ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ) [Dhugumatti, kun karaa kiyya Isa qajeelaa dhaa, isa hordofaa. Karaa Rabbii irraa isin baasanii karaa heddu hin hordofinaa. Kana akka isin sodaattaniif isa isiniif dhaama.] (Suuraa Al-An'am 6:153) Namni qajeelfama Islaamummaa hordofe yoomiyyuu hin jallatu. Karaan dhugaa ganduma dhugaa nama geessa. (فَمَنِ اتَّبَعَ هُدَايَ فَلَا يَضِلُّ وَلَا يَشْقَى) [Namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin rakkatus.] (Suuraa xaahaa 20:123) Macaafa qulqulluu keessattis karaan dhugaa tokko akka ta’e dubbatameera. Innis karaa qajeelaa durii sana hordofaa jedha. Karaan innii durii sunis, karaa Nabiyyoota yesuusiin duraati. Sunis, karaa Nabi Ibraahiimi. Karaan isaaniis Islaamummaa dha. " Waaqayyo akkana jedhe, "Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! 'Daandiin inni durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" jedhe; isin garuu, "Lakkii nuyi isa irra adeemuu hin barbaannu" in jettan." (Macaafa Ermiyaas 6: 16) karaan inni baeessa jedhamee macaafa keessatti dubbatame suni, karaa Nabiyyoonni dura dabran ittiin ergamanii fi barsiisaa turaniidha. Karaan sunis, k*iristaanummaa fi y*ahuudummaas tauu hin dandau. Garuu karaan inni sirriin suni, Islaamummaa akka tae beekamaadha. Kitaaba Efsiyoon jedhamu keessattis, amantaan tokko, Rabbiiniis tokko qofa jedha. Amantaan tokkoo fi Rabbiin sun hoo eenyu? Deebii....... Qopheessaan: Xaahir Galatoo
Показати все...
👍 13🥰 2🔥 1
Imala gara Islaamummaa Qeesonni, Phaaphaasonni fi Paastaroonni armaan gaditti argitan kun warreen Rabbiin daandii dhugaatti qajeelcheedha. Har'a hayyoota amantii ta'anii Islaamummaa tajaajilaa jiran.. Gafaa si qaceelche akkasi kunoo #Qajeelloo @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показати все...
🥰 13👍 12
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Innaa lillaahi wa Innaa Ileeyhi Raaji'uun #Sheikh Faqiin yeroo dheeraadhaaf, Da'awaa daandii fi bakka hundatti, sagalee guddiftuu fayyadamee gara #Tokkochummaa Rabbiitti ykn Gara amantaa dhugaatti waamicha taasisuun beekamu, kan hidhaa fi reebichi harka isa kennachiiftee hin beekne, guyyaa har'aa gara fuula Rabbii deemeera jechuu yeroon dhaga'u baay’ee natti dhaga'ame. Leenca sodaa malee dhugaa lallabaa tureedha, kan sodaa malee dubbatu, Gadda guddatu namatti dhaga'ama, maatii fi muslimtoota hundaaf sabrii haa kennu, Isa ammoo jannata Rabbi haa badhaasu. @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показати все...
19😭 7👍 4
Iyyasuus wangeela Waaqayyoo lallabaa akka ture, kitaaba keessatti mirkanaa'ee jira, Gabricha isaa akka ta'e ragaan macaafa qulqulluu fi Qur'aanaa ni addeessa. Kanaafuu, Iyyasuus erga Waaqayyoon ta'ee, maaliif wangeela Waaqayyoo lallabe? Akkasumas Waaqayyoon qofa maaliif waaqqesse???? Qopheessaan//Xaahir Galato @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показати все...
👍 7
Iyyasuus kiristoos Muslima moo Kiristaana? _____ Iyyasuus kiristoos Amantaa kiristaanaa odoo hin taane, amantaa Islaamaa hordofaa ture. Inni muslima malee kiristaanaa miti. Garuu kiristaanonni hedduun isaanii Iyyasuus kiristaanummaa barsiiseera amantaa jedhan qaban. Inni kiristaanummaa odoo hin taane Islaamummaa barsiisaa ture. Sababbiin isaas, inni Nabiyyii Islaamaati. Kana yeroon jedhu qabatama ragaa dhugaa irratti hundaa'eeti. Macaafa qulqulluu keessatti ragaan qabatamaan heddutu jiru. Garuu mee wangeelaa Afranii fi Qur'aana irratti haa xiyyeeffannuu. Wangeelota Afran kanneen jedhaman; Wangeela Maatiwoos, luqaas, Maarqoosii fi Yuhaannisi. " Yesusis guutummaa Galiilaa keessa naanna'ee, masgiida isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa, namootas dhukkubaa fi dhibee hundumaattii fayyisaa ture." (Wangeela Maatiwoos 4: 23) " "Egaa akka warri of argisiiftuun namoota biratti galateeffamuudhaaf jedhanii, manneen sagadaa fi karaa keessatti godhan, ati yeroodhuma arjoomtu hundumaatti kana of duratti hin odeessifatin! Dhuguman isinitti hima, isaan kun gatii isaanii argataniiru. " (Wangeela Maatiwoos 6: 2) Dabalataaniis, wangeela maatiwoos 6:2, 9:23, 9:35, 10:17, 12:9, 13:54 jalatti dubbatameera. Wangeela Maatiwoos 9:23 xiinxaluun yeroo ilaalle; " Yesus mana geggeessituu sanaa bira yommuu ga'e, warra ulullee gaddaa afuufanii fi warra huursanii boo'an argee, " (Wangeela Maatiwoos 9: 23) " Namni hafuura hamaadhaan qabame tokko mana sagadaa isaaniii keessa ture iyyuu, si'uma sana caraanee," (Wangeela Maarqoos 1: 23) " Yesus masgiidaa akkuma ba'een, Yaaqoobii fi Yohannisii wajjin mana Simoonii fi Indriiyaas dhaqe." (Wangeela Maarqoos 1: 29) " Innis manneen sagadaa isaaniitti in barsiisa, hundinuus isa in jaja ture." (Wangeela Luqaas 4: 15) " Yesus Qifinaahomitti yeroo barsiise mana sagadaa keessatti kana hundumaa dubbate." ( wangeela Yohaannis 6: 59) " Abbaan isaa fi haati isaa Yihudoota waan sodaataniif kana jedhan; namni "Yesus Masiihicha" jedhee dhugaa ba'u, tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa akka baafamu Yihudoonni sun irratti walii-galanii turan. " (Wangeela Yohaannis 9: 22) " Yesus immoo deebisee, "Ani mul'inatti biyya lafaatti dubbadheera; yeroo hundumaas masgiidaa fi mana qulqullummaa iddoo Yihudoonni hundinuu itti walga'anitti, barsiiseera; dhoksaattis waan tokko illee hin dubbanne." (Wangeela Yohaannis 18: 20) Yesuus kiristoos, muslima ta'uu isaa ilaalchisee, Qur'aannis ifaan ifatti dubbateera. مَا قُلْتُ لَهُمْ إِلَّا مَآ أَمَرْتَنِى بِهِۦٓ أَنِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبَّكُمْۚ وَكُنتُ عَلَيْهِمْ شَهِيدًا مَّا دُمْتُ فِيهِمْۖ فَلَمَّا تَوَفَّيْتَنِى كُنتَ أَنتَ ٱلرَّقِيبَ عَلَيْهِمْۚ وَأَنتَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ شَهِيدٌ Waan ati itti na ajajje ‘Rabbiin, Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan gabbaraa’ jechuu malee waan biraa isaaniin hin janne. Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol nafuutee booda ati isaan irratti tiksaa turte. Ati waan hunda irratti ragaadha. [Suuraa Al-Maa'idaa 5:117] Akkasumas, Islaamummaan amantaa yesuus kiristoos ta'uu ilaalchisee Qur’aanni akkan jedha: وَإِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ (Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani. Kanaaf Isa qofa gabbaraa. Santu karaa qajeelaadha” jedhe. [Suuraa Maryam 19:36] Qur’aanni suuraa shuuraa keessattis akkana jedheera; شَرَعَ لَكُم مِّنَ ٱلدِّينِ مَا وَصَّىٰ بِهِۦ نُوحًا وَٱلَّذِىٓ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ وَمَا وَصَّيْنَا بِهِۦٓ إِبْرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَىٰٓۖ أَنْ أَقِيمُوا۟ ٱلدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُوا۟ فِيهِۚ كَبُرَ عَلَى ٱلْمُشْرِكِينَ مَا تَدْعُوهُمْ إِلَيْهِۚ ٱللَّهُ يَجْتَبِىٓ إِلَيْهِ مَن يَشَآءُ وَيَهْدِىٓ إِلَيْهِ مَن يُنِيبُ "Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe[Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudhaWanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha.[Suuraa Ash-Shuuraa 42:13]
Показати все...
👍 5 5🥰 3
“ Yesus Kiristos gara samii ul-fuudhamuu”. ..... Yahuudonni Nabi Iisaa (Yesus Kiristos) wantoota adda addaatiin maqaa xureessuu fi yakkuu turan, isa kana qofattuu osoo hin dhaabatin, isa ajjeesuudhaaf malaa fi yaalii cimaa taasisuu eegalan. Yeroo kana keessatti namni adda durummaan sadarkaa ajjeechaa kana irratti mari’ataa turan Namicha Maqaan isaa 𝗞𝗮𝗮𝘆𝗮𝗮𝗳𝗮𝗮𝘀 jedhamuudha. Garuu isa ajjeesuun sun gonkumaa isaaniif hin mijoofne. Isaan tooftaa baasan, haa ta’u malee tooftaan Rabbii tooftaa isaanii dursee argame. Rabbiin waa’ee kanaa ilaalchisee akka armaan gadii kanatti Qur’aanaan dubbateera; وَمَكَرُوا وَمَكَرَ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ [ Isaanis tooftaa baasani; Rabbiinis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti.] (Qur'aana 3:54) إِذْ قَالَ اللَّهُ يَا عِيسَىٰ إِنِّي مُتَوَفِّيكَ وَرَافِعُكَ إِلَيَّ وَمُطَهِّرُكَ مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا وَجَاعِلُ الَّذِينَ اتَّبَعُوكَ فَوْقَ الَّذِينَ كَفَرُوا إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ ۖ ثُمَّ إِلَيَّ مَرْجِعُكُمْ فَأَحْكُمُ بَيْنَكُمْ فِيمَا كُنتُمْ فِيهِ تَخْتَلِفُونَ [ Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kaf*aran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga Guyyaa Qiyaamatti warra kaf*aran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gidduu keessanitti nan murteessa.] (Qur'aana 3:55) Yesus Kiristos gara samii ol fuudhame malee, akka Yahuudonni nutu ajjeese jedhan, akka Kiristiyaanonnis eeyyan isintu ajjeese jedhan sana miti. Fannifamuu dhabuu isaa irrattis akka Macaafni Qulqulluun jedhutti Yesus waan dubbate qaba. Mee keeyyattoota Macaafa Qulqulluu kanneen armaan gadii kana sirritti hubadhaa. Jecha Kiristiyaanonni cubbuu keenya nurraa baachuuf du’e jedhanis yaadadhaa. "Yesus yeroo sanatti, “Egaa ani yeroo gabaabduu duwwaadhaaf isin biran jira; kana booddee gara isa ana ergee nan dhaqa. Isin ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan” jedhe." [Yohannis 7:33-34] "Ammas Yesus, “Ani nan adeema, isin ana barbaaduuf jirtu; iddoo ani dhaqus dhufuu hin dandeessan, kanaaf cubbuu keessaniin in duutu” jedhee isaanitti dubbate." [Yohannis 8:21] Yaa Yahuudotaa fi Kiristiyaanota! Osoo Yesus Kiristos ana arguu hin dandeessan jedhee dubbatuu isin akkamitti argamee ajjeefamee, fannifamee, du’ee du’aa ka’e jettan ?. Ammas Yesus Kiristos isinirraa ajjeefamee cubbuu keessan isinirraa baadha hin jenne, cubbuu keessaniin ni duutan jedhe malee, akkamitti cubbuu keenya baate jettu ?. Moo Yesustu sobe jechuu barbaaddaniiti ?. "Yommus Yesus, “Maariyaam!” isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara isaatti garagalte afaan Ibraayisxiitiin, “Rabbuunii!” ittiin jette; kana jechuun “Barsiisaa” jechuu dha. Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome." [Yohannis 20:16-17] Yesus Kiristos ammas akka hin duune kadhatee jira. Kadhannaan isaatis isaaf awwaatamee jira. [Ergaa Gara Ibrootaa 5:7] Yeroo anbiyoonni/raajonni Rabbiin kadhatan Rabbiin ni awwaataafi, FKN; Hisqi’el Raajichaatif awwaatamee jira, Isaayaas Raajichaatifis [38:1-6], akkasuma namoota biraatiifis awwaatamee jira. [Macaafa Saamu’el Isa Lammaffaa 24:11], [Macaafa Moototaa Isa Duraa 21:19- 29]. Yesus Kiristos Rabbii isaa kadhachuu akka armaan gadiitti haa ilaallu mee: "Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, “Yaa abbaa ko! In danda’ama yoo ta’e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta’u malee” jedhee kadhate." [Maatewos 26:38-39] "Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate.
Показати все...
👍 13 1👏 1
Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”." [Luqaas 22:42-44] Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ? "Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama." [Maatewos 27:46] [Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”] (Qur'aana Suuratu Aal- Imraan 3:55) Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan; ❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama. ❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre. ❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu. ❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa. ❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6] ❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu. ❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13] Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef. Yihuudicha Yesusin gane nama “𝗬𝗶𝗱𝘂𝘂𝘇𝗮𝗹-𝗜𝘀𝗸𝗮𝗿𝘆𝗼𝗼𝘇” jedhamu Rabbiin bifaa fi haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira. وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا الْمَسِيحَ عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ اللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِيهِ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ ۚ مَا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا اتِّبَاعَ الظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًا [Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur'aana 4:157) بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا [Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.] (Qur'aana 4:158) Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraanna. Maddoota ragaa; ● Qur'aana Kabajamaa. ● Macaafa Qulqulluu. ● Kitaaba Aarsaa Wangeela Jildii 1ffaa. (Qannoo Addisuu Hundeessaa}) ● حبي العظيم للمسيح عيس عليه السلام قادني إلى الإسلام Dubbistanii jirtan taanaan commenti jalatti isin eega. ❤ © Ifaa Dhugaa
Показати все...
11👍 2
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Kan Itiyoopiyaa hoo? @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показати все...
👍 27🥱 3

39👍 5🥰 4