uk
Feedback
Walaloon Jaalala

Walaloon Jaalala

Відкрити в Telegram

Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha. Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa @Walaloo_bot https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Показати більше

📈 Аналітичний огляд Telegram-каналу Walaloon Jaalala

Канал Walaloon Jaalala (@walaloon_jaalala) є активним учасником. На даний момент спільнота об'єднує 37 989 підписників, посідаючи 1 677 місце в категорії Релігія і духовність та 116 місце у регіоні Фінляндія.

📊 Показники аудиторії та динаміка

З моменту свого створення невідомо, проект продемонстрував стрімке зростання, зібравши аудиторію у 37 989 підписників.

За останніми даними від 31 липня, 2026, канал демонструє стабільну активність. Хоча за останні 30 днів спостерігається зміна кількості учасників на -922, а за останні 24 години на -26, загальне охоплення залишається високим.

  • Статус верифікації: Не верифікований
  • Рівень залученості (ER): Середній показник залученості аудиторії становить 9.20%. Протягом перших 24 годин після публікації контент зазвичай збирає 2.75% реакцій від загальної кількості підписників.
  • Охоплення публікацій: В середньому кожен допис отримує 3 498 переглядів. Протягом першої доби публікація в середньому набирає 1 046 переглядів.
  • Реакції та взаємодія: Аудиторія активно підтримує контент: середня кількість реакцій на один пост – 4.

📝 Опис та контентна політика

Автор описує ресурс як майданчик для висловлення суб'єктивної думки:
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha. Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa @Walaloo_bot https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Завдяки високій частоті оновлень (останні дані отримано 01 серпня, 2026), канал підтримує актуальність та високий рівень охоплення публікацій. Аналітика показує, що аудиторія активно взаємодіє з контентом, що робить його важливою точкою впливу в категорії Релігія і духовність.

37 989
Підписники
-2624 години
-2187 днів
-92230 день
Архів дописів
Teessumni atoobisii guunnaan jamaa hiriiree dhaabbatu gidduudhaa qalbiin kola baasee naan bararee… Utuuman taa'ee ilaaluu waan uffati namaa dhoksee jiru yaad-qalbii kiyyaan ilaalee baree..., Edaa... Namatu hin barreef malee, dirqama qoonqoof jecha isa sareen huubaa wajjin nyaatu, Uffatatu dhokse malee kan keessi namaa madaa’ee eelaa garaacha waadu... Uffatatu dhokseef malee madaa mudaan muddii dhiitessu, Uffatatu dhokse malee dararaa ilmoo namaa jiitessu.... Ee... Uffatatu golge malee, fayyaadha hin se'inaa nama gubataa fiigu, Keessi namaa hin argamuuf malee, namoonni waan baayyeef dhiigu Gomoo isa qabuu ijaaruuf, dhoqqee hiyyeessaa diigu… Utuu hin argama ta'ee, isa uffati golge, jechuu katabee hin hiiku! Safuu uffataaf…. Keenboon Abrahaam

Dhaaba Wayyeessaa maalin yaadattu? Seenaa isaa hoo ammam beektu? Guutummaa isaa dubbisaa. 👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/share/p/19BvyFdwmM/?mibextid=wwXIfr

Tiyaatira Dr. Hayilee Fidaa Bara Birraan Bari’e https://www.facebook.com/share/p/1EJ3yhTLdR/?mibextid=wwXIfr

Aartii ni Jaalattuu keessattuu Tiyaatira? Carraan kuni sin hin darbin egaa https://www.facebook.com/share/1M6JG3nUC3/?mibextid=wwXIfr

https://telegram.me/wallet/start?startapp=ref-3-z2HCakJhza0 👋 Hey! I'm using Wallet in Telegram to buy crypto — it's right inside the app, no extra setup. Join with my link and you can get up to $50 back on your first trade.

📢 Advertising in this channel You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes. Formats and current rates: Vie
📢 Advertising in this channel You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes. Formats and current rates: View details

Bubbee S1E18 Misirroo Siitkoomiin Bubbee garamitti deemaa jira? Bubbee fi Jiituun gaa’ela dhaabbatan moo? Michuun akkam taati laata? Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa! https://youtu.be/LTPnq2dNB9I?si=IHWVrXF9HvyuK3_K

HIN KAASINAA! Yoo gundoorra kaa’ame Daaratti gangalata Salphinaan dhangi’emee Bakka Ulfina lagata. Daaraa keessaa kaafamuun Gulantaa ta’uu hin barree, Waraabessi haa nyaatuu Hin kaasinaa foon Harree! Etika Teferi

(Kanaafi...!) Waaqa inni natti himu Waaqa inni lallabu Waaqa na sooromsu Dafqa tokko malee Waaqa na badhaasu Waaqni ani beeku, Onneenkoo natti himu, "Dadhabii hojjedhu Dafqii dafqii.... Bu'aa dafqaa nyaadhu!" Kan jedhudha! Kanaafi,kanan; "Yaa lubbuukoo! Bitakeef mirgakee Haalaan mimil'adhu Gorsa onneekootii Jireenyaaf filadhu"(jedhu) ... Gadaa

Bubbee S1E13 Hirmii Siitkoomiin Bubbee sadarkaa biraatti ce’aa jira. Jiituun (Tiyyaan) erga dhuftee as bifa haaraan ol ka’ee hojjatamaa jira. Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa! https://youtu.be/8-Nt6pP5zNU?si=vVtZktknEvtdaTDw

KAARTAA TAPHAA IRRATTI..! Erga, Reeffa geggeesinee, boolla keenyee.. Karaa wal-saamaa, nafa nafa,taphaaf teenye. Achii; Kaartaan,taphaaf dhiyaate Taphataanis,ni hirmaate Anis, Warra taphatu keessaa, carran ana geenyaan, jalqabarrattan mure Anaa tapha eegaluu, walaloo akkas jettutu,kaartaa koo irra ture.. "Argitee; Jabaa abbaa fedhe,kitila keessaa filee, gaafa biyyeen nyaatu Nama jetta malee,nama miti, yaadannoo jajjabaa,nuyiidha kan baatu" Abdi Bekuma

Tiyaatira Saddeetaa affeeramuu warreen barbaaddan! https://www.facebook.com/share/1BEb4EQhkR/?mibextid=wwXIfr Irratti nu dubbisaa

Ati… Yaaduma kiyyaan baatamtee Gubbee koo keessatti awwaalamte! Siinan eege Siinan deege… Ee… Jiruun kiyya ilkee doomtuu Godoon kiyya godoo ontuu Dorrobaan koo siin maseentee Aboottee keen na haleelte! Ee… Ati awwaalamtee boqotte, anatu kophaa koo eelee… Iyyaaf waca mardoo keetiin, anadha kan qalbiin leelee…! Garuu… Yeroo hunda kanan awwaalu’oo sumaa, Awwaalchi kee yoomu’m dhumaa? Keenboon Abrahaam

‎Gaaf gaaf... ‎Afaan haphiseen si waama, ‎gitakoottan si tilmaama. ‎Waaree dutaa, halkan iyyaa... ‎sin mugguta akka hiriyyaa. ‎ ‎Akkakootti... ‎Gaafan elmee, silga dhabu, ‎jechootnikoo siin sababu. ‎maddi xaaree kufuukootii, ‎ati xurree cufuukeeti. ‎ ‎Akkakootti... ‎Gaafan danqaa injifadhe ‎jabinakoon raajeffadhe. ‎ofan dhaade waariif guyyaa, ‎sababnis... bu'aanis 'Kiyya!' ‎ ‎Kufnaan 'Si'i', lufnaan 'Ana' ‎bulteef-oolteekoot' akkana. ‎ ‎Garuu... garuu... ‎Akka hin nyaanneef nadhii gamaa, ‎maaliif dursee na luugama? ‎itti aanee maaltu jiraafi...?" ‎tilmaamuun naa'n dhufu naafi. ‎ ‎Yooman yaade? ‎Yoon sardamu, na cabsuunkee, ribuu jilbaa, ‎bowwaa'n garre, dhidhimuukoo, arguu jibba. ‎egereekoof, wixineekee, toora jeeqee, ‎akka hin badneef, na qabuukee, yooman beeke? ‎ ‎Sugakoo fuulleetti ilaalee, ‎suuqa malaalchutti utaalee, ‎Damma dhotuuf, holqa jigu, akka'n seenne, ‎harkisnikee, ana dursee, arga hin seene. ‎ ‎Eeyyee... ‎Ichimnikee, akka ta'e, bilchinakoo, ‎barruun kankee, akka kaa'u, barcumakoo ‎of cimmistee, kan na baastu, dheebuu mara, ‎SUUTA ta'uu, yaa uumaakoo, reefuun bara! ‎hooqubaakee fudhu narraa! Aga Guda

Jannatatti si fakkeessee osoon yeroo hunda si yaaduu, “Jannati akka kee taanaan jannatatti galuu hin barbaadu!” Ee… Haalli kee haa dagatamu Jannati kee haa lagatamu Kenbon Ab