cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Oromoo Inspire ™💡

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮! 💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Більше
Рекламні дописи
40 152
Підписники
+8924 години
+4377 днів
+1 60130 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступнеДивитись в Telegram
🔑Gaafa qofaatti hafte yaada kee 🔑Gaafa rakkoo keessa buute miira kee 🔑Gaafa namaa wajjin jirtu arraba kee 🔑Gaafa hamileen siif guutamtes gammachuu kee to'adhu 🌅 Iddoo Naga Oola 🤝🏾 📜 Jul 11/2024 🕑 ➲ ⎾Laty Niftalem
Показати все...
78👍 37🙏 7🎉 4🤩 3🥰 1
Dhugaan ati beekuu qabdu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyaduu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani. Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata. Inni kan biraan namni hedduun duubakee ilaalee, kufaatii kaleessa si muudate, qabeenyaafi fira kee ilaalee waan si tuffatuuf akka ati homaa hin dandeenyetti si tilmaamu. Gaafa waan haaraa eegaltu kun sin muudatu taanaan, wanti ati eegalte haaraa miti jechuudha. "Duuba keessan goranii waa'ee keessan hammeessanii warra odeessaniif hin dhiphatiinaa. Dudduuba keessan kan ta'aniif sababaafidha" Waa'ee isaanii yaaduu fi oduu isaaniif deebii deebisuu jechuun Iddoo jirtanii gara duubaatti deebi'uu jechuudha. Gaafa abjuu kee milkeessuuf carraqxuu hundu mataduree oduu si taasifata. Kan namni mataduree si taasifatuuf ati socho'aaf dursaa waan taheef kan jalqabbii hamee isaanii si taasifatanis ati hoggaana jireenya waan taatef. Abjuu kee milkeessuuf yeroo kaatu gufuu baayyee si darbaatamu danda'a kunimmoo ati milkeessuu hin dandeessuu miti.dhagaa muka mangoo firii qabutti malee kan firii hin qabneetti hin darbatan. Kanaaf atis cimina jabina kee muldhisa waan jirtuuf gufuuwwan alarra sitti darbataman galmakee si hanqisu jechuu miti. Sareen dutteef Gaalli imalasaa hin dhaabu waan taheef Ati Abjuu keef amanami qajeeli. @Oromoo_inspire 📊 ˢʰᵃʳᵉ♻️
Показати все...
👍 49 8🎉 2🙏 2
Abdii kutachuun filannoo jalqaba irratti argamuufi salphaa ta'eedha.Namni gaafa abdii kutatu gama ta'een boqonnaa ni argata. Garuu waan dhabus qabaachuu mala.Namoonni abdii hin kutanne warreen filatamoodha.Isaan bira yeroo hundaa fiiguu dadhabbii, dhiphina fa'aatu jira. Isaan gatii guddaa baasu. Ammoo gatii kan baasan milkaa'uufi. Gatii baasuu keessa ammoo kan jiru milkaa'uu qofa miti.Dadhabbii booda guyyaa tokko gatii kamillee argachuu dhiisuu dandeenya.Egaa isa kanatu ida'amee jireenya jedhama! @Oromoo_inspire 📊 ˢʰᵃʳᵉ♻️
Показати все...
🥰 16👍 8
Dhabdus ni jiraatta! Qabaattus ni duuta;! Jireenyi akkuma keessa jirantu jiruudha Gatii ta’eef. Haala amma keessa jirtutti gammaddee. Sana caalatti Fooyyeessuuf yoo tattaaffachaa abdii horatteedha, Dhuguma jireenya jiraachaa jirtu kanatti gammachuu akka qabdu kan mirkaneessitu!!) akkasum jireenyaa jechuun, kaleessa, har’aa fi boru! As keessatti Argataa fi Dhaba. Gammachuu fi gadda; Kana ammoo jiraannaan inuma argita ni keessumeessita…! @Oromoo_inspire 📊 ˢʰᵃʳᵉ♻️
Показати все...
👍 87 17🙏 8👏 6🥰 5
Repost from N/a
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Saree lakkoofsa meeqa irra jirtutu aannan dursee argata? 𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥 ⦿ Lakk - 1 ⦿ Lakk - 2 ⦿ Lakk - 3 ⦿ Lakk - 4
Показати все...
👍 19 2🤩 1
⦿ Lakk 1
⦿ Lakk 2
⦿ Lakk 3
⦿ Lakk 4
#Waggaa_Meeqatti?     • Platon waggaa 20tti barataa Socrates ta'e. • Mozart waggaa 8tti muuziqaa isaa isa jalqabaa barreesse. • Charles Dickens waggaa 12tti barnoota isaa addaan kutee warshaatti qacaramee hojii eegale. Abbaan isaa liqii kaffaluu dadhabuun waan jalaa hidhameef. • Anne Frank waggaa 13tti kitaaba ishee yaadannoo guyyuu barreessuu jalqabde. • Ralph Waldo Emerson waggaa 14tti Harvard seene. • Bill Gates waggaa 19tti Microsoft hundeesse (namoota waliin). Waggaa 31tti immoo biliyeenera ta'e. • Walliam Shakespear waggaa 31tti 'Romeo and Juliet' barreesse. • Thomas Jefferson waggaa 33tti 'Declaration of Independence' barreesse. • Mother Teresa waggaa 40tti 'Missionaries of Charity' hundeessite. • Pablo Picasso waggaa 55tti fakkii 'Guernica' kaase. • Winston Churchill waggaa 65tti muummee ministeeraa Biriteen ta'e. • Nelson Mandela waggaa 75tti pirezidaantii Afrikaa Kibbaa ta'e. • Frank Lloyd Wright waggaa 91tti hojii godambaa Guggenheim xumure. • Ichijirou Araya waggaa 100tti gaara Fuji yaabbate. Ijoollees ta'i jaarsa, dargaggeessas ta'i maanguddoo, umurii kam irrayyuu jiraadhu abjuu kee milkeessuu inuma dandeessa. Namoonni baay'een, "Kana booda eessan ga'a?" jedhanii hojii dhiisu. Kaan immoo, "Anoo ijoolleedhaa akkamittan danda'a?" jedhanii ijoollummaatti qabatu. Dhugaan jiru garuu wanti guddaan umurii otoo hin taane abjuu ofii raawwachuuf kutannoo qabaachuudha. Abdii kutuuf sababni hin jiru, yoo uumte malee! 📧 #chaavaanii♡ 📧 🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌ 🇺‌‌🇸‌ @Oromoo_inspire 📊 ˢʰᵃʳᵉ♻️
Показати все...
👍 39🥰 11🙏 5💯 5👏 3🎉 3 2🏆 2🤩 1👌 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Wantoota (qabxilee) Torbaan (7) akka atti hin milkoofne si dhorkaan;- 1.Ofitti Dhibaa'umma (Complacency):Kana jechuun haala of tuulummaatti.Miira ofitti quufinsa baayyee humna qabutti. Yeroon ati waan tokko ykn kan biraa hojjechuuf carraaqqii kee hunda gootu ni jira. Carraaqqii guddaa hojii kee irratti gootuun,guddachuu,of jajuu fi waan hojjettetti quufuun kee waanuma jiruudha garuu offtullummaan diina guddaadha jedha. 2.Amalaa gadii of busuu(low self-esteem):- .Ofitti amanamummaan gadi aanaan humna baayyee cimaa qaba, innis “xiqqeessuudha,Of xiqqeessuu itti fufaan jirachu,kunis gatii gadii ol qabamu kee akka dhabdu si taasisa. 3.Boonsaa(Pride Ego) 4.Daafummaa(Laziness) 5.Harkifachuu(Procrastination): Harkifachuun waan namoonni hedduun carraa jireenya keessatti al tokko argatu akka dhaban taasisedha. 6.Sodaa fi Hanqina ofitti amanuu(Fear and Shortage of self-Belief). 7.Hawaasa negaatiivii(Negative society) Cr. Naol Nafyad @segnigudeta @WABIISG
Показати все...
👍 55 19🤩 5🥰 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Mul'ataaf malee mul'achuuf hin hojjatin Mul'anni kee bakka ati gahuu barbaaddu sitti mul'isa. Namni mul'ata qabu mul'ata isaa galmaan gahuuf jiraata. Namni mul'ata isaa galmaan gahuuf hojjatu galma ni ga'a. Namni mul'achuuf hojjatu galmi isaa mul'achuuf males mul'ata waan hin taanef galma gahu hin qabu. Namni mul'ata qabuu fi mul'ataaf hojjatu akka Ifaa bara baraan hin dhaamnetti mul'anni isaa ol baasee isa mul'isa. Namni mul'achuuf hojjatu immoo yeroo ta'eef akka Ifaa billic jedhee takka ifee deebi'ee dhaamuu mul'atee bada. Yoomiyyuu yoo ta'e mul'achuuf osoo hin taane, mul'ata kee galmaan gahuuf hojjadhu. Uffata feete uffadhu, konkolaataa feete qabadhu, barbaaddu xiyyaara feete qabaadhu, qabeenyi kee ittiin mul'achuuf osoo hin taane mul'ata kee galmaan ga'uuf hojjadhu. Waan mul'ata ittiin galmaan geessu malee waan ittiin mul"attu barbaadutti yeroo kee hin gubin. Addunyaa kan jijjiiran namoota mul'achuuf dhama'an osoo hin taane, namoota mul'ata galmaan ga'uuf dhama'aniidha. Cr Firaol Ahmed @segnigudeta
Показати все...
👍 38 4🤩 2🙏 1
"Biyyakoon nan jaalladha malee namoota biyya kootii hinjaalladhu!" Baayiran. "Jiraachuu jechuun suuta suutaan dhalachuu jechuudha!" Antiwaansaant Ajizuppar. "Akka Kootti malee akka Sheekispiritti hinbarreessu!" Seer Waaltar "Balaan sin ajjeesne hundi sijabeessa!" Maarloon Braand. "Namni tokko waan tokkoon akka nacaalu nan beeka; kanaafuu waan tokko isarraa nan baradha!" Emarsan. "Maal naan jedhuu baqachuu yoo barbaadde homaa hin dalagiin, homaa hindubbatiin, homaa hinfakkaatiin!" Albart Huubard. "Namootni gadheen utuu jiraachuu baatanii abukaatonni gaariin hin argaman ture!" Chaarlas Diikans. "Diinnikoo ana mataa kooti!" Eliyat Giild. "Kan agarsiistuu olittu qabaadhu; kan beektuu gaditti dubbadhu!" Sheekispeer. "Yeroo barreessitu dogoggora hojjechuun si hiinsodaachisiin; eenyutu beeka dubbistootnikee siif jaallachuu danda'u" Wiiliyaam Raandoolf. @Oromoo_inspire
Показати все...
👍 72 9👏 8🙏 4
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Waan Hedduu Kan Barru Mana Baruumsatti Osoo Hin Taane Jireenya Jiraannu Irraadha ! @Oromoo_inspire
Показати все...
👍 13 4👏 4
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.