11,Unchangeable Fashion (Faashina Hin Jijjiiramne)
If We Look This World If We Are Imagine There Is Only One Thing Unchangeable Fashion Hammamis Yoo Ture Kan Hin Jijjiiramnee Yoomillee Qajeelaa Kan Hin Micciiramnee Kaleessas Yoo Ta'e Har'aa Fi Borullee Saayinsii Guddatus Badus Haa Tolullee Yoomis Islaamummaan Bakkaa Hin Jijjiiramuu Buris Itti Fufaa Dalga Hin Micciiramuu
Adawwiin Jijjiiruf Shira Meeqa Footii Taabba Meeqa Baatee Wanta Meeqa Gootii Dharti Miila Hin Qabduu Maalin Taabba Baatii Waa Tokkollee Fidduu Ofumaaf Dhamaatii Kan Filee Nuuf Kenne Rabbii Aalamaatii
Maalif Fagoo Yaaddaa.....
Maalif Fagoo Yaaddaa Karaa Irra Ciiftee Faashina Hardoftaa Sunnaa Kee Gadhiiftee
Kaayyoo Kee Wallaaltee Asiif Achi Joortaa Humnaaf Qabeenya Kee Maaf Alagaa Soorta
Raajii Dubara Ammaa.......
Hanga Jilbaa Murtee Huccuu Jalaa Olee Waa Saalfin Hin Jiruu Gad Baafte Mogolee Dubbii Bara Kanaa Wallaalle Waan Isaa Huccuu Jalaa Bahee Sarbaan Calaqqisaa Dhiirtis Kana Ilaalaa Qalbii Gad Lakkisaa Dubbiin Kun Akkami Maal Jettu Yaa Firaa Silas Yoom Nu Dhibe Kan Jara Kaafiraa Tokko Tokko Jiruu Kan Maqaan Musliimaa Qalamaan Fokkiftee Hidhiin Ishee Diimaa Wayaashee Ol Buttee Kinoo Hanga Jilbaa Gaafa Duubaan Ilaaltu Qaamni Alaa Sirbaa
Kaafira Baafattee Hiriyaa Jaalalaa Mudhiitti Rarraatee Tasa Hin Baatu Jalaa Isa Ofii Dhiiftee Ormaaf Garaa Laattee Halaalli Osoo Jiruu Kan Haraama Nyaattee Dhiisi Yaa Obbolii Maalif Akkas Taataa Qabsoon Jallinaa Kun Eessa Gahuuf Laataa Fedhiidhan Moo'amtee Maalif Qalbii Cabdaa Faashina Himmoofne Islaamummaa Qabdaa
Hundaa Itti Dhiisii Hundumaa Tuffadhuu Mallattoo Musliimaa Jilbaaba Uffadhu Gaaf Faashina Dhiifte Hundumaa Tuffattee Gaafa Bareechitee Qaama Keetti Uffattee Abdii Sirraa Qabnaa Abdii Sirra Keenyaa Silaaltee Gammaddii Gaafas Qalbiin Teenyaa Garuu..................
Uffachuun Kee Qofti Kophaatti Ga'aaree Jilbaaba Uffatteen Iimaana Ta'aaree Uffattee Miidhagdee Musliima Fakkaachuun Halkan Jijjiirrattee Orma Faana Kaachun Kaaffee Keessa Teessee Dhiira Faana Nyaachuun Akkamitti Laaltaa Wanti Kun Sirriidhaa Kan Si Dogongorse Qalbi Moo Birriidhaa Gaaf Ati Bareeddee Uffattee Gad Baatuu Qalbiin Koo Abdiidhan Yoo Si Faana Ilaaltuu
Kabajamtuu Namaa Kan Hundumaa Caaltuu
Osoon Akkas Jechaa.............
Qalbii Koo Sossobee Abdiin Jiraachisuu Biddeena Jaalalaa Abjuudhan Nyaachisuu Gaaf Tokko Waa Argee Waan Nama Yaachisuu Osoon Karaa Deemuu Raajin Na Mudatee Keessa Kootti Aaree Garaan Na Gubatee Wanta Haaraa Argee Wanta Dur Hinturree Wal Bukkeetti Arginaan Jilbaaba Fi Surree Dhaabbadhee Yoon Laaluu Wallaalee Akkataa Innumtuu Kaafiraa Kunoo Muka Baataa
Qalbiin Kee Si Sobdee Maalif Si Dhamaaftee Kabajaa Kee Warqii Alagaa Badhaaftee Ishee Akkasii San Anoo Maaf Ilaalaa Isheedhuma Xiqqoo Eeggachuun Naaf Caalaa
Rabbiin Abbaan Qudraa Keessaa Fuudhe Quwwaa Gubbaan Nama Sobdii Egaa Keesson Duwwaa Maaf Dubara Qofaa Dhiirris Lafa Guutee Inni Qalbiin Isaa Tasa Jalaa Buutee
Sunnaan Nabii Keenyaa Bar Akkana Hin Turree Lafaarra Harkisaa Gadi Buusee Surree Sunnaa Isaa Dhiisee Kan Ormaa Jabeessaa Rifeensa Ol Dhaabee Kaafirran Fakkeessaa Yoo Halaalaa Ilaalte Maraattuu Fakkaataa Mormaaf Harkarrattis Bar Sibiila Baataa
Ana Ofiin Jedhaa Irra Caalan Namaa Zikriinsaa Muuziqaa Galgalaaf Ganamaa Gaafa Guyyaa Jum'aa.......
Bariidhan Ol Ka'ee Yoo Shaaworii Galee Mu'minni Hin Jiru Gaafas Isa Malee Dafee Fiigee Ba'aa Yoo Salaatee Geessee Torbanitti Dhufaa Erga Gaafas Dheessee Dhamaatuu Akkasaa Hiriyaa Baafatee Gibbii Keessa Jooraa Harka Irra Kaawwatee
Guyyaanis Wal Jalaa Waan Hin Buune Seetee Maalif Shawwadamta Waan Hin Duune Seetee
Allahn Sittamist Ye Alamaat Geetaa Gaafatamuuf Jirtaa Asiin Hafta Seetaa Qabeenyaf Jabeenyas Waan Dalagde Cufaa Guyyaa Ofirraa Dhiiftee Biraa Deemtu Dhufaa Akkas Ofiin Jechaa Meeqa Qalbii Cabee Karaa Rabbiirratti Inni Sabrii Dhabee
12, Ijoolle Oromiyaa
Assalaamualeykum Ijoollen Oromiyaa Osoo Adda Hin Qoodin Kan Bahaa Fi Dhiyaa
Deemsa Koo Eegaluuf Baha Biiftuu Irraa Horree Babaldhannee Bakka Maraa Jirraa Bahaaf Lixa Jedhee Hin Qoodu Gargarii Akkam Nagaa Jirtuu Ijoollen Hararii
Galamsoof Baddeessaa Kan Gaara