Siinqii Aakhiraa.
Відкрити в Telegram
"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."
Показати більшеКраїна не вказанаКатегорія не вказана
771
Підписники
+524 години
+557 днів
+13230 днів
Архів дописів
📚ilmii Shari'aa barbaadanii barachuun Mallattoo Rabbiin ﷻ Nama tokkoon Kheeyrii fedhuuti.
📃🖊. Imalli ilmii hin dhumu. Deemsa kee hin dhaabin. Kaayyoo fii Galma kee gad hin dhiisin. Ilmiin kan argamtu guyyoonni, halkanoowwanii fii sa'atiilee hedduu keessa darbuudhaani.
☘🖊. amma jalqabi. Yeroo kee sirreessii saganteeffadhu. tartiibaa fii duraa duuba hojiilee keetii irra deebi'ii ilaali. Ilmii barbaaduu kee keessatti nama dhugaa ta'i. Rabbiif niyyaa tee qulqulleesi.
🌸➻. Rabbiin ﷻ balbaloowwan kheeyrii fii ilmii kan cufamte isiniif haa banu. Hunda keenyaafuu ilmii fayyadduu fii dalagaa gaarii nuuf haa kennu!
https://t.me/SiinqiiAakhiraa
★.Carraa sunnaa tamsaasuuf argattee kamiinuu sunnaa tamsaasi. Isii tamsaasuu keetiin ajrii qabda. Hanga guyyaa qiyaamaatti ajrii nama isiitti dalagee qabda.
https://t.me/SiinqiiAakhiraa
Kabajamtoota barattoota keenya
firii qormaata keessanii ilallachuudhaf linkii qormaataa irraan gara website Akaadaamii Afrikaa seenaa.
Achi keessatti Profile keessan (mallattoo suuraa namaa) cuqaasaa. Sana booda gara Bu'u'aalee (Results) jedhutti seenaa. Itti aansuun Grade bakka jedhu jalatti qabxii keessan argattu achii booda Diplomaa Shari'aa kan jedhu tuquun firii qormaata keessan ilaaluu ni dandeessu.
https://t.me/SiinqiiAakhiraa
Barattoota keenya jaalatamoo,
🔖 Qormaanni torbee tokkoffaa cufamee jira. Amma irraa eegaltanii website irratti firii qormaata keessanii fi deebi sirrii ilaaluu dandeessu.
📢 Barattoonni amma haarawa galmooftanii fi sababa garagaraatin hin qooramiin odeeffannoo dabalataa fuula duratti nu eeggadhaa!!
📚 Yeroo barnoota gaarii isiniif haa ta'u.
#Akaadaamii_Afrikaa
#Marsaa_Jalqabaa.
Gaafilee shaakala Barnoota Hadiisaa kutaa 8ffaa liinkii asi gadii kana tuquun hojjadhaa👇
https://form.svhrt.com/6a58c9d8e654302e4aa450cc
🌹 Barattoota keenya kabajamoo,
Gaafilee shaakalaa Barnoota Hadiisaa guyyaa guyyaan isiniif qopheessaa akka jirru ni yaadatama.
📚 Hubannoo keessan cimsuuf, ammas bifa haaraa fi adda ta'een isiniif qopheessaa jirra.
Kanaafuu, barnoota har'a barattan irra deebi'aatii dubbisaa; beekumsa keessan jabeessaa fi qormaataaf of qopheessaa.
🌿 Rabbiin barnoota keessan keessatti milkaa'ina fi barakaa isiniif haa kennu.
https://t.me/SiinqiiAakhiraa
[@download_it_bot mp3] Hadiisa Barnoota 8ffaa.mp311.63 MB
Kutaa Sadeetaffaa(8)-Hadith Sim 1ffaa.pdf1.37 MB
📚 Kutaa Saddeettaffaa
📮 Barnoota Hadiisaa
🎙 Prof. Muhammad Kamal Tilmoo
🔗 https://youtu.be/-uNx8CrQ4mI?si=g9_eLaQWdU81iU5i
🌹 Kabajamtoota Barattoota Keenya,
Barattoonni Gaaffilee shaakalaa Barnoota Hadiisaa Kutaa 7ffaa irratti hirmaattan hundaaf galata guddaa qabna.
Warri deebii sirrii deebistan baga gammaddan. Warri dogoggora muraasa qabdanis abdii hin kutatinaa; dogoggorri carraa ittiin baratanii of fooyyeessanidha.
📚 Barnoota keessan itti fufaa, waan barattan irra deebi'aa, beekumsa keessan cimsaa.
🤲 Rabbiin ﷻ beekumsa nama fayyadu nuuf haa kennu, hojii keenya hunda haa qeebalu.
Jazaakumullaahu Khayran. Baarakallaahu Fiikum. 🌹
✅️Deebii gaaffilee shaakala barnoota hadiisaa kutaa 7ffaa 👇
1.B
2.C
3.C
4.B
5.C
6.C
7.B
8.B
9.A
10.C
11.C
12.C
13.B
14.A
15.B
16.B
🛌SUNNAA DAGATAME KEESSAA TOKKO
🛏️ Hirriba dura wuduu’a godhachuu fi cinaacha mirgaa irratti rafuu 🛌
🤍 قال رسول الله ﷺ:
«إِذَا أَتَيْتَ مَضْجَعَكَ، فَتَوَضَّأْ وُضُوءَكَ لِلصَّلَاةِ، ثُمَّ اضْطَجِعْ عَلَى شِقِّكَ الأَيْمَنِ»
📚 صحيح البخاري
🌿 Hiika isaa:
“Yeroo iddoo hirribaa kee deemtu, akkuma salaataaf wuduu’a gootu sanatti wuduu’a godhi; ergasii cinaacha mirgaa keetirratti ciisi.”
💎 Sunnaan Ergamaa Rabbii ﷺ kun hojii salphaa fakkaatus, ajrii guddaa of keessaa qaba. Hirriba dura wuduu’a godhachuu fi cinaacha mirgaa irratti rafuun Sunnaa isaa hordofuudha.
🌹 Mee Sunnaa kana haa jiraachisnu; jireenya keenya keessatti hojiirra haa oolchinu.
📖 Siinqiin Aakhiraa
✨ Hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha.
🔗 Chaanaala keenya hordofaa:
https://t.me/SiinqiiAakhiraa
🎓 Barattoota Keenya Kabajamoo,
🔖 Qormaanni torbee jalqabaa koorsii Hadiisaa Marsariitii irratti banameera. Hanga guyyaa Dilbataa halkan sa'aati 1:00 banaa ta'a.
Niyyaa keessan bareechaa, kaka'msa keessan haaromsaa!!
Qormaata gaarii isiniif hawwina!
Liinkii qormaataa
🔗🔗🔗🔗
==============================
https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=50============================== 🗣 Odeeffannoo fi yaadachiisa gara garaa argachuuf! 👇👇 📎 https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa 🌐 Barattoonni hin galmaa'iini fi akkaataa barnootaa fi qormaataa aragchuuf viidiyoo kana ilaala! 👇👇
📎https://youtube.com/shorts/MQGubTZg5Y8?si=L-7kDmnVducBkn0H#Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa.
📚 Kabajamtoota Barattoota Keenya,
🌸 Assalaamu'alaykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh.
🤲 Alhamdulillaah, Barnoota Akkaadaamii Afrikaa Afaan Oromoo – Barnoota Hadiisaa Kutaa 7ffaa irra geenyeerra.
📝 Barnoota har'aa irratti hundaa'uun gaaffilee shaakalaa isiniif qopheessineerra. Hubannoo keessan cimsuu fi waan barattan akka yaadattaniif isin gargaara, shaakala kana irratti hirmaadhaa.
📢 Chaanaala kanas hiriyoota fi namoota birootif qooduun akka isaanis barnoota kana irraa fayyadaman affeeraa.
🤲 Rabbiin barnoota keessan isiniif haa laaffisu, beekumsaan isin haa badhaasu. Aamiin.
📖 Gaaffilee Shaakala Barnoota Hadiisaa Kutaa 7ffaa 👇
1.Hadiisni Aa'ishaa (RA) keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) maal jedhan?
A. Namni hojii gaarii hojjate mindaa argata. B. Namni dhimmi keenya keessatti waan isa keessa hin jirre haaraa fide, isa irratti deeffamaadha. C. Salaanni utubaa Islaamaati. D. Zakaan dirqamaadha.
2.Ergamaan Rabbii ﷺ sarara jalqabaa maal jechuun ibsan?
A. Karaa sheeyxaanaa
B. Karaa addunyaa
C. Karaa Rabbiiti
D. Karaa namootaa
3.Aa'ishaan (RA) Hijraa irraa bara meeqa keessatti duute?
A. Bara 40ffaa
B. Bara 50ffaa
C. Bara 58ffaa
D. Bara 63ffaa
4.Yoo wanti tokko hundee shari'aa qabaatee garuu bifa shari'aan barsiifte irraa maqee hojjatame maal ta'a?
A. Ni fudhatama
B. Didamaadha
C. Sunnah ta'a
D. Waajiba ta'a
5.Muslimoonni guyyaa injifannoo isaanii Iida godhatan jechuun fakkeenya maal agarsiisa?
A. Sunnah
B. Ibaadaa sirrii
C. Bid'aa sababaa keessatti shari'aa faallessu
D. Waajib
6.Namni Udhiyyaa bakka isaa farda qaluu yoo filate murtiin isaa maal?
A. Ni fudhatama
B. Sunnah
C. Hin fudhatamu; gosa isaa keessatti shari'aa faallesseera
D. Makruuha qofa
7.Ulamaa'onni ibaadaan kamiyyuu maal malee fudhatama hin qabdu jechuun walii galan?
A. Qabeenya hedduu qabaachuu malee
B. Seera lama guutuu malee
C. Namoota hedduu waliin hojjachuu malee
D. Yeroo dheeraa fudhachuu malee
8. Namni salaata yeroon isaa hin geenye dura yoo salaate murtiin isaa maal?
A. Ni fudhatama
B. Hin fudhatamu
C. Sunnah ta'a
D. Dirqama irraa isa baasa
9.Irbaad ibn Saariyaa (RA) eenyu keessaa ture?
A. Warra Banii Suleeym keessaa
B. Warra Qureesh keessaa
C. Warra Ansaar keessaa
D. Warra Hawaaazin keessaa
10.Irbaad ibn Saariyaa (RA) eessa jiraate?
A. Madiinaa
B. Makkah
C. Himsaa
D. Shaam keessaa ala
11. Qarriffaan eessa irratti argama?
A. Harka irratti
B. Miila irratti
C. Daangaa afaanii irratti
D. Qoma irratti
12.Wanti haaraan dhimmoota duniyaa keessatti dhufu hundi akkam?
A. Hunduu haraama
B. Hunduu bid'aa
C. Isaan keessaa kan nama fayyadu fi kan nama miidhu jira
D. Hunduu jallina
13. Wanti haaraan dhimmoota diinii keessatti dhufu maal ta'a?
A. Hunduu gaarii dha
B. Hunduu hamtuu fi jallinaadha
C. Hunduu dirqama
D. Hunduu sunnah dha
14.Aa'ishaan (RA) maqaa kabajaa kamiin beekamti?
A. Haadha Mu'umintootaa
B. Amiira Mu'umintootaa
C. Khaliifaa jalqabaa
D. Ummu Salamaa
15.Aayaan Al-An'aam 153 keessatti maal irraa dhoorgama?
A. Karaa Rabbii hordofuu
B. Xurreewwan biraa hordofuu
C. Qur'aana dubbisuu
D. Hadiisa barachuu
16. Namni Subhii erga aduun baatee booda osoo rakkoo hin qabne yoo salaate maal ta'a?
A. Sirrii dha
B. Hin fudhatamu; yeroo shari'aan daangeesse ala raawwateera
C. Wajib isaaf ta'a
D. Mindaa lama argata.
👇Deebii keessan comment jala kaayaa👇
"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."
https://t.me/SiinqiiAakhiraa
Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh kabajamtoota barattoota keenya.
Barattoonni keenya qormaata torbee jalqabaa hin hojjetin, carraa isaaniif kenname fayyadamuun liinkii armaan gadii seenuudhaan qormaata keessan akka hojjetan kabajaan isin yaadachiifna.
👇 Liinkii qormaataa:
https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=50
Hubachiisa: Qormaanni kun Dilbata, 02/08/2026 (26/11/2018 ALI) sa'aatii 1:00 galgala irratti ni cufama. Kanaafuu, yeroo murtaa'e keessatti seenuun qormaata keessan akka hojjetan isin yaadachiifna.
Rabbiin barnoota keessan keessatti milkaa'ina, beekumsaa fi bu'aa gaarii isiniif haa kennu.
"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha.
"https://t.me/SiinqiiAakhiraa
❌BID'AA
Ilaalcha Ahlus-Sunnah wal Jamaa'aa Keessatti
Ahlus-Sunnah wal Jamaa'ah jechuun warra Qur'aanaa, Sunnah Nabiyyii ﷺ fi fahmii sahaabota (RA) irratti hunda'anii deeman jechuudha.
Akka ilaalcha isaanii keessatti, Bid'aan (بدعة) jechuun:
"Waan Diinii keessatti haaraa uumame, kan Rabbiitti ittiin dhihaachuuf jedhamee hojjatamu, garuu Qur'aanaa, Sunnah fi karaa sahaabaa irratti ragaa hin qabne."
1. Bu'uura Ahlus-Sunnah Waa'ee Bid'aa
Ahlus-Sunnah wal Jamaa'ah ni jedhu:
Diinni Islaamaa guutuu dha; waan Nabiyyiin ﷺ hin barsiisin akka ibaadaatti itti dabaluun hin eeyyamamu.
Ragaa:
﴿اليوم أكملت لكم دينكم وأتممت عليكم نعمتي ورضيت لكم الإسلام دينا﴾
"Har'a Diina keessan isiniif guuteera..."
(Al-Maa'idah: 3)
➡️ Kanaaf waan Diinii keessatti haaraa itti dabalamuu barbaachisaa miti.
2. Ragaa Hadiisaa
Aa'ishaa (RA) irraa odeeffamee, Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan:
"Namni dhimmicha keenya kana keessatti waan isa keessa hin jirre haaraa fide, wanti sun isa irratti deebi'aadha."
(Bukhaarii fi Muslim)
Hadiisa Muslim keessatti:
"Namni hojii ajajni keenya irra hin jirre hojjate, hojii sun ni didama."
➡️ Ahlus-Sunnah kana irratti hundaa'uun, ibaadaa keessatti waan haaraa uumamu irraa akeekkachiisu.
Jechoota Salafaa
Abdullah ibn Mas'uud (RA) akkana jedhe:
"Hordofaa; bid'aa hin uumin. Isiniif gahaa ta'eera."
Imaam Maalik (Rahimahullaah) akkana jedhe:
"Namni Islaama keessatti bid'aa uume, akka Muhammad ﷺ ergaa isaa hin guutinitti yaade fakkaata; sababni isaa Rabbiin Diina guuteera jedheera."
5. Akkaataa Bid'aa Irraa Of Eeganii
Ahlus-Sunnah wal Jamaa'ah nama gorsa:
Qur'aanaa fi Sunnah barachuu.
Hadiisa sirrii hordofuu.
Fahmii sahaabaa fi salafootaa qabachuu.
Waan ibaadaa ta'e hundumaa ragaa waliin fudhachuu.
Waan ragaa hin qabne irraa fagaachuu.
Ijoon dubbii👇
Akka Ahlus-Sunnah wal Jamaa'ah jedhutti:
✅ Sunnaan: Karaa Nabiyyii ﷺ fi sahaabota isaa hordofuudha.
❌ Bid'aan: Waan Diinii keessatti haaraa uumame kan ragaa shari'aa hin qabne.
Muslimni nageenya argachuuf Qur'aanaa fi Sunnah irratti maxxanuu, karaa sahaabotaa hordofuu qaba.
Rabbiin nu hunda Sunnah irratti nu haa jabeessu; bid'aa fi jallina irraa nu haa eegu. Aamiin.
"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."
https://t.me/SiinqiiAakhiraa
[@download_it_bot mp3] Barnoota Hadiisaa Kutaa 7ffaa.mp39.29 MB
Kutaa Torbaffaa(7)-Hadith Sim 1ffaa.pdf1.36 MB
📚 Kutaa Torbaffaa
📮 Barnoota Hadiisaa
🎙 Prof. Muhammad Kamal Tilmoo
🔗 https://youtu.be/pBDqRNg-rjI?si=XzP1K1OGZE-bzzVD
Linkii Qormaataa!!
https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=50
📋 Qajeelfama Qormaataa
🗓 Yeroo Qormaataa
Qormaanni torbee jalqabaa gosa barnoota Hadiisaa banameera.
Qormaanni kun Dilbata, 02/08/2026 ykn 26/11/2018 sa'aatii 1:00 galgala ni cufama.
1️⃣ Qormaata kanaaf carraan kennamu yeroo tokko qofa.
📚 Qormaata Torbee tokkoffaa kana keessaatti gaafa 10 tu argama.
Gaaffiin tokko qabxii 1 qaba.
Walumaagalatti qormaanni kun qabxii 10 irraa ni madaalama.
🚫 Seera Qormaataa
Gaaffilee qormaataa yeroo qormaanni adeemsifamaa jiru keessatti warroota birootif qooduun, irratti mari'achuun, kitaabaa, sagalee fi viidiyoo barnootaa fayyadamuun hundi dhorkaadha.
⏲ Hubachiisa
Deebiin sirrii fi qabxiin qormaataa yeroo qormaanni xumuramu qofa ifooma.
🔗 Deeggarsa Teeknikaa Yoo qormaata yeroo hojjechaa jirtan rakkoon isin mudate, garee deeggarsa keenya karaa Telegram qunnamaa.
👉@AfricaacademyOromo
