uk
Feedback

Не попадись на ботовода! Telemetrio знаходить і позначає такі канали мітками 👉 Хочеш бачити мітку, оформляй підписку

Siinqii Aakhiraa.

Siinqii Aakhiraa.

Відкрити в Telegram

"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."

Показати більше
Країна не вказанаКатегорія не вказана
771
Підписники
+524 години
+557 днів
+13230 днів
Архів дописів
Kabajamtoota barattoota keenya barnoota akkaadaamii Afrikaa afaan oromoo barnoota hadiisaa kutaa 2ffaa irra jirra , barnoota har'a barattan keessaa gaaffilee shaakalaa isiniif qopheessee jira, irratti hirmaadhaa shaakalaa , chaanaala kanas hiriyoota keessaniifis ergaa akka chaanaalii kanatti dabalamanii isin woliin shaakalan.👇👇 Qormaata Shaakalaa -----------------------------------👇 Gaaffii 1ffaa:- "Innamal a'amaalu binniyyaat" jechuun maal jechuudha? A. Salaanni niyyaa qofaan sirra ta'a. B. Dalagaan hundi niyyaadhaan madaalama. C. Hijraan dirqama miti. D. Zakaan niyyaa hin barbaachisu. gaaffii 2ffaa:- "Niyyaa" jechuun maal jechuudha? A. Hojii afaaniin dubbachuu. B. Qalbiidhaan hojii tokko hojjechuuf murteessuu. C. Hojii xumuruun booda galata argachuu. D. Gara biyya biraa deemuu. Gaaffii 3ffaa:- Dameen Iimaanaa inni ol'aanaan maal? A. Salaata B. Zakaa C. "Laa ilaaha illallaah" jechuu D. Soomana Gaaffii 4ffaa:- Maqaan guutuun Abuu Hureeyraa isa kami? A) Abdurrahmaan Ilma Umar B) Abdurrahmaan Ilma Sakrii C) Sakrii Ilma Abdurrahmaan D) Mu'aawiyaa Ilma Sakrii Gaaffii 5ffaa:-Abuu Hureeyraan seenaa Islaamummaa keessatti maaliin beekama? A) Hadiisota kuma shanii ol odeessuun B) Madiinaa waggaa 57 bulchuun C) Biyya Bahreeyn uumuun D) Barruulee seenaa barreessuun Gaaffii 6ffaa:- Dameen Iimaanaa inni gadi aanaan maal? A. Soomana Ramadaanaa B. Qaanfii qabaachuu C. Waan nama miidhu karaa irraa kaasuu D. Qur'aana qara'uu Gaaffii 7ffaa:- Abuu Hureeyraan Nabiyyii (SAW) irraa Hadiisota meeqa odeesse? A) 500 B) 1,000 C) Kuma 5 ol D) 57 Gaaffii 8ffaa:- Abdallaah Ilma Mas’uud (RA) gara Dachii Habashaatti si'a meeqa godaane? A) Tokko malee hin godaanne B) Si'a lama C) Si'a sadi D) Hin godaandhe Gaaffii 9ffaa:-Akka hadiisa Abdallaa Ilma Mas'uuditti, dhiiga Muslimaa jigsuun sababa sadi'iin hayyamama. Isaan keessaa inni tokko kami? A.Nama kolfu B.Jaarsa sagaagalu C.Nama hatuu D.Nama kijibu Gaaffii 10ffaa:- "Nama amantii isaa dhiisee gamtaa keessaa bahe" jechuun maali? A) Nama zakaa kaffaluu dide B) Nama salaata irra fagaate C) Nama Islaamummaa irraa of duuba deebi'e (Murtad) D) Nama Madiinaa irraa gara biraatti godaane Gaaffii 11ffaa:- ​ Abdallaa Ilma Mas’uud (RA) bara Hijraa meeqaffatti du'aan boqote? A) Bara 32 B) Bara 57 C) Bara 40 D) Bara 20 Gaaffii 12:- Jaarsi (dhiirris haa ta'u dubartiin) sagaagale adabbiin isaanii maal ta'a? A) Halangaadhaan si'a 100 tumamuu B) Dhagaa fi halangaadhaan hanga du'utti tumamuu C) Biyyaa ari'amuu fi qabeenya dhabuu D) Kafaltii qarshii kaffaluu Gaaffii 13:-Hadiisa Bukaarii fi Muslim gabaasan keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) Sahaabaa kamiin "Ganamaan jaartii namicha kanaa bira deemi..." jedhanii ajajan? A) Yaa Abuu Hureeyraa B) Yaa Uneeysi C) Yaa Abdallaa Ilma Mas'uud D) Yaa Umar Gaaffii 14ffaa:- Abuu Hureeyraan bara hooggansa Mu'aawiyaa keessa magaalaa kam bulchaa ture? A) Bahreeyn B) Makkah C) Madiinaa D) Kufaah Gaaffii 15ffaa:- daangaan amanuu (Iimaana) fi kafaruu addaan baasu maali? A) Zakaa kaffaluu B) Jecha tokkichummaa Rabbii (Laa ilaaha illallaah) labsachuu C) Hajjiitti deemuu D) Sooma soomuu Gaaffii 16ffaa:- Iimaanni warra Sunnaa fi Jamaa'aa biratti maal fa'i hammata? A) Jecha Arrabaa qofa B) Dalagaa onnee qofa C) Jecha Arrabaa, gocha qaamaa, yaadaa fi dalagaa onnee D) Yaada onnee fi kuffaarummaa hidhuu Gaaffii 17ffaa:- Hiikni dhugaa kan "Laa ilaaha illallaahu" jedhu isa kami? A) Uumaan Allaah malee hin jiru B) Gabbaramaan dhugaa Rabbii guddaa malee hin jiru C) Mootiin Allaah malee hin jiru D) hunda Gaaffii 18ffaa:- Akka Keeyyata Qur'aanaa (Suuraa An-Nisaa'i: 93) barruu keessatti dhiyaateetti, namni beekaa nama Mu'uminaa ajjeese galanni isaa maali? A) Adabbii malee dhiifamuu B) Jahannam achi keessa baraabaran taa'uu, dallansu fi abaarsa Rabbii, akkasumas adabbii guddaa C) Qarshii kaffalee bilisa bahuu D) Biyyaa ari'amuu qofa Gaaffii 19ffaa:- Kabajamuu fi dhiigni Muslimaa dhowwaa (tikfamaa) ta'uu irratti ragaan jiru maali? A) Yaada namoota dhuunfaa qofa B) Ragaa Qur'aana, Hadiisa fi Walii-galtee Ulamaa'ii (Ijmaa'a)

🎙Prof. Muhammad Kamaal Tilmoo

Kutaa Lammaffaa- Hadith Sim 1ffaa.pdf2.08 MB

📚 Kutaa Lammaffaa 📮 Barnoota Hadiisaa 🎙 Prof. Muhammad Kamaal Tilmoo 🔗 https://youtu.be/TQSc_wOqtWQ?si=dOIz1UcaiDklDwvK

👇Deebii qormaataa👇 _______________ 1. D 2. A 3. C 4. B 5. B 6. C 7. B 8. C 9. B 10. C 11. B ☝Alhamdulillaah👇 Barattoonni qormaata har'aa irratti hirmaattan hundi galatoomaa. Hirmaannaan keessan fedhii barachuu fi beekumsa Islaamaa babal'ifachuuf qabdan agarsiisa. Warri deebii sirrii deebistan baga gammaddan. Warri dogoggora qabdan immoo abdii hin kutatinaa; dogoggorri carraa ittiin baratan keessaa isa tokko. Barachuu itti fufaa, qormaata itti aanus qophaa'aa. Rabbiin ﷻ beekkumsa bu'a qabeessa nuuf haa kennu, qalbii keenya immoo Qur'aanaa fi Sunnah irratti haa jabeessu. Jazaakumullaahu Khayran. Baarakallaahu fiikum. 🌹

Kabajamtoota obboleewwan koo barnoonni hadiisaa eegalamee jira. Kutaa tokkoffaa keessaa gaafii muraasa isiniif baasee jira shaakalaa waan isiniif hin galin gaafadhaa. Deebii comment jala kaayaa Gaafii 1ffaa:👉 islaamummaan waa meeqa irratti ijaaramte? A. 4 B. 3 C. 1 D. 5 Gaafii 2: 👉 Utubaaleen Islaamaa shanan maal fa'i? A) Shahaadaa lamaan, Salaata dhaabuu, Zakaa kennuu, Ramadaana soomuu, Beeytii (Hajjii) dhaquu B) Iimaana, Tawhiida, Qulqullina, Obsa, Du'aa'ii C) Qur’aana dubbisuu, Zikrii gochuu, Sadaqaa kennuu, Hajjii, Hiriyyaa filachuu D) Salaata qofa, Sooma qofa, Zakaa qofa, Hajjii qofa, Shahaadaa qofa Gaafii 3ffaa 👉Rabbitti amanuun wantoota meeqa of keessaa qaba? A. 5 B. 3 C. 4 D. 6 Gaafii 4ffaa👉Maqaalee fi sifoota Allaah eessaa beekna? A. Aadaa namootaa B. Qur'aanaa fi Hadiisa sirrii irraa C. Yaada namaa D. Seenaa qofa irraa Gaafii 5ffaa 👉Umar ilma eenyuuti? A. Ilma Alii B. Ilma Kaxxaab Ilma Nufeeyli C. Ilma Usaamaa D. Ilma Abuu Xaalib Gaafii 6ffaa👉Maqaan maqaa kabajaa Umar maal jedhama? A. Abbaa Qaasim B. Abbaa Hasan C. Abbaa Hafsaa D. Abbaa Abdullaah Gaafii 7ffaa👉"Al-Faaruuq" jechuun maal jechuudha? A. Kan mootummaa ijaare B. Kan dhugaa fi dhara addaan baase C. Kan qabeenya baay'ee qabu D. Kan mootummaa lolaa hooggane Gaafii 8ffaa👉Namichi Nabiyyii (SAW)bira dhufee gaafii gaafate eenyu? A. mikaa'il B. nama arabaa tokko C. JIbriil D. Israafiil Gaafii 9ffaa👉Mallattoon namicha dhufe sanaa maal ture? A. Uffanni isaa gurraacha, rifeensi isaa adii ture B. Uffanni isaa adii, rifeensi isaa gurraacha ture C. Uffanni isaa diimaa ture D. Rifeensi isaa dheeraa ture Gaafii 10ffaa👉Umar Hijraa irraa waggaa meeqa irratti ajjeefame? A. 13ffaa B. 20ffaa C. 23ffaa Gaafii 11ffaa👉Umariin eenyutu ajjeese? A. Abuu Jahl B. Abbaa Lu'ulu'aa C. Abu Sufyaan D. Kaalid Carraa gaarii!

🎙Prof. Muhammad Kamaal Tilmoo

Kutaa Tokkoffaa - Hadith Sim 1ffaa.pdf1.96 MB

📚 Kutaa Tokkoffaa 📮 Barnoota Hadiisaa 🎙 Prof. Muhammad Kamaal 🔗  https://youtu.be/Ih0ErBCwbXE?si=4iw9YcnVYNXifhJo

🗣 Ergaa Jabaa Prof. Muhammad Kamaal irraa barattootaaf sagantaa kallatti wal argaa irratti darbe!! 👉 Hundi keenya dhaamsa isaani qalbiin haa dhaggeeffannu, hojiittis haa hiiknu. Dhaamsa isaani irraa:- " Namni barnootaan dukkana keessa bahuu danda'a." " Kana gahuun hawaasa keenyaaf guyyaa addaati." " Yataamaan yataamaa beekumsaati malee kan qabeenyaati miti. " " Hawaasni keenya beekumsatti deebi'uu qaba." 💡 Kan hafe hanga xumuraatti qalbiin dhaggeeffadhaa!!

Garaagarummaan Toowhiid Ar-Rubuubiyyah fi Toowhiid Al-Uluuhiyyah maali? Deebii keessan comment jala kaayaa

Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh obboleewwan koo

Namni cinqiin wayii isa qabde,kan jiruun itti dhiphattee yaaddoon isa qabatte wuduu'a godhatee,gara qiblaa garagalee,harka isaa lamaan ol fuudhee Rabbii isaa ﷻ faarsaa galatoomfachaa kadhachaa asrii guyyaa jumu'aa booda Musallaa isaatirra taa'ee yaa Rabb! yaa Rabb! Jechuurraa hin socho'in.» • Yaa rabbii keenya! badii teenya nuuf araarami. Waan nu yaaddeessus nurraa furi. Maatii keenya,diinii fii duniyaa teenya keessatti nagaya nu godhi.» ↪️SHARE GODHAA AJRII ARGATTUU. 👉“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ]

👇𝘿𝙃𝘼𝘼𝙈𝙎𝘼 𝙊𝘽𝘽𝙊𝙇𝙐𝙈M𝘼𝘼. ⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓ « Du'aa'iin tokkoon keenya qaamaa fii qalbii bira jirtuun yeroo qeebaltii keessa ofii fii obboleewwan isaatiif roobsee dhangalaasu; yaaddoo meeqa furtee,cinqii meeqa kaastee,kheeyrii meeqa buustee yookiin sharrii meeqa deebisuu malti. Yeroo guyyaa jumu'aa asrii boodaa hanga maghriibaatti du'aa'iin isii eeggadhaa. Rabbii keessanitti kheeyrii yaadaa. Arjaan kennaan dhangalaasaan nama isa kadhatee isatti waywaatu harka qullaa gad hin deebisu.» ↪️ SHARE GODHAA AJRII ARGATTUU. 👉“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ]

🌿 بسم الله الرحمن الرحيم 🌿 📢🔴 ODUU GAMMACHIISAA 🎓 Sagantaan Keenya Barnoota Dippiloomaa Shari'aa Islaamaa, Guyyaa Boruu
🌿 بسم الله الرحمن الرحيم 🌿 📢🔴  ODUU GAMMACHIISAA 🎓 Sagantaan Keenya Barnoota Dippiloomaa Shari'aa Islaamaa, Guyyaa Boruu 25/7/2026 Ykn 18/11/2018 Koorsii Dippiloomaa Jalqabaatiin ifatti ni jalqaba. Korsiin Keenya kan Jalqabaa Gosa Barnoota Hadiisaa ta'a. 📖 Sagantaan Barnoota Hadiisaa – Marsaa 1ffaa bifa Gabatee sagantaa kanaan kan dhihaatu ta'a. 🎙️ Barnoota kan keennan: Prof. Muhammad Kamaal 🗓️ Sagantaa guyyoota barnootaa fi qormaataa guutuu suuraa kana keessatti argattu. "Beekumsi Shari'aa ifa jireenyaa fi karaa milkaa'ina addunyaa fi akhiraati." Ifaa beekumsa Nama Hundaaf!! Akaadaamii Afriikaa!! Marsaa Jalqabaa!!

Salawaata nabii rabbii irratti buusaaﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺ

Towhiida (التوحيد) jechuun: Rabbiin Tokkicha ta'uu Isaa amanuu, Isa qofa ibaadaa keessatti adda baasuu, maqaa fi sifa Isaaf malu hundatti Isa mirkaneessuu jechuudha. Hiikni isaa afaan Arabaa irraa "وَحَّدَ" (wahhada) jedhu irraa dhufe; hiikni isaa tokko gochuu ykn tokkicha jechuun adda baasuu dha. Ulamaa'onni Towhiida akka kanaan ibsu: "Towhiida jechuun Rabbiin waan Isatti addaa ta'e hunda keessatti Tokkicha gochuu dha." Kunis bakka sadiitti qoodama: Towhiida Ar-Rubuubiyyah – Rabbiin Uumaa, Gooftaa, Bulchaa fi Rizqii kennu Tokkicha ta'uu amanuu. Towhiida Al-Uluuhiyyah (Al-Ibaadah) – Ibaadaa hunda Rabbi qofaaf gochuu; Isa malee waan biraa hin gabbarre. Towhiida Al-Asmaa' was-Sifaat – Maqaa fi sifa Qur'aanaa fi Sunnah keessatti Rabbiif mirkanaa'an hundatti amanuu; jijjiiruu, mormuu, fakkeessuu fi akkaataa isaanii gaafachuu dhiisuu. Ragaan Qur'aanaa: ﴿وَمَا خَلَقْتُ الْجِنَّ وَالْإِنسَ إِلَّا لِيَعْبُدُونِ﴾ "Ani jinnii fi namaa waan Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne." (Suuratu Adh-Dhaariyaat 51:56) Akkasumas: ﴿وَإِلَٰهُكُمْ إِلَٰهٌ وَاحِدٌ﴾ "Gabbaramaan keessan Gabbaramaa Tokkicha." (Suuratu Al-Baqarah 2:163) Ulamaa'onni Ahlus-Sunnah Towhiida hiika wal-fakkaataa qabuun ibsu. Isaan keessaa muraasni akka armaan gadiitti: 1. Imaam Muhammad ibn Abdil-Wahhaab (رحمه الله) Inni Towhiida akkana jedhe: > "Rabbiin ibaadaa hunda keessatti Tokkicha gochuu (إفراد الله بالعبادة)" tti ibsa. Kana jechuun salaata, du'aa'ii, qalma, nazrii, sodaa, abdii, tawakkula fi ibaadaan hundi Rabbi qofaaf ta'uu qaba. 2. Sheekhul Islaam Ibn Taymiyyah (رحمه الله) Inni akkana jedha: > "Towhiida jechuun Rabbi qofa gabbaruu, Isa waliin waan biraa hin qindeessine, ergamaa Isaa hordofanii ibaadaa raawwachuu dha." Akka isaatti Towhiida jechuun beekumsa qofa miti; Rabbi qofaaf hojii ibaadaa qulqulleessuudha. 3. Ibnul Qayyim (رحمه الله) Inni Towhiida akkana jedha: > "Rabbiin jaalala, sodaa, abdii, tawakkula, deebi'uu fi ibaadaa hunda keessatti Tokkicha gochuu dha." Akka isaatti qalbiin guutuun Rabbi qofa irratti hirkachuu fi Isa qofaaf ibaadaa qulqulleessuun bu'uura Towhiidaati. 4. Imaam At-Tabarii (رحمه الله) Inni Towhiida jechuun: > Rabbi Tokkicha ta'uu isaa mirkaneessuu fi Isa malee gabbaramaan haqaa akka hin jirre amanuu jedha. 5. Imaam Ibn Kathiir (رحمه الله) Aayaata: > ﴿وَاعْبُدُوا اللَّهَ وَلَا تُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا﴾ (An-Nisaa' 4:36) yeroo hiiku akkana jedha: > Rabbi qofa gabbaraa; Isa waliin wanti kamiyyuu hin qindeessinaa. Kun bu'uura ergamtoonni hundi itti ergamanidha. Hiika waliigalaa Jechoota ulamaa'ota kana irraa hiikni Towhiidaa akka armaan gadiitti cuunfamee ibsama: > Towhiida jechuun Rabbi Subhaanahu wa Ta'aalaa Gooftummaa Isaa (Rubuubiyyah), Ibaadaa Isaa (Uluuhiyyah), fi Maqaa fi Sifaata Isaa (Asmaa' was-Sifaat) keessatti Tokkicha gochuu, Isa qofaaf ibaadaa qulqulleessuu, Isa waliin waan kamiyyuu hin qindeessine jechuun amanuu fi hojiidhaan mirkaneessuudha. Kun hiika Ahlus-Sunnah wal-Jamaa'ah keessatti bal'inaan fudhatama qabuudha.

📢 🔴 SAGANTAA KALLATTII (LIVE) ADDAA! 🎙 Keessummaan Kabajaa: Prof. Muhammad Kamaal 🗓 Jimaata booru: 17/11/2018 🕒 Sa'aatii
📢 🔴 SAGANTAA KALLATTII (LIVE) ADDAA! 🎙 Keessummaan Kabajaa: Prof. Muhammad Kamaal 🗓 Jimaata booru: 17/11/2018 🕒 Sa'aatii 3:00 P.M. (Halkan) ✨
Sagantaa kana irratti ergaa baga nagaan dhuftanii fi dhaamsa gabaabaa Sheeka keenya irraa isiniif dhihaata.
📲 Chaanaala Teelegiraama keenya irratti kallattiin (LIVE) nu eeggadhaa! 🤝 Maatii, hiriyyoota fi obboleeyyan keessan affeeraa irratti hirmaadhaa!! #Akaadaamii_Afrikaa #Marsaa_Jalqabaa.