cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Paster yoseph official Macaafa Qulqulluu💒

❍ Tajaajila Channel Kanaan dhiyaatu: » Barnoota Amantii Cimsannaa » Dhugaa Wangeelaa » Ergaa Ganamaa » Leenjiilee Hafuuraa » Ergaa Dargaggootaa » Qo'annaa Macaafa Qulqulluu » Faaruu Ganamaa » Kitaabilee hafuuraa PDF fi kan kana fakkaatanidha ► Join

Больше
Рекламные посты
2 560
Подписчики
+3324 часа
+697 дней
+3130 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

00:51
Видео недоступноПоказать в Telegram
16.70 MB
❍ Affeerraa Channelee Barnootaa fi odeeffannoo addaa addaa baayee barbaachisoo ta'an qaban kanneenitti dabalamuu barbaadduu? ❍ Promotion tolaa barbaadduu? ❍ "Kuni walitti qabama channelee telegram filatamooti!" 1. ADD FOLDER 01 2. ADD FOLDER 02 3. ADD FOLDER 03 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 01   █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 02   █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 03    █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ❍ Itti Gammadaa ❏ Free Waver: @Getu_AberaPromotion: @hopepromotion@bittaafigurgurtaachannel
Показать все...
❍ Affeerraa Channelee Barnootaa fi odeeffannoo addaa addaa baayee barbaachisoo ta'an qaban kanneenitti dabalamuu barbaadduu? ❍ Promotion tolaa barbaadduu? ❍ "Kuni walitti qabama channelee telegram filatamooti!" 1. ADD FOLDER 01 2. ADD FOLDER 02 3. ADD FOLDER 03 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 01   █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 02   █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 03    █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ❍ Itti Gammadaa ❏ Free Waver: @Getu_AberaPromotion: @hopepromotion@bittaafigurgurtaachannel
Показать все...
Raajonni waa’ee dhufaatii Masihii yookiin waa’ee ‘Guyyaa Waaqayyoo’ isa jedhamuu yommuu raajaa turan hima tokko keessatti raajii gurguddaa lama walitti qabsiisanii ti. Innis dhufaatii Yesus isa jalqabaa fi dhufaatii Yesus isa lammaffaa ti. Dhufaatii Yesus isa jalqabaatiin haaromsa uumameen namoonni Yesus Kristositti amanan ‘Ijoollee Waaqayyoo’ jedhamuu fi Hafuura Qulqulluu argataniiru. Garuu Haaromsa deebi’ee dhufuu Yesus isa lammaffaatiin ta’uun foon-qabeessa hundatu Gooftaa Yesusiif jilbeenfata. Akkuma dhufaatii Yesus isa duraatti Yohannis Cuuphaan haaromsi geggeeffame, dhufaatiin Yesus isa lammaffaan ta’uu dursees haaromsi guddaan ta’uun akka irra jiru Phexros Mana Qulqullummaa keessatti lallabeera. Durumaa jalqabee Waaqayyo afaan qulqulloota raajota Isaatiin dubbachaa kan ture raawwate, hundumaa hamma iddootti deebisutti garuu, Yesus waaqa irra turuutu Isaaf ta’a. (HoE 3:21) Akkuma Yohannis Cuuphaan ergaa haaromsaa guddaa qabatee lafa onaa keessa ture, har’a biyya lafaa ishee lafa onaatti fakkeeffamtu keessa teessee sagalee haaromsaa guddaa of keessatti qabattee kan jirtu Waldaan Kristiyaanaa yeroo isheen dho’iinsa haaromsaa guddaa itti taasiftu fagoo miti. Haaromsi taatee addaan hin cinnee dha. Erga gaafa Yesus hojii fayyina ilmaan namootaa raawwatee gara Waaqaatti ol ba’ee kaasee haaromsa godhamaa jiruun guyyoota hundumaa namoonni yaada garaa isaanii geeddarachuun gara Mootummaa Waaqayyootti dabalamaa jiru. Lubbuu haaraan gara Mootummaa Waaqayyootti dabalamaa adeemuun dhugooma haaromsaa ti. Dhufaatii Yesus Isa lammaffaa jala akka takkaa ta’ee hin beeknetti namoonni sonaan baay’een gara Mootummaa Waaqayyootti dabalamuuf jiru. Sagaleen abdii Yesus akka deebi’ee dhufu nuuf kenne waggoota kuma lama lakkoofsiseera; ammas waggoonni hafanii jiran dhufaatii Isaa akka waan turee, yookiin akka waan hafeetti namoota hubannaa hin qabneen yoo dubbatame illee, garuu dhufaatii Yesustu hafe utuu hin taane, Inni namoota hundumaa gara fayyina dhugaa kanatti akka dhufaniif eeggataafii jiraachuu Isaa ti. Kanaaf, “…hundumaa hamma iddootti deebisutti garuu, Yesus waaqa irra turuutu Isaaf ta’a” kan jedhu kun haaromsi guddaan ittiin dhaloonni gara mootummichaatti ta’an akka ta’ee hin beeknetti ta’uuf akka jiru waan eegamaa jiruu dha. Ammatti kristiyaanonni baay’ee barbaachisoo ta’an warra miseensa waldaa guutanii iddoo awwaalchaa argachuuf deddeebi’an utuu hin taane, kristiyaanota haaromsaatu nu barbaachisa. Kristiyaanonni haaromsaa warra dhufaatii Yesus isa lammaffaa saffisiisanii dha. Kristiyaanonni haaromsaa warra, “Yesus kottu!” jedhee faarfannaa fi lallaba isaa qopheessee faarfatu yookiin lallabu qofa utuu hin taane, warra waan akka dhirsi Waldaa Kristiyaanaa dhufee Misirroo geesse fuudhuuf halkanii fi guyyaa dammaqanii misirrottii qopheessanii dha. Yesus Misirroo heeruma hin geenye fuudhuuf hin dhufu; kanaafuu Misirroottiin nyaata madaalamaadhaan ga’oomtee dhirsa ishee eeguu qabdi!
Показать все...
SAGALEE HAAROMSAA Sagaleen nama lafa onaa keessaa lallabu tokkoo, “Waaqayyoof karaa tolchaatii haraa, lafa duwwaa keessattis karaa Gooftaan keenya irra adeemu qajeelchaa! Dachaan hundinuu ol haa kaafamu, tulluun, gaarris hundinuu haa kuffifamu! Inni bu’aa-ba’iin diriiraa haa ta’u, Inni wal caccaalaanis wal haa qiqixxaatu! (Isa 40:3-5) Kunoo, guyyaan koo inni sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura Ani Eliyaas raajicha isiniif nan erga. (Mil 4:5) Kana fudhachuus in barbaaddu yoo taatan, Yohannis kun Eliyaas, isa dhufuuf jiru sana. (Mat 11:14) Yohannis Cuuphaan ‘Eliyaas isa dhufuuf jiru’ jedhamuun isaa, hafuura Eliyaas irra tureen kan wal fakkaatu jechuudha malee, Eliyaas isa ol butamee ture sanatu deeb’ee Yohannis Cuuphaa ta’ee dhufe jechuu miti. Dhufaatii Yesus Hoolummaa Isaa fi Leencummaa Isaatiin dhufuu Isaa dura haaromsi guddaan akka ta’ee fi akka ta’uuf jedhu dhugaan Macaafaa nu hubachiisa. Gaara ulfinaa sana irratti Musee fi Eliyaas bartoota sadanitti mul’ataniiru. Yeroo gaaricha irraa gadi bu’an gaaffiin bartootni kaasan, waa’ee Masihii dura dhufuu Eliyaas gaafatan—gaaffiin kun gaaricha irratti Eliyaasiin arguu isaanii waliin wal qabatee keessatti uumame ta’a. Garuu deebiin Yesus kenne, Eliyaas akka dhufee fi akka namoonni waan barbaadan isa irratti hojjetan, innis Yohannis Cuuphaa ta’uu isaa gad itti qabee ibseef. Tajaajilli Yohannis Cuuphaan kennaa ture ‘Sagalee lafa onaa keessaa iyyu—iyya haaromsaa’ jedhama. Sagaleen haaromsaa lafa onaa keessaa iyyaa ture sun akka namoonni dhaabbata amantaa Yihudootaa keessaa gara dhaabbata amantaa haaraatti jijjiirrataniif utuu hin taane, akkasumas warri ormoonni gara dhaaba amantaa haaraatti akka jijjiirramaniif utuu hin taane, xiyyeeffannoo guddaan akka yaadni garaa isaanii jijjiiramuu—haaromsa guutummaa namaa irratti godhamu ture. “Yaada abbootaa gara ijoollotaatti, yaada ijoollotaa gara abbootaatti deebisuuf” kan jedhu haaromsa bu’uura irraa ta’e kan namoota hundumaa mootummaa dukkanaa keessaa baasee gara mootummaa ifaatti geessu ta’uu isaa agarsiisa. Kaayyoon haaromsaa dhaabbata amantaa jijjiiruu utuu hin taane, guutummaa namaa jijjiiruu dha. Jijjiiramni kam dhufuu kan dursu sagalee haaromsaa ti. Sosochiin hafuuraa (Revival) haaromsa dursee yoo dhufe bu’aan argamu hin jiraatu. Baruma jiraataa jirru kana keessa iyyuu waldoota utuu haaromsi yaadaa keessatti hin ta’in, garuu rivaayivaaliin keessatti ta’aa turan utuu isaan kufaatii akka malee yaaddessaaf saaxilamanii argineerra. Haaromsi jijjiirama yaadaa—nama jijjiirame qofa hammata. Yohannis Cuuphaan namni hojii haaromsaa guddaaf dhalate hamma yeroon isaa ga’utti dubbii guddaa sana of keessatti qabatee lafa onaa keessa taa’e. Gaafa yeroon isaa ga’e haaromsa dhoose. Tajaajila ‘Karaa qajeelchuu—jijjiirraa yaada garaa’ tulluun akka gadi kufu—oftuulummaan namoota keessa guute akka keessaa dhangala’u, dachaan akka ol kaafamu—warra gatamoo fi dagatamoon akka humna godhatanii ol ka’an labse. Yohannis kan karaa qopheessaa tureef ‘Guyyaa fayyinaa—Iyubeleyuu’ ture. Guyyaan Waaqayyo biratti jaallatame guyyaa Yesus—Yoshuwaan—Fayyisaan ilmaan namootaa hundumaaf hojii fayyinaa sana raawwatee dha. Iyubeleyuun bara birmadummaa, bara boqonnaa fi bara aara-galfii ti. Yeroo Yohannis namoota cuuphaa ture, namoonni hundinuu gara isaa dhaqanii sirreeffama fudhataa turan. Warri qaraxxoonni, warri loltoonni, Farisoonni, barsiisonni seeraa fi warri tuffatamoon hundinuus gara isaa dhaqanii maal gochuu akka qaban isa gaafannaan, akkamitti akka isaan jiraachuu qaban itti hime. Yohannis Cuuphaa bira deemnaan tulluun tulluu ta’ee itti hin fufu; dachaanis dachaa ta’ee itti fufuu hin danda’u. Sababni isaa sagaleen haaromsaa hafuura dhiibbaa guddaa dhaloota irratti uumuu danda’uu dha. Egaa dhufaatii Masihii isa jalqabaatiif haaromsa lallabaa kan ture Yohannis Cuuphaa dha. Haaromsi waggaa kuma lama dura jalqabe kun hamma gaafa Yesus deebi’ee dhufuutti itti fufa. Yohannis Cuuphaa booda kan haaromsa itti fufee jiru Waldaa Kristiyaanaa ti.
Показать все...
KADHATA "YAA ABBAA KEENYAA" “Egaa yommuu kadhattan, ‘Yaa Isa waaqa irra jirtu Abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu; mootummaan kee haa dhufu, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u! … (Mat 6:9-15)Kadhata Gooftaan keenya Yesus bartoota Isaa barsiise kana Waldootni Kristiyaanaa baay’een kadhata doktirinii mandaraa fi sagantaa ittiin goolabachuuf oolchuun isaanii akkam nama gaddisiisa! Waldoonni biroo baay’een immoo kadhaticha kadhata booddetti hafaa waan se’aniif waldoota isaanii keessatti akka tasumaa hin jedhamne dhorkaniiru; kanneen kadhaticha ‘Kadhannaa Kakuu Moofaa ti’ jechuudhaan balaaleffatamaa godhanis danuu dha. Mee dhimmicha hubannaadhaan keessa seennee haa hubannu! “Yaa Isa waaqa irra jirtu Abbaa keenyaa!” jedhee kadhata kana kadhachuu kan danda’uu fi namni kadhannaan kun hiika addaa kennuuf nama lammaffaa dhalate qofaa dha. Kadhaticha waan sammuutti kabataniif jechuu fi waan lammaffaa dhalataniif jechuun dhimma adda addaa ti. Guutummaa bara Kakuu Moofaa kadhannaa ture keessatti eenyu illee, “Yaa Abbaa…” jedhee hin kadhanne. Museen namni Waaqayyo akka fira wajjin haasa’uutti wajjin dudubbataa ture illee, tasumaa tasumaa “Abbaa” ittiin jedhee hin beeku. Iyoob, Iyaasuu, Eliyaas, Elsaa’i, Isaayaas, Ermiyaas, Hisqi’el, Daani’el… fi kanneen biroon namni “Abbaa” jedhee kadhate hin jiru. Pirojektii guddaan Yesus namoota keessatti diriirsuuf dhufe ilmaan baay’ee Abbaa wajjin walitti fiduufi dha. Yesus Abbaa nu barsiise; Hafuurri Qulqulluun immoo akka ta'utti Yesus Kristosiin nu barsiise. Kanaaf Yesus dubbiiwwan jajjaboo wangeelota arfan keessatti godhe keessatti waa’ee ‘Abbaa’ xiyyeeffannoo guddaadhaan bartoota Isaatti dubbataa ture. Kristos bifa ittiin Abbaan kallattiidhaan nutti mul’atee dha. Waa’ee Abbaa hiikee kan nutti hime Isa dha. Si’uma ‘Yaa Abbaa keenyaa’ jennu eenyummaa Waaqummaa sadan (Trinity) maqaa dha’uu keenya dha. Innis jalqabatti kadhata keenya gara Abbaatti dhi’eeffachaa jirra; itti aansuun Abbichaan kan wal nu barsiise Yesus jira; itti fufuun immoo Hafuurri ‘Abbaa, Abbaa’ nu jechisiise Hafuura Qulqulluu dha. Guutummaa bara Kakuu Moofaatti Yihudoonni kan isaan, “Abbaa keenya” jedhanii ittiin dhaadataa turan ‘Abrahaam’ ture. Amma garuu Kakuu Haaraatti Abbaan keenya Abrahaam utuu hin taane Waaqayyoon akka ta’e nu hubachiise. Kakuu isa duraa keessatti ‘Garboota koo, firoota koo, hojjetoota koo’ jedhamanii waamamaa turan. Amma garuu hundeen dubbii ‘Yaa Abbaa keenyaa’ jedhu kun hiikaa fi ergaa addaa akka nuyi ‘Ijoollee Waaqayyoo’ taane mirkaneessu fidee dhufe. Garbichi yookiin firoonni dhimma maatii keessa hin seenan; garuu ijoolleen dirqamatti dhimma maatii keessa seenu. Yesus akka du’aa ka’een dhimma ijoo fi baay’isee guddaa ta’e kana Maariyaam Magdaalaatti dubbate; “… Gara obboloota koo dhaqii, … gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti… gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti…” (Yoh 20:17) jedheen. “Obboloota koo…” kan jedhu dhimma maatii ta’uu keenyaa mirkaneessa. Kanaafuu kadhannaan Gooftaan Yesus barsiise kun ce’iinsa guddaa ‘garbicha’ irraa gara ‘Maatii’ ta’uutti ce’uu agarsiisuu dha. Garbichi qabeenya gooftaa isaatii hin dhaalu; garuu ilmaan dhaala hirmaachuuf itti waamama kallattii qabu. Abbaa isa lafa irraa ‘Abrahaamitti’ of waamuu irraa gara Abbaa Isa waaqa irra jiru waamuu fi kadhannaa itti dhi’eeffachuun hangam ayyaanomuu dha! Mee jalqaba kadhannichaa akka isa yeroo kamii caalaatti itti yaadii jedhi; “Yaa Isa waaqa irra jirtu Abbaa keenyaa!” Kadhata ajaa’ibaa ti! Yoo itti yaaddeetta ta’e lammummaan keenyas jijjiiramuu isaa kadhatuma kana irraa hubatta. Abbaan keenya Isa waaqa irra jiru taanaan xaaxaa fi xaxaa qomoo lafa irraa itti hidhamnee turre keessaa baanee, gara lammummaa bara baraan nurraa hin mulqamneetti darbuu keenya dha. Namni kadhanni kun galeef nama mandaraa utuu hin taane, nama waaqa irraa ti. Namni waaqa irraa immoo eenyummaa addaa Isa qaama ta’ee dhufe Kristos Yesusiin fakkaatuun dhaalama.
Показать все...
👍 1
“Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu!” kan jedhu keessatti immoo, nurratti duraan kan mo’ee ture waaqolii biyya lafaa kana seerrattanii fi mootummaa dukkanaa sana kan ture yoo ta’u, amma garuu maqaan Waaqayyoo nurratti waamamuu Isaatiin Waaqayyoof mi’a qulqullaa’aa taane. Nuyi kan Waaqayyoo ta’uu keenyaan qulqullummaan Waaqayyoo nurratti hojjete jechuu dha. “Mootummaan kee haa dhufu, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” kan jedhu keessatti immoo dhoksaa guddaan Yesus bartoota hubachiisaa jiru, mootummaan Waaqayyoo gara lafaatti gadi dhufee akka ta’uuf kadhachuu barsiisuu Isaa ture. Mootummaan Waaqayyoo waaqa irratti danqaa tokko malee ta’eera; garuu lafa irratti sababa Seexanaaf danqaa godhatee jira. Hamma gaafa Yesus al tokkoo fi isa dhumaa ibidda Gaannamitti Seexanaa fi ergamoota isaa hundumaa gadi gatutti haalonni rakkisoo dha. Amma sirna biyya lafaa keessa jirra; sirni biyya lafaa kun immoo hamma malee ilmaan namootaa fi lafa uwwisee dukkaneesseera. Kanaafuu hojii keenya guddaan lafa isa sirna Seexanaan uwwifamee jiru kana irratti Mootummaa Waaqayyoo waamuu qabna. Lafa mootummaan Waaqayyoo irratti dhufe irratti mootummaan Seexanaa ni hunkutaa’a. Krsitos foon uffatee gara lafa kanaa dhufuun Isaa, Mootummaan Waaqayyoo lafa kana irratti paakeejii guutuudhaan raawwatamuuf akka jiru shakkii tokko illee hin qabu. Yesus lafa kana irratti mootummaa guutuu fudhatee bulchuudhaaf seera-qabeessummaan Isaa guutuu dha. Inni kun immoo guutummaa guutuutti bara Mootummaa Waggaa Kumaa ni mirkanaa’a. Itti aansuunis Yerusaalem Haaraa keessatti dhugooma mootummichaa arguuf jirra. Kadhati "Yaa Abbaa keenyaa" kadhata ijoollee mootummichaa ti. ….
Показать все...
👏 2