Naa'olii Jemaal Official
Channela keenya kana irraa waantota isin argattan kan akka:- 👉Madda Beekumsaa 👉Dhugaa Addunyaa 👉Jechoota humna qabu 👉 seenaa fi Aadaa 👉Barreeyfama Hubannoo islaamaa gabbisan asirraa argattu 👇👇👇https://youtube.com/@NaoliiTube?si=mYZ3s5qdTrpjB_W8
Больше198
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
-530 дней
- Подписчики
- Просмотры постов
- ER - коэффициент вовлеченности
Загрузка данных...
Прирост подписчиков
Загрузка данных...
Namni Tokkollee nama jirjiiruu dandahu Garuu, Namni jirjiirama nama tokkootiif sababa tahuu dandaha!.🖤🥀
https://t.me/Hiree_Naolii_Group
Rabbiin Danda'aadha....
Rabbiin danda'aadhaa
Silas maal dadhabee
Kan Aadam kalaqee
Biyyee waliqqabee
Eega rabbiin bishaan
Walitti itichee
Lubbuu nutti godhee
Uumee nu biqilchee
Hangam barattanis
Hangam yoo beektanii
Hammam guddattanis
Hammam yoo geessaanii
Yeroodhuma xiqqoof
Dachiirra teessaanii
Biyyeetti deebituu
Hundumti keessanii
Jireenya fooyyessuuf
Oliif gad dhamaanaa
Laga meeqa bu'aa
Taabba meeqa baanaa
Biyyerraa uumamnee
Ganaa biyyee taanaa
Zalaalam dachiirra
Waan jiraannu seenee
Maaf badii dalagna
Daangaa rabbii ceenee
Jireenya gabaabduuf
Wal jibbinee argaa
Maqaa walibbaafnee
Wal ilaalla dalgaa
Maalif wal jibbina
Maalif wal hamannaa
Keeyrii gurgurannee
Maaf sharrii shamannaa
Bareeddee uffattee
Gaaf manaa gad ceetuu
Bareennis si malee
Waan uumame hin seetuu
Osoo boonaa kaattuu
Morma kee dabsitee
Daangaa rabbiin kaaye
Harka keen cabsitee
Isa kaan arrabsaa
Isa kaan tuffataa
Kabajaa mulqattee
Salphina uffataa
Kan rabbiin si uumef
Kaayyoo kee dagattee
Daandii nabsiyaan tee
Siin jette qabattee
Qaamaaf qalbii keetin
Haraama dalagaa
Saahiba godhattee
Sheyxaana alagaa
Guyyaan tokko dhufaa..
Guyyaa qabeenyi kee
Wabii siif hin taanee
Guyyaa jabeenyi kees
Wabii siif hin taanee
Guyyaa maatin kan kees
Wabii siif hin taanee
Hangam si jaalatus
Hangam sitti aanee
Guyyaan sun siif jiraa
Hin dagatin lakkii
Dhugaa lafa jiruu
Homaa hin qabu shakkii
Aanaaf aalin keenya
Akkoof akaakiyyeen
Eenyu dheessee bahe
Osoo hinyaatin biyyeen
Biyyeerraa uumamnee
Biyyee ta'uuf jirraa
Akkanaan hin hafnuu
Duunee ka'uuf jirraa
Gaaf guyyaa qiyaamaa
Guyyaa dhaabbiin jabduu
Haatis ilmoo ofii
Gaafas quba hin qabduu
- Wal arguun hin jiruu
Qullaa dhaabatanii
Nabsee nabsee jedha
Hunduu gaafa sanii
Waan har'a dalagneen
Miizaanni dhaabataa
Yoo Kan ofii malee
Eenyu wal yaadataa
Rabbii kee sodaadhu
Kan tolchee si uumee
Isa bareechisee
Dachiirra si shuumee
Gaariif gadhee maraa
Waa meeqa raawwattee
Nabsii kee gaafadhu
Waan boruuf kaawwattee
Kan afaanin jetteef
Kan ijaan ilaaltee
Kan dalagdes ta'ee
Kan dalaguuf yaaltee
Waakkachuu hin jiruu
Hin dandeessu haaltee
Dalagaan kee hundi
Gaafas mazzanamtee
Karra lamaan keessaa
Tokko siif banamtee
Milkoofnan jaannataa
Kasaarran ibiddaa
Fudhachuun dirqamaa
Akkam gootee diddaa
Jaalalli osoo jiruu
Jibba waliif qoodaa
Argaa wal jibbinee
Fayyaa waliin oodaa
Mee of haa gaafannuu
Wanta dabarsinee
Obboleessa meeqa
kan qalbii cabsinee
Isa kaan hamachaa
Kaanis arrabsinee
Yaadachuun dirqamaa
Waan bira dabarree
Kan gurraan dhageenyef
Kan ijaan agarree
Dhufuuf jira guyyaan
Dabaree eeggataa
Gaafas eenyu kolfa
Eenyutu seeqqataa
Wanti balleessine.....
Ifattis yoo ta'e
Kan dukkana keessaa
Gaafas akkamitti
Dhokfachuu dandeessaa
Nama maaltu galche
Jennee wal tuffannee
Yoo dalagnu badii
Dukkana uffannee
Dukkanaa'ee hin hafuu
Gaaf tokko ifaa ta'aa
Hojiin keenya hunduu
Nutti ifa ba'aa......
Kophaas gaafa jirtu
Gaaf nama wajjiinii
Eessas yoo jiraatte
Si arga rabbiinii
Ifattis haa ta'uu
Dukkana keessattis
Jalaa miliqtellee
Hin baatu eessattis
Rabbii samii uumee
Kan dachii diriirsee
Kan halkaniif guyyaa
Wal faana hiriirsee
Fedhii lubbuu keenyaa
Too'achuu dadhabnee
Daandii qajeelarraa
Gara moggaa dabnee
Waa ka dhiisu hin taanee
Ibliis hojii isaa
Takkaa siin wal barraan
Of si wallaalchisaa
Jaannanni osoo jiruu
Jahaannam si dhaalchisaa
Dhara waliqqabee
Dhugaa siffakeessaa
Qabee gad si hin dhiisu
Darbaa sifageessaa
Oduu sobaa fuudhee
Dalgaan sitti hasaasaa
Hamilee siif kennee
Duubaa si kakaasaa
Harkaa baatee hin toltu
Mallisaa gabaabaa
Gaaf tokkotuu oofee
Bag taraa si dhaabaa
●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●
Gara Channel Telegram Keenyaa Makamuu Yoo Feetan, JOIN Godhaa, Ykn As XUQAA, Gara Channel keenyaa Dabalamaa.
https://t.me/Hiree_Naolii_Group
#repost
SALAATA
Gurbaa tokkootu sheekhatti dhaqee akkana jachuun sheekha gaafii gaafate. 👇👇👇
Gurbaa:- salaata yoom ha jalqabu yaa sheekha.
Sheeka:- yeroo du'uuf guyyaan tokko siif hafu
Gurbaa:- guyyaan du'u hin beekhu yaa sheekha
Sheekha:- akkas taanaan salaataatuma eegi.
👉Atiis Guyyaa duutu hin beeytu salaatatuma eegi.
👇👇 join my Channel
https://t.me/Hiree_Naolii_Group
https://t.me/Hiree_Naolii_Group
Фото недоступноПоказать в Telegram
Oduu Gammachiisaa!!!
"DARUL ULUM SCHOOL"
"GREAT IFTAR "
RAMADAANA 17
"Daarul uluum 'school' wirtuu Qaroomaati
Hojmaanni saa hogguu waan Ajaa'ibaati!"
• Manni Barnootaa Khan Ummataa "Darul Ulum" Mata duree "Ramadaanni Tokkumaaf" ja'uun sagantaa Ifxaaraa Guddicha Qopheysuun bakka Barattoota, Barsiisoota, Hoggansa Mana Barnootaa fi kheysummoonni khabajaa arkamanitti Khan gaggeysu taha.
Darul Ulum
Wirtuu Qaroominaa!
Repost from Naa'olii Jemaal Official
Nashida Afaan oromoo sinbobbaatee galti garee ulul azmiitiin hojjatamte kunoo daawwadhaaa👇👇👇👇👇
https://youtube.com/watch?v=4q9YCjc4twg&feature=shared Subscribe &like share godhaa
Nashida Afaan oromoo sinbobbaatee galti garee ulul azmi
Показать все...
Let's connect on Facebook Lite!
It's small, fast and saves data. Download the app here:
Показать все...
Repost from Kebar Gemechu
Показать все...#Walloo_Tiyya 😭
:::::::::::::::::::::::::
ummata nagayaa
jiraachuuf dhama'u
Jireenya moo'achuuf
hojiidhaan laffa'u
Kaanis lafa qotaa
kaan horii horsiisa
akkanaan jiraachaa
ilmaanis barsiisaa
nama isaan hin xuqan
nagaya jaalatuu
diina firoomfachuun
bar waliin jiraatuu
garuu diinni isaanii
halkan guyyaa yaada
lafarraa balleessuuf
isaan taa'ee gaada
tanaaf guyya guyyaan
dhiiga dhangalasaa
mana jalaa gubee
qollaatti hambisaa
Nama hanga hin qabne
qaamaa madeessanii
ilmoo haadha durratti
Meeqa rashananii
Humaa hin hambisne
Qabeenyaas saamanii
horiin jala hin hafne
Nyaatan qalatanii
Akkanaan jiraatti
laala #Walloon tiyyaa
Meeqa biyyeen nyaattee
kaanis bahee biyyaa 🥲
https://t.me/Hiree_Naolii_Group
Join godhaa !!!
Channela keenya kana irraa waantota isin argattan kan akka:-
👉Madda Beekumsaa
👉Dhugaa Addunyaa
👉Jechoota humna qabu
👉 seenaa fi Aadaa
👉Barreeyfama Hubannoo islaamaa gabbisan asirraa argattu 👇👇👇https://youtube.com/@NaoliiTube?si=mYZ3s5qdTrpjB_W8
https://t.me/Hiree_Naolii_Group
Выберите другой тариф
Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.