ru
Feedback

Не попадитесь на канал ботавода! Telemetrio находит и помечает такие каналы 👉 Хотите видеть метку — оформите подписку 👈

Quick Mobile Solution

Quick Mobile Solution

Закрытый канал

🚩 Channel was restricted by Telegram

Больше
Нет данных
Подписчики
-324 часа
-157 дней
-6130 дней
Архив постов
Repost from FIXED MATCHES™
ODUU GAMMACHIISAA Namoota hojii online hojjettan maraaf! 🎤ODUU GAMMACHISAA Namonni Hojjii Olinne Hojjechuu Barbaddan Qoftii #jion Godha Telegram irratti hojii kana hojjedhaa baayyee salphaadha yoo cimtee hojjatte ji'atti #1000 - 60,000 hojjachuu dandeessaa tartiiba armaan gadiitiin jalqabaa hojjedhaa Step 1 :- Jalqaba link kana tuquun Start tuqaa! https://t.me/hulepay_official_bot?start=r07255829184 Step 2 :- Channel lamaan isiniif dhufan join taasisaa! Sana booda «✅Check» kan jedhu tuqaa! Kaffaltii karaa Telebirr kan fudhattan yoo ta'u, Referral link keessan namaaf erguun qarshii hedduu hojjechuu dandeessu! Nama tokkoon birrii tokko kan kaffalu yoo ta'u, akkasumas bonus qaba!

Magaalaa Finfinneetti hiriirri deeggarsa Filisxiin ba'ame BIiftuu Sabaa Media : Onkololeessa 16/2016 Magaalaa Finfinnee naann
+3
Magaalaa Finfinneetti hiriirri deeggarsa Filisxiin ba'ame BIiftuu Sabaa  Media : Onkololeessa 16/2016 Magaalaa Finfinnee naannawaa Beetel masjiida Taqwaa kan ustaaz Kaamil Shamsuu imaamummaan salaachisanitti guyyaa har'aa muslimoonni salaata Juma'aa booda haleellaafi weerara Israa'el Filisxiin irratti raawwataa jirtu balaaleffachuun hiriira ba'aniiru. Imaamni masjiidichaa kabajamoo miseensa mana maree bakka bu'oota uummataa Ustaaz Kaamil Shamsuu (hafizahullaah) dhimma ummata Gaazaa irratti khuxbaa kan godhan yoo ta'u seenaafi waa'ee qabatama tibbanaa irratti akkasumas tokkummaa hawaasaa Muslimaa irratti ergaa dabarsaniin walooma dhaamaniiru. @BIIFTUU_SABA

Repost from XAASOW ZABBUU
Akkam jirtu kabajamtootaafi jaallatamtoota dawwattoota maatii Telegram taatan marti keessanuu namni wave folder keenyatti dabalamuu barbaaddn asiin nu qunnamaa Free Waver promo @Rafiqul_Islaam ሰላም ውድ የቴሌግራም ቤተሰብ ጎብኝዎች የኛን ዌቭ ፎልደር መቀላቀል ከፈለጋችሁ እዚህ አግኙን:: Free Waver promo @Rafiqul_Islaam

Salaata Juma'aa masjiida qulqulluu Al-Aqsaa #Mashallah @BIIFTUU_SABAA
+3
Salaata Juma'aa masjiida qulqulluu Al-Aqsaa #Mashallah @BIIFTUU_SABAA

Barattoota Sagantaa Fooyya’iinsaa Irraa maaltu eegama? Yoo Qabxiin keessan sagantaa Fooyya’iinsaan Yuunivarsitii isin hin seensisu ta’e maal gochuu qabdu? Yuunivarsitiiwwan mootummaa tokko tokko barattoota waggaa tokkoffaa gara kuma 30 qofa galmeessu, bara kana garuu barattoota waggaa tokkoffaa gara kuma 100 simatanii barsiisu. Kanarraa kan ka’e bara kana lakkoofsi barattoota sirreeffamaa yuunivarsiitii mootummaatti ramadamanuu kan bara darbee gadi akka ta’u ifaadha. Qabxiin darbiinsaa bara darbee 263/700 fi 220/600 ture. #Hubachiisa Kun tilmaama ta’uu danda’a jedhamee yaadamedha, Ministeerri Barnootaa qabxii darbiinsaa akkuma ifa godheen kan isin beeksifnu ta’a. @BIIFTUU_SABAA

BARATTOOTA SAGANTAA FOOYYA'IINSAAF Qabxiin darbiinsaa barattoota sagantaa Fooyya’iinsaa meeqa ta’uu danda’a???Ministeerri barnootaa bara darbe irraa kaasee, qabxiin Barattoonni kutaa 12ffaa irratti galmeessaa jiran gadi bu’uu sababeeffachuun barattoonni mooraa seenanii barnoota duraan barataa turan kutaa barnoota 9ffaa-12ffaa keessa deebi’anii barachuun dandeettii isaanii eega fooyyeffataniin booda qormaata Ministeerri barnootaa qoruufi mooraadhaan qormanis eega milkaa’aniin booda bara itti aanutti waggaa tokkoffaa barachuu kan eegalan ta’a. Bara 2015’tti qormaata seensa Yuunivarsitii kutaa 12ffaa barattoota fudhatan keessaa barattoonni 50% fi isaa ol galmeessan barattoota 27,267 qofa. Bara 2015’tti ibsa guutuu qormaata seensa barattoonni kutaa 12ffaa fudhatan irratti kenname bu’uura godhachuun 31% fi isaa ol kan galmeessan barattoota 164,110’dha.Bara kana barattoonni sagantaa fooyya’iinsaa mooraa Yuunivarsitii seenanu barattoota 164,242 ta’uu ministeerri barnootaa ibsuun ni yaadatama. Mee barattoota carraa sagantaa fooyya’iinsaa argatanu warree Freshman baratanu irraa adda ha baafnu. 30% fi isaa ol kan galmeessan irraa 50% fi isaa ol kan galmeessan yemmuu hir’ifnu barattoota bara kana sagantaa fooyya’iinsaa mooraa Yuunivarsitii seenu jennee yaannu argachuu dandeenya. Isaanis:- 164,110-27,267=136,843 Barattoonni qabxiin isaanii 31% fi isaa ol ta’e carraa sagantaa fooyya’iinsaan mooraa seenuuf qaban gudaadha jedhamee tilmaama. Koroora ministeerri barnootaa qabatee jiru bu’uureffachuun barattoonni 164,242 carraa sagantaa fooyya’iinsaa kan argatanu yoo ta’e, kan asii ol jiran jechuun 31%fi isaa ol kan galmeessan barattoota 136,84 fi dabalataan 30%-31% Barattoota galmeessan keessaa barattoota kuma 20’tti siqan kan ofitti dabalatu ta’a. Kanuma sabababeeffachuun bara kana carraa barattoonni 31% gadi galmeessan sagantaa fooyya’iinsaan mooraa seenuuf qaban xiqqaadha. 31% jechuun 217/700 &186/700.Ragaa odeeffannoo qabatamaa jiru kanaan 700 keesaa qoramanii 217 fi isaa ol kan galmeessan akkasumas 600 keessaa qoramanii 186 fi isaa ol kan galmeessan sagantaa fooyya’iinsaan mooraa seenu jedhamee tilmaama. Tarii xiqqoo kanaa gadis gadi bu’uu danda’a jedhamees ni yaadama(barattoota 30% galmeessan haga tokko fudhachuu danda’a waan ta’eefi). Kara biraan ammoo lakkoofsi barattoota sagantaa sirreeffamaa kanaan Yuunivarsitii mootummaatti seenanu kan bara darbee waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamu akka hir’atu ifa ta’uun isaati. Akka bara darbeetti, walumaa galatti barattoonni 145,500 carraa barnoota sirreeffamaa kan argatan yoo ta’u, kana keessaa harki caalaan, 105,000 yunivarsiitiiwwan mootummaatti kan ramadaman yoo ta’u, barattoonni hafan 44,500 ammoo dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa keessatti barataniiru. Bara darbe sababni barattoonni sirreeffamaa hedduun yunivarsiitiiwwan mootummaatti ramadamaniif yunivarsiitiiwwan mootummaa barattoota waggaa tokkoffaa muraasa qofa waan fudhataniif akka ta’e beekamaadha. @BIIFTUU_SABAA

Israa'el gocha duguuggaa hoogganaan Naazii Hitlar raawwate halkaniifi guyyaa abaarti, umrii isii guutuu abaaraas teessi. Garu
Israa'el gocha duguuggaa hoogganaan Naazii Hitlar raawwate halkaniifi guyyaa abaarti, umrii isii guutuu abaaraas teessi. Garuu isiinis har'a gochuma isaa sana raawwataa jirti, lammiilee nagaa duguuggafi weerara #Palestine irratti raawwataa jirti Perezidaantii paartii AK fi Turkii Recep Tayyip Erdoğan @BIIFTUU_SABAA

Hizboollaa, Hamaasiifi Islaamic Jiha*ad Israa'eliin haleeluuf mariyatan Biiftuu Sabaa Media : Onkoloolessa 15/2016 Hooggantoonni Hizboollaa, Hamaasiifi Islaamic Jiha*ad waliin ta'uun haala Israa'eliin injifachuu danda'an irratti mariyataniiru. Erga Gaazaatti lolli eegalee kaasee daangaa Liibaanoos irratti Hizboollaan waraana Israa'el waliin lola gaggeessaa jiraachuun ni beekama. Kanumaanis hooggantoonni olaanoon Hizboollaa, Hamaasiifi Islaamic Jiha*ad haleellaa Israa'el irratti raawwataniifi injifannoo gama hundaa argamsiisuuu irratti marii kan gaggeessan ta'uu Hizboollaan ibsa kaleessa baaseen beeksiseera. Marii guyyaa kaleessaa gaggeeffame kana irratti Hizboollaa irraa Sayid Hasan Nasrallaa, hoogganaa Itti Aanaa Hamaas Saalaah Al-Aruri akkasumas hoogganaan Islaamic Jiha*ad Ziyaad Al-Nakhaalaa maricha irratti hooggantoota argaman keessaayi. Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf @BIIFTUU_SABAA

Hizboollaa, Hamaasiifi Islaamic Jiha*ad Israa'eliin haleeluuf mariyatan 👇👇👇👇👇
+2
Hizboollaa, Hamaasiifi Islaamic Jiha*ad Israa'eliin haleeluuf mariyatan 👇👇👇👇👇

Itiyoophiyaan humnaa fi weeraraan fedhii ishee milkeessitu tokkollee kan hinqabnee dha:- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Dooktar Abiy Ahimad, guyyaa raayyaa Ittisa Biyyaa 116ffaa har’aa kabajamerratti argamuun ergaa dabarsaniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa kaayyoo Itiyoophiyaa caalchifatu hinqabu jedhan. Raayyaan Ittisa Biyyaa, kan gurmaa’ee fi gaggeeffamu Itiyoophiyaanotaan, kan hojjetuu Itiyoopiyaaf ta’uu eeranii, kunis dhaabbata yaadaa ‘yoo jiraannu lammii Itiyoophiyaa, yeroo dabarru Itiyoophiyaa taanaa’ jedhu, ifatti argisiiseedha jedhan. Yoo lubbuun jirru lammii Itiyoophiyaa, wayita dabarru ammoo Itiyoophiyaa ta’uu kabajni caalu waan hinjirreef filannoo sirriidha jechuun ibsaniiru. Guyyaan hundeeffama Raayyaan Ittisa Biyyaa wayita kabajamu, Itiyoophiyaan humna kamiinuu injifatamtee kan hinbeekne, ammallee hininjifatamne, weeraramtee hinbeekne; kan weerartus akka hintaane hubachiisuufi jedhan. Dabalataan, raayyichi, akkuma maqaa isaa Raayyaa Ittisaa ta’e yeroo tokkoofillee haleellee, ajjeessuu, balleessuu bu’uureffachuun hojjetee kan hinbeekne ta’uu yaadachiisanii, maqaan isaas ittisuuf waan ta’eef ammas eenyuuniyyuu akka hinhaleellee dubbatan. Raayyaan Ittisa Biyyaa biyya keessatti qofaa utuu hintaane, biyyaa alaattillee nagaa kabachiisaa kan ta’uun beekamu ammas nagaa kabachiisaa ta’ee biyya keessaa fi alatti kan hojjetuudha jedhaniiru. Yeroo dhiyoo as Itiyoophiyaan, dhimmoota tokko tokkorratti mari’achuu barbaachisa gaaffii jedhuu wayita kaastu, weerarri gaggeeffamuu mala sodaan jedhuu ni dhaga’ama kan jedhan Ministiri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaan humnaa fi weeraraan waan milkeessitu tokkollee akka hinqabne mirkaneessaniiru. “Faayidaa, guddinaa fi badhaadhina waloof dhimmoota hundumaa injifatoo taasisan obboloota keenya waliin mari’achuun, faayidaa waloo kan kabachiisnu malee, humnaan fedhii keenya milkeessuuf obbolootaa keenyarratti kan hindhukaafne ta’uu jala mureen mirkaneessa” jedhan. @BIIFTUU_SABAA

photo content
+1