Jechoota Onnachiisoo
please subscribe my channel t.me//@jechootaonnachiiso -TAJAAJILLI CHANNAL KANAAN ISSINIIF DHI'AATU -Jechoota saayikoolojii - Ergaawwaan Kofalchiisoo fi Barsiisoo - Ergaawwaan Jajjabinaa
БольшеСтрана не указанаЯзык не указанКатегория не указана
262
Подписчики
Нет данных24 часа
-37 дней
-330 дней
- Подписчики
- Просмотры постов
- ER - коэффициент вовлеченности
Загрузка данных...
Прирост подписчиков
Загрузка данных...
#Namoota Gosa 5 tu jiru
1. Namoota si miidhanii of fayyadan.
2. Namoota si fayyadanii of miidhan.
3. Namoota si miidhanii ofis miidhan.
4. Namoota si fayyadanii ofiis fayyadaman.
5. Namoota sin fayyanne ofis hin fayyanne.
🔥 3❤ 1
part One
KUULANIIKOO
Ganamaan ganamfadhee
yeroon hirribaa ka'u,
Arfiiwwan jaalalakee
sammuukootti walga'u.
Anis of dadammaqseen
ka'ee si dhandhamadha.
Jechootakee sanattin
afaan bule hiikkadha.
Akka damma daammuuti
dhandhamni jaalalakee;
Fuunfadhee hinquufu
urgaa foolii mormakee.
Jechoota jaalalakeetu
yaadakoo jige tumsa;
Gorora jaalalakee sanan
habbuuqqadhee liqimsa.
Abbaafi haatikee sunis
wareegamaan si dhalchanii,
Bareechanii kuulanii
harkakoo si galchani.
Kuulaniikoon siin jedha
anillee mararfadhee,
Maal-jedhuu namaa dhiisee
ofitti si hammadhee!
Maal-jedhuun warra ormaa
maal abbaashee na gooti?
Sinjaalladha kuulaniikoo
ati yoomiyyuu kankooti!
Sababa jaalalakoof jettee
alagaadhaan jibbamtee,
Baroota darban hedduudhaaf
waan hintaanes jedhamtee,
Har'as gargar nu baasuuf
yaaliin ormaa danuudha;
Anaaf sirraa adda ba'uun
eenyummaakoo ganuudha.
Yeroo siin si cabsani
Na dhukkuba addatti;
Naan haajibbani malee
eenyuunuu hindhiisu sirratti.
Hiika eenyummaakootii
situu na hubachiise;
Afaankoo si godhadheen
seenaakoo dubbachiise.
Seenaakoo doofummaarraa
kan luba baafte lubeekoo,
Yoomiyyuu sinjaalladha
naaf jiraadhu Qubeekoo!
➢Kuulaniinkoo sun Qubeedha. Eyyee! Akka ani
akka kanatti jechootan barbaade faayee, kuulee
barreessuuf sammuukoofi qubakoo kan naaf kuulte
Qubeedha; waan na kuulteefan ishee kuule Kuulaniikoo
🥰 2👍 1🔥 1
Barruun haaraan 'CALII CALAATE' jettu kun Dilbii walaloofi seenaawwan gaggabaaboo garaagaraa muraasa kan of keessatti qabatte yoo ta'u, Barreessan Gaaddisaa GammachuuAnonymous voting
- Hin Barbaadna
- Hin Barbaadnu
#OF GAAFADHUMEE!!!
✍️Dhagahuuf dhaggeeffattamoo, Dhaggeeffachuuf Dhageessaa?
✍️Ilaaluuf agartamoo ,Arguuf Ilaalta?
✍️Jiraachuuf nyaattamoo nyaachuuf jiraatta?
✍️Hojjechuuf nyaattamoo, nyaachuuf hojjetta?
✍️Galuuf dhaqxamoo, Dhaquuf Galta?
✍️Beekuuf barattamoo, Barachuuf Beekta?
✍️Hojiitti yeroo dabaltamoo, Yerootti hojii dabalta?
✍️......................
Deebiisaa simatu Beeka.
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
❤ 3👏 2
Namoonni lama dhimma tokko irratti wal falmaa turan. "Jireenyi kan jalqabu yeroo namni tokko garaa keessatti ulfa ta'ee hafudha" jedha isaan keessaa tokko sagalee isaa ol kaasee.
Inni kaan immoo "Lakki! Jireenyi namaa kan jalqabu yeroo ulfi tokko guddatee afuura jalqabaa baasuu fi fudhachuu jalqabudha" jedhee xiiqiidhaan morma.
Namni yeroo dheeraaf taa'ee falmii isaanii dhaggeeffachaa ture tokko gidduu galuun "Isin lamaanuu dogongortaniittu. Jireenyi kan jalqabu namni gaafa kaayyoo uumameef bare fi daandii sana hordofuu jalqabe irraa kaaseti" jedhee ka'ee biraa deeme.
❤ 3
Фото недоступноПоказать в Telegram
Guyyaa Gootota Oromoo
Jaallan Keenya Nu Bira Dhabamuun Keessaan Nutti Dhagaa'ama, Issin Warra Dhiiga Keessaniin Oromia Sararedha ❤️💚❤️😭😭😭😭
😢 5
Выберите другой тариф
Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.