cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Pillar Exam Study

The best entrance Exam solver to help all Ethiopian Students. Pillar BookSl!!

Больше
Рекламные посты
236
Подписчики
Нет данных24 часа
-17 дней
+130 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Jireenyi guyya guyyaan nu barsiisaa oolti. Nuti garuu kanuma keessaa beekumsa dheebochaa jiraanna! Namootni jireenya irraa hin baranne irra deddeebiin dogoggoraa jiraatu.Ilaalcha gaarii qabaannaan dogoggora keenya irraa baranna.Kufaatiin daandii milkaa'inaa irraa kaachuudha malee bara baraan kufanii hafuu miti.Kufaatiin waan hojjechuu qabnu hojjechuu dhabuudha malee, injifatamuu miti. Namoonni tokko tokko jireenya isaanii irraa barachaa jiraatu. Namoonni kaan immoo callisanimaa akkanumaan jiraatu.Hayyoonni dogoggora isaaniif kan namoota biroo irraa baratu.Jireenyi keenya keessatti milkaa'ina gonfachuudhaaf, dogoggora keenya irraa qofa osoo hin ta'in, dogoggora namoota irraas barachuu qabna. 🤜🤛🤜🤛
Показать все...
👍 2
#Sanyiin_Koo_Maali? Viishen Laakiy’aanii kitaaba ‘The Buddha and the Badass’ jedhu keessatti waa’ee mataa isaa waan tokko dubbata. Akka armaan gadiittan dhi’eessa. Ijoollummaa kootti yeroo boqonnaa koo Kaartumittin dabarsan ture. Kaartum magaalaa Sudaan Kaabaa, bakka itti Abbay Adii fi Gurraachi itti walitti dabalaman, magaalaa bareedduudha. Achitti mana akaakayyuu koon boqodha. Karra bakka bashannanaa mooraa isaanii keessa jiru irra muka loomii dulloomaa fi ija danuu hin godhanne tokkotu ture. Anii fi akaakayyuun koo muka loomii sana jala teenyee cheezii taphanna turre. Akaakaan koo barsiisaa jireenya koo ture; gorsawwan baay’ee barbaachisoo na gorsa. Gaaf tokko mukicha jala teenyee otoo cheezii taphachaa jirruu, loomii lafa bu’e tokko marga keessaa fuudhee bakka lamatti dhoose. Ija loomichaa tokko keessaa baasee harkatti qabate. Ija loomii sana natti agarsiisaa akkana naan jedhe, “Ilaa yaa ilma ilma koo! Kun ija loomiiti. Muka loomii siif kenna. Muka maangoos ta’e kan burtukaanii siif kennuu hin danda’u. Guddachuuf biyyoo mijataa, bishaan xiqqoo fi ifa aduu isa barbaachisa. Maalis ta’u maal dhuma irratti garuu kan inni siif kennuu danda’u muka loomii qofadha. “Akkuma argitu mukti kun dulloomaa jira; ni du’as. Akkuma koo jechuudha. Anis dulloomaan jira; gaaf tokko nan du’a. Waan ani jedhu hubachaa jirtaa? Dulloomaa gaafa deemtuu fi guyyaan kee yoo dhi’u gaaffii barbaachisaa tokko of gaafachuu qabda, ‘Sanyiin koo maali?’ “Sanyiin kee kan hortu waan horuu qabdu qofadha. Waan biraa hin hortu. Hin jeeqamiin; hin yaadda’iin; namoonni maal iyyuu yoo siin jedhan sun dhimma kee hin ta’iin. Waca isaanii hin dhaga’iin; miira kee qofa dhaggeeffadhu. “Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Sanyiin koo maali?’ Kana yoo beekte, deebii isaa argatta.  “Deebii kee qajeelummaa fi gaarummaan barbaadi; barbaadi yoos kaayyoo jireenya kee raawwachuu dandeessaa; ijas ni godhatta!”  Seenaan kun waan tokko akkan xiinxalu na taasise. “Dhuguma iyyuu sanyiin koo maali? Ija maal jedhamun godhadha?” kan jedhu. Ibsa baay’ee itti kennuu hin fedhu. Namni barreeffama kana dubbisu kamuu gaaffii baay’ee barbaachisaa kana akka of gaafatun gaafadha. Eyyee, sanyiin kee maali? Galgala bareedaa qabaadhaa! #deemsiittifufa #ananamabiyyaoromoo
Показать все...
1
Фото недоступноПоказать в Telegram
Jecha beektotaa.mp32.70 MB
Hiyyeessi_Qarshii_hin_qabu_jennaan_Dureessi_Qalbii_hin_qabu_jedhani!.mp31.91 MB
nama kabaji.mp39.62 KB
Of beekuun murteessaadha.mp32.23 MB
Hiriyaan dhugaa yoo ati duutillee seenaakee of keessaa qaba.mp32.55 MB
Haadha ilaalii intala fuudhi..mp33.16 MB
Hiriyaa_gaafa_rakkoo_adda_baafadhaa!!_namuma_jettaniif_yeroo_keessan.mp31.70 MB
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.