cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Furtuu Kaayyoo

Рекламные посты
237
Подписчики
+224 часа
+37 дней
+2230 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

SAMMUU KEENYATTI HAMMAM FAYYADAMAA JIRRAA? ========================== ➡️ Dandeettiin sammuu namaa dhokataadha. Yommuu ittin hojjetan ba'ee mul'ata. Ittiin hin hojjenne taanaan garuu sammuun dadhabaa fakkaata. ➡️ Sammuu ofii hojjechiisuun dandeetti horachiisuu osoo hin taane, dandeetti sammuu sanaa hojiitti hiiksisuudha. ➡️ Saayintistichi beekaman dhalootaan Yihuudii, Lammummaan isaa Ameerikaa ta'e Albert Enstian utuu addunyaan hamma sana sammuu isaa ajaayibsiifattuu akkana jedhe, " Dandeettii sammuu kootti harka dhibba keessaa haraka digdamii shan (25%) qofaan waanan fayyadame natti fakkaata jedhe!" ➡️ Hayyuun Wiliyam Jems jedhamu immoo giddu galeessaan ilmaan namootaa 10% -12% qofaa sammuu isaaniitti akka fayyadamanii darban ibseera. Kana jechuun sammuun ilmaan namaa heedduminaan sammuu isaa utuu hin hojjetin akkuma waliin dhalatetti waliin du'a jechuudha. Biyyeen albuuda guddaa ammana ga'u kuufachaa jirti. ➡️ Addunyaa kana caalaatti dandeettii sammuu namaa qabeenya isaa kan godhate biyyeedha jechuudha. ➡️ Akka ta'utti sammuu kee hojjechiisuu shaakali. ▶️ Karoorsi! ▶️ Hojjedhu! ▶️ Waan hojjettu madaali! ▶️ Bu'a qabeessa ta'e! ▶️ Addunyaan dirree wal dorgommiiti, ammuma ka'i dirreetti makami! 👉 Milkaa'inni fagoo miti, barruu harka kee keessa jira. ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔═════════════════╗ 📚JOIN: @Furtuukaayyoo 📚JOIN: @QoraasumaMedia 📚JOIN: @GolaOromiyaaa 📚JOIN: @Argaadhageettiiad 📚JOIN: @AfoolaOromooao 📚JOIN: @Maddaseenaa ╚═════════════════╝                    🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Показать все...
2
#Galaa Jireenyaa 👉 Hubadhu:- JIREENYATTI MILKA'AA TA'UUF 👉Waan beektu guutummaan guutuutti beeki malee beekumsi xiqqoon si miiti 👉Maalummaa Addunyaa kana xiinxali Addaan Baafadhu 👉Yoo akkam beekteyyuu waa'ee Amantii hin xiinxalin 👉Waan hundumaa xiinxalii gaarummaafi gadhummaa isaa Addaan Baafadhu malee cal jettee namni hin fudhataaf hin fudhatin sababiin isaa ATI si'i malee nama biraa miti 👉Yeroo hundaa waan gaarii yaadi akkasumas hojjedhu 👉 Kaayyoo kee irratti xiyyeeffachuun Hojiin biizii ta'i kan hojii hin qabne gad-naqee funaana jedhe oromoon #Dubbisuun ittuma fufa    ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔═════════════════╗ 📚JOIN: @Furtuukaayyoo 📚JOIN: @QoraasumaMedia 📚JOIN: @GolaOromiyaaa 📚JOIN: @Argaadhageettiiad 📚JOIN: @AfoolaOromooao 📚JOIN: @Maddaseenaa ╚═════════════════╝                    🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Показать все...
Of Jijjiiruuf Kɑllɑttiilee Bu’uurɑɑ ➓: ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➛ ɑti nɑmɑ guddɑchuuf of qopheessuu jɑɑlɑtuu dhɑɑ? Kɑrɑɑ kɑmiiniyyuu of jijjiiruuf kɑllɑttii bɑrbɑɑdɑɑ jirtɑɑ? ➛ Yeroo kɑmiyyuu kɑllɑttiin ittiin jireenyɑ keenyɑ jijjiiruu dɑndeenyu mɑlli ni jirɑ. ➛ Dɑndeettiin nɑmɑ keessɑ jiru dɑɑngeffɑmɑɑ miti. Kɑnɑɑfuu dhumɑ milkɑɑ’insɑɑ irrɑ gɑheerɑ kɑn jedhu hin jiru. Tuqɑɑn milkɑɑ’insɑ isɑ dhumɑɑs hin jiru. Yommuu of xinxɑllu nuti nɑmɑ gɑɑriidhɑ, gɑhoodhɑs. ➛ Kɑllɑttiin milkɑɑ’inɑɑ kennɑmu itti fufiinsɑɑn of jijjiiruuf ɑkkɑ tɑ’uu fi yeroo hundumɑɑ tɑrkɑɑnfiin guddɑɑn irrɑtti dɑmmɑquu qɑbnu ɑkkɑ jirudhɑ. Tɑrkɑɑnfileen milkɑɑ’insɑɑ tokko tokko kɑrɑɑ sɑlphɑɑdhɑɑn kɑn ɑdeemsisu yoo tɑ’u, kɑn deeggɑrsɑ bɑrbɑɑchisus jiru. ➊. Yeroo Hundumɑɑ Dubbisi! (Reɑd Every Dɑy): ⁃ Mɑddi ogummɑɑ jireenyɑɑ kitɑɑbɑ dubbisuun ni ɑrgɑmɑ. Hɑngumɑ bɑɑy’inɑ kitɑɑbɑ dubbistu ogummɑɑn horɑttus cɑɑlmɑɑtti dɑbɑlɑmɑɑ ɑdeemɑ. Guyyɑɑ hundumɑɑ kitɑɑbɑ yommuu dubbistu sɑmmuun kee beekumsɑ soorɑtɑ. ➋. ɑfɑɑn Hɑɑrɑɑ Bɑrɑdhu! (Leɑrn New Lɑnguɑge): ⁃ ɑfɑɑn dɑbɑlɑtɑɑ bɑruun dɑndeettii fi beekumsɑ dɑbɑlɑtɑɑ ɑkkɑ ɑrgɑttu si gɑrgɑɑrɑ. Sɑmmuu bɑnɑmɑɑn ɑfɑɑnii fi ɑɑdɑɑ kɑnneen biroo bɑrɑchuun muuxɑnnoo jireenyɑɑ gɑbbisɑ. ➌. Fedhɑ Hɑɑrɑɑ of Keessɑtti Uumi! (Pick up ɑ New Hobby): ⁃ Fedhɑ kee cinɑɑtti fedhɑ kɑnneen biroo fɑkkeenyɑɑf jɑbeenyɑ qɑɑmɑɑ, wɑlɑloo bɑrreessuu, horɑchuun yommuu hojii xumurtu shɑɑkɑluun dɑndeettii kee ɑlɑɑn, keessɑɑn, yɑɑdɑɑdhɑɑn ni guddifɑttɑ. ➍. Bɑrnootɑ Hɑɑrɑɑ Fudhɑdhu! (Pick up ɑ New Course): ⁃ Bɑrnoonni kɑrɑɑ ittiin beekumsɑ hɑɑrɑɑ ɑrgɑtɑnii fi dɑndeettii ittiin of jijjiirɑnii dhɑ. ➎. Kutɑɑ Dɑdɑmmɑqiinsɑɑ Uumi! (Creɑte ɑn Ispirɑtionɑl Room): ⁃ Nɑɑnnoon ɑti jirtu kɑkɑ’uumsɑ wɑɑn hɑɑrɑɑ uumuf ɑti qɑbdu cimsuuf gɑhee qɑbɑ. Kɑn jirtu nɑɑnnoo dɑdɑmmɑqiinsɑɑf si gɑrgɑɑru yoo tɑ’e, yeroo hundumɑɑ keessɑ kee hɑɑressitɑ. Kutɑɑn mɑnɑ kee keessɑ jiru duwwɑɑ ɑkkɑsumɑs toorɑ kɑn hin qɑbne yoo tɑ’e, kutɑɑ dɑdɑmmɑqiinsɑɑ gochuuf wɑntootɑ dɑmmɑqiinsɑf si gɑrgɑɑrɑn, jechootɑ bɑrreessuun yookin fɑkkii kɑɑsuun itti mɑxxɑnsi! ➏. Sodɑɑ Kee Moo’ɑdhu! (Overcome Your Feɑrs): ⁃ Dɑndeettii dubbii irrɑtti, sɑgɑlee dhɑgeessifɑchuu irrɑtti sodɑɑ qɑbdɑ tɑɑnɑn, sodɑɑn kee sɑdɑrkɑɑ jijjiirɑmɑɑ tokko irrɑ ɑkkɑ turtuu fi of jijjiiruu irrɑɑ si dhoorkɑ. Nɑɑnnoo itti sodɑɑ kee moo’ɑchuu dɑndeessu uumuun irrɑtti hojjedhu! ➐. Sɑdɑrkɑɑ Kee Ol Guddisi! (Level up Your Skills): ⁃ Hojii kee irrɑtti muuxɑnnoo fudhɑchuun isɑ cɑɑlutti ol guddifɑchuu dhɑ. ➑. Gɑnɑmɑɑn Kɑ’i! (Wɑke up Eɑrly!): ⁃ Obboroon kɑ’uun bu’ɑɑ hojii fi of jijjiiruu irrɑtti gɑhee olɑɑnɑɑ qɑbɑ. Gɑnɑmɑɑn yoo kɑɑtu yeroo gɑhɑɑ itti of qopheessitu nɑmootɑ kɑn biroo cɑɑlɑɑ qɑbɑɑttɑ. ➒. Sochii Qɑɑmɑɑ fi jɑbeenyɑɑ Torbɑnii (Weekly Exercise): ⁃ Qindɑɑ’insɑɑ fi bɑreedinɑ ɑkkɑsumɑs fɑyyinɑ qɑɑmɑɑf sosochiin qɑɑmɑɑ murteessɑɑ dhɑ. ➓. Kitɑɑbɑ Jireenyɑ Kee Eegɑli! (Stɑrt Your Life Hɑndbook): ⁃ Kitɑɑbni jireenyɑɑ of keessɑɑ ɑkkɑɑtɑɑ jiruu fi jireenyɑ kee itti jirɑɑttu qɑbɑ. Fuulɑ tokkoon tokkoon isɑɑ irrɑtti of qopheessuun, kɑɑyyoo kee, bu’ɑɑ ɑrgɑttuu fi gɑlmɑ geessu mɑdɑɑlɑɑ ɑdeemtɑ. ➦ Gαℓαтσσмαα!!! Υєʀσσ Gααʀιι sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔═════════════════╗ 📚JOIN: @Furtuukaayyoo 📚JOIN: @QoraasumaMedia 📚JOIN: @GolaOromiyaaa 📚JOIN: @Argaadhageettiiad 📚JOIN: @AfoolaOromooao 📚JOIN: @Maddaseenaa ╚═════════════════╝          🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Показать все...
👍 1
Gorsa xinnoo kana HUBADHU! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Namaaf jettee yeroo kee hin gubin! ➥ Jaallatamuufis ta'ee jaalachuufis jettee hin rakkatin! Kan eenyummaa kee beeku si jaallata. ➥ Waan gaarii gootu hunda gatii isaa ilma namaa irraa hin eggatin waaqarraa galata argatta. ➥ Nama tokko jaallattee yoo dhabde itti hin gaddin sababni isaa waaqayyo nama sana akka inni siif hin taane waan beekuuf sirraa qabe. JAALALLI DHUGAA: ▷ Dhoksaa hin qabu. ▷ Gaabbii hin qabu. ▷ Jibba hin qabu. ▷ Wal tuffii hin qabu. ▷ Wal komii hin qabu. ▷ Walitti mufachuun yoo jiraates walirraa fagaachuu hin qabu. ▷ Jaalalli dhugaa onnee qulqulluu qofa barbaada. HIRIYAAN GANTUUN WAA SADII (3): ➊. Qoree bishaan keessaa ➋. Bofa marga keessaa ➌. Summii midhaan keessaati. HIRIYAAN DHUGAA WAA SAGAL(9) Garuu salgaan sun bakka sagaltama siif gaha. ➊. Abdii jiruu ➋. Obsaa jiruu ➌. Gorsaa jiruu ➍. Qajeelchaa karaa ➎. Dawaa sammuu ➏. Irkoo guyyaa rakkoo ➐. Galma geessaa kaayyoo keeti. ➑. Jajjabeessaa hojii keeti ➒. Gorfataa karaa guddinaa ➲ Hiriyyaa sobaa mannaa diina dhugaa wayya. Maaliif seete, diina akka diinatti beektee irraa fagaatta. Garuu hiriyaan gadheen si fakkaatee si nyaata. Kaayyoon Hiriyaa Gadhee: ➊. Jireenya kee balleessee namaa gadi si godhuu. ➋. Agartuu kee jamsee ija kee balleessuu. ➌. Miila kee mummuree tarkaanfii si dhorkuu. ➍. Harka kee si hidhee hojii irraa si hambisuu. ➎. Sammuu kee maraachisee baasee si salphisuu. ➏. Jaarsaa fi Jaartii Addaan baasee kophaatti si hambisuu. ➐. Fuudhaa fi heeruma dhorkee manatti si hambisuu. ➑. Uummata keessatti maqaa kee xiqqeessuu dha... HIRIYYAAN DHUGAA HOO?       ⇣⇣  ⇣⇣  ⇣⇣  ⇣⇣ ➊. Karaa hamtuu irraa si gorsee karaa qajeeltuu siif hawwa. ➋. Yoo gaarii hojjatte gammachuu siif qaba. ➌. Yoo ati rakkatte si wajjin cinqama. ➍. Bakka ati hin jirretti toltuu kee haasa'a. ➎. Utubaa siif ta'ee mana siif ijaara. ➏. Olfuudhee si baatee tabarra si dhaaba. ➐. Kabaja siif laatee maqaa kee ol qaba. ➑. Gammachuu kee gammadee, gadditus si wajjin gadda. ➒. Dhibee kee hundumaaf qoricha. ➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!    ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​ ┄┄┉┉✽‌»‌🌺✿»🌺‌✽‌┉┉┄┄ 💫JOIN @Furtuukaayyoo 🔥JOIN @QoraasumaMedia 💫JOIN @GolaOromiyaaa 📚JOIN @Argaadhageettiiad 🔥JOIN @AfoolaOromooao 📚JOIN @Maddaseenaa ┄┄┉┉✽‌»‌🌺✿»🌺‌✽‌┉┉┄┄ Oolma gaarii !!
Показать все...
👍 1
#Yaadota Baay'ee Barsiisoo kana dubbisii namoota biroof illee qoodi 1.#Nama namoonni akka fedha isaaniitti kaartaa jireenya isaaniitiin jiraachiisan hin ta'in. Kaartaa jireenya kee bocadhu! Kaartaa kee irratti of ijaari! 2. #Argii jalqabi malee arguu qofaaf hin jalqabin! Dhaga'ii ba'i malee dhaga'uu qofaaf hin ba'in! 3. #Ofii kee wajjin yeroo bal'aa fi sirrii ta'e qabaadhu! 4. #Kan nama kuffisu baay'ina rakkinaa osoo hin taane, mul'ata xiqqoo fi obsa xiqqoo qabaachuudha! 5. #Miidhama sirra ga'eef beellama haaloo ba'uu hin qabatin. Yeroo hundumaa ilaalchaa haaloo ba'uutu sirratti mo'a waan ta'eef. 6. #Borii keef karoorsi. Har'a keetti garuu gammachuudhaan jiraadhu! 7. #Guyyaa tokko akka addunyaa lafarraa kana wajjin waliigaltee jireenyaa xumurtee deemtu(duutu) yeroo hundumaa yaadaa mana keetii ba'i akkasumas yaadaa mana keetti gali. #Addunyaa daqiiqaa tokko booda waan ta'uu hin beekneef, nama hin jibbin ofiikees hin jibbin! ╔═════════════════╗ 📚JOIN: @Furtuukaayyoo 📚JOIN: @QoraasumaMedia 📚JOIN: @GolaOromiyaaa 📚JOIN: @Argaadhageettiiad 📚JOIN: @AfoolaOromooao 📚JOIN: @Maddaseenaa ╚═════════════════╝         
Показать все...
👍 2
SAMMUU KEENYATTI HAMMAM FAYYADAMAA JIRRAA? ========================== ➡️ Dandeettiin sammuu namaa dhokataadha. Yommuu ittin hojjetan ba'ee mul'ata. Ittiin hin hojjenne taanaan garuu sammuun dadhabaa fakkaata. ➡️ Sammuu ofii hojjechiisuun dandeetti horachiisuu osoo hin taane, dandeetti sammuu sanaa hojiitti hiiksisuudha. ➡️ Saayintistichi beekaman dhalootaan Yihuudii, Lammummaan isaa Ameerikaa ta'e Albert Enstian utuu addunyaan hamma sana sammuu isaa ajaayibsiifattuu akkana jedhe, " Dandeettii sammuu kootti harka dhibba keessaa haraka digdamii shan (25%) qofaan waanan fayyadame natti fakkaata jedhe!" ➡️ Hayyuun Wiliyam Jems jedhamu immoo giddu galeessaan ilmaan namootaa 10% -12% qofaa sammuu isaaniitti akka fayyadamanii darban ibseera. Kana jechuun sammuun ilmaan namaa heedduminaan sammuu isaa utuu hin hojjetin akkuma waliin dhalatetti waliin du'a jechuudha. Biyyeen albuuda guddaa ammana ga'u kuufachaa jirti. ➡️ Addunyaa kana caalaatti dandeettii sammuu namaa qabeenya isaa kan godhate biyyeedha jechuudha. ➡️ Akka ta'utti sammuu kee hojjechiisuu shaakali. ▶️ Karoorsi! ▶️ Hojjedhu! ▶️ Waan hojjettu madaali! ▶️ Bu'a qabeessa ta'e! ▶️ Addunyaan dirree wal dorgommiiti, ammuma ka'i dirreetti makami! 👉 Milkaa'inni fagoo miti, barruu harka kee keessa jira. ╔══════════════════╗ 📚JOIN: @Furtuukaayyoo 📚JOIN: @Furtuukaayyoo 📚JOIN: @Furtuukaayyoo ╚══════════════════╝         
Показать все...
Gaaf-tokko Kaannisaa fi Sinbirrootu waliin haasa'u turan. Sinbirroon, "isa ati itti dhamaatee dalagdu damma kee namni si jalaa yeroo hatee nyaatu sin aarsuu?" jettee gaafatte. Kanniisnis, "homaa waan tokko na hin aarsu. Sababni isaa namni damma koo hata malee ogummaa ani ittiin damma dammeessu na jalaa hatuu hin danda'u" jettee deebisteef. Egaa laafaas ta'i cimaa hamma ati geessu sumatu of beeka. Dandeettiif gahumsa dhokataa keessa kee jiru eenyumtuu beekuu hin danda'u. Firii hojii kee hatanis ogummaa hojicha ittiin hojjettu hatuu hin danda'ani. ATI hojjechuu kee itti fufi. Ati garuu gahumsa dhokataa keessa kee jiru isa eenyuyyuu si jalaa hatuu hin dandeenyeetti hojjedhu. Ogummaa Waaqni siif kenne otuu itti hin fayyadamiin of keessatti dhoksitee awwaaltee wajjin awwaalamuu hin qabdu. Kun cubbuu dha. Beekumsaaf gahumsi dhokataan keessa kee jiru addunyaa kanaaf dawaa ta'uu danda'a, ati garuu beekumsa kee sanaan addunyaa fayyadi. Qullaa ta'ii du'i. Firee kenni. ♻️Join & 🔗SHARE 👇  sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ 📚JOIN: @Furtuukaayyoo 📚JOIN: @Furtuukaayyoo 📚JOIN: @Furtuukaayyoo ╚══════════════════╝         
Показать все...
1
QABXIILEE JAJJABOO KUDHA TOKKO LUKKUU HAADHOO IRRAA BARATAMAN👌 ✔1. Osoo hin hammatin dura jalqaba hanqaaquu gahaa buufti KAROORA QINDAA'AA ✔2. Yeroo hanqaaquu ishee irra taa'uu jalqabdu/hammattu sochii ni xiqqeessiti NAAMUSA. ✔3. Sababa hanqaaquu ishee hammachuutiin Nyaatni hir'achuu irraa kan ka'e ulfaatinni qaamaa hir'ata WAREEGAMAA FI OF KENNUU ✔4. Hanqaaquu lukkuu birootiif irra taa'uu ni dandeessi. AL-LOOGUMMAA FI ARJUMMAA. ✔5. Guyyaa digdamii tokko (21) hanqaaquu ishee irra teessee obsaan eeggatti, yoo jalaa shamtellee deebitee hanqaaquu biroo buufti. AMANTAA, ABDII FI ABDII KUTANNAA DHIISUU ✔6. Hanqaaquu cuucii hin qabne adda baafattee kophaa baafti XIINXALAA FI HUBANNOO. ✔7. Hanqaaquu manca'e dhiistee tokko qofa yoo ta'ellee ilmoolee tan qabdu kunuunsuu eegalti OGUMMA, DAMMAQINA FI DHUGAA ✔8. Cuucii ishee homtuu hin tuqu KUNUUNSAA FI JAALALA. ✔9. Cuucii ishee hunda walitti qabdi # TOKKUMMAA FI KAAYYOO. ✔10. Ilmoolee ishee osoo of hin dandeenye kophaa hin dhiistu ITTI GAAFATAMUMMAA ✔ 11. Yeroo hunda ilmoolee ishee fuuldura deemti.HOGGANAA FI EENYUMMAA #MAAL_IRRAA_HUBATTE.......
Показать все...
Milkaa'inni irra deddeebi'anii yaaluu fi Abdii muruu dhiisuu irraan dhufti ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ #Toomaas Ediisan abbaan argannoo ‘Ampuulii’ ijoollummaa isaatti barnoota dadhabuudhaan mana barumsaa irraa akka ar'atamu taasifame. Guyyaa tokko barsiiftuun isa barsiiftu xalayaa akkas jedhu barreessitee itti laattee akka inni galee maatii isaatti kennuuf itti himte. Xalayichi akkas jedha. “Toomiin kee barumsa waan hin dandeenyeef,akka lammata mana barumsaatti hin ergine!’’ jettee xalayaa barreessitee isumatti laatte. Ediisan dubbisuu waan hin dandeenyeef, xalayicha osoo banee hin ilaaliin akkuma jirutti galchee harmee isaatti laate. Harmeen isaa xalayicha dubbistee, hirqistee boosse. Innis harmee isaatiin.....“Maal taate?” jedhee gaafate. Isheenis....“Toomiin kee cimaadha!” jettee barsiiftuun kee xalayaa naaf barreessite......“Kana booda mana barumsaa hin deemtu. Manumattin si barsiifadha!” jetteen Toomiidhaan. Akka seenaan isaa jedhutti ji'oota lama qofa barate Toomaas Ediisan. Garuu, abbaa argannoo addunyaa kanaa ifa nuuf laataa jirtuuti. Ampuulii kalaquuf yeroo 9999 yaalee, si'a 10000 irratti milkaa'e. Isayyuu xumura irratti ampuulii kalaqee hojjettoota isaa keessaa nama tokkotti akkanni bakka wayii ka'uuf itti laate. Innis harkaa fuudhee battaluma sanatti ampuulichi lafa harkaa rukutee caccabe. Eediisan dadhabbii amma kanaa itti dadhabee.....yeroo amma kanaa itti fixee yommuu jalaa caccabu, baay'ee nama hin aarsu. Nama aarsa dhugaa dubbachuuf! Ammas abdii muree hin dhiisne. Irra deebi'ee hojjechuu isaati. Hojjetee ammas hojjetaadhuma gaafa jalqabaa sanatti deebisee laate. Hojii Eedisan kana irraa irra deddeebi'anii yaaluun milkaa'ina akka namaaf argamsiiftu barachuun baay'ee salphata. Abdii muruu dhiisuu dabalatee jechuudha. Henerii Foordii abbaan argannoo konkolaataa, guyyaa tokko akkas jedheen Eedisaniin...“Wanti kun tasumaa hin danda'amu;koottuutii na waliin kaampaanii koo keessa hojjennaa!” jedheen. Kanas hin dhageenye inni. Xumura irratti ampuulii hojjetee...“Inni ati hin danda'amu jette sun;ni danda'ama!” jechuun ampuulicha itti agarsiisuu danda'eera. Ajaa'iba! Pirezedaantii Ameerikaa 16ffaa kan ture Abrahaam Liinkan waggaa isaa 52ffaatti Ameerikaa bulchuuf carraa argate. Sanaan dura garuu kufaatii danuu jireenya isaa keessatti nama keessummeessedha. Garuu, mormiiwwanii fi kufaatii amma kanaatiif abdii muree dhiisuu hin dandeenye. Irra deddeebi'ee yaaluudhaan milkaa'eera! Bulchaan guddaan Afrikaa Kibbaa duraanii, Nelsan Maandellaan bilisummaa uummata gurraachaa fiduuf waggoota 27'f mana siirreessaa keessa ture. Achiitii ba'ee Pirezedaantii Afrikaa Kibbaa ta'uu danda'eera. Wal-qixxummaa Adiif Gurraachaas mirkaneessuu danda'eera. Badhaasa beekamaa Addunyaa ‘Nobel Peace Prize’ fudhachuus danda'eera. Ajaa'iba. Wanti hundi kutannoo gaafatti! Walumaagalatti, waan hundi kutannoo, irra deddeebi'anii yaaluu, abdii muruu dhiisuu irraan dhufa! Galatoomaa! Egaa jedhaa! Walitti deebina yeroo biraa! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattiidha!
Показать все...
1
AMALOOTA MILKAA'INA NAMA GONFACHIISAN 1. Kutannoo (desire ) 2. Kutannoo (commitment ) " Nama sona gaarii qabu tahuuf ifaaji malee milkaa'ina qofa gonfachuuf hin ifaajin" ALBERT ANISTAAYINII 3. ITTI GAAFATAMUMMAA. Dirqamni ykn Ittigaafatamummaan dharraa irraa madde, gammachuu namaa kenna. 4. JABAATANII HOJJECHUU Akkuma jabaattee hojjechaa deemteen carraan waan gaarii argachuu kees dabalaa deema. 5. SABRII. Sabriin ida'ama sonaawwanii, amantii fi sansakaati. 6. AMANTII GAARII QABAACHUU 7. KAN FUDHATTE CAALAA KENNUU AMALEEFFADHU. "Namaaf mindeeffamtee hojjetta taanaan waan guddaa argamsiisuuf hojjedhu malee ga'ee sirraa eegamu qofa bahuuf hin hojjettin" Kiim Haabaardii 8. HUMNA KUTANNOO 9. GA'UMSA YKN HOJII OFIITTI BOONUU 10. NAMOOTA BIROO IRRAA BARACHUIF DHARRAA QABAADHU. Namni si gorsu ykn si barsiisu of eeggannoon filadhu.
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.