cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

DINIGAAS TRADING S.C HQ

Qindeessitootni koree asitti Wal gahu

Больше
Эфиопия12 833Язык не указанБизнес79 290
Рекламные посты
271
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
-130 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Фото недоступно
Yooyyaa Yooyyaa! Nageenyi keenya isin haa qaqqabu! Waamicha Kitaaba tokko Akkaadaamii Olbiraayitf jedhu isiniif dhiyeessine simachuu Fi gumaacha keessan taasisuuf kanneen waadaa Nuuf galaa jirtan galatoomaa! Kitaabota of harkaa kan qabdan Fi Gosa Kitaaba gumaachuuf feetan warri adda baafattan ammallee gumaacha keessan jabeessaa Itti Nuuf fufaa. Kaan ammoo Gosa Kitaaba bitamuuf yaadame isin adda baasaa Nuuf maxxansaa kan jettanillee haga qopheessinutti nueeguu dandeessu. Hunduu Ashaaraa keessa Albright keessa keewwadhaa. Keessumaa Hayyoota Fi barsiisota Seektera barnootaa keessa jirtanirraa waan baay'ee eegna. Isin Caalaa Eenyumtuu Bu'aa Kitaabaa waan hin beekneef.
Показать все...
Фото недоступно
Waamicha “Kitaaba tokko Albright Academiif”! #(Challenge) Dhaabbanni keenya ergama barnoota qulqullina qabu dhalootaaf kennuuf qabatee socho’aa jiru keessatti qophii gama maraan taasisu cinatti kitaabolee wabiif ta’an mana kitaabaa Albright academy kan Magaalaa Shaggar K/M Gafarsa Gujee(Kellaatti) banuuf deggersa miseensota waldichaa fi hawaasa bal’aa biraa walitti qabuuf qophii xumureera. Kitaabonni isin biraa argannu Kitaabota wabii barattoota Kutaa 9-12 jiraniif ta’u irratti osoo xiyyeeffatee gaarii ta’us, kitaabota seenaa, Afaanii, Saayinsii, falaasama fi kkf yoo argannes nutti tola. Kana malees kitaabota wabii barattootaaf ta’u yeroo gumaachitan sirna barnootaa yeroo ammaa hojiirra jiruun kan wal simu utuu ta’ee filatamaa dha. Sochii Challenge kanaan yeroo ji’oota lama keessatti kitaabota 1000 ol walitti qabuuf karoorfanne. Kitaaba kana Finfinnee fi Naannawaa Finfinnee kan jirtan qaamaan Biiroo head office Dinigaas kan Wiinget jiru ykn Mana Barumsaa Albright Academy Keelleetti argamutti nuuf fiduu kan dandeessan yoo ta’u fageenyarra kan jirtan ammo gatii kitaaba tokkoo yoo xiqqaate Qr 500 fi isaa ol lakkoobsa herrega Dhaabbataa CBE 1000585895451 irratti galii taasisuun nagahee keessan nuuf erguu dandeessu. Kitaabonni isin nuuf ergitan ykn kan maqaa keessaniin bitnu yaadannoo kennaa keessanii ta’ee mana kitaabaa keenya keessa akka taa’uuf Odeeffannoo keessa Qola Kitaabaa gara keessa isaatti isiniif barreessuuf Waadaa seenna. Hojii dhalootaa gara dhalootaatti darbu kana keessaa qooda fudhachuuf ammumarraa eegaluu dandeessu Galatoomaa!!!
Показать все...
👍 2
Ulfaadhaa, warri nu jajjabeessa jirtan hunduu galatoomaa. Kaayyoo waloon qabannee waloon akka milkeessinuuf hirmaannaan keessan ammallee jabaatee itti haa fufu. Miira qabbanaa'uu of keessaa fageessinee haga dhumaatti sochii ho'aa ta'een dhaabbata keenya goddisuu keessatti waan nurraa eegamu hunda haa bahannu
Показать все...
👍 1 1
Nagaan keenya isin haa qaqqabu! Yeroo muraasaaf walirraa fagaanne turre! Kunis:- - Odeeffannoo keessan siistema gubbaatti qindeessa turre. Tokko tokkoo keessan bilbilaan isin qunnamaa turuu keenya ni beektu. - Gidduuttis yeroo muraasaaf boqonnaa isiniif kennuu barbaadne, Ayyaanarras waan turtaniif Yeroo keessanitti akka fayyadamtan barbaadne. - Dhaabbanni keessan ammallee hojiitti jira, Manni barnootaa keessan qophii isaa xumuraa jira. Tooftaalee beeksisaa, hojimaata Bittaa meeshaalee Fi Caalbaasii, Fi kkf irratti gadi qabnee bilcheessuutti jirra. Dhimma gurgurtaa sheerii waliin walqabatee ji'a jaha keessatti sheerii hundeessummaa akka cufnu dubbachaa kan turre gaaffii gama keessanii Nuuf dhiyaachaa jiru Fi fayyadamummaa dhaabbata keessanii giddugaleeffannee yeroo hin murtoofneef(Yoo Xiqqaate waggaa) kan ta'uu banaa goonee turuu irratti mari'achaa turre. Carraa kanaan namoonni heedduun akka fayyadamtan abdii qabna. -Sheerii kana dura qabattanii turtani guddifachuu dandeessu - Kaffaltii ofirraa hin xumuriin kan jirtanillee ofirraa xumuruun sheerii biroo dabalachuu dandeessu. -Haga ammaatti sheerii keessan kafalattanii kan xumurtan hundaaf Certificate isiniif qopheessinee jirra. Warra fageenyarraa jiraniif Kallattii amanamaa ta'een bakka giddugaleessa ta'etti Isiniif ni dhiyeessina. - Certificate fudhachuuf namoota armaan gadii qofatu gahoodha(eligible) 1. Kaffaltii sheerii Fi hoji adeemsiftuu hunda ofirraa kan xumurtan. 2. Nagahee kaffaltii Origional isaa, Suura keessan, Fi waraqaa eenyummaa keessan warreen nuqaqqabsiiftan hunda. TIN Fi national ID yeroo siniif mijatutti Nuuf ergitu kennee waan amanneef yeroof ulaagaa dirqisiisaa hin taasifne. 3. Qr 5000 Fi Sanaa ol kafalattanii, kaffaltii itti aanu yeroo ammàa booda jiru keessatti kaffaluuf akka hin dandeenye yoo nubeeksiftan Certificate haga kaffalaniin Isiniif hojjennee kennina. Qr 5000 gad kaffaltanii kan jiraniif garuu Certificate kennuuf seerri ittiin bulmaataa keenya waan hin heyyemneef dirqama Qr 5000 Fi isaa ol kaffaluun isinirraa eegama. Maallaqni keessanis yeroo kamuu kan itti guuttattan yoo ta'u kanuma keessan waan ta'eef nagahee original fiddanii nagahee itti murachuu dandeessu. Kanaaf akkas haa goonu! Hojiiwwan karoorfannee jirru akka milkeessinuuf Sheerii keessan guddifachuu irratti jabaadhaa. Hiriyoota Fi Maatiikeessan affeeruun bichisiisaa. Haala Kaffaltiin walqabatee:- Haaluma Amma dura raawwachaa turtaniin yoo ta'u kana ammàa kanarratti bifa adda ta'een kaffaltii 25% booda kan jiru bifa qusannaa ji'aan akka raawwattaniif haala mijeessaa jirra. Adeemsa to'annoo Fi hordoffii kan isin beeksifna ta'a. Dhumarratti Dhaabbanni keessan Sadarkaa duuba deebi'uu hin danda'amnerra gahee jira. Yeroo ji'a 6 keessatti pirojektii qabatamaa ta'een kan hawaasatti bahe dhaabbata amanamaa Fi adda ta'eera. Jijjiirama qabatamaan argaa deemnu deggeruun dirqama hunda keenyaa yoo ta'u kana deggeruu dhabuun hinaaffaa qofa! Galatoomaa!
Показать все...
👍 4
01:04
Видео недоступно
Показать все...
12.14 MB
1
01:04
Видео недоступно
Показать все...
12.14 MB
1
Фото недоступно
ምክትል ጠቅላይ ሚኒስትር ተመስገን ጥሩነህ የስራና ክህሎት ሚኒስቴርና የተጠሪ ተቋማትን የስራ እንቅስቃሴ ጎበኙ ****************** ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አሕመድ (ዶ/ር)፥ ለፈጠራ ሀሳብና ለምርምር ምቹ የሆነ የስራ ከባቢ እንዲፈጠር ባስቀመጡት አቅጣጫ መሰረት በኢፌዴሪ ቴክኒክና ሙያ ስልጠና ኢንስቲትዩት የተከናወኑ የልማት ስራዎችና የኢኖቬሽን ውጤቶችን ምክትል ጠቅላይ ሚኒስትሩ ተዘዋውረው ተመልክተዋል። የስራና ክህሎት ሚኒስትር ሙፈሪሃት ካሚል በወቅቱ እንደገለጹት፥ በኢንስቲትዩቱ ለፈጠራ ሀሳብ ማፍለቂያ እና ለምርምር ምቹ ምህዳር ተፈጥሯል። ኢንስቲትዩቱ ከሀገር የልማት ግብ አኳያ ብቁ ሙያተኞችን እያሰለጠነ እንዲሁም በፈጠራና በእውቀት የሚመራ ኢኮኖሚ መገንባት የሚያስችሉ የቴክኖሎጂ ውጤቶችን እያወጣ ነው ብለዋል። በየዓመቱ 10 ሺህ ተማሪዎችን እያሰለጠነ የሚገኘው የቴክኒክና ሙያ ስልጠና ኢንስቲትዩቱ፤ ዘመኑን የዋጁ ቴክኖሎጂስቶች መፍለቂያ እየሆነ መምጣቱንም መጥቀሳቸውን ኢዜአ ዘግቧል። የኢፌዴሪ ቴክኒክና ሙያ ስልጠና ኢንስቲትዩት ዋና ዳይሬክተር ብሩክ ከድር (ዶ/ር) በበኩላቸው፥ የሀገርን ሁለንተናዊ ብልጽግና የሚያሳካ ብቁ የሰው ኃይል ስልጠና እና ምርምር ዋነኛ ትኩረታችን ነው ብለዋል። በዚህም የኢትዮጵያን ግብርና፣ ጤና፣ ቱሪዝም፣ ኢንፎርሜሽን ኮሙኒኬሽን ቴክኖሎጂ፣ ኮንስትራክሽንና ሌሎች ዘርፎችን ይበልጥ የሚያዘምኑ በርካታ ቴክኖሎጂዎች በኢንስቲትዩቱ መፈጠራቸውን አንስተዋል።
Показать все...
👍 4
  • Фото недоступно
  • Фото недоступно
  • Фото недоступно
Entrepreneurri keessan himalatti jira! Waliin haa jabaannu!
Показать все...
4👍 1
Barsiisonni hojii keessanitti qacalee taatan Albright Academy join gochuuf of qopheessaa! Adeemsa calallii gahaa ta'e keessa dabarsinee barsiisota seenaa hojjechuuf qophii ta'an simannee waliin hojjechuuf qophiitti jirra!Garee keenya hordofuun hin dagatiinaa! https://t.me/+lbihxof3NwJkYjVk
Показать все...
📰Akkaadaamii Olbiraayit📘Albright Academy

Baga nagaan gara Albright Academy tti nagaan dhuftan! Hiriyoota keessan nama 100 garee kanatti dabaluun badhaafamaa! እንኳን ወደ አዲሱ የ ቴሌግራም ግሩፓችን በሰላም መጣችሁ:: ጓደኞቻችሁን በመጋበዝ ይሸለሙ!

👍 1