cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

REFORM GENERATION✍✍ (DHALOOTA JIJJIIRAMAA)

DHALOOTA JIJJIIRAMAA (RIFORM GENERATION)

Больше
Рекламные посты
456
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
+1430 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

#SIMBIRROO FI #NAMICHA! Gaafa tokko namichatu simbirroo tokkoo harkaan qabe. Haa ta'u malee simbirroon kun namicha harkaa ba'uuf akka male muddamtee akkas jetteen. Yaa namicha nana gadi na dhiisi jetteen. Waan jajjabduu 𝙎𝙖𝙙𝙞𝙞 sitti nan himaa gadi na dhiisi jetteen. Hayyee/Tole/  natti himi jedheeni. Tokko lama jettee waan itti himtu keessaa waan 2 harkuma namichaa keessatti itti himte. Innis:- 1.𝙒𝙖𝙖𝙣 𝙝𝙖𝙧𝙠𝙖𝙖 𝙦𝙖𝙗𝙙𝙪 𝙟𝙖𝙗𝙚𝙚𝙨𝙨𝙞. 2.𝙒𝙖𝙖𝙣 𝙙𝙖𝙧𝙗𝙚𝙩𝙩𝙞 𝙝𝙞𝙣 𝙂𝙖𝙖𝙗𝙗𝙞𝙣 jettee lamaan kana erga itti himteen booda, kan 𝙨𝙖𝙙𝙖𝙛𝙛𝙖𝙖 yoo ati gadi na dhiiste malee sitti hin himu jetteen. Tole jedhee gadi dhiise. Erga barriftee mukarra teessee booda, 𝙨𝙖𝙙𝙖𝙛𝙛𝙖𝙖𝙣  akkasi jettee itti himte. 3.𝙒𝙖𝙖𝙣 𝙨𝙞𝙩𝙩𝙞 𝙝𝙞𝙢𝙖𝙣 𝙮𝙖𝙖𝙙𝙖𝙙𝙝𝙪 jetteen. 𝙊soo waan sitti himan yaadattee "𝙒𝙖𝙖𝙣 𝙝𝙖𝙧𝙠𝙖𝙖 𝙦𝙖𝙗𝙙𝙪 𝙜𝙖𝙙𝙞 𝙝𝙞𝙣 𝙙𝙝𝙞𝙞𝙨𝙩𝙪" jettee biraa  barriftee  baqaattee. Namichis maal akka jedhameen erga simbirroon biraa barriifteen booda yaadate. 1.waan harkaa qabdaan jabeessaa! 2.Waan darbetti hin gaabbinaa! 3.Waan sitti himan yaadadhaa. https://t.me/REFORMGENEREATION
Показать все...
REFORM GENERATION✍✍ (DHALOOTA JIJJIIRAMAA)

DHALOOTA JIJJIIRAMAA (RIFORM GENERATION)

Mul'ataaf malee mul'achuuf hin hojjatin Mul'anni kee bakka ati gahuu barbaaddu sitti mul'isa. Namni mul'ata qabu mul'ata isaa galmaan gahuuf jiraata. Namni mul'ata isaa galmaan gahuuf hojjatu galma ni ga'a. Namni mul'achuuf hojjatu galmi isaa mul'achuuf males mul'ata waan hin taanef galma gahu hin qabu. Namni mul'ata qabuu fi mul'ataaf hojjatu akka Ifaa bara baraan hin dhaamnetti mul'anni isaa ol baasee isa mul'isa. Namni mul'achuuf hojjatu immoo yeroo ta'eef akka Ifaa billic jedhee takka ifee deebi'ee dhaamuu mul'atee bada. Yoomiyyuu yoo ta'e mul'achuuf osoo hin taane, mul'ata kee galmaan gahuuf hojjadhu. Uffata feete uffadhu, konkolaataa feete qabadhu, barbaaddu xiyyaara feete qabaadhu, qabeenyi kee ittiin mul'achuuf osoo hin taane mul'ata kee galmaan ga'uuf hojjadhu. Waan mul'ata ittiin galmaan geessu malee waan ittiin mul"attu barbaadutti yeroo kee hin gubin. Addunyaa kan jijjiiran namoota mul'achuuf dhama'an osoo hin taane, namoota mul'ata galmaan ga'uuf dhama'aniidha. Cr https://t.me/REFORMGENEREATION
Показать все...
REFORM GENERATION✍✍ (DHALOOTA JIJJIIRAMAA)

DHALOOTA JIJJIIRAMAA (RIFORM GENERATION)

Bu'aa Sodaan Rabbi qabdu‼️ ومن يتق الله يجعل مخرجا ويرزقه من حيث لا يحتسب ومن يتوكل على الله فهو حسبه الأية Nama Rabbiin sodaatee waan itti ajaje raawwatee waan irraa dhorkame irraa fagaate Rabbiin rakkoo hunda keessatti furmaata isaaf fida, Bakka inni irraa hin yaanne isaaf keenna rizqii, Nama Rabbi irratti irkate Rabbiin isaaf tumsu isaaf keennuu furmaata isaaf fiduuf gayyadha. ومن يتق الله يجعل له من أمره يسرا الأية Nama Rabbiin sodaate Rabbiin dhimma ykn haaja isaa hunda isaaf xumuramuu isaaf laaffisa . ومن يتق الله يكفر عنه سيئاته ويعظم له أجرا الأية Nama Rabbiin sodaate Rabbiin ubbuu isaa ni dhiisaaf sawaaba hojii isaa dacha godhaaf , إن الله مع الذين اتقوا والذين هم محسنون الأية Rabbiin warra isa sodaatee waan inni itti ajaje raawwatee waan inni irraa dhoorke irraa dhoorme hojii gaarii hojjatan wajjin jira, ولو أن أهل القرى ءامنوا واتقوا لفتحنا عليهم بركات من السماء والأرض ولكن كذبوا فأخذناهم بما كانوا يكسبون الأية Osoo warri ganda takkaa ykn mormi tokko Rabbii isaanii sodaatanii waan itti ajaje raawwatanii hamtuu inni irraa dhoorke irraa dhoormanii Kheeyri ykn barakaa samii fi dachii keessa jirtu hundaan banaaf, Garuu isaan Jannata fi azaaba ergamoota Rabbiin isaanitti eerge eega du'an kaafamanii waan hojjatan irratti galata galfamuu ni kijibsiisan, sababaa hojii isaanii kanaaf qixaan isaan qabne isaan balleessine lafarraa. Yaa Rabbi kophaa fi namaa wajjin yeroo jirruus sodaa tee nuuf kenni, Yaa Rabbi si sodaachuu haraam irraa tiiyfamuu durumma si kadhanna.Bu'aa Sodaan Rabbi qabdu‼️ ومن يتق الله يجعل مخرجا ويرزقه من حيث لا يحتسب ومن يتوكل على الله فهو حسبه الأية Nama Rabbiin sodaatee waan itti ajaje raawwatee waan irraa dhorkame irraa fagaate Rabbiin rakkoo hunda keessatti furmaata isaaf fida, Bakka inni irraa hin yaanne isaaf keenna rizqii, Nama Rabbi irratti irkate Rabbiin isaaf tumsu isaaf keennuu furmaata isaaf fiduuf gayyadha. ومن يتق الله يجعل له من أمره يسرا الأية Nama Rabbiin sodaate Rabbiin dhimma ykn haaja isaa hunda isaaf xumuramuu isaaf laaffisa . ومن يتق الله يكفر عنه سيئاته ويعظم له أجرا الأية Nama Rabbiin sodaate Rabbiin ubbuu isaa ni dhiisaaf sawaaba hojii isaa dacha godhaaf , إن الله مع الذين اتقوا والذين هم محسنون الأية Rabbiin warra isa sodaatee waan inni itti ajaje raawwatee waan inni irraa dhoorke irraa dhoorme hojii gaarii hojjatan wajjin jira, ولو أن أهل القرى ءامنوا واتقوا لفتحنا عليهم بركات من السماء والأرض ولكن كذبوا فأخذناهم بما كانوا يكسبون الأية Osoo warri ganda takkaa ykn mormi tokko Rabbii isaanii sodaatanii waan itti ajaje raawwatanii hamtuu inni irraa dhoorke irraa dhoormanii Kheeyri ykn barakaa samii fi dachii keessa jirtu hundaan banaaf, Garuu isaan Jannata fi azaaba ergamoota Rabbiin isaanitti eerge eega du'an kaafamanii waan hojjatan irratti galata galfamuu ni kijibsiisan, sababaa hojii isaanii kanaaf qixaan isaan qabne isaan balleessine lafarraa. Yaa Rabbi kophaa fi namaa wajjin yeroo jirruus sodaa tee nuuf kenni, Yaa Rabbi si sodaachuu haraam irraa tiiyfamuu durumma si kadhanna.https://t.me/REFORMGENEREATION
Показать все...
REFORM GENERATION✍✍ (DHALOOTA JIJJIIRAMAA)

DHALOOTA JIJJIIRAMAA (RIFORM GENERATION)

Фото недоступноПоказать в Telegram
As wr wb Obboleyyan Islaama Martinuu Baga Rabbiin Guyyaa milkii, Guyyaa Gammachuu, Guyyaa Gudddaa ,Guyyaa Muslimoonni Martinuu Itti Gammadan Guyyaa 💓IID AL-ADHAA 💓tiin Nagayaan Geessan!!!!!!!!! 🪷🌺🌸🌼🌼🌼🌷🌷🌼🌷🌼🌷🌼🌼🌷 IIDNI KUN IIDA GAMMACHUU KAN MILKII⚡️ KAN BADHAADHAA🎄 KAN FURMAATAA🌻 KAN TASGABBII🌼 KAN RAAHAA💐 KAN JAALALAA💔 KAN TOKKUMMAA💥 isiniif haa ta'u
Показать все...
👍 4
Eeyyen, haalli keessa jirtu namuttuu himuufuu si rakkisuu mala. Garuummoo, haalota akkanaa hedduu keessaan dabartee eddoo amma jirtu gahuu kee hin dagatin. Yeroo tokko tokko, sirritti ol si qabuuf sirritti si rakkisee, gufuurraan gufuu biraatti si ceesisaa akka jirus hubadhu. Isa beektus beekuu baattus, isa gattus gatuu baattus, isa gantus ganuu baattus ~ Rabbii Rahmata isaa sirraa hin muranne qabdaa🤞🏽 Relax, Take it easy and have faith Namni sababa hedduuf si hubatuu dhabuus, si gargaaruu dadhabuus mala. Akkamiin abaluun koo na hubatuus, na deeggaruus dide jettee itti hin aarin, ittis hin murin ~ jalqaba miiraaf ilaalcha kee keessaa bahii namuma sanuu hubachuuf yaali ~ maaltu beeka, sihii isa abdattutu isumaa abdatamu san caaluu mala✍🏽 Yoomuu taanaan namaaf jecha waan tokko hin godhin. Wanti namaaf jettee gootu gaafa namni sun dugdaan sitti garagale mataa si nyaata. Hamma dandeetteen waan itti amantu qofa hojjachuuf yaali. Wanti itti amantu sun garuu waan haqa dabsu, kan nama biraa miidhu, yookin dabaaf shira hin tahin. Hammamuu, eenyumtuu sihaa jibbu, wanti ati itti amantee hojjatte sun yeroo hundaa boqonnaa sammuu siif kenna✍🏽 https://t.me/REFORMGENEREATION
Показать все...
REFORM GENERATION✍✍ (DHALOOTA JIJJIIRAMAA)

DHALOOTA JIJJIIRAMAA (RIFORM GENERATION)

👍 1 1
Guyyaa arafaa 1. Ibaadaa godhi guyyaa kee guutuu 2. Zikrii "laa ilaaha illallaahu wahdahu laasharika lahu, lahul mulku wa lahul hamdu wa huwa ala kuli shey'in qadrii" guddisi 3. Soomani maatii teetis soomansiisi 4. Duaaii akkaaan heddumeeysi. Irra caaltuun duaaii  ta guyyaa arafaati. Carraa tee lafa hin balleeysin. Allaah qabda isatti iyyadhu haajaa tee mara. 5. Facebook fii socail midiyaa guyyaa takkaaf irraa soomani. 6. Bakka socail midiyaa quraana fuudhi. Hoggaa lubbuun socail midiyaa feete hunda quraana, zikrii, duaaii, istighfaara malee jalaa didi 7. Sadaqadhu xiqqoo qabdurraa 8. Guyyaan arafaa guyyaa isa keeysa Islaamummaan guuttamte, amantiin filatamaan Rabbi biraa ilmaan namaatiif dhufe tolina isaa wajjiin guuttame, qananii guddoo Rabbiin Islaamummaa tanaan sirratti ole fakkari. 9. Magaalaa fii mana keeysattis takbiirtaa guddisi. https://t.me/REFORMGENEREATION
Показать все...
REFORM GENERATION✍✍ (DHALOOTA JIJJIIRAMAA)

DHALOOTA JIJJIIRAMAA (RIFORM GENERATION)

🛑 Ni beeytaa yoo amma jettee... ‏هل تعلم أنك إذا قلت الآن .. ---------------------------- سبحان الله والحمدلله ولا إله إلا الله والله أكبر .. Subhaanallaahi, wal hamdulillaahi, wa laailaaha illallaah, wallaahu akbar.. نعم الآن Eeyyeen zikrii tana yoo amma jettee.. أفضل من أي وقت تقولها في السنة : Yeroo kamiiyyuu kan jettu irraa kan waggaa hundaarra caaltuu taatee dha. لأننا في أفضل الأيام Irraa caaltuu guyyoota waggaa keessa jirra waan ta'eef . ما من أَيام العمل الصّالح فِيها أحبُّ إلى الله من هذه الأيام .. Guyyoota irraa hin taanee Dalagaleen gagaariin rabbi biratti irra jaalatamtuu guyyoota kurnan zulhijjaa kana irra. إلا رجل خرج بنفسه وماله فلن يرجع من ذلك بِشئ Namticha duulaaf lubbuu isaatiinifi qabeenya isaatiin bahee ergasii achi irraa ka homaanuu hin deebinee malee #عشر_ذي_الحجه https://t.me/REFORMGENEREATION
Показать все...
REFORM GENERATION✍✍ (DHALOOTA JIJJIIRAMAA)

DHALOOTA JIJJIIRAMAA (RIFORM GENERATION)

Guyyoota Kurnan Ji’a Zulhijjaa
Guyyoonni kurnan  jalqaba ji’a Zulhijjaa guyyoota Rabbiin biratti akkaan jaalataman keessaa tokko. Hadiisa Ibni Abbaas irraa odeeyfameen Ergamaan Rabbii ﷺ akki jedhan; ” Ibaadaan gaggaariin hojjataman kamiyuu, kan akka guyyoota kurnan kana (zulhijjaa) keessatti hojjataman caalaa Rabbiin biratti jaalatamu hin jiru” jedhan; Karaa Rabbii irratti du’uun hoo jechuun gaaffataman? “Eeyyee sunis taanaan yoo namticha karaa Rabbii irratti lubbuu fi qabeenya isaa hunda kennee kan wan takkaan hin deebi’iin yoo tahe malee” jedhan  Ergaman Rabbii ﷺ. Guyyoonni  Kurnan jalqaba Zulhijjaa irratti argaman kunniin, guyyoota ibaadaan gaggaariin ilmi namaa hojjatu hundi Rabbiin biratti kanniin yeroo biroo hojjatu caalaa jaalatamoo tahuu hubatuun, nutis hanga dandeenyeen guyyoota kana keessatti jabaatuu qabna. Akkasumas, diliin, guyyoowwan khana keessatis tan guyyaa birarraa, addaa beekhi  tanaafuu yoo keeyrii  dalaguun sittii ulfaattellee arrabaan waan hamtuu dubbattee harkaan waan hamtuu barreessurraa, wallee fi Muziiqaa dhaggeeffatu yookaan share godhuu irraa of eegunis , ibaadhaa beekhi! Rabbiin Warra Milkaayerraa Nuhaa Godhuu. https://t.me/REFORMGENEREATION
Показать все...
REFORM GENERATION✍✍ (DHALOOTA JIJJIIRAMAA)

DHALOOTA JIJJIIRAMAA (RIFORM GENERATION)

Фото недоступноПоказать в Telegram
Blum Airdrop Gabaa telegram taptap hanga ammaatti gatii guddaa qaba jedhamaa jira Warri hin jalqabne carraa kana darbuu hin qabdan yoo ta'e ammuma jalqabdanii hanga guyyaa tarreeffamanitti Qarshii 1,000,000 walitti qabuu dandeessu salphaatti qarshii 350-450 argachuun jalqabuuf 👇 t.me/BlumCryptoBot/app?startapp=ref_yBemStgPjy
Показать все...
MusabPower875Do quizzes to earn US dollars, easily earn 1 US dollars in 1 minute, and anyone who logs in to our website will get 10 US dollars. https://m.payquiz.top/92653139494159911/?s=tg
Показать все...
🕖Take quizzes to make money. 🕚

Answer the questions and challenge to earn one dollar per minute.

Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.