cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Temesgen A.Lawyer

Больше
Рекламные посты
1 063
Подписчики
+324 часа
+267 дней
+9330 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Repost from Elias K. Law Room
Qajeelfama Hundeeffama Koree Raggaasistuu,Teekinikaa fi Komii Raawwii Bittaa Ijaarsaa fi Tajaajila Gorsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 27/2015
Показать все...
Qajeelfama Lakk.27_2015.pdf10.25 MB
Repost from Elias K. Law Room
The Impact of Minimum Regulatory Capacity Requirements on The Performance of Bank: The Case of Ethiopian Private Commercial Banks Credit to Geez law www.
Показать все...
THE IMPACT OF CAPITAL REQUIREMENTS ON PERFORMANCE.pdf2.67 KB
decision (effect of certificate--liquidation) (1).pdf0.52 KB
Repost from Desalegn B.
Gaaffii "mirgi bilisummaa qaamaa kiyya akka naaf kabajamu (Habeas Corpus) jedhamee dhiyaatu keessummeessuun wal qabatee, darbee darbee, ogeessota seeraa gidduutti ejjennoon garaagaraa ni calaqqisa. Ogeessonni tokko tokko, gaaffiin 'Habeas Corpus' kan dhiyaachuu danda'u "haalli itti jalqaba irratti namni tokko qabame seeraan ala yoo ta'e qofadha malee" boodarra adeemsa seeraan alaatiin qabamee turuudhaan wal hin qabatu kan jedhan yemmuu ta'u, ogeessonni biroon immoo seerri deemsa falmii sivilii kwtni 177 jalqaba qofa irratti qabiinsi isaa seeraan ala ta'uu qofa kan ilaallatu osoo hin taane jalqaba irratti haalli itti qabame sirrii ta'ee adeemsa keessa garuu akkaataa seerri ajajuun ala hidhamee yoo argames tumaan Heeraa kwtni 19(4)fi sdfs kwtni 177 raawwatiinsa ni qabaata jedhu. Fakkeenyaaf, namni tokko Yakka ajjeechaatiin shakkamee erga qabamee booda, beellamni yeroo irra deddeebiidhaan isa irratti kennamee ragaan yoo dhabameefi galmeen beellama yeroo isaas yoo cufame furmaata akkamii qabaata? Ka'umsarraa yakka ajjeechaatiin waan shakkameef wabiidhaan (sdfs Kwt 179) ykn akkanumatti gadi Lakkifamuu hin danda'u jechuudhaa? Ragaan qabatamaatti shakkamaayyuu isa taasisuu danda'u hin jiru taanaan maal eega? Furmaatni sdfs Kwt 177n kennamu 'extraordinary remedy' mitii? (Seera Idileetiin furmaatni diriire hojiirra ooluu yeroo hin dandeenyetti ykn wayita gahaa hin taanetti kan hojiirra oolu mitii?) Hubachiisa: 👉Sdfs Kwt 179 jalatti iyyannoo 'habeas Corpus' dhiyaate ilaalchisee haalli dhimmichaa ilaalamee wabii waamsisuun gadi lakkisuun akka danda'amu ibsa. 👉Sdfs kwtni 177 akkaataa itti namni sun jalqaba qabame qofa irratti daangeffamuu kan qabu ta'uu hin ibsu. (Adeemsa seeraan alaatiin qabamuu, hidhamuufi akka hin sochoone taasifamuu ibsa) (Waraabbii Afaan Amaaraa ilaali) 👉Heera kwtni 19(4)fi sdfs kwtni 177 gosa Yakkaa namni tokko jalqaba ittiin shakkamee qabame irratti hundaa'ee gaaffiin 'Habeas Corpus' kan ilaalamuu qabu ta'uus hin ibsu. (Haalonni madalamuu qabu jedhamee Heerichaan tumame akkuma jirutti ta'ee) 👁️Waan hundaafuu, mee Murtii dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, dhaddacha gaafa 21/02/2015 ooleen Lakk.Ga.235413 ta'e irratti kenne (Kan hin maxxanfamne) ilaalaa☝️☝️☝️☝️☝️    Isin akkamitti hubattu? (Heera, sdfs, murtiilee dirqisiisaa, hojmaataafi seen-duubee 'Habeas Corpus')         Desalegn B.
Показать все...
Repost from Desalegn B.
Murtii dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, dhaddacha gaafa 21/02/2015 ooleen Lakk.Ga.235413 ta'e irratti kennedha. (Kan hin maxxanfamne)      Desalegn B.
Показать все...
Habeas Corpus (Cassation).pdf3.60 KB
5.Qabeenya dhaalaa ilaalchisee falmiin dhaalaa fi garee 3ffaa nama dhaalaa hin taane jidduu ka'uuf darbiinsa yeroo waggaa 10 tiin daangeeffama,shh keewwata 1845 fi #Dhadfacha_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 6ffaa Lakkoofsa Galmee 25664. 6.Himataan qabeenyi dhaalaa himatamaan qabamuu beekes beekuu baates dhaalchisaan erga du'e,ykn himataan mirga isaa gaafachuu danda'e irraa eegalee waggaa 15 booda qabeenya dhaalaa deebisiisuuf himanni dhihaatu darbiinsa yerootiin daanga'a,shh keewwata 1000(2). 💥Dhaddacha_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa Jildii 20ffaa Lakkoofsa Galmee 120841 hiikoo dirqisiisaa kenne. 7.Gahee qoodiinsa qabeenya dhaalaa ilaalchisee qoodinsa qabeenyaa erga beekee kaasee waggaa 1(tokko) keessatti gaaffii yoo hin dhiheessine darbiinsa yerootiin daangeeffama.Sababa kamiinuu dhaalchisaan erga du'ee kaasee shallagamu waggaa 10 keessatti gaaffii gahee isaatiif yoo hin dhiheessine darbiinsa yerootiin daanga'a,shh keewwata 1080(3). 👉#Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakkoofsa Galmee 40418. 8.Garuu,himata qabeenya dhaalaa dhaaltonnii fi qabeenyi gaheen isaanii beekamee fedhiin osoo hin qooddatin kan kaa'an yoo ta'e,yeroo kamittuu gaaffii dhihaachuu waan danda'uuf,darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu. 👉#Murtii dirqisiisaa Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakkoofsa Galmee 38533,fi shh kefewwata 1160,1161. Maddi Barruu kanaa fuula FB A/seeraa M/teyib nuureeti Galatoomaa!!
Показать все...
Repost from Elias K. Law Room
👉የኢትዮጵያ የሽግግር ፍትህ ትግበራ ፍኖተ-ካርታ (ረቂቅ) 👉ETHIOPIA TRANSITIONAL JUSTICE IMPLEMENTATION ROADMAP (DRAFT)
Показать все...
transitional justice draft - Stamped.pdf7.31 KB
👍 1
Repost from Desalegn B.
Dhaddachi Ijibbaataa MMWO murtii dirqisiisaa (HAARAYA) dhaddacha gaafa 11/10/2016 ooleen Lakk Ga.453487 ta'e irratti kenneen dhimma mana Murtii Aadaa Sadarkaa jalqabaatti dhiyaatee, MM Aadaa oldabarfataatiin oliyyannoodhaan ilaalameen walqabatee murtii dhumaa kan kennu Mana Murtii Aanaa (Idilee) ta'uufi namni murtiin dhumaa MM Aanaatiin kenname dogoggora bu'uura seeraa qaba jedhu dhaddacha Ijibbaataa MMWOtti iyyachuu kan danda'u ta'uu ibseera.       Desalegn B.
Показать все...
Murtii Dirqisiisaa Dhaddacha Ijibbaataa MMWO.pdf5.73 MB
Dhimma Yakkaa Ilaalchisee Akkaataa Dhihaatinsaa Fi Madaallii Ragaa Irratti Xinxaala Bal'aa Fi Murtiilee Dhaddacha Ijibaataa. Qopheessaan:@musalawyer
Показать все...
Madaallii Ragaa dhimma yakkaa (1).pdf3.98 KB
📌𝐌𝐨𝐨𝐣𝐮𝐮𝐥𝐢𝐢 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐥𝐞𝐞 𝐝𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐢𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐟𝐢 𝐱𝐢𝐧𝐱𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐒𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐥''𝐚𝐚 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐪𝐨𝐩𝐡𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐟𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐞𝐞𝐝𝐡𝐚. 📌𝐊𝐚𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐠𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐌𝐨𝐨𝐣𝐮𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐤𝐮𝐧 𝐪𝐨𝐩𝐡𝐚𝐚'𝐞𝐞𝐟𝐢𝐬 𝐡𝐚𝐧𝐪𝐢𝐧𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐪𝐚𝐚𝐰𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐥'𝐚𝐭𝐮 𝐟𝐮𝐫𝐚𝐦𝐮𝐮𝐧 𝐡𝐚𝐪𝐚 𝐮𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐌𝐢𝐫𝐤𝐚𝐧𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚. ✍𝚀𝚘𝚙𝚑𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊𝚊𝚗 𝗞𝗮𝗯𝗮𝗷𝗮𝗺𝗼𝗼 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮 𝗟𝗲𝗲𝗹𝗹𝗶𝘀𝗮𝗮 𝗛𝘂𝘀𝘀𝗲𝗲𝗻 𝗔𝗵𝗶𝗺𝗮𝗱 (𝐋𝐋𝐁) 🙏𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐨𝐨 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐧 𝐧𝐮𝐮𝐟 𝐠𝐚𝐥𝐚𝐭𝐨𝐨𝐦𝐢 𝐣𝐚𝐧𝐧𝐚𝐧 𝘔𝘰𝘰𝘫𝘶𝘶𝘭𝘪𝘪𝘯 𝘬𝘶𝘯 𝘯𝘢𝘮𝘢 𝘩𝘶𝘯𝘥𝘢 𝘣𝘪𝘳𝘢 𝘢𝘬𝘬𝘢 𝘨𝘢𝘩𝘶 𝘭𝘪𝘪𝘯𝘬𝘪𝘪 𝘵𝘦𝘭𝘦𝘨𝘪𝘳𝘢𝘮𝘪 𝘬𝘦𝘦𝘯𝘺𝘢 𝘬𝘢𝘯𝘢 𝘫𝘰𝘪𝘯 𝘨𝘰𝘤𝘩𝘶𝘯 𝘴𝘩𝘢𝘳𝘦𝘴 𝘸𝘢𝘭𝘪𝘪𝘧 𝘨𝘰𝘥𝘩𝘢. https://t.me/musalawyer
Показать все...
Hiikkoo Murtiilee DH I M MWF Maatii Fi (1) (1).pdf2.16 MB
Repost from Elias K. Law Room
የንብረት ታክስ ረቂቅ አዋጅ.pdf6.72 KB
የኢትዮጵያ ብሔራዊ ባንክ አዋጅ.pdf6.59 KB
THE NATIONAL BANK OF ETHIOPIA PROCLAMATION.pdf1.46 MB
የባንክ ሥራ ረቂቅ አዋጅ.pdf9.84 KB
የባንክ ሥራ ረቂቅ አዋጅ ኢንግሊዘኛ.pdf7.35 KB
የባንክ ሥራ ረቂቅ አዋጅ ማብራሪያ .pdf7.88 KB
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.