๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐F
"Kan balleesseef gorsa , Kan jarjareef obsa"
ะะพะปััะต1 518
ะะพะดะฟะธััะธะบะธ
+924 ัะฐัะฐ
+407 ะดะฝะตะน
+13330 ะดะฝะตะน
- ะะพะดะฟะธััะธะบะธ
- ะัะพัะผะพััั ะฟะพััะพะฒ
- ER - ะบะพัััะธัะธะตะฝั ะฒะพะฒะปะตัะตะฝะฝะพััะธ
ะะฐะณััะทะบะฐ ะดะฐะฝะฝัั ...
ะัะธัะพัั ะฟะพะดะฟะธััะธะบะพะฒ
ะะฐะณััะทะบะฐ ะดะฐะฝะฝัั ...
OROMOO NAMA KAMIIFIYYUU GARAA LAAFA ๐๐จ๐ซ๐ญ๐๐๐ง ๐๐๐๐๐๐, ๐๐จ๐ง๐ญ๐จ๐ฆ๐๐ ๐๐ข ๐๐๐๐ซ๐ข๐ฆ๐ฎ๐ฎ,๐ฒ๐จ๐จ ๐ ๐๐ซ๐๐ ๐ฌ๐ข๐ข๐ ๐ฅ๐๐๐๐๐ง ๐๐ค๐ค๐ฎ๐ฆ๐ ๐ฅ๐๐๐๐ฌ๐๐๐ง๐ข๐ข ๐ฐ๐๐ซ๐ช๐ข๐ข ๐ฌ๐ข๐ข ๐๐ซ๐ฃ๐จ๐จ๐ฆ๐ฎ. ๐๐จ๐จ ๐๐ข๐๐๐ง๐ข๐ฌ,๐ฐ๐๐๐ง ๐จ๐๐ข๐ข ๐ข๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข๐๐ค๐ค๐ ๐๐๐ง๐ฌ๐๐ ๐ฃ๐๐ฃ๐ฃ๐๐๐๐๐ญ๐ฎ.
๐ 1
๐๐ผ๐ด๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐ฟ๐๐๐ป ๐ผ๐ณ ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐๐๐ณ
๐ป๐ฎ๐บ๐ฎ ๐ด๐ฎ๐ฟ๐ด๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐ฎ.
๐ฆ๐ผ๐ผ๐ฟ๐ฎ๐๐ฎ.๐๐ฎ๐บ๐บ๐๐๐๐ถ.
๐ซ sแดssแดแดแดแดษด แดแดแด
สแดแดสแดแดา แดแดสแดแด ษขแดแดแดแดแดสแดแดา
สแดสแดแด สษชษด วซแดสแด.
๐งท sแดssแดแดสแดแดษด, ษขแดแดแดแดแดสแดแดา แด
ษชษชษดแด .
๐ 2
๐ Wallaalaa tuffachuu fi walaalumaan nama arrabsuun namaa , wallaalaa , isa wallaalaa gadii ta'uu of wallaaluu ibsa.
๐ป Balleessuuf hin yaadiin kan si balleessu tuquu dandeessa.
๐ Beekumsi guutuu nama taasisa malee nama hin tuffachisu.
๐ Dandeettiis ta'e beekumsas, hiree ofii ittiin namni nama biroo caalu hin dhabu.
๐ Dandeettii Kee uumamaan siif qoodame yoo argatte "talent " dafte farda MILKIIN gulufta.
๐ Hangasittuu milkii barbaacha gugguufuun dirqama.
๐ Gaafa Milki argatte isatu siif gugguufa.
๐ Karra karoorri tole asiif achi hin raafamu.
๐ 4
๐น WANTOOTA JAHAN KANA AMMOO HUBADHU!
1. Yaadi malee hin dhiphatiin!
2. Nama irraa baay'ee hin eeggatin!
3. Dandeettii keetti fayyadami!
4. Dogoggora kee irraa baradhu!
5. Ofitti amani!
6. Dandeettii kee beeki!
@ifaboruuf
๐ 6
Dada (nageenya) jechuu6 afaan siyaasaan maal jechuudha ?
Abbootiin irreetiifi demokraatonni waa'ee
nageenyaarratti kan waliin haasawan yoo tahe
balaa booda as bahuu malu ilaalchisee ifatti yaaduun barbaachisaadha.
Kan waa'ee "nageenyaaโ lallabu hundi nageenya bilisummaafi haqa dhugoomsu hawwa jechuu miti.
Cunqursitoota tarkaanfii hammeenyaa ummata kumdhibboota irratti raawwataniif jilbiinfatanii buluun nagaya dhugaa fiduu hin danda'u.
Fknf Hitlariilleen yeroo baay'ee waamicha nageenyaa dhiheessa ture.
Yeroo "nageenyaโ jedhu garuu, hundumtuu fedhii isaatiif akka
bitamee bulu kan gaafatu ture.
Waamicha nageenyaa abbootii irree jechuun nageenya
mana hidhaa keessaa yookiin awwaala keessaarraa addatti kan laalamu miti.
Balaawwan birootiis ni jiran. Gartuun abbaa-irree kan akeeka dhokataa qabatee waliin
haasawaaf dhihaatu al tokko tokko akeekaafi adeemsa marii sanii waliin dhawuutu argama.
Karaa qaceelloo akka hin qabanne taasisa.
๐ 2
OSOO
Guyyaa tokko maraattota ykn rakkoo sammuu qaban lamatu wajjin deemaa turan.
Osoo deemanii waa lafatti argan . Waamtichi mแบกal akka
ta'e wallaalan.
" Maraataa inni
tokkoo udaan jedhe inni tokkommoo udaan miti jedhe yeroo dheeraaf erga wal falmanii รกkka tuqanii ilaalan irratti
walif galan.
Isa booda mแบกraata inni tokko muka xiqqoo lafaa fuudhee udaan sana tuqee fudhee
afaan isaan dhamdhamee erga ilaalee booda "bagan harka kiyyaan itti hin bu'iin sirriidhuma udaanidha" jedhe jedhama.
Faayidaan Sammuu himammee hin dhumu jechuudhumaafin waan badaa kana qoode jechi safuu cabsuu danda'us ergaa isaa irratti osoo xiyyeeffannoo gootani!
@IFABORUUF join and share godhaa
๐ 6
. Gati Jaalalli Baasu
Inni wallagaa duunaan
Arsin booicha taa'u
Inni Harargees madoofnaan,
Gujiin faana madaa'u.
Kan Jimmi shawaa ฤhaqee
Gaddas,gammachuuf waamu
Kan Wallaggi dhaamsasaa
Walloof barreessee dhaamu...
Eebba Booranni eebbise
Horroon iraa fudhatee
Dhadhaa Salaalee dhufuun
Shaggar mataa dibate..
Dhagaarratti ijaaranii
Mana citaa tuffatuu
Jaalalli shakkiin hin qabu
Furrii wajiin dhungatu!
Hundumtuu gatii qaba
Gatii ittiin tilmaamamuu
Kan jaalalaa addatti
Maallaqaan hin himamu
Lubbuu tokkitti kennee
Jireenyasaa qabsiisee
Miindaaf maallaqa miti
Jaalalatu barsiise
Hundumtuu shallagamee
Ulfaatina inni kaasu
Kana jedhee hin himamu
Gatii Jaalalli baasu!
๐ 8
Fedhiikee
Utuu hin beekiin jaallattee
Utuu hin beekiin jibbita
Fedhiinkee yoo raafame
Maallaqarra si bita
Qalbiin osoo hin murteessiin,
Miirakeen murteessitee
Sammuun osoo hin ilaaliin
Afaankeen odeessitee
Garaankee murtii hin qabu
Raafamaadha keessikee
Hin jarjariin qalbiidhaan,
Hin gurguriin fedhiikee...
Mana dhugaatii baatee
Hin deemiin mana du'aa
Nama fedhiin gurgure
Boolla hin beekamne bu'a.
@ifaboruuf
๐ 7
AMALOOTA NAMOOTA
SHIRA XAXANII
1. Ofii mul'achuuf si dhoksu.
2. Ofii mi'aahuuf si hadheessu.
3. Amanamoo of fakkeessuuf amanamummaa kee mormu.
4. Cimina kee dhoksanii dadhabina kee qofa odeessu.
5. Yeroo si bira jiran si jajanii, duuba kee immoo si hamatu.
6. Sababa tokko malee si jibbu.
7. Hammeenya kee qofa ol kaasani odeessu.
8. Akka nama waan hunda beekuutti of tilmaamuun, ana malee jedhu.
9. Wanta gaarii hojjetan hunda beekamtii argachuuf qofa hojjetu.
10. Dhiifama gochuus ta'e gaafachuun sodaa itti fakkaata.
Amaloota kanneenii keessaa ati akka hin jirre beeka. Garuu namoota amala kana qaban irraa of eegi jechuudhumaafani
#Waan_dubbistaniif_Galatoomaa๐ @ifaboruuf
chaanaalii hojii osoo hin taane kan beekumsaati.
๐ 9
Bilchina jechuun sadarkaa barnootaa ykn umurii miti. Miira, safuu fi ilaalcha namoota biroof qabduun madaalama.
โโโโโโโโโโโ
โค 2