cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

𝗤aroo 𝗤aroome

Больше
Рекламные посты
17 677
Подписчики
+5924 часа
+5227 дней
+2 01030 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Repost from N/a
Фото недоступноПоказать в Telegram
Saree lakkoofsa meeqa irra jirtutu aannan dursee argata? 𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥 ⦿ Lakk - 1 ⦿ Lakk - 2 ⦿ Lakk - 3 ⦿ Lakk - 4
Показать все...
👍 14 10
⦿ Lakk 1
⦿ Lakk 2
⦿ Lakk 3
⦿ Lakk 4
Kitaaba think again jedhu irraa “Irraa Deebi’ii Yaadii(Think again)” Barumsa xiqqoo:- •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1.Akka saayintistii yaadii(Think like a scientist) •Saayintistiin yeroo hunda Sammuu waa irra deebi’ee yaaduu keessa jirata kunis beekumsa haaraa argachuuf waan isaa dandeessisuuf waan ta'eef. •kana jechuun,ammoo Beekumsi humna yoo ta’e waan hin beekne beekuun ogummaadha. 2.Waan hojeettu keessatti gad of deebisuu ofitti amanamummaa horadhu •Gad of qabuun ofitti amanamummaa dhabuu miti. kana jechuun ammoo namni kamiyyuu mudaa fi doggongorra akka qabu beekuun murteessadha. •Dhugaa kana gonkumaa ijaan arguu dhabuu,Ofitti amanamummaan waa’ee ofitti amanuudha. 3.Yaada Eenyummaa kee irraa adda baasuun Hubadhu(Detaching Opinion from Identity) •Yaada keenyaa fi amantaa keenyatti garmalee maxxanuu irraa of qusachuu qabna. •Waan gonnu kammiyyu Qaama eenyummaa keenyatti akka maxxanni ta’u gochuu hin qabnu. •kunni ammoo,yaadni keenya qaama eenyummaa keenyaa akka ta'u yommuu hayyamnu, dogoggora ta'uu yaaduun diinummaa fidaa Waan ta'eef 4.Yaadaa gaaffii Maliif osoo hin taane Akkamitti jedhu falmuun murteessadha(Argue about HOW and not WHY) √Maaliif yeroo baay’ee haasofni miiraa fi "ego''dhaan kan geggeeffamu yoo ta’u, namoonnis warra kaan nituffatu. •Akkamitti mari'achuu erga jalqabdee booda namoonni qaawwa beekumsa isaanii fi mudaa xumura isaanii hubachuu jalqabuun falmii xiqqaa ta'u danda'aa 5.Akkaataa falmii mo'achuu fi akka gaariitti mari'achuu dandeenyu! •Falmii isa dadhabaa ta'etti duuluu mannaa,isa gaarii isaaniif beekamtii kennuu irratti duluun murteessadha. •Qabxiilee muraasa keessa,garuu ciccimoo ta'an irratti xiyyeeffachuun gaaffii gaafachuu 6.Af-gaaffii Kaka’umsaatiin yaada jijjiiruu •Namootni akka jijjiiraman kakaasuu hin dandeenyu. kunni ammoo Jijjiiramaaf kaka’umsa mataa isaanii akka argatan gargaaruuf carraa fooyya’aa qabnitti fayyadamuun murteessadha. ∆Furtuuwwan gaaffii jedhamaan: -Gaaffii banaa gaafachuu(Asking open ended questions) Dhaggeeffachuu calaqqisiisuu irratti bobba’uu(Engage in reflective listening) -Dandeettii nama sanaa mirkaneessuu(Affirming the person’s ability) 7.Sammuu Poolaarii (Dealing with Polarised Mindsets) •Kan jechuun qaama yaadaan siif galuun ykn yaadaan sii amannu hindandeenye wajjin wal’aansoo qabuu dhisuu. ~Namoonni hedduun isaanni yaada lamaan (binary mindset) qabatanii socho'u. fkf. Wanti hundi gurraacha ykn adiidha jedhuun sinni mormuu. •Furmaanni isaa ilaalcha garmalee salphaa ta'e kana walxaxiinsaa fi Wal hubaan galchuudhaan cabsuudha. 8.Ijjoolleef Irra Deebi'anii Yaaduu(Rethinking for Kids) •Shaakkala wixinee tokko qofa osoo hin taane dachaa hojjechuu,Keessattu pirojektoota kalaqaa Sammuu ta'aan keessatti. 👉Wixineen baay'achuu jechuun irra deebi'anii yaaduu, irra deebi'anii hojjechuu, polishing fi fine-tuning gochuu jechuudha. Dhuma irratti oomisha qulqullina olaanaa qabutti geessuu. 9.Dhaabbilee Barnootaa(Learning Organizations) •Nageenya Xiin-sammuu fi Itti Gaafatamummaa adeemsaa walitti makuun zoonii barumsaa uumuuf waan barbaachisuuf barnoota barachuu itti fufii. •Kabajaan kaasuun,namoonni yeroo hunda“akkamitti beekna“ jedhanii akka gaafatan jajjabeessuun aadaa gaaffii kaasuu horachuu qabdu. 10.Karoora Hojii fi Eenyummaa fudhachuu(Career Planning and Identity Foreclosure) •Ijjoolleen yeroo guddatan maal gochuu akka barbaadaan gaafachuu dhiisuu qabna.....kunni waan guddoodha yeroo bayyee hundii keenyaa Aadaa godhanne Da'immaan Keenyaa maal ta'uu barbaaduu jenana ..akka kitaaba kanatti gaafachuun sirrii miti jedha. Please add More* Namoota #jaallattan Positive mind find opportunity in everything. https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Показать все...
👍 9
Фото недоступноПоказать в Telegram
Joobirri seenaa ajaa’ibsiisaa baay'ee ni qaba. Kanneen keessaa amaloota 6 waliin haa ilaallu: #1ffaa: Joobirri kophaa isaa olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a. Joobirri simbirroota xixiqqoo kan akka ‘sparrows’ yookiin gosa biroo kamiyyuu waliin hin balali’u. Kophaa isaa fi olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a. ⁃ Kuni kan nu hubachiisu namoota sammuu dhiphoo qaban irraa fagaachuu akka qabnuu fi hiriyaa filachuu dha. Namni dhaabbata inni qabateen beekama. Yeroo hunda mo’attoota waliin taa’i! Bakka si madaalutti argami! #2ffaa: Joobirri mul’ata guddaa fi sirrii ta’e qaba. Joobirri dandeettii ijaan arguu guddaa qaba, waan samii irraa hanga 5km fagaatu irratti xiyyeeffachuu danda’a. Kallattii cufame waan qabaniif adamsa irratti xiyyeeffatu. ⁃ Kuni wanti nu hubachiisu yeroo hunda jireenya keessatti xiyyeeffannoo ifa ta’ee fi mul’ata itti kaayyeffattu qabaachuu akka qabduudha. Jireenyi gufuu hedduu qabdi. Ergama kee irraa abdii hin kutin. #3ffaa: Joobirri lafee haaraa fi foon haaraa malee waan du’aa hin nyaatu. ⁃ Kuni wanti nu barsiisu, waan darbe dhiisudhaan qajeelfama haaraa, karaa haaraa mo’achuu danda'an qorachuu itti fufuu akka barbaachisu dha. #4ffaa: Joobirri qilleensa bubbeen makate jaallata. Qilleensi bubbeen makate joobira ni kakaasa, erga olka’iinsa murtaa’e tokko irra gahee booda, baallee isaa irratti siiqanii boqotu. ⁃ Kun wanti nutti argisiisu, tuqaawwan gara fuulduraatti ittiin socho’an walitti hidhuu, qormaata jiru fudhachuun akka ta'udha. Qormaanni nama jabeessuu qofaaf akka ta’e amanuu dha. Obomboleettii jireenyaa fayyadamuun gara olka’iinsa guddaatti ol ka’uudha malee mataa buusanii taa'uu miti. Shaampiyoononni qormaata gonkumaa sodaachuu hin qaban. #5ffaa: Joobirri leenjidhaaf qophaa'a. Ijoolleen isaa akkaataa koonyaa keessaa ba’anii balali’an baratu. ⁃ Kuni kan argisiisu zoonii mijataa keessa jirtu akka dhiiftuu fi guddinni achi akka hin jirre akka bartudha. Qormaata tokko tokko irratti hirmaadhu. #6ffaa: Joobirri Gaafa Dulloomu Humna Isaa Haaromsuuf Bakka Fagootti Soorama Baha. Joobirri yeroo dulloomu rifeensi isaa ni ulfaata, funyaan isaa ni qaxxaamura. Jiraachuudhaaf jecha gara fiixee gaaraa deemee hamma inni bahutti funyaan isaa dhagaa tokkotti rukuta. Of haaressa. ⁃ Kana irraa kan nuti barachuu dandeenyu amalli durii darbee darbee hammam rakkisaa ta’us, wantootni ba’aa nutti ta’an yookin jireenya keenyatti gatii hin daballe of biraa hambisuun akka nurra jiraatuu fi akka of haaressinuu dha. Jireenya kee keessatti akka JOOBIRAA ta'i!
Показать все...
👍 26 2👎 1
Bara durii keessa mootiin tokko hojjataa isaa tokkoon dhagaa guddaa tokko fuudhee akka inni karaa guddaa biyya sanaa gubbaa kaa'u godhe. Nama dhagaa sana daandii sana irraa kaasu ilaaluuf mootiin irraa siqee taa'ee ilaala. Daldaaltonni gurguddoon dhufanii ilaalanii irraa goranii darbu ture. Namoonni baay'een immoo mootiin maaliif daandii kana qulqulleessuu dhiise jedhanii komachaa adeemu ture. Osoo kanaan jiruu qotee bulaan tokko hoolota oofaa daandicha irra darbuuf dhufe. Itti siqee ilaale, hoolota isaa bira darbee, dhagaa sana daandii irraa kaasuuf dhiibuu jalqabe. Dhamaatii guddaa booda dhiibee daandii irraa kaasuu danda'e. Hoolota isaa oofee deemsa itti fufuuf yeroo as garagalu, boorsaa (giiphii) iddoo dhagaa sochoose sana argee fuudhee gaafa ilaalu, warqee baay'inaan keessa guute arge. Boorsaa sana kan dhagaa jala kaa'e mooticha ture. Nama dhagaa sana achii kaaseef beenyaa akka ta'uuf. Argitanii! Jireenya keenya keessatti gufuun nu qunnamu carraa nuuf kenna. Carraa ittiin of jijjiiruu dandeenyu. Yeroo warri dadhaboonni komiin dabarsan, warri kaan immoo garraamummaadhan, jaalalan, gad of deebisuudhan, namaaf yaaduudhan carraatti fayyadamu. Gufuu sin qunnamu carraa godhii itti fayyadami! 👇Join 🌟QAROO QAROOME🌟
Показать все...
👍 16👏 1
Yeroo Kana Mootichi Irkataa Ture Ol Ka'ee... (kutaa xumuraa) Yeroo Kana Mootichi Irkataa Ture Ol Ka'ee Taa'ee Ni Jedhe ; “ Yaa Gurbaa Gara Ooyruu Keetiitti Nagaan Deebi'i, Rabbitti Kakadhee Amma Booda Leenci Ooyruu Kee Keessa Hin Seenu, Dhugaadha Dura Seenee Ture. Garuu Waan Tokko Hin Balleessine, Baala Tokkos Irraa Hin Buusne, Firii Tokkos Hin Qammasne, Yeroo Xiqqoof Malee Ooyrucha Keessa Hin Turre, Achumaan Ba'ee Deeme, Rabbitti Kakadhee Leenca Akka Ooyruu Keetii Kan Eegumsi Isaa Jabaa, Kan Dallaa Isaa Homaa Hin Seenneedha” Jedhe, Feyruuzis Haadha Manaa Isaa Fudhatee Gara Mana Isaatti Gale, Abbaa Murtii Dabalatee Namni Biraas Waan Ta'e Osoo Hin Barin Xumuran Seenaan kun xumurameera Kan biraa argachuu yoo feetan isa kana share nuuf godhaa
Показать все...
👍 1
Abbaan Murtiis Gara Feyruuz Mil'atee Ati Maal Jetta Jedheen... Innis Yaa Abbaa Murtii Ani Ooyricha Dhugaadha Ooyricha Fuudheera, Akkuman Fuudhetti Nagumaan Abbaadhaaf Deebise, Jedhe, Abbaan Murtiis Ooyricha Akkuma Fuudhetti Isiniif Deebisee? Jedhee Obboleessa Gaafate, Obboleessi Isiis Eeyye , Garuu Sababa Nutti Deebiseef Baruun Barbaada Jedhe, Abbaan Murtichaas Yaa Feyruuz Maal Jetta Jedheen? Feyruuzis Akkana Jechuun Deebii Kenne ; “ Rabbitti Kakadha Ooyricha Jibbee Miti Kanan Deebiseef, Garuu Guyyaa Tookko Yeroon Mana Galu Faana Leencaan mana kiyyatti arge (Kophee Mootii Jechuu Fedheeti) San Booda Kabaja Leencaatiif Na Nyaata Jedhee Waanin Sodaadheef Ooyrucha Abbaaf Deebisuu Filadhe Jedhe,” Yeroo kana mootichi irkataa ture ol ka'ee....
Показать все...
👍 3 2
Isiinis maaliif jette... Innis Mootiin Koo Maallaqa Waan Naaf Kenneef Maatii Kee Deemnee Dubbisuu Qabna, Jedhe, Isiinis Tole Jettee Kaatee Waliin Deemte. Maatiinis Gammadanii Kennaa Jaraas FudhataniI Feyruuzis Haadha Manaa Isaa Maatii Biratti Gatee Deeme Erga Isiin Ji‟a Tokko Maatii Bira Turteen Booda Obboleessi Isii Feyruuziin Bira Dhufee, Maal Nutti Dallante? Maaf Mucaa Keenya Nu Biratti Gatte?Yoo Sitti Balleessine Nutti Himadhu Jedheen, Feyruuzis Ni Jedhe Isin Waan Tokko Natti Hin Balleessine, Yoo Na Himattanis Tole Jedhe, Sana Booda Mana Murtiitti Wal Himatani, Yeroo Kana Mootichi Abbaa Murtii Bira Ture, Obboleessi Haadha Manaa Feyruuz Himannaa Eegale, “Kabajamoo Abbaa Murtii Nuti Mucaa Kanaaf Ooyruu Dallaan Isaa Nagaa, Kan Biiriin Isaa Qulqulluu, Kan Burqaan Isaa Hin Qoorre, Muka Firii Qabu, Kan Firiin Isii Mi‟aayu, Itti Kennine, Inni Immoo Dallaa San Diigee, Biiriis /Burqaa Gogse, Jedhee Himate, Abbaan Murtiis Gara Feyruuz Mil‟atee Ati Maal Jetta Jedheen?...
Показать все...
Leencichi Lamuu Sin Tuqu Kutaa 1ffaa Mootii Tokkotu Ture, Guyyaa Tokko Irra Keessa Mana Isaa Ol Ba‟ee Yeroo Gad Ilaalu Dubartii Haalaan Bareeddu Mooraa Tokko Keessatti Arge, Gabroota Isaa Keessaa Tokko Waamee “ Dubartiin Sun Kan Eenyuuti “ Jedhee Gaafate,Jarris “ Haadha Manaa Garbicha Kee Kan „Feyruuzi‟ Jedhanii Mootichatti Himan, Jaalalli Isii Qalbii Mootichaa Keessa Seene, Manarraa Gadi Bu‟ee Feyruuziin (Abbaa Manaa Dubartittii) Waamsise, Feyruuzis Dhufee Yaa Mootii Maal Jeettan? Jedhe, Mootichis Xalayaa Wa‟ii Tokko Itti Kennee Bakka Akkanaa Ebalutti Geessiitii Deebii Isaa Naaf Fidii Koottu Jedhee Erge, Garbichichis (Feyruuz) Xalayaa San Qabatee Gara Mana Isaatti Deebi‟ee Xalayicha Bakka Taa‟u Siree Isaa Bira Kaa‟ee Deemsaaf Uf Qopheessee. Wayta Deemsaaf Ka‟u Maatii Isaatti Nagaya Dhaammatee Ergaa Mootichaa Bakkaan Ga'uuf Ka'e, Inni Tooftaa Mootichi Itti Malaa Jiru Hin Barre, Mootichi Garuu Akkuma Feyruuz Ba‟een gara Mana Isaa Deemee Mana “ Quwa Quwa godhee olseene Haati Manaa Feyruuz Mootii Ta‟uu Gaafa Bartu Rifattee Yaa Gooftaa Har‟a Akkamitti Mana Kiyya Dhuftan? Jette, Mootichis Si Dubbisuuf Dhufe Jedheen, Isiinis “ An Rabbitti Maganfadha. Haalli Isin Itti Dhuftan Kun Gaarii Waan Ta‟u Natti Hin Fakkaanne” Jette. Mootichis “ Ani Bar Mootiidha, An Gooftaa Abbaa Manaa Keetiiti, Nan Barree? Jedheen, Isiinis ” Eeyye Yaa Mootii Baruu Isin Bareeraa, Garuu Jecha Tokko Kan Duraan Abboonni Keessan Dubbatan Kan Dagattantu Jira “ Innis... Kutaa 2ffaan itti fufa Seenaa kana kutaa 5tti qoodnee isiniif dhiheessine Share 🙏 godhaa @Faana_beekumsaa
Показать все...
👍 7
Garuu jecha tokko kan duraan abboonni keessan dubbatan kan dagattantu jira innis... Kutaa 2ffaa Innis👇🏻 Nan Dhiisa Bishaan Keessan Tasa Hin Waraabadhu Sababni An Dhiisuufis Taraa Hin Argadhu Yoo Tisiisni Bu‟e Nyaata Kiyya Keessa Osoman Jaalladhu Nyaachuu Isaa Dhiisaa Waan Sareen Keessaa Dhuge Ati Akkamiin Dhugda? Jettee Ammas Ittuma Fuftee “Yaa Mootii Isin Mana Hiriyaa Keessanii Deemtanii Sareen Keessan Isin Waliin Akka Bishaan Dhugu Ni Hayyamtuu??” Jette, Mootichis Jecha Isiirraa Saalfatee Achumaan Manaa Ba'ee Deeme, Yeroo Ba'u Kophee Isaa Mana Keessatti Dagatee Ba‟e, Feyruuz (Garbichi Mootichaa) Dhimma Mootichaaf Ba‟ee Ala Jira, Eega Deemee Bakka Haajaa Isaa Ga'uuf Ka'ee xalayaa Mootichaa San Mana Bakka Taa'etti Akka Dagatee Ba'e Yaadatee, Xalayicha Fudhachuuf Gara Manaatti Yeroo Deebi‟u Faana Mootichaa Arge, Yeroo Mana Ol Seenu Kopheen Mootichaa Mana Keessa Jira, Yeroo Kana Argu Bay‟ee Aare, Mootichi Tooftaadhaaf Akka Isa Erge Bare, Waan Tokko Osoo Hin Dubbatin Xalayicha Fudhatee Bakka Itti Ergame Geessee Ajaja Mootichaa Guuteef, Mootichis Galata Hojii Isaa Diinaara 100 Kenneef, Feyruuzis Qarshicha Fudhatee Gara Suuqaa Deemee Haadha Manaa Isaatiif Uffata Bibbitee. Maatii Isiitiifis Kennaa Bitee Gara Manaa Galee Haadha Manaa Isaatiin Ka‟i Deemnee Maatii Kee Dubbifna Jedheen, Isinis Maaliif Jette?... Kutaa 3ffaan itti fufa... @Faana_beekumsaa
Показать все...
👍 5
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.