263
Подписчики
Нет данных24 часа
+47 дней
+1230 дней
- Подписчики
- Просмотры постов
- ER - коэффициент вовлеченности
Загрузка данных...
Прирост подписчиков
Загрузка данных...
#Waadaan ofiif seene!
Bu'uura eenyummaa koo
Hirbuu kiyya waadaa
Dhabes yoon argadhes
Waa'eema isaan yaadaa!
Kakuu ormaa miti kan
Namaaf kan sabaa
Kanan ofiif seene
Onnee koorraan qabaa!
Gidiraan hammaatee
Mataarra nan caaluu
Haala yeroo ilaaleen
Ofii kiyya hin haaluu!
Hirbuun namaaf seene
Kan Michuurra caalaa
Isan hundumaa gubbaa
Sammuu koon ilaalaa!
Bokkaaf aduu dhabees
Jechi koo hin maseenuu
Ofirra caalchisees
Eenyuuf waadaa hin seenuu!
Doorsisa ta'uu isaati!
MICHUU📚:
#_Kutaa_39ffaa
Icciitii onneekoo
Ka'ee sitti himadhuu
Moo Callisee taa'ee
Mar'immaan gubadhuu?
Gubataa onneekoo
Takka naaf hubattaa
Moo Fuula guduunfitee
Dallantee mufatta?
Doktarii naaf taatee
Onnee kiyya yaaltaa?
Moo Sin beeku naan jettee
Na beekukee haalta?
Sittimuu barbaadeen
Haala keen wallaale
Tahus jaalallike
Daraan natti caale!
JION MY CHANNEL
✍️ @Mootummaatiin
#_Kutaa_40ffaa
Galaana jidduun jira
Doonii jireenyaa koree
Qarriiffaa Naachaa jira
Asiif achi yoon gore
Raafamuun Dooniikoommoo
Garaa kiyya na raasee
Garuu rabbi nan gatu
Inni manaa na baase!
✍️ t.me//jaalalleeko
HERREGA JAALALAA
Dirree Jaalalleewwanii
#_Kutaa_39ffaa
Icciitii onneekoo
Ka'ee sitti himadhuu
Moo Callisee taa'ee
Mar'immaan gubadhuu?
Gubataa onneekoo
Takka naaf hubattaa
Moo Fuula guduunfitee
Dallantee mufatta?
Doktarii naaf taatee
Onnee kiyya yaaltaa?
Moo Sin beeku naan jettee
Na beekukee haalta?
Sittimuu barbaadeen
Haala keen wallaale
Tahus jaalallike
Daraan natti caale!
JION MY CHANNEL
✍️ @jaalalleeko
“Seera warqee 3(Golden Rule)!!
1) Kan si gargaaraa jiru, isa hin dagatin.
2) Kan si jaallatu, isa hin jibbiin.
3Kan si amanaa jiru,hin gowwoomsin. “
@jaalalleeko tiin
#_Kutaa_38ffaa
Guyyaa tokko....
Gaddis gammachuutiin
Bakka ni buufama!
Beenyaan dadhabbiikoos
Gaarummaaf kuufama
Eelaan Laphee kootiis
Wal'aanamuuf jira
Namni diina tahes
Anaaf taha fira!
Ilkeen na hammeessees
Tolakoo Lallaba
Harkumti na miidhes
Na suphuu jalqaba
.
.
.
.Guyyaa tokko
✍️◉◉◉ t.me//jaalalleeko
HERREGA JAALALAA
Dirree Jaalalleewwanii
Harmee....
Ani dhibeen qabu
Nan jira dhallikee
Gammachuu haa tahu
Bahaa fi gallikee!!
✍️ @jaalalleeko tiin
#_Kutaa_37ffaa
😁😄😁😄😁😄😁🙃
Dubbiin keenya kuni
UN nu geessa
Silkii ko naaf baasi
Bilaak liistii keessaa!
Warrumti Wal fixee
Fanjii waliif kaa'e
Kunoo walii galee
Abbaaf ilmoo ta'e
Balleessaa hammamiin
An sitti Balleessee?
Maaltu silkii kiyya
Bilaak liistii geesse?
❀❀✪❀❀✪❀❀✪❀❀
✍️
t.me/jaalalleeko
HERREGA JAALALAA
Dirree Jaalalleewwanii
#_Kutaa_36ffaa
Baktaraas dhaabbadheen
Si eegee dadhabe
Kan atuu na diddu
Foonqaanuu na qabee
Ati Fataa jedhi
An cabeen siif kufa
Na eegi gaaftokko
Doormiima keen dhufa!
Halaala dhaabbadhen
Si waama olkaasee
Waan kolfaan si godha
Jamaa sitti yaasee!
Tole jennaan garuu
Wal wajjin jiraanna
Wal wajjiniin dhugnee
Wal wajjiiniin nyaanna!
😁😄😃😁 Doorsisa tahuusati!
✍️ t.me//jaalalleeko
HERREGA JAALALAA
Dirree Jaalalleewwanii
#_Kutaa_35ffaa
#Elaamee_Qalbiikoo.....
Elaamee Qalbiikoo
Qalbiiko Ya qaalii
Raafamtee nan raasiin
Hunda suuta ilaali
Kunuunsa naaf godhi
Namummaako eegi
Ati ana malee
Gatiin qabdu beeki
Mee waliin jiraanna
Jiruu simboo qabdu
Nan shakkiin Qalbiikoo
Narraa homaan dhabdu!
Abdiif amantii keen
Suphee of ijaaree
Qalbiikoo yaadakoo
Har'oo na gattaaree?
✍️ t.me//jaalalleeko tiin
HERREGA JAALALAA
Dirree Jaalalleewwanii
👍 1
#_Kutaa_34ffaa
Isa kaanillee obsa
Sukkuumee qaqqabee
Ilkee arrabaa garuu
Obsachuun dadhabe
Dagachuu yoon yaalus
Ammas na madeessa
Osoo naafin fayyiin
Madaanko kaleessaa!
Ofii lafeen qabu
Lafee kiyya daaka
Warri arraba summii
Sodaadhaamee waaqa!
✍️◉◉ t.me//jaalalleeko tiin
HERREGA JAALALAA
Dirree Jaalalleewwanii
Выберите другой тариф
Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.