cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Oshoo Official

kaayyoon chaanelii kanaa Sammuun dhaloota kanaa akka xiinxalu taasisuudha.Yaada keessaniif @Wakjirabraham link:https://t.me/+F29iJnDKops5Y2Fk Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=61557676583508

Больше
Рекламные посты
8 447
Подписчики
+4924 часа
+7157 дней
+81530 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Jaalala chaanelii kanaaf qabdan like na agarsiisaa!
Показать все...
👍 61 15😁 5🤔 3🥰 2😘 2
Namni keenya Mataa malee Lukaan deemaa jira.Dhugaa dubbachuuf Luka malee nama Mataadhaan deemu argee hin beeku.Garuu Lukni keenya garam akka deemuu qabu kan ajaju Mataadha.Mataan Marii Konkolaataa yoo tahu,Lukni Goommaa konkolaataa jedhama.Kana dhiifnee gara dubbii keenyatti haa deebinu. Namni hundi Mataa ofii qaba. Namni hundi yeroo eddoo tokkotti waamamu ummata jennan.Ummanni kuni walitti Mataa tokko qaba.Mataan ummataa kanaa maal jedhama? Ani hin beeku.Garuu ummanni tokko nama moodeela godhatu qabaachu qaba.Gara kootiin nama moodela jedhamu sanaan ummata kana keessaa dhabe.Hundi keenya wal fakkaanneetin rakkadhe.Maal naaf wayya? Jedheetin waan wayyaa tahe dhabee,wal fakkaadhee hafe.🙆
Показать все...
11👍 2👏 2💯 1
Akka nama Maraatee,Daandii walakkaa deemaan jira.Tasa sagalee wayii dhaga'een gara mirgaa ilaale.Gara Mooraa namoonni Maraatan itti yaalamanitti.Mee seeneen daawwadha jedheen ol seene. Mooraa guutuun caq jettee jirti.Haala kanaan,Namni fayyaa qabu,alatti hin hafne jedheen yaade.Maaltu Maraattoota akkanatti nuuf baayyise? Jedheen keessa kootti guungume. Baayyachuu jaraatti hin gaddine.Nan gammade malee.Warra Mooraa kanaan ala jiran caalaa,jarri kun gammachuu qabu jedheen gammachuu jaraatiif gammade. Maraataa jechuun jecha 👉" Mara-ta'aa!" Jedhamu irraa akka dhufe nan beeka.Kanaafuu! Wanti akka "Mara-ta'uu" gammachuu waan jiru natti hin fakkaatu.Garuu, baayyinni Maraattoota kanaa gaaffii natti ta'e.Itti siqeen maraataa, maraatuu keessa jiru bira dhaqeen gaafadhe. "Si waliin Maraataa hagamtu mooraa kana keessa jira?" Innis erga xiqqoo kolfee booda."Mooraa kanaan ala,si waliin Maraatàa hagamtu jira?" Jechuun gaaffii koo,gaaffii isaatiin naaf deebise.Anis ol ka'een deeme.Gara maraattoota akka koo,mooraa kanaan ala jiraniitti.🏃‍♀️🏃‍♀️
Показать все...
👍 45 16😁 13🤔 6💔 3
Osoo mataa kee hin injifatin kan biraa irratti hin duulin.Obsuun mataa ofiitiif yeroo kennuudha. Dallansuun rakkooleef furmaata osoo hin tain ka'umsa.Hiriyyaan dallanaan diina tasgabbaayaadha. Dawaan dallansuu caldhisuudha. Amantii jechuun walakkaan Isaa obsa ennaa ta'u walakkaan isaa Galata galchuudha.Diinonni kee gara kee yoo dhufan gara duubaa hin dheessin, gara isaanillee hin gatantarin, bakka jirtutti Itti qophaa'i eegi.
Показать все...
👍 48 17👏 4
Фото недоступно
Yeroo uumaan addunyaa uumu namni ragaa ture hin jiru. Amantaaleen turan hunduu kan isaan hundeeffaman, sirna amantaa murtaa'e irrattidha. Amantaan isaan kunneen Asoosama bareedaa waan ta'aniif "uumaan akkamitti addunyaa uumee?" Jettanii gaafachuu hin dandeessani. Yeroo uumaan Addunyaa uumu ragaan homtuu hin turre. Ofii isaatiin sababii uumamaatiin jiraachuu hin danda'u. Sababni isaa osoo yeroo addunyaan uumamu ragaan jiraatee, kun kan jalqabaa addunyaa hin ta'u ture. Gara fageenya keessan isa ragaa duuba jiruutti deebi'uun isin irra jiraata. Dacheen turteetti, amanaanis tureera. Amanaan kun addunyaan dursitee jiraachuu ishee mirkaneessuudhaaf, gahaa ta'a ture. Kanaafuu yeroo uumaan addunyaa uumu, Namni ragaa ture hin jiru jechuudha. Haa ta'uyyuu malee,  amantaaleen hundi kana ni fudhatu. HUBADHAA:- Amantaa baayyeen isaanii Sodaa isin si'ooliif qabdaniifi hawwii isin gannataatiif qabdanitti fayyadamaa jiru.Sammuu dhala namaa kan isaan to'atan kallattii kanaaniidha! #Oshoo
Показать все...
👍 34 5👏 2
Chaanelii kana irraa barumsa argachaa jirtuu? Isin barsiisaa jiraa?Anonymous voting
  • A.Eeyee
  • B.Lakki
0 votes
👍 50🙉 4🔥 2 1
Guyyaa tokko Eenyutu barbaachisaa akka ta'e na gafaatta? Jireenya kooti  moo keeti jettee? Anis kan kooti siin jedha. Garuu ati na baqatta osoo atumti jireenya koo ta'uun isaa siif hin galin. #Khalil_Gibran
Показать все...
👍 23🥰 6 2
Gaafa deemuu barbaadde deemi. Garuu yoomiyyuu hin deebi'in, deemuu keef amanamaa ta'i. Tarii nutis si dagachuuf amanamaa ta'uu dandeenya. #Mahmoud_Darwis
Показать все...
👍 21 11😁 4🏆 1
"Namni waa beeku homaa hin beeku" jechuun maal jechuudha?😎
Показать все...
👍 49 11😁 10
Namoonni tokko tokko akkamitti dubartiin Jalloodha! Jetta jechuun na komatu. Dhugaa qabu.Mirgaas qabu. Waa'ee jallina jaraa itti deebina. Yoo lubbuun jiraanne nama hubatuuf,Jallinni dubartii ilma dhiiraatif faayidaa guddaa qaba. Miidhama guddaas qaba.Waan lama qofa.Milkaahuu yookaan Maraachuu.Garaagarummaa kana kan fidu ciminaa fi dadhabina Dhiiraati.Yoo jallina ishee dandamachuu dandeesse Dhiira jabaa taatee baata.Garuu Carraa xiqqoo qabda.Waaqni jabina siif haa laatu.Akkasuma yoo jallina ishee dadhabde,Sammuun kee nyaatameeti,maraattuu nuuf taata.Yoo jabaattee jalaa baate,jallinni Dubartii akka Aduutti guddisee si muldhisa.Harka yoo kannite immoo kophaa haasawaa of argita.Kanaafuu jabaadhu.Afaan isheetis baradhu.Adabaas goradhu.Ishee waliinis morkii hin galin.Jallina isheetiis amaniiti waliin jiraadhu.Sossobaa horadhuun.Dubartiin ati jalloo miti jettee quba natti qabdu,kan ishee uumeetu "Lafee jalloo" irraa uumamuu ishee siif hime.Anarraa bu'i.Dhugaa qeebali.Dubartiin akka Lafee jajalloo cinaachaati.Amma yaa'ii dhiisi.Naaf qajeelchi jetteetis hin kadhatin.Waan hin qajeelle hin gaafatin.Ati qajeeliif.Anaas qajeelchiif jedhii karadhu.🏃🙆
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.