cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Naardos Official

@Naar_dos @Naar_dos Dhugaa dubbachuun, soba tuffachuudha. Dhugaanis ilma waaqayyo abbaa isa ta'e yesuusi. Nus isuma Lallabna ✊ Inni fayyisaa keenya...! https://t.me/+7kKczjndNz1lODdk

Больше
Рекламные посты
1 259
Подписчики
Нет данных24 часа
+367 дней
+8030 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

02:36
Видео недоступно
16.11 MB
🔥 1🥰 1
01:07
Видео недоступно
17.26 MB
🥰 2
Biyyii lafaa na jibbituus homaa nan gootu, na jaalattus homaa naaf hin gootu. ✍️Dilbii fi gombisaan koo harka Waaqayyoo keessa jira ---------------------------------------------------------------------------- ✍️Gaafa biyyaa lafaatti michoomtuu; -------------------------------------------------------- hundumaatu siif fira Hundatu si jaalata Hundatu si hordofaa Hamaamota hedduu argatta Maqaan kee ni leelliifama ✍️Gaafa waaqafan jiraadha jettu ---------------------------------------------------- Dubbiin kee faallaadha Yaanni kee faallaadha Karaan kee faallaadha Adeemsi kee faallaadha Hundatu si jibba Gufuutu sitti baay'ata Deeggaraa hin qabdu Hundatu si tuffata Qorumsatu sitti baay'ata Yohannis.15 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁹ Kan biyya lafaa utuu taatanii, biyyi lafaa akka kan isaatiitti isin in jaallata ture; amma garuu anatu biyya lafaa keessaa isin fo'ate malee, isin kan biyya lafaa waan hin ta'iniif, biyyi lafaa is in in jibba. 2Qor. 6 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁴ Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jal'inni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree? ¹⁵ Kristosii fi Seexanni² attamitti walii galu ree? Inni amane isa hin amanne biraa qooda maalii qaba ree? ¹⁶ Manni qulqullimmaa Waaqayyoo immoo waaqayyolii tolfamanii wajjin walii galtee maalii qabu? Waaqayyo jiraataa dha, nuyis mana qulullummaa isaa ti; Waaqayyo ofii isaatii, "Ani isaan bira nan buufadha, isaan gidduus nan deddeebi'a; ani Waaqayyo isaanii nan ta'a, isaanis saba koo in ta'u" jedheera. Efes. 5 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁷ Hidhata namoota akkasii hin ta'inaa! ⁸ Isin dur dukkanaa'oo turtan, amma garuu karaa gooftaa iftaniittu; egaa akka ijoollee ifaatti jiraadhaa! Kes. 22 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁰ Qotiyyoo fi harree walitti camaddee ittiin hin qotin!
Показать все...
2🥰 2
#of_eeggannoon_dubbisaa! Dubbartii Suuraa irratti argitan kun Bineensa mana keessatti guddifattu tokko qabdi.Bineensi kun m2 fi walakkaa dheerata.Guyyoota muraasa booda bineensi kun nyaata nyaachuu dide.Dubartiin kun yaaddoftee nyaata akka nyaatuuf nyaatoota filatamoo gosa adda addaa dhiyeessiteef,garuu nyaachuu ni dide. Furmaata yoon argadheef jettee,gara Doktora bineensootaa bira fuutee deemte. Doktoriin kun gaaffii tokko tokko gaafachuunii jalqabe.Akkas jechuun gaafate; "Bineensi kun haala kamiin ciisa?" jedheeni,isheenis jalqaba irratti gaafan irribaa ka'uu bukkee/cina ko ciisaa ture,guyyaa itti aanu immoo guutummaa guututti dhaqna koo irra diriiree isaa rafuun arge.Guyyaa biraa immoo utuu inni naannoo mataa kootii diriiree ciisuun arge"jettee tokko tokkoon waan ta'e hunda isaa itti himte. Doktorichiis ajaa'ibsiifannaan erga dhaggeeffateen booda,akka isheen rakkoo keessa seenaa jirtuu fi akka isheen bineensa kana dhabbata warra bineensa kunuunsanitti dabarsitee bineensicha kennituuf gorseen. "Bineensi kun nyaata nyaachuu kan dhaabbeef garaa isaa keessatti bakki bal'aan(Free space)akka hafuuf yaadeeti.kan inni immoo kallattii addaa addaan si bira ciisaa ture akkamittiin akka si liqimsu beekuuf jedhee hanga kee safaraa ture"jedheen. @ Dhaamsan isiniif qabu Gochi jaalala fakkaassuun namoonni sirratti raawwatan hunduu jaalala ta'uu dhiisuu danda'u.Jaalalli hundi jaalala miti.Hariiroon hundis hariiroo gaarii miti. Tokko tokko hiriyaa gaarii of fakkeessee sitti siqatee si miidhuuf roga hanqina keetii qorata. Tokko tokko immoo hiriyaa gaarii fakkaatee sitti siqatee iccitii kee guuruun rakkoo keessa si buusuuf si basaasa. Diinni kee si miidhuuf fira fakkaatee sitti siqachuu danda'a.Yeeyyi gogaa Hoolaa uffattee Hoolaa nyaattu akka jechuuti. Kanaafuu hariiroo eenyuunuu waliin qabaattu keessatti wantoota hunda abshaalummaa fi ogummaan xinxaltee hubachaa deemuu qabadhu!! Yoo sitti tole hiriyaa keef share godhi"
Показать все...
🥰 4👍 1
Tokko tulluu ta'ee yoommuu si mul'isu tokko gufuu ta'ee yeroo si kuffisu tokko riqaa ta'ee gaafa si ceesisu tokko danqaa ta'ee qabee si teessisu Abdin abdatani kan mudaa hin qabne Uleen qabatani lafa bu'ee hin cabne Waqayyodha abban haqaa. Guyya rakkotti iddon baqaa. Gaafa kopha namaf lolaa. Namnisa hundumtu in oola Wanti biyya lafa qalbii nama butu Jireenyi hadha'ee abdii nama kutu Hiriyaan garaakes sitti jijjiramu Namni qajeelanis dide micciramu Wanti abdi godhatte hundisa yoo kufe Abdiin tokko jira inni oli dhufe Inni hin fagaatu yoomiyyu sibiraa Gammadi jiraadhu uumanke siif jiraa!!
Показать все...
4🥰 2🔥 1
“Inni cabsee karaa banu isaan dura in ba'a; isaan cabsanii balbala kellichaa keessa darbanii jalaa in ba'u; mootiin isaanii darbee isaan dura in adeema, Waaqayyo isaan dura in bu'a.” — Mik. 2:13
Показать все...
🥰 3 1🔥 1
04:49
Видео недоступно
23.71 MB
🥰 3 1
02:14
Видео недоступно
Argama jireenya koo atti!
Показать все...
8.98 MB
👍 2🥰 2 1