cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Naardos Official

Dhugaa dubbachuun, soba tuffachuudha. Dhugaanis ilma waaqayyo abbaa isa ta'e yesuusi. Nus isuma Lallabna ✊ Inni fayyisaa keenya...! https://t.me/+-EGH3ylN5t5hZDM0 @Naar_dos @Naar_dos

Больше
Рекламные посты
1 220
Подписчики
Нет данных24 часа
+287 дней
+5430 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Afurii nama yoo nagaa qabatee jireenya namummaa namatu nagaa qabata. “Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa ta'u, yaa obboloota ko. Ameen.” — Gal. 6:18
Показать все...
2🥰 1🙏 1
KUTAA 468FFAA DIINNI KEENYA EENYU DHA? Dubbistanii #Share gochuu hin dagatiinaa Diinni keenya eenyu gaafii jedhuun wal qabatee deebiin keenya heddu ta’uu danda’a, fkn kuun keenya mana keenyaa jalqabee hamma iddoo oolmaa keenyaatti kan nurraa hin fagaanne fi nutis kan isa irraa hin fagaanne diinnikoo nama jechuu dandeenya. Kuun keenya immoo lakkii namni maal nagodhe, namumayyuu kan ana irratti kaase seexana waan ta’eef diinnikoo seexana jechuu dandeenya, kuun keenya immoo lakkii diinnikoo namas seexanas miti, diinnikoo bara, qilleensa, haala ykn jireenya mataa kootiti jechuu dandeenya. Gareen kuun immoo lakkii diinni mataa koo anuma, ani matuma koon injifachuu dadhabe jedha. Qaamonni armaan olitti ka’an kun hundumti diina keenya ta’uu hin danda’an ilaalcha jedhu hin qabu, garuu isa macaafni qulqulluun diina jedhee irratti yaada kaase irrattin walii galee barreeffama xinnoo kanaan diinni keenya namaa fi seexana jedhee waan gabaabduu kaasuun barbaade 1ffaa. Diinni keenya:- 1. Nama “...ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaaladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa...!” [Mat 5:43-46] “Yesuus itti fufee, ani garuu isin warra dhageessaniin, diinota keessan jaaladhaa, warra isin jibbaniifis gaarii godhaafan isiniin jedha. Warra isin abaaran eebbisaa, warra isin arrabsaniif kadhadhaa! Namni maddii kee gara tokko yoo sikabale, isa gara kaaniis itti qabi! Namni kootii kee yoo sirraa fudhate qomee kee iyyuu isa hin dhowwatin” [Luq 6:27-29] “Iddoo tokkotti immoo, diinnikee yoo beela’e nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetinis gaabbee akka inni yeella’u in goota” jedhamee caafameera!” [Rom 12:20] Namoota akkamiitin macaafni qulqulluun diina kan jedhuun? 1,Namoota nu jibbaniin, Namoota jabaachuu, dhaabachuu, dandamachuu, guddachuu fi argachuu keenya hin barbaannen. Namoota nu jibbuu irra darbanii kufaati fi du’a keenya barbaadanii fi eeganiin, Namoota nu dhiibaniin, 2,Namoota sobaan waan baay’ee nu irratti dudubbatanii fi nu hadheessaniin, Namoota nu arrabsaniin fi Namoota nu ari’achuudhan gidiraa gara garaa nurraan ga’aniin fi kkf. [Mat 5:11, 43-46, Luq 6:27-29, 3Yoh 1:10] Dhiibbaan namni nama irraan ga’u dhibba! Akkuma dhugaan wangeelaa nuun jedhutti jiraachudhaan injifachuutu nu irra jira malee. Kana hunduma nama, nama faana jiraatutu beeka! Diina namaa kana akkamitti injifanna ykn ittiin mormina? 1.Kadhachuufidhaan [Luq 6:28, Mat 5:44] “...ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaaladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa...!” [Mat 5:43-46] 2. Eebbisuudhaan [Luq 6:28] Warra isin abaaran eebbisaa, warra isin arrabsaniif kadhadhaa! [Luq 6:28] 3.Jaalachuudhan [Mat 5:44, Luq 6:27] “...ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaaladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa...!” [Mat 5:43-46] 4.Gaarii gochuufidhaan [Rom 12:20, Luq 6:27] “...warra isin jibbaniifis gaarii godhaafan isiniin jedha. [Luq 6:27] “Iddoo tokkotti immoo, diinnikee yoo beela’e nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetinis gaabbee akka akka inni yeella’u in goota” jedhamee caafameera!” [Rom 12:20] 5.Ijaa ba’uu dhiisudhaan [Rom 12:19] “Michoota koo! Ijaa baasuu fi dheekkamsa Waaqayyotti dhiisaa malee, ofii keessaniif ijaa hin baafatinaa! ”Jaalannus jibbinus diina keenya isa ta’e nama injifachuu kan dandeenyu akkuma macaafni qulqulluun nugorsu faallaa waan hamaa inni nurratti godhuu gochuufidhaan malee hamaa hamaadhan deebisuudhaan miti. Kiristoos mataan isaa addunyaa rakkiftuu kana kan injifate meeshaa waraanaa ammayyaatiin utuu hin ta’in jaalalaan ykn injifatamuudhan! “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa nan danda’a” [Fil 4:13] Egaa Walumaagalatti diinni keenya nama yeroo jennu hiikkaa akka macaafni qulqulluun nuun jedhun qabneetu dha.waanto nuyi hubachuu qabnu namni kam jaallatte diina namaa ta'uu hin barbaaddu, garuu humni duuba isaa jiraatte akka namni suun nama kam biraa irratti hamaa godhutu jira.kana boqonnaa itti aanu keessatti baranna. Amen Eebbifamaa Diinni keenya enyuu kan jedhu kutaa lammaffaan itti fufa...... YESUUS NI DHUFA
Показать все...
🥰 3 1
✍️Kaayyoon waaqayyo dhala namaaf qabu jireenya bara baraati.
Показать все...
2🥰 2👏 1
✍️Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseer ✍️ Fannoo sana irrattis Kristos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise. ✍️ Kanaafis waa'ee nyaataa fi dhugaatiitti, waa'ee guyyaa ayyaanaatti, waa'ee baatii lakkaa'uutti yookiis waa'ee Sanbata eeguutti, namni tokko illee isinitti hin faradin! ✍️ Isaan kun gaadidduu wanta dhufuuf jiru sanaa duwwaa dha; wantichi inni dhugaan garuu kan Kristos. ✍️ Namni gad deebi'ee ergamoota waaqa irraa waaqessuu jaallatee, mul'ata arge tokko tokkoon himuudhaan sababii ga'u utuu hin qabaatin yaaduma garaa isaatiin of bokoksee, galata isin hin dhabsiisin. ✍️ Namni akkasii, Kristos mataa dhagnichaatti, isa guutummaan dhagnaa ittiin sooramee, buusaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee, guddina Waaqayyo biraa argatuunis guddatu sanatti hin jabaatu. Qol 2:14-19 Eebbifamaa.
Показать все...
4
Nama Waaqayyo wajjiin jiru Lafa Onaatu iddoo bashannanaattii.
Показать все...
5
Iddoo waaqefannaa Gammoo gurguddaan asi ol ijaramee haalisa bareedufi nama hawwatu akkasumas meshaa qaqaliin ittin faarfatan iddoo haarsa irratti dabaree wal dhoowwaani fi namoota uffannaan issani gati qaqaali ta'e uffatani sagaleen issani fufuurdisani iddoo harsaara quqqufa'a asifi achi sosocha'a demman osoo hin tanee, dhugummati nama lapheen issaa caphe fula gooftaa durati qullaa'e fi nama akka yaada issaa barbada. Gamoonis Waaqayyoof Birqii miiti. Laftii fi sammin kuniyyuu hojii harka isaa wan ta'ef. Eyyeen Waaqayyo laphee nama barbada.Iddoon boqonnaa afuura Qulqulluus laphee keenyadha maale charchii bareedaa miiti. HoE. 7 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁴⁸ "Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru immoo, manneen harka namootaatiin hojjetaman keessa hin jiraatu. Raajichi akkuma jedhu iyyuu, ⁴⁹ 'Bantiin waaqaa teessoo koo ti, laftis ejjeta miilla kootii ti. Mana attamii anaaf ijaartu ree? Yookiis iddoon boqonnaa kootii isa kam? ⁵⁰ Isaan kana hundumaas harka kootu hojjete mitii ree? jedha gooftichi'.
Показать все...
4👍 1
Фото недоступно
🚸 Channel barattoota gargaaruuf qophaae kanatti dabalamaa,... Join here...
Показать все...
Barattoota Oromoo
Gaaffilee Qormaataaf Deebii
Exam Books
1677 SAGALEE HAAROMSAA =================== Sagaleen nama lafa onaa keessaa lallabu tokkoo, “Waaqayyoof karaa tolchaatii haraa, lafa duwwaa keessattis karaa Gooftaan keenya irra adeemu qajeelchaa! Dachaan hundinuu ol haa kaafamu, tulluun, gaarris hundinuu haa kuffifamu! Inni bu’aa-ba’iin diriiraa haa ta’u, Inni wal caccaalaanis wal haa qiqixxaatu! (Isa 40:3-5) Kunoo, guyyaan koo inni sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura Ani Eliyaas raajicha isiniif nan erga. (Mil 4:5) Kana fudhachuus in barbaaddu yoo taatan, Yohannis kun Eliyaas, isa dhufuuf jiru sana. (Mat 11:14) Yohannis Cuuphaan ‘Eliyaas isa dhufuuf jiru’ jedhamuun isaa, hafuura Eliyaas irra tureen kan wal fakkaatu jechuudha malee, Eliyaas isa ol butamee ture sanatu deeb’ee Yohannis Cuuphaa ta’ee dhufe jechuu miti. Dhufaatii Yesus Hoolummaa Isaa fi Leencummaa Isaatiin dhufuu Isaa dura haaromsi guddaan akka ta’ee fi akka ta’uuf jedhu dhugaan Macaafaa nu hubachiisa. Gaara ulfinaa sana irratti Musee fi Eliyaas bartoota sadanitti mul’ataniiru. Yeroo gaaricha irraa gadi bu’an gaaffiin bartootni kaasan, waa’ee Masihii dura dhufuu Eliyaas gaafatan—gaaffiin kun gaaricha irratti Eliyaasiin arguu isaanii waliin wal qabatee keessatti uumame ta’a. Garuu deebiin Yesus kenne, Eliyaas akka dhufee fi akka namoonni waan barbaadan isa irratti hojjetan, innis Yohannis Cuuphaa ta’uu isaa gad itti qabee ibseef. Tajaajilli Yohannis Cuuphaan kennaa ture ‘Sagalee lafa onaa keessaa iyyu—iyya haaromsaa’ jedhama. Sagaleen haaromsaa lafa onaa keessaa iyyaa ture sun akka namoonni dhaabbata amantaa Yihudootaa keessaa gara dhaabbata amantaa haaraatti jijjiirrataniif utuu hin taane, akkasumas warri ormoonni gara dhaaba amantaa haaraatti akka jijjiirramaniif utuu hin taane, xiyyeeffannoo guddaan akka yaadni garaa isaanii jijjiiramuu—haaromsa guutummaa namaa irratti godhamu ture. “Yaada abbootaa gara ijoollotaatti, yaada ijoollotaa gara abbootaatti deebisuuf” kan jedhu haaromsa bu’uura irraa ta’e kan namoota hundumaa mootummaa dukkanaa keessaa baasee gara mootummaa ifaatti geessu ta’uu isaa agarsiisa. Kaayyoon haaromsaa dhaabbata amantaa jijjiiruu utuu hin taane, guutummaa namaa jijjiiruu dha. Jijjiiramni kam dhufuu kan dursu sagalee haaromsaa ti. Sosochiin hafuuraa (Revival) haaromsa dursee yoo dhufe bu’aan argamu hin jiraatu. Baruma jiraataa jirru kana keessa iyyuu waldoota utuu haaromsi yaadaa keessatti hin ta’in, garuu rivaayivaaliin keessatti ta’aa turan utuu isaan kufaatii akka malee yaaddessaaf saaxilamanii argineerra. Haaromsi jijjiirama yaadaa—nama jijjiirame qofa hammata. Yohannis Cuuphaan namni hojii haaromsaa guddaaf dhalate hamma yeroon isaa ga’utti dubbii guddaa sana of keessatti qabatee lafa onaa keessa taa’e. Gaafa yeroon isaa ga’e haaromsa dhoose. Tajaajila ‘Karaa qajeelchuu—jijjiirraa yaada garaa’ tulluun akka gadi kufu—oftuulummaan namoota keessa guute akka keessaa dhangala’u, dachaan akka ol kaafamu—warra gatamoo fi dagatamoon akka humna godhatanii ol ka’an labse. Yohannis kan karaa qopheessaa tureef ‘Guyyaa fayyinaa—Iyubeleyuu’ ture. Guyyaan Waaqayyo biratti jaallatame guyyaa Yesus—Yoshuwaan—Fayyisaan ilmaan namootaa hundumaaf hojii fayyinaa sana raawwatee dha. Iyubeleyuun bara birmadummaa, bara boqonnaa fi bara aara-galfii ti. Yeroo Yohannis namoota cuuphaa ture, namoonni hundinuu gara isaa dhaqanii sirreeffama fudhataa turan. Warri qaraxxoonni, warri loltoonni, Farisoonni, barsiisonni seeraa fi warri tuffatamoon hundinuus gara isaa dhaqanii maal gochuu akka qaban isa gaafannaan, akkamitti akka isaan jiraachuu qaban itti hime. Yohannis Cuuphaa bira deemnaan tulluun tulluu ta’ee itti hin fufu; dachaanis dachaa ta’ee itti fufuu hin danda’u. Sababni isaa sagaleen haaromsaa hafuura dhiibbaa guddaa dhaloota irratti uumuu danda’uu dha. Egaa dhufaatii Masihii isa jalqabaatiif haaromsa lallabaa kan ture Yohannis Cuuphaa dha. Haaromsi waggaa kuma lama dura jalqabe kun hamma gaafa Yesus deebi’ee dhufuutti itti fufa. Yohannis Cuuphaa booda kan haaromsa itti fufee jiru Waldaa Kristiyaanaa ti.
Показать все...