cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

Рекламные посты
556
Подписчики
Нет данных24 часа
-37 дней
-530 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Oduu Gaddaa Gameettin Aartii Oromoo Ammayyaa Artist Hello Dawwee haati Aartii Oromoo du'an addunyaa kanarra boqotaniru. Harmee Keenya biyyoon sitti haa salphatu!
Показать все...
Ganna Darbeedha.Magaalittin Magaalaa Ambooti. Lafti galgalaa'eera.Manneetiin dhugaati daandii konkoolaataa bitaafi Mirgaa jiraan ibsaa dimimisaawaa halluu Wal makaa qabu facaasu.Sagaleen dibbee " du'u...duduum!...dum..du'uum!" Jedhu daandii gubbaarratti ol ka'ee dhagaa'ama.Urgaan maalummaa isaa addaan baasanii beekuuf nama dhibu daandii gubbaattii qilimbisa.Gandi Yaa'ii Gadaa akkasi.Amboon Magaalota Oromiyaa keessaa halkanii guyyaa boqonnaa malee sochii jiraattoota ishee keessumeesiiftuudha.Kan Gandaa Yaa'ii Gadaa Kun immoo adda.Hoteela Malkaa bira kutee yeroon buufata konkoolaataa biraa ga'un yaada keessaa dammaqee...Hooteloonni hedduun sagalee gurra nama jeequn Ni sirbu.Naannoon sun,naannoofti buufata konkoolaataa waan ta'edf namoonni baay'ee baay'taniru.Kan Mana siree barbaadu,Kan ammoo hootela fayyadamani bahu.Hattoonnis dukkaana daa'efatni tokko galaafachuuf Shan mixaatu. Daandii irraa gara bitaatti goreen,manneen dhugaati walitti maxxananii jiran cina dhabadhe waa ta'a jiru ilaalu itti fufe.Osumaan dhaabbadhu ibsaan Diimaa...magariisafi cuquliisni ife.Ifni ji'a guutame caalatti Wal argu.kenne.Qilleensis Ni qabbanaa'e.Osuman dhabadhe ilaalu tiyaatiri ajaa'ibaa dalagamun arge.Hundu Uffataa cituu wayii nafa isaanii irraa buufataniiru.Qaamni isaanii garri caalu garuu,qullaadha. Kaan duubaafi fulduratti gaggalanii kolfa goga kolfu.Osuman dhabadhe laalu tokko qaama ishee qalamaan waraante kolfite.Anis kolfa qabachuu dadhabeen tasa sagalee ol kaasee... Itti fufa....
Показать все...
1
Qoosawwan kanatti aansuun Asoosamni "Gadoo Karaa" jedhu boru kutaan tokkoffa Isa Ni dhiyaatu. Amma Asoosamichi Isin qaqqabutti turtii gaarii!! Gadoo Karaa. Kutaa 1ffaa
Показать все...
Baacoo Barataa tokkoofi manguddoo tokkotu marqaa waciitii tokkotti nyaata turan.Dhadhaan marqaa Sana keessa jiru gara manguddootti jallannaan baratichi "abbaabbaa lafti akkanatti naannoofti" jedhe dhadhaa gara ofitti naanneffannaan maguddichis"lakki ilma Koo biiftuun immoo akkanatti naannoofti"jedhanii gara ofitti naanneeffate jedhama.
Показать все...
Baacoo gabaabduu! Barsiisaan tokko barattoota isaanii barsiisaa Osoo jiraanii akkana jechuun barattoota isaaniitti himu "Ani kirrii/shiboo elektiriikaati Isin Immoo ampuulii ishee iftuudha."jedhaniin.Barattoota keessas walakkaan mugaa jiru.Barattoota warra dhaggeeffatan keessaa tokko harka baasee " barsiisaa Isin kirri elektiriikaati.Nuti ampuulii ishee iftuudha,barattoonni Warri mugaan Kun immoo maaliidhaa?" jedhe gaafate.Barsiisaan suniis "isaan immoo ampuulii ishee gubatteedha" jechuudha jedhe deebi'i kenne.
Показать все...
👍 1
Qaaliiwwan Koo akkam jirtu? Akka ani bade;dinni keessan haa baddu. Isin irraa fagaadheen ture. Rakkoon tokko tokko dhimma ta'e tokko irraatti na muudeette turte.inni moo Amma furmaata argatera. Kanaaf guyyaa boru irraa kaase asoosamni fi oduuleen ajaa'iba isinif dhiyeessuu ittin fufa. Amasitti turti gaarii!
Показать все...
👍 4🥰 1
Oromiyaan jirti,Oromoon dhuma jirti. Mootummoonni darban Hayilasillaasee, Dargii fi Waayyaanee Waggoota hedduuf ummaata Oromoo fi dhiiga barattoota Oromoo akka lola dhangaalasun waggoota 80fi Isa oliif akka gaangeetti fe'atani yaabuu malee waanti itti hafe hin jiru.Wayyaaneenis luugama nutti kaa'ee waggaa 27'f osuma karaa barbaadetti nu harkisuu,barattoonni Oromoo kallattii maraa itti duulani,raasasaa samii irraa harcaa'u funduura dhaabbatani Oromiyaa dhiigaan falamtee,ijaarani cancaala bilisummaa xiqqoo ijaan argine. Abbaa humna qawween of ijaaree barattoonni Oromoo har'a hojii dhabani gidiraa arga jiraantu har'a ifa xiqqoo nu agarsiise.Qondaltoonni Waggoota hedduuf barattoota Oromoo Yuuniivaarsiitiiwwan biyyatti keessatti barataan irraan miidhaan hammana jedhamne geesiisa turan har'a illee sanyiin isaanii Aangoo irraatti hafani biyyaa cinqii hin mallee agarsiisa jiru.Ha'as taanaan Qondaltoonni biyyitti akka Fedha isaanitti nutti roorrisaa jiru.Sirni barnoota karoora hin qabu.Qaalii'insi gabaa jiruu fi jireenya Ummata walii wallaalchiise Ummata iyyisiisa jira.Haalli nageenya kutaalee Oromiyaa immoo Jala bultii waraana addunyaa 2ffaa fakkaata. Yerootti Ummanni waliigalu dadhabe akka adurree fi hantuuta Wal nyaachuuf shantamaa Wal mil'atu. Waan nuti har'a arga jirru kana jaalleewwan Oromoo fi Oromiyaaf lubbuu isaanii qaalii dabarsani kennan sun har'a waan Oromiyaa keessatti ta'a jiru kana arga hin jirani.Qubas hin qabani.Lafa isaan dhaqaan daadhiin haa guuttu.Mootummaa jijjiramaaf Kaleessa harka walitti reeba turrus,jijjiramni du'a fi godaansa ta'e.waan barri itti aane fidu immoo waalumaan teenye ilaalla.Kutaalee Oromiyaa hedduu keessa Faannoonis akka saawwii soogiddaa arraabdu sanatti Dachee Oromiyaa bakka hedduu arraaba jirti.Oromiyaanis harka lafa jalaan firaafi dinnaan duguggama jirti.Oromiyaan dur,Dureetti namni aannan dhugee,sangaa qalee cooma murata;booka unata.Oromiyaa lalistuu magariisa laalanii hin quufan.Bara kana garuu,coomni sangaa yaa hafuutii namni dabaquulaayyuu Wal dhowwata jira. Namoonni osuma Afaan tokko dubbatani walii dhaga'u dadhabani akka duuda mallattoon walii galu.Hedduun immoo gaaddisa tokko jalatti buluu dhiisee faffaca'acee Kaan immoo dawoo diinaa Jala dhaabbatee Ummata keessaa dhalate waraana.Kaan immoo diinaaf dawoo ta'ee Ummata ofii waraansisa.Biyyoota sirni diimookiraasii haalaan dagaage keessatti ummatatu mootummaatti dhagaa darbata jennan,biyyaa keenya keessatti immoo faallaa isaa mootummaan ummaatatti boombii darbata.Kunis jijjirama. Barri kunoo yoo darbe maaltu ta'a laata?
Показать все...
👏 5
Amboo Amboo obbooleetti Finfinnee ishee Roorroo didde mirga ishee falmattedha..Magaalittin Giddu-galaa Qabsoo Uummata Oromooti.Waanti hundi fagoo irraa ofitti si waama.Namoonni hunduu harka bitaa ofii qabatanii seera tirafikaa eeganii,karaa konkoolataaf miidhagina laatanii sochoo'u.Namoonni karaa harka bitaa ofii malee deeman yoo jiraatan illee Magaalittif keessummaa ta'u Wal nama hin gaafachiisu. Namni daandii isaa gadhiise deemu hin jiru.Namaa haafuti bineeladoonni illee tooraa galani daandii "Zabiraa" ilaalani gama,gamasitti ce'u. Keessuma galgala galgalaa osoo namoonni seera tirafikaa hin eeganii hin deeman ta'e ..... Namoonni haaraan Magaalitti dhimmaf dhaqaan Magaala Amboo baay'ee gajomma'u.Anis waan Ajaa'iba hanga har'aatti Magaalota Oromiyaa biro keessattiyyuu hin argine Magaala Amboottin arge. Magaalaa Guddoo Oromiyaa Finfinnee irraa gara dhiyaatti 125KM Fagaatte argamti.Gosa qilleensa baddaa,badda-daree fi gammoojjii of keessa qabdi.Gosa Fuduuraafi Kuduuraa akkasumas midhaan dheedhii gara garaan Kan guutamtedha.Kabajni namoonni Waliif qabaniis osoon Amboo ta'e si jechisiisa.Halkaan yommuu halaala irraa ilaalan ibsaan tarree galee jiru nama hiriiraan tarikaa harkatti qabatte deemtu fakkaatta.Darbe darbe immoo nama daamaraa gubaa jirus ni fakkaatta.Addatti immoo daandiin Gamshuu Magaalitti haalan miidhagina itti uumee jira.Konkoolata fi bajaajonni daandicha irraa sochoo'an dhabbadhu naa ilaali sin jedhu. Halkaan halkaan ibsaan tooraa gale ifu guyyafi halkaan walii nama wallaalachiisa. Jaalleewwan Wal qabatani yeroo isaan daandii Gamshuu irraa yaa'an caalaatti Magaalittif miidhagina dabalaniru.Amboon...
Показать все...
👍 5
Ni dandeenyaatti amanna👈 👉gammoojjii Hawaash darbinee #Fugugiinis dhaqnu, ho'a sahaaraa keessas jiraannu, qorra Arkitikii keessatti,👉hammi tempereechara sanaaf sablammootaa yaaduunii fi hojjechuun keenyaa digirii 37 dha✔️ 👉Waan nama biraatti hin mullanne ilaalaa waan namatti mullatu hojjenna. 👉nuti addunyaa kanaaf VIP(very important person) malee kaanserii dhalootaa miti. 👉nuti warra haala qoratuudha malee warra haalli nuqoratu miti. 👉Qaama rirmi nyaatuun seenaa rirmi hin nyaanne hojjenna. 👉Humna jabaa akka Hitlar qabaachuu osoo hintaane sammuu jabaa akka Maandellaa qabaachuutu nama qabbaneessa jennee amanna. Jecha kana Hiriyaa Koo barata Kadir Kumarraa Yuuniivaarsiitii Mattuu Muummee Gadaa baratu irraan walitti qindeesse. Mee isinis jecha nama jabaa kana daawwitti keessan godhachuun keessatti of mil'adha
Показать все...
Akka naaf galutti yoo ta'e 👉GOOTUMMAA jechuun ajjeesuu osoo hintaane waan itti amananiif du'uudha.
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.