cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Waadaa harmee

Walaloo Seenaa dhugaa... Asoosama.. Sometimes qoosaa.. Welcome to my channel...

Больше
Финляндия2 047Язык не указанКниги16 110
Рекламные посты
367
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
+230 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

ነብዩ ﷺ እንዲህ ብለዋል👇 “በእኛና በእነርሱ (በከሀዲያን) መካከል ያለው መለያ ሰላት ነው እሱን የተወ በእርግጥ ክዷል፡፡” (ሙስሉም ዘግበውታል) https://t.me/aminabullo
Показать все...
Dandeettii qabaachuu keetiif siif booji'ama. na seeqatuu kee qofa yeroo argu jireenya kiyya aarsaa godhee siif kennuun naaf hanqata.! ✍🏾 @ifaa_ifuu @ifaa_man @b_badr
Показать все...
Kutaa 4ffaa #Yuusuf Takka turre yoo wal haasofsiifnu, akka haadha warra isa taate natti hime. Innis akkuma koo online irraan baree amartii godhate. Ilaalaa ilma nama... garuu isa jalas ni badde. Ana isaafi maati isii, burjaajji keessatti nu gatte, ofi jireenyaa ishi baasu filatte. An garuu gaafan mucaa amarti irraa qabu faana yaada wal jijjirre, madaan koo ni fayye. Sababni isaas; miidhama inni keessa jiruufi, taatee isaan lamaan giddu jirutuu nama dhukkubsa. Innis akkuma koo amane, icciitii jireenya isaa qoodufi bira darbe amarti naqeefi. Maal kana qofa waan baay'ee ta'e inni. Anaaf inni miidhamni nu miidhamne qixa ta'u baatus, ani bara jireenya koo keessatti, namni yeroo jalqabaatif jaalalan na cabse isheedha. Garuu alhamdulillah, ani sababa ishee dhabuutin of hin dhabne. Inumaayyuu gochi fokkisaan isheen jireenya koo waggaa shani keessatti na goote, baruumsa gudda naaf ta'eera. Ofi koo sirri na barsiiseera. Akkan danda'u, akkan beeku, akka nama malee jiraachun danda'amu fa na barsiise. An dura jireenyumti ishee malee hiika qaba jedhe hin amanne. Hahahah, amma garuu ani gammadaadha. Isheefis dhiifama godheera. An laphee dhiifama waanan qabuuf, dhiifama godheef. Bakka jirtutti nagaya ta'i! Ani si irraanfadheera. Akkasumas jireenya haaraya yaaddoo hin qabne eegaleera. Ati garuu ammayyuu boqonnaa hin qabdu. Hahahaha kanaaf imoo akka namummaatti na mararta. Garuu an kan na ajaa'ibuu, akkamitti akka ati kijiboota san hunda qopheessitedha. Dhiira lamaa faana of dhoksaan jireechun sitti xiqqaannan, dhiiraa saadaffa, bira deemu keedha. Miti dhugaa dandeetti kee kana utuun hin dinqisiifatin bira dabruu waanan hin barbaannefi malee, waa'ee hammeenya kee dubbachuu koo miti. Ati dhugumatti nama addaadha. Namni akka si addunyarra hin jiru. An kan na yaachisu garuu, record haaraya cabsite hoo addunyaan maalif akka noobeli si dhoorgatteedha. Dhugumatti akka addunyaan tun malaammaltummaan guutamte kanin bare, erga ati Nobeli dhabdeeti. Nagaan jiraadhu! Ana Yuusuf isa ati wagga shan saakkaste, isa siif gowwoome, isa ati lukaan dugda isaa irraa deemte, isa haala yeroo utuun taane, onnee qulqulluun si jaalatu, kan dhabamuun kee yaaddoo jireenya isaatti fidde. Kan ijaan imimmaan boo'aa kessaatti dhiiga cobsa waa'ee keeti gaafata ture. Isa dhugaaan of ijaaru barbaadu, eeyye ana Yuusuf taatee nu gidduu jiruufi waan ati na goote hunda hin katabne, Sababni isaas: yerootu nan ga'u. Kan dura si biraatti gubeefu gaabbaan jira. Maalif seeta. Addunya kanarraa meeshaan baay'ee qaali mallaqan hin bitamnetu fayyaa, amanamummaa fi yeroodha. Irraa deebidhan nagayaan turi! Jireenya gaarii siif hawwa. "Hin wallaale bar beeke, Ni sirrooftaf si eege. Sirra kaahe abdi soba Wanuma hin taane boodde" Affeera kooti Shukri Jamal jedhi YouTube seenu search godhi! Hahahaha.. Abbaan seena #yuusuf jedhama. Barreesaan @Saamidha. Xumuramera. Hanga mata duree biraatin walitti deebinutti magaya ta'aa! Hiriyoottaan keessaanis share gochuun akka maati channel kana ta'an taasisa. Barruulee gaggababo kanneen akka gorsa, seena, dheeko, oduu durii, asoosama faa asin argachuu ni dandeessu!! Galatooma! https://t.me/aminabullo
Показать все...
Waadaa harmee

Walaloo Seenaa dhugaa... Asoosama.. Sometimes qoosaa.. Welcome to my channel...

Kutaa 3ffa #yuusuf Kaayyoo malee hiika qabu. Kanaaf haa jabaannu" nan jette na jajjabeessiti. Anis hiriyaa jaalalaa akka ishi qabaachutti baay'ee gammada. Eegaa taatoon baay'ee ulfaata, saplaa, gaddaa, gammachuu, fi k,k,f, faa erga nu giddutti darbani, guyya tokko halkan utuma waliin haasa'u, akka rifeensa sirreefacha jirtu natti himte. Waanti kun anaaf haarayaa dha. Kana dura garuu ji'oota hedduuf hanga ta'ee wahi natti jijjiramu ishi nan beeka. Erga yeroo san nagaya walitti dhaamannee adda baane, hanga har'atti wal hin argine. Guyyaa san irraa kaafte online hin seentu. Silkiin ishi hin hojjatu. Ani baay'ee dhibbachu itti fufe. Namaan gaafatadhu tokkos hin qabu. Garri deemu na dhibe natti dukkanaa'ee hafe. Ol ilaale samiin natti fagaatte, gad ilaale dachiin, natti jabaatte. Guyyaan halkan natti ta'ee, halkan azaaba natti ta'e. Ofii koo of jibbeen, eessati akka of jalaa baqadhu dhabe. Furmaata biraa dhabeen dhugaatifi tamboo xuuxu keessaatti kufe hafe. Ji'aa tokkoof akkasumattii burjaaja'aa ijaan imimmaan boo'aa onneen dhiiga cobsaa sammuu weeraru itti fufe. Dhugumatti namni kaayyoo dheera waliin qabdu, yerooma muraasa giddutti yoo si biraa dhabamu, namni ati jaalatte egeree keetif abdattu, namni ati, taatee meeqa keessaa waliin dabarte, namni ati haadha ijoollee keeti godhachuuf hawwitu, namni ati dubartoota addunya kana hunda keessaa filattee ofitti aansite, gaafa si biraa sababa malee dhabamu.....maaltu ta'uu hin qabne. Maaltu immoo ta'uu qaba? Ji'aa tokko booda iddoo duraa jirurraa deeme iddoo waan fokkisaa keessaatti nan darbine wahii rabbi na galche. Anis tasgabbaa'ee Yaa rabbii kan koo taasisuun haa hafuu, jiraachuma ishee na dhageessisi! An jiraachu ishee hawwe.tola miti lolaa ishee kan kaleessa hawwe. Tasgabbii miti muddama ishee kan kaleessa hawwe. Gorsa miti, cunqursa ishee kan kaleessa hifadhuun hawwe yaa rabbiiii haa hii haaa abbaa feetes haa heerumtu, jireenyu ishi qofa na dhageeessisi yaa rabbi! jedhe kadhadhe. Rabbis utuu hin turin naaf awwaate. Alhamdulillah,, suura ishii calliseema profile fb godhadhe. Gurbaan tokko kanuma akka anaa ishii barbaada jiru tokkon wal qunname. Inni akkuma argeen, garaa messenger gammachuun na dubbise. Anis tarii nama ishii beeku jedheen gammachuun faana dubbadhe. Takka turre yoo wal haasofsiifnu, akka haadha warra...https://t.me/aminabullo
Показать все...
Kutaa 2ffaa #Yuusuf Nasraa ani dhugumatti haala ulfaata Keessatti kufaara. Akka Keessatti ta'aa jiru hunda baase sitti himuufis humna dhabe. Nasraa an jaalala teetin qabameera. Garuu na taajjabdaa? Yeroo hunda sitti himuu kan sodaadhuu, tarii waan ati narra hin eegne dubbadhe, si mufachiisa laata jedheeni. Sababni isaas: si dhabu waanan sodaadhufiidha. Amma garuu humn kiyya ol ta’eera. Waa'ee keetin dhippata jira. Na hubadhu. Ani waa'ee keetin hiraarun haa ga'u. Gama ofi kootti deebi'uu barbaada. Hangaan an of jalaa badutti nan tursiisin! waan lama keessaa tokkoo ni ta’a. Ani garuu waan fedheeyyu yoo ta'e murteeffadheera. Nasraa maaloo! gama barreefaatin waan keessi kiyya na jaju muraasa qoodef. Isheenis ganama kaate akkuma argiteen, "jechoota bareeda kana Duraan sirraahin dhabe, Erga sirraa dhufte Rabbumaatu of naaf qabe" Jette gammachuun fudhatte. Anis gammachuun wal taane, mana jaalala seenuf hulaa banne keessaa seenne. Akkuma nama wal jaalatu tokkootti, waliin haasa'a, mari'achu, xabachuu, fi waan jaalala fageenya keessaatti raawwaatu hunduma raawwaacha gammachuun jireenyaa itti fufne. Gaafa tokko ibidda ta'uu, tokkoo bishaan ta'ee, balleessaa keenya waliin lolaa,wal gorfachaa, dogoggorra waliif sirreessaa, tolas badas waliin qoodachaa,akka nama qamaan fagaate, yaadan waliin ta'e tokkootti jireenyaa fuldurattii oofne. Dhugumatti bara dheera waliin erga turre, waggaa shan guutu obsine kaayyoo keenya dhugoomsu qofa irratti xiyyeeffanne, wal faana hiriire deemna. Nan beeka isheen dubara. Yeroon irratti deema. Kanaaf ani waa'een kunis na dhippisa. Guyyaa tokko tokko akkas jedhaan, Nasraa yee, duniyaan maal abbashi, beenu gallee, gaaheela bareeda gidduu keenyatti haa raawwatuu, ilmoo keenyaas maatin keenya nuuf haa dhungatani! jedhee yaadawa keessaatti gammachuun itti dhubadha. "Hahahaha....Yuusuf maal taatee? Kaayyoon keenya maaliniyyuu hin jijjiiramu. Hanga success taanutti waa'ee gala hin dubbatin! Haala keessaa jirtu ilaalte ofitti hin gaddin! Isa hangaa har'aatti nu gargaareef galata jedhi! Kaanif immo isa abdadhu! Hundaa ni dhaqqabna! Hiriyoota tee laalte, haala yeroo laalte, kaayyoo keenya hin jijjiirin! Jireenyaatu....https://t.me/aminabullo
Показать все...
Kutaa 1ffa #Yuusuf Maqaan koo Yuusuf jedhama. An uumama koorraati of dhoksu hin beeku. Yeroo hundaa of ta'een eenyummaa kootin boona. Ofitti amanamummaas nan qaba. Yeroo baay’ee waa'ee namoota dhuunfaa, paarti, naannoo fi ajandaalee gara garaa irrattis hin mari'adhu. Yoo xiqqaate waa'ee yaadota fi ofikoo qofa. Kanaaf Maqaan koos isuma sirrittu kana. Kanumaan fuula media haawasaa gubbattii tajaajilama. Nan yaadadha barri nuti wal barree, 2018 keessaa. Akkuma carra fuula media haawasa gama facebookitin hiriyaa taane turre. Suuta suutan gara messengerin wal dubbifne. Ani mana nama keessa hojjadha isheenis akkuma kooti. Dubara mitii dhiirriyyu, naaf hawwiidha. Facebookin guddaa haa galatoomu, hiriyaa baay'ee naaf fidu bira darbee hiikkaa jireenya fi jaalala isatu na barsiise. Hiriyoottaan kiyya keessaa mucattii tanaan baay'ee walitti dhiyaannee. Ganama yeroo hirribaa kaanu"nagaya bultee" jenne garuma messengerin nagaya wal gaafanna. Akkasumas yeroo boqonnaa qabnutti bilbiille waliin haasofna! Yeroo rafnus "Nagayan buli" jennee adda baana. Akkasumattii hiriyyummaan keenya itti cima dhufe. Inumaayyuu waliif bilbiiluun, araada nutti ta'e. Akka carraa yoo ani toorarra hin galin, kallattiin bilbiilte na gaafatti. Akkasumas akka baay'ee dhippatu natti himti. Anis dhugumatti guyyarra garaa guyyaa haalonnii gaariin isheerra natti mul'atu akkan ani yeroo hunda waa'ee ishi yaadu na taasise. Hanga ji'a jahaa akkasumattii hiriyummaan waliin turre. Hanga ammaatti garuu walitti dubbachuuf qaanfiin mogoleen nu bu'uuyyuu, keessi keenya lamaanuu akka nu baafne waan tokko dubbannu nu ajaja. Guyya tokko akkuma hojii xumurteen naaf bilbiiltee "Yuusuf! Hahahah... ati anaaf maali? Dhi dhi dhiii... dhiisi haa ano nan beeka. Ati obbolessaa koodha miti?" Jettee baay'ee jechootan huhudhamaa natti dubbatte. Anis haa ii'ii eee an obbolessaa keedha obbolessaa,, Jedhee baay'ee hafuura adda na cite. "Tolee nagayan bulii Yuusuf" nan jette anis tolee bye. jedhe irratti cufadhee bilbiila darbee ofitti dallane. Yuusuuuuuf haaa Yuusuf sodaattu,, gadhe haa haa' jedhee ilaaltu keessaatti of ilaale dafqa fixadhe. Sababni isaas: guyyaa guutu akkan akka jaaladhu itti himu of waliin mari'acha ture. Waadas ofiif gale. Garuu ishee bira geenyan yaadonni na harka faca'ani, sodaan guutame. Itti dubbadhe yaada koo ibsachuu mitii, humna ishii ittiin dhageeffadhuuyyu nan dhabe. Haa ta'uuyyu garuu yeroo tokko tokko humni jaalalaa baay'ee ulfaata waan ta'eef karama ofi si ajaju irraa si deemsiisuufiyuu, qormaata sitti baay'isa. "Ibidda jaalalaan qabsiifame, baay'inni Bishaanii hin dhaamsu" jedhama mitire. Anis xiqqoo ishii, of tasgabbeeessee, ta'ee akka taʼu qabuufi waa'een ishii akka na miidha jiru of faana mari'adhe. Utuun har'a ofi koo of harka of qabu, waan tokko murteessuu akka qabus murteeffadhe. Gaafa of jala bade garuu deebise of argachuun baay'ee ulfaata.. Itti fufa
Показать все...
Namni gaddaa fi gadadoo adda ofii keessa kutuu aadeffate, namni isatti dhihaachuu fi isa dhiisee deemuunis isaaf tokkuma. itti dhihaachuunis homaa isaaf hin dabalu, irraa fagaachuunis homaa Isa hin miidhu. https://t.me/aminabullo
Показать все...
Durbummaa qabdaa? Kutaa dhumaa Namoonni kutaawwan darban hin dubbifne channel join gochuun dubbisaa 🥰 Akka nama mana kiyyatti na deebisuu fakkaatee, bishaanitti summii na hadoochu naqeet duruma qopheeffatee dhufe. Utuma an hin gaafatiin banee naaf kannee ofiifis kaan dhuge. Highland lachuu waluma fakkaata. Innis nama naaf haariya waan ta'eef wayi yaada jedhees homaa hin tilmaamne. Akkuman bishaan sana dhugeen Ani nan kute. Jechuun of hin barre nan hadoode ta'ee nan muge ta'ee nan du'es ta'a....hhhh...hhhh... Waantichi walii nama wallaalchisa. Boohufis kolfuufis ulfaataa. Ani bishaan dhuguu fii yeroo of barutti kabajni koo badee kan jiru qofadha kanin an arge. Akka waan rafiitiirraa Ka'eettin birrrrr jedhee ol utaale. Yoo ka'u gurbachi na bira ciisa. Ani qullaa kodha. Waan ta'ee ture homaa hin beeku. Qofa dhukkubbi natti dhagahamu malee. Maaltu as na fide. Ati eenyuu, maal na biraa gootaa..... Jedheen itti iyye. Innis "tasgabbaayi suuta siif himaa" naan jedhe. Suuta maal Ani haga har'aa kaniin kabaja koo eegaa tureef. 1, intalli Haram irraa of eegde kan jennataati. 2, haadhaf abbaakoo maqaa isaanii bakka gaaritti kabajaan waamsisuufi. 3, kennaa Ani abbaa manaa koof kennee inni gammadu kana qofadha. 4, ijoollee koof fakkeenya guddaa ta'uufi. Akkamitti ati bishaan qarshii 1 tiin tasatti kabaja koo na dhabsiifta jedheetiin kaballa ijatti cufe. Inni waan barbaadu waan argateef homaa itti fakkaanne. Calliseema na dhaggeeffata. Boohes, iyyees , maraadhes .... Homaa hin fidu. Innis "callisi si gahaa. Amma ka'i sin gaggeessaa" naan jedhe. Haasawa isaa dura turee fii ka ammaa kana wal bira qabdanii yoo laaltan, Obboleewwan kiyya akka barumsa irraa argattan abdiin qaba. Obboleetti kiyya qaalii eessattuu yoomiyyuu dursitee erga of eegdee eenyunuu amantee itti ofin gatin. Obbolessa kiyya qaalii har'a Ani hin miidhamu jettee taanif taanis balleessaa, miidhaa kan ooltu wlh atis haadha manaa qulqulluu gaarii hin argattu, ilmoo durbaa rabbi siif kenneeti ittiin siif deebisa. Guyyaa boruu rabbiin fuulduratti ittiin adabamta. Miidhan kana caale maaliree 😭🙏 Rabbiin hunda keenya Haram irraa nuhaa tiksu. Seenaa biraatin haga walitti deebinu nagayaan turaa 🥰 https://t.me/aminabullo
Показать все...
Durbummaa qabdaa? kutaa 3 ffaa. Erga dhimma achiitii qabaattee tole jedheenii konkolaataa seene. Deemsa karaa dheeraa kana itti fufne. Waan baayye haasawa jaalatu fakkaata. Isa asiis isa achiis walitti funaanet kun akkas sun akkas naan jedha. Ani calliseema dhaggeeffadha. Utuma haasawa isaa dhaggeeffadhuu mana kiyya bira na dabarse. Yoon yaadadhee akkas milladhu manni kiyya daqiiqaa 30 nu duratti darbeera. Auzubillah maal ta'e har'a Ani oduu faayidaan alaaf qalbii koo kenne jedhee rifadheen. Da..da...da..darbinee jirra jedheen. Innis maal rakkoo qabaree maaf rifatta jedheet na tasgabbeesse. " Mana kootti waan dhiyaannef mana bartee deemta naan jedhe " lakki Ani dhimma qabaa saniif ariifadhaa jedheen. Hayye abshir naan jedhe. Konkolaataa ofirra naannesse. Edaa inni afaan miyeeffatee. Duruma waan sharrii yaadee jiruuf. Qophiirra ture. As deebisee utuu deemnut, bishaan highland dhaan kan ture tokko banee naaf kannee ofiifis banate dhuge. Ani homaa shakkaa hin jiru. Kan naaf bane edaa bishaan keessa kan jiru summii... Itti fufa Kutaan itti aanu dafee akka isin gahuuf ammuma join us https://t.me/aminabullo Forward gochuun hiryoota keessan affeeraa 🥰
Показать все...
Durbummaa qabdaa? Kutaa 2 ffaa... Haaluma kanaan turtii yeroo dheeraan booda, kitaaba Ani barbaadu akka of biraa qabu naaf hime. Anis baayye gammadeen akkamitti na qaqqabsiisuu dandeessa? Jedheen. " Suni salphaadha. Atumti fedhii dubbisuu qabaannan anatu bakka ati feetutti siif fida" naan jedhe. Tole guyyaa sambata xiqqaa waaree booda. Lafa akkanaatti wal agarra jedheen. " tole rakkoo miti. Inumaa anis gaafas dhimma wayii safara sanii qaba. Achumaan siif fida" naan jedhe. Akkasitti waliif gallee bilbila cufanne. Akkuma jedhe San waadaa isaa yeroo wajjin eegee naaf fide. Ani tax dhaan deeme. Inni konkolaataa ofumaaf qaba. Ani lafa fagootiin dhufe isaaf garuu dhihoodha. Egaa nama hawwii koo yeroo dheeraa haala salphaan naa fide callisee biraa deemun natti ulfaate. Fuulduruma keenya mana buna wayiitu ture. Achumatti gorree buna dhugna jennee ol seenne. An baayye hin haasawu garuu inni haasofti isaa heddu namatti tola. Nama baayye ariifatu tasgabbeessa. Nama beelawe quubsa. Utuma buna dhugnuu haasawa isaa dhaggeeffachuutti yeroo dheeraa ture. Yoo yeroo laaluu kutte. Ka'i har'aaf nu gahaa yeroo biraa taphannaa jenneet baane. Waanin tureef, ammas tax waan hin arganneef, sin gaggeessaa konkolaataa seeni naan jedhe. Tole jedhee yoon seenu.... Itti fufa... Dafee akka isin gahuuf ammuma join us and forward ⏩ https://t.me/aminabullo
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.