ru
Feedback
Umer Fito (Legal Issues) ዑመር ፊጦ ( የህግ ጉዳይ)

Umer Fito (Legal Issues) ዑመር ፊጦ ( የህግ ጉዳይ)

Открыть в Telegram

Haqni Hundaaf!

Больше
Страна не указанаЗакон и право6 684
283
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
+230 дней
Архив постов
laficha irratti ijaarame gurguruuf waliigalteen taasifamu seeraan ala jechuun hin danda'amu" jechuun Heera Mootummaa Federaalaa keewwata 40(1)(2)(7) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture. Akkaataa Murtii Dhaddacha Ijibbaataa kanaatiin, Mana lafa baadiyaa irratti ijaarame (Qabeenya dhaabbataa achi irratti horatame) gurguruu jechuun mirga qabiyyee lafichaas dabarsuu ni dabalata jechuudha. #DhIjMMWF LGMM 215444 ta'e irratti dhaddacha gaafa Onkoloolessa 2,2015 Ooleen "Waliigaltee gurgurtaa manaa karaa bakka bu'insaan raawwatamee osoo qaama aangoo qabu (Mana hojii Galmeessa ragaa fi sanadaa) biratti hin galmaa'iin akkasumatti wal amanaanii waliigalame; yoo bakka buufataan waliigalteen Jiraachuu dhabuu Haale/Kaade tahee waliigalteen godhamee turee bu'aa Seeraa hin qabaatu ykn qaamni waligaltee raawwate sun waliigaltee diiganii akka duraan turanitti deebi'uu qabu jechuun murtii kenneera. #Galatoomaa! Saadee Hero follow godhaa itti fufiinsaan hubannoo seeraa argadhaa .

#WALIIGALTEE_BITTAAFI_GURGURTAA_MANAA _Vs_ SEERAAFI MURTIILEE DHADDACHA IJIBBAATAA Waliigaltee gurgurtaa manaa irratti seerri hariiroo haasawaafi kanneen biroos akkasumas DhIjMMWF yeroo garaagaraatti murtiilee diriqsiisoo heddu kenneera. Waliigaltee bittaa fi gurgurtaa Manaa seera fuulduratti raawwatiinsa (Fudhatama) qabaachuuf barreeffamaan taasifamee garee walfalmitootaatiin irratti mallattaa'ee ragooleen lama (2) mallattoon mirkaneessanii qaama waliigaltee raawwachiisu ykn Mana Murtii fuulduratti raawwatamuu qaba. ✔Waliigalteen barreeffamaan taasifame qaama aangoo qabu biratti galmaa'uu qaba. (Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1723,2877 fi 2878). #DhIjMMWF Jildii 14ffaa LGMM 78398, fi Jildii 12ffaa LGMM 57356 ta'an irratti: "Waliigalteen bittaafi gurgurtaa Mana tokko seera fuulduratti raawwatiinsa qaba jechuuf akkaataa seera waliigaltee keessatti tumameen ulaagaa guutamee raawwatamuu akka qabu" seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 2005(1), 1678(C), 1723, 2877 waliin wal qabsiisuun murteessee ture. "Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Manaa" qaama sanadicha mirkaneessu fuul-duratti taasifamu faayidaa ol'aanaa qaba. Faayidaa waliigaltee qaama waliigaltee mirkaneessu biratti taasifame qabu keessaa: #1ffaa) Waliigaltichi Mana Murtiitti fudhatama akka qabaatu taasisa, #2ffaa) Sanadni garee falmitootaa harka ture yoo bade, yoo gubate ykn garaa garummaa yoo qabaate sanadichi qaama mirkaneesse irraa akka argamu taasisa, #3ffaa) Nama barumsa hin qabne mirgi isaa akka hin sarbamne taasisa, #4ffaa) Nama ijaan arguu hin dandeenye miidhaa irraa hambisa. #DhIjMMWF Jildii 15ffaa LGMM 83674 ta'e irratti: "Waliigalteen tokko barreeffamaan ta'ee garee walfalmitootaatiin ragoolee lamaaniin mallattaa'uu akka qabufi waliigalteen namoota hin baranneefi ijaan arguu hin dandeenyeen taasifamu waliigalchiisaa ykn Mana Murtii fuulduratti yoo hin taasifamne waliigaltichi dirqisiisummaa akka hin qabne" Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727,1728(3) fi 2005 wajjiin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture. ✔Waliigalteen jiraachuu bitaa mirgi yoo wal amanan qaama aangoo qabu fuulduratti taasifamuun dirqama miti. #DhIjMMWF Jildii 13ffaa LGMM 36887 ta'een: "Waliigalteen jiraachuu yoo amaname mormii waliigaltichi qaama aangoo qabu biratti hin taasifamne jedhamee garee biraatiin ka'u fudhatama akka hin qabne" ta'uu Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1731(1) fi 2878 waliin wal qabsiisuun Murtii dirqisiisaa kennee ture. Kunis, sababni fi kaayyoon waliigalteen qaama aangoo qabu fuulduratti taasifamee galmaa'uu barbaachiseef waliigaltichi jiraachuu hubachiisuuf /Mirkaneessuuf dha. #DhIjMMWF Jildii 23ffaa LGMM 153664 ta'een: " Waliigalteen bittaafi gurgurtaa Manaa qaama aangoo qabu biratti kan hin galmoofne yoo ta'e diigamaa akka ta'e" hiikoo kenneera. Waliigalteen ulaagaa seerri kaa'een kan hin taasifamiin hafe dirqisiisummaa akka hin qabne, ykn waliigalteen akkasii akka wixineetti waan lakkaa'amuuf deeggarsa seeraa akka hin qabne seera hariiroo hawaasaa keewwata 1720(1) jalatti ifa taasiseera. #DhIjMMWF Jildii 10ffaa LGMM 43825 ta'e irrLGMM: "Manni Murtii mormii garee walfalmitootaatiin hin kaane kaka'umsa isaatiin bittaafi gurgurtaa Manaa barreeffamaan (Foormii) guutamee hin taasifamne jechuun kaasuun waliigaltichi bu'uurumarraayyuu diigamaadha jechuun kufaa gochuu akka hin dandeenye" hiikoo dirqisiisaa kennee ture. 👉Mana Lafa Baadiyaa Irratti Ijaarame gurguruu Jechuun Lafas Waliin gurguruu jechuudha❓ #DhIjMMWF LGMM 184647 ta'e irratti: "Namni kamiiyyuu Mana (Qabeenya dhaabbataa) qabiyyee lafa baadiyyaa irratti dafqa isaatiin qabeenya (Kaappitaala) horachuu akka danda'u, qabeenya dhaabbataa (Mana) Lafa baadiyyaa irratti ijaarame akkuma Mana Magaalaa gurgurtaadhaan qaama sadaffaatti dabarsuu akka danda'u, waliigaltee bittaafi gurgurtaa irratti ibsame waa'een dhimma waliigaltee Lafa baadiyyaas ta'e Lafa Magaalaa, lafa duwwaa gurgurtaan dabarsuuf yoo ta'e malee, namni kamiyyuu qabiyyee isaa irratti humna ykn qarshii isaatiin Mana ijaare (Qabeenya hin sochoone dhuunfaan horatee qabu) gurgurtaan dabarsuuf mirga Heeraan eegumsa argate waan ta'eef, Mana

Muddee 07/2018 #Kutaa_10ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa. Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophiin keenya har'aa kutaa #10ffaan Seerri Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa Maali? Falmii hundeessuun duratti maal adda baafachuu qaba? Namni himannaa hundeesse eessatti dhiyeeffata? Himannaa hundeessuu irratti of eeggannoon taasifamuu qabu maali? Seerri Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa mirgoonni bu’uuraa Seerota bu’uuraa keessatti haala kamiin hojiirra ooluu akka qaban kan qajeelc hudha. Kaayyoon Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaas adeemsa falmii madaalummaa isaa kan eeggate ta’uu mirkaneessun adeemsa si’ataa fi qaqqabummaa bu’a qabeessa ta’e akka jiraatu kan taasisuudha. Mata duree kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)tti Leenjisaa Seeraa #Obbo_Tafarii_Haylamaariyam tu nuuf dhiyeessa. Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.

Executive Summary on YDD.docx0.36 KB

Interview versus Interviewer.xlsx6.58 KB

Interview versus Interviewer.xlsx

Interview versus Interviewer.xlsx

#HATTUUN HIN BAATU! =================== =================== Namichi kun Arabuu Ibraahim Qaaduu ofiin jedha. Dhalataa Godina Baalee Aanaà Gaasaraati. Kan jiraatu magaalaa Adaamaa ture. Hojii Hannaa irratti bobba'uun jireenya isaa gaggeessaa nama tureedha. Yeroo adda addaas yakkoota addaa namoota garagaraa irratti raawwachuun hidhamee kan hidhaa bahee dha. Garee hannaa cimaa gurmeessuun hojii hannaa irratti waliin bobba'anii ummata keenya saamaa jiru. #Namoota gara biyya alaa isin erga; ejensii namoota biyya alaatti ergu seera qabeessa qabna jechuun qarshii baayee namoota hedduu irraa fudhatuun bilbila cufata. ##Hojii daldala adda addaa waliin hojjanna jechuun namoota karaa amantii fi hawaasummaan itti siquun abbaa qabeenna cimaa of fakkeessuun namootaa saamaa kan jiruu dha. #kana malees chaappaa fi nagahee adda addaa hojjachiisuun akka nama hayyama daldalaa qabuutti konkolaataa bu'aa hannaatiin bitateen kan socha'uu dha. #Teessoo isaa magaalaa Adaamaa Kutaa magaalaa Dambalaa Aanaa Irreechaa keessa jiraachaa kan turee yoo ta'u yeroo amma saamicha cimaa raawwatee miliquun teessoo erga jijjiirratee baatii 4 ta'ee jira. Iddoon inni ni jiraata jedhamee shakkamuu fi jiraata ture magaalaa Adàamàa, magaalaa shaashamannee , magaalaa Roobee fi magàalaa Shaggar fa'aa dha. Namootni namicha kana argitan keesssaan nuuf barreessaa iddoo inni itti argamu nuuf eeraa! #Namootni argitan immoo of eeggannoo taasisuun irraa fagaadha. #Ragaa hanga ammaa argameen gara qarshii miliyoona lamaa (2000000) olii namoota garagaraa irraa saamuun miliqee jira. Namoonni argitanii fi beektan nuuf eeraa! #Namoonni barreeffama kana dubbiftan share share gochuun hawaasa keenna biraan haa geennu # Dhumarratti namoonni nama kana argitanii eeruu nuuf kennitan waan xaarii kaffaluuf waadaa kan seennu ta'uu keenna beektanii akka eeruu nuuf kennitani. Odeeffannoo qabdan keesaan naaf barreessa! #Share gochuu hin dagatinaa!