cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Biiroo Barnootaa Oromiyaa ✨ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ

Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country This channel is created to help students with what we can and what we have!

Больше
Рекламные посты
30 540
Подписчики
+10624 часа
+5897 дней
+1 79230 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

​​#SAGANTAA Qormaata Biyyoolessaa Xumura Kutaa 12ffaa Bara 2016 #Saayinsii_Hawaasaa 03/11/2016 jalqabama. #CARRAA_GAARII! @Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Показать все...

👍 40 29🙏 11🏆 9
👍 4
Фото недоступноПоказать в Telegram
Yunivarsiitiwwan #Barattoota_Kutaa_12ffaa_Bara_2016 Qormaata Barnoota #Saayinsii_Hawaasaa Fudhatan Simachuu Eegalan. ------- BBO-Waxabajjii 30/2016 Barattoota kutaa 12ffaa qormaata biyyoolessaa fudhatan gara giddu gala(Yunivarsiitii) qormaata itti fudhatan geejjibamuu kan eegalan yoo ta'u, Yunivarsiitiwwanis haala ho'aa ta'een simannaa gaggeessaa jiru. Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 akka biyyaatti barattootni kuma 700 ol kan qorataman yoo ta'u, akka Naannoo Oromiyaatti immoo barattoota kuma 246 ol qormaata ni fudhatu jedhamee eegama. #Karaa_Nagaafi_Carraa_Gaarii Isaaniif Haata'u! @Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Показать все...
👍 24🙏 5 3👏 3
👍 3
Repost from N/a
Фото недоступноПоказать в Telegram
Saree lakkoofsa meeqa irra jirtutu aannan dursee argata? 𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥 ⦿ Lakk - 1 ⦿ Lakk - 2 ⦿ Lakk - 3 ⦿ Lakk - 4
Показать все...
👍 24 12 6
⦿ Lakk 1
⦿ Lakk 2
⦿ Lakk 3
⦿ Lakk 4
#Barattoota_Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Bara 2016 Fudhachuuf Qophaa'an Hundaaf ----------------------- BBO- 23/10/2016 Qajeelfama Naamusa Qormaataa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Ministeerri Barnootaa baase keewwata 35 keessaa 1-25 dhiheessuun keenya ni yaadatama. Har'a immoo , keewwata 26- 35 guutuusaa dhiheessineerra. #Dubbisaa! #Keewwata 26- Haala kamiiniyyuu qormaata hatuun qormaata irraa ariisisa; seeranis ni gaafachiisa. #Keewwata 27- Qindeessaan qormaataa tokko naamusa qormaataa kabajsiisuuf yeroo socho'u irratti ololuu yaalun qormaata irraa nama ariisisa. #Keewwata 28- Barattootni qormaata akka hin fudhanne kan kakaasu qormaata hin fudhatu, seeranis ni gaafatama. #Keewwata 29- Sanadoota, chaappaa, waraqaa eenyummaa sobaa qabatee kan argame qormaataa irraa ni ari'ama, dhimmi isaas ni qoratama. #Keewwata 30 - Qormaata akka hatamuufi qisaasamu matta'aa kennuu kan yaale qormaata hin fudhatu. #Keewwata 31 - Barataa biraatif gargaarsa barbaachisaa hin taane kennuu yaaluun, kennuun, qaamaan mallattoo adda addaa dabarsuu yaaluun barattoota lachuu qormaata irraa ariisisa. Seeranis ni gaafatamu. #Keewwata 32- .Waraqaa qormaataa hatuufi dhoksuun qormaata irraa ariisisa. Seeranis ni gaafatama. #Keewwata 33- Barataa birootiif 'passward' fi maqaa dabarsanii kennuun qormaata irraa ariisisa. Seeraanis ni gaafatamu. #Keewwata 34 - Waliin gurmaa'un qormaata hatuun, hatuuf kakaasuun qormaata hunda hin fudhatan, seeraanis ni gaafatamu. #Keewwata 35- Gareen qindoomuun barattootni biroo akka jeeqan, jeeqsisan, qormaata hatuufi hachisiisuu yaale qormaata kennamaa jiru irraa ni ari'amu. Seeranis ni gaafatamu. #HUBACHIISA:- Barattootni keenya seeraafi naamusa qormaataa kabajuun hojjachuu akka qabdan ergaa biiroo keenyaati #Tasgabbiin_yaadaafi_qalbiin_ofitti_amanamummaan,_olola_sobaatiin_otuu_hin _eeqamin_qormaata_keessan_qofa_irrsatti_yoo_xiyyeeffattan qabxii olaanaa galmeessisuu akka dandeessan dhaamsa keenya dabarsuu barbaadna. #CARRAA_GAARII_ISINIIF_HAWWINA! CARRAA GAARII !! Tolla Berisso official 💠
Показать все...
Tolla Berisso Official

Tolla Berisso official! 🔴⚪️⚫️

👍 22 3😢 2🙏 2🏆 2💔 2👏 1👌 1
#Keeweata20-Ta'e jedhamee ragaa sobaa kennuun qormaata si'a sanii akka hin fudhanne taasisa. #Keewwata21- Barreeffamaan yaadannoo adda addaa harkarratti, waraqaa xixiqqaarratti, huccuu uffatan irratti, qaama isaanii kamirrattuufi waraqaa sooftii, teessoo irratti, keeyya kutaarratti(wall) barreessuun qormaata si'a san kennamaa jiru irraa ariisisa. #Keewwata22- Nama qormaata lennu qaamarratti miidhaa geessisuun qormaatni hunduu akka haqamu taasisa. #Keewwata23- Qormaata hatuuf nama/namoota kan gurmeesse qormaata hin fudhatu, #Keewwata24- Meeshaalee kutaa qormaataa akka hin seenne dhoorkaman kamiyyuu, teeknikaafi elektirikaala ta'an, walitti suphuun itti fayyadamuufi yaaluun akka hin qoramne taasisa. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata25- Kompitara itti fayyadaman qormaataaf qofa waan ta'eef, faayiloota hin heyyamane keessa galuun, ragaa qaama biraatiif erguu yaaluun qormaata akka hin fudhanne taasisa. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. . . . itti fufa Har'aaf asumarratti yoo dhaabnu, keeyyatoota qajeelfamichaa hafan 10 yeroo itti aanutti qabannee dhihaanna. Nu hordofaa. #CARRAA_GAARII ! Oromia Education Bureau 💠
Показать все...
AVACOIN

Gold is where you find it.

🏆 6👍 3
Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuuf Qophaa'an Hundaaf Ni Fayyada! ----------------------- #Qajeelfama_Naamusa_Qormaataa_Dhaabbilee_Barnootaa_Olaanoo_Ministeerri_Barnootaa_Bsaseen Hogganamuun Barattoota Keenya Bu'a Qabeessa Taasisa. Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa qajeelfama naamusa qormaata biyyoolessaa dhaabbilee barnootaa olaanoo ittiin bulchu kan qabu yoo ta'u, kaayyoon walii galaatis barattoota marsariitiirratti(online) qoraman adeemsa qormaataa keessatti seera kabajanii akka qoraman guchuun sirna haqa qabeessa, amanamaafi walsimaa ta'e diriirsuudha. Qajeelfama kana keessatti barattoota naamusa qormaataa cabsaniifi tarkaanfii fudhatamuu qaban #keewwata35 ta'an tarreffamaniiru. #Keewwata1- Barataan dhugaatii alkoolii dhugee machaa'e gara mooraa qormaataa galuu hin danda'u. Qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoramu. #Keewwata2- Barataan ykn barattootni barsiisaa dirqama isaa bahaa jiru sodaachise/sodaachisan qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoraman. #Keewwata3- Wiirtuu qormaataaf hin heyyamane, meeshaa qormaataaf hin heyyamamne keessa galanii argamuun dhoorkaadha. #Keewwata4- Barataan waraqaa eenyummaa gate hin qoramu, #Keewwata5- Barattootni qaama qormaata kennuufi bulchuun yeroo gaafataman waraqaa eenyummaa isaanii ibsu agarsiisuu, sakattaa'amuun dirqama ta'a. #Keewwata6- Dubartiin uffata fuulaatiin fuulli isaanii hin mul'anne yoo ta'e, dubartii/dhiirri qormaata kennitu/kennu, dubartiin/dhiirri balbal irratti sakattaatu/ttaa'u fuula irraa fudhattee akka agarsiiftuufi eenyummaa adda baafachuu dirqama. Barattuun ajaja kana hin kabajne, gara qormaataa hin seentu, qaama nageenyaa achi jiruun to'annaa jala ooltee dhimmi ishee qoratama. #Keewwata7- Yeroo qormaataa kabajuun barbaachisaadha. Garuu, qormaatni kennamuu erga jalqabee daqiiqaa 20 booda baratan dhufe qormaata si'a sanii qoramuu hin danda'u. #Keewwata8- Qormaata kennamaa jiru daqiiqaa 30 dursanii bahuun dhoorkaadha. Barataan didee bahu yoo jiraate qormaatni isaa/ishee ni haqama. #Keewwata9- Barataan mataa isaa uffataan, dhahannaa dabbasaatiin, maaskii fuulaatiifi bifa namoota biroo goyyomsuufi rifachiisuun of dhoksuu yaale qormaata hin fudhatu. #Keewwata10-Barataan qormaata erga dubbisee booda waan dhukbsate fakkaatee kutaa qormaataatii bahe/baate qormaata hin fudhatu/ttu. Qaama nageenya achi jiruun to'annaa jala oolee/ttee dhimmi qoratama. #Keewwata11- Barataan ta'e jedhee, qormaatni hatame jechuun barattoota jeequu yaale qormaata hin fudhatu, ni dhoorkama. #Keewwata12- Barataan qormaata fudhatu tokko kutaa itti ramadameen ala qoramuu hin danda'u. Kan yaalu yoo jiraate to'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata13- Yeroon qormaataaf kenname erga xumuramee booda barreessuun dhoorkaadha. Barreessuu yoo dhaabuu baate immoo, barsiisaan qormaata kennu of eeggannoo afaanii kennuu qaba. kanaanis yoo dhaabuu baate, waraqaa deebii irratti mallattoo addaa gochuu ni danda'a. #Keewwata14- Gara kutaa qormaataa galamu sakattaa'amuu kan dide qormaata hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata15 - Barataan barsiisaa qormaata kennuufi hojjattoota haala mijeessan arrabse, sodaachiseefi abaare qormaata si'a sanii hin fudhatu. Dhimmi isaas ni qoratama. #Keewwata16 - Bilbila qabatanii galuun dhoorkaadha. Kan qabatee argame qormaata irraa ari'ama. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata17- Waraqaa eenyummaa barataa biraa qabachuun, bakka bu'anii qoratamuuf yaalun dhoorkadha. Kan yaalee argame qormaata sadi walitti aansee jiru hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #keewwata18- Qormaatni qisaasame jechuun odeeffannoo dogoggoraa barataan kenne of eeggannoo afaaniittu kennamaaf. #Keewwata19- .Yeroo dhimmi yakkaa qoratamu yaadannoo qabachuun, kaalkuleetara, bilbila harkaa, meedhaalee sagalee waraabaniifi suuraa kaasan qabachuun dhoorkadha.
Показать все...
AVACOIN

Gold is where you find it.

👍 15 6
​Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 Akka Biyyaatti Kennamu Barattootni 35% ol Oromiyaa Irraa Ta'uun Beekame. --------------- BBO- 10/10/ 2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa #qormaata_biyyoolessaa_kutaa_12ffaa_bara_2016_barattoota 246,575 kan qorsiisu yoo ta'u, #akka_biyyaatti_barattoota_qormaata_fudhatan_jedhamanii_eegaman 701,489 keessaa naannoon Oromiyaa 35% ol ta'uun beekameera. Oromiyaa keessatti baay'inni barattoota qormaata fudhatanii hedduu waan ta'eef xiyyeeffannoo Biiroon Barnootaa Oromiyaa kennee hojjataa jiru cinatti karaa loojistikiifi humna namaa bobbaasu irratti Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa hordoffiifi deeggarsa olaanaa gochuu akka qabu waliigalameera. Kanaafuu, hawaasni naannoo keenyaa, maatiin barattootaa, barsiisotni, hoggansi barnootaa, GTB, GMB, BBLG, Caasaan Mootummaa, Qaamni Nageenyaafi Yunivarsiitiwwan Naannoo keenyaa hundi qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 nagaafi milkiin akka xumuramu akkuma kanaan duraa deeggarsi keessan cimee akka itti fufu dhaamsa dabarsineerra. #Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa (GTBO) sadarkaan jirtan, Komishiiniin Poolisii Oromiyaa, Maatiin Barattootaa, Barsiisotni, Hoggansi Barnootaa sadarkaan jiru, qaamni nageenyaafi caasaan mootummaa naannoo keenyaa sadarkaan jiru hundi #haaluma_kanaan_dura_qormaata_naannoo_kutaa_6ffaafi_8ffaa(barattoota milyoona 1.4 ol ta'an) milkeessineen #ammas_milkaa'ina_ammaffaa_akka_galmeessiftan gamanumaa abdii guddaa qabna. Muuxannoo darberra waan hedduu waan hubanneef kan darbe caalaa qulqullinaafi iftoomaan barattoota keenya jajjabeessuu qabna. - Qormaatn kan qophaa; #Sirna_Barnootaa_Darbe(Moofaa) keessaa- Barnoota kutaa 9ffaa - 11ffaa jiru yoo ta'u, #Sirna_Barnootaa_Haaraa keessaa immoo - Barnoota Kutaa 12ffaa ti. - Guyyaa Qormaataa; #Barnoota_Saayinsii_Hawaasaa - Adoolessa 03-05/2016 #Barnoota_Saayinsii_Uumamaa - Adoolessa 09-11/2016tti Waraqaafi 'Online'n kennama. Barattoota keenyaaf: #CARRAA_GAARII_HAWWINEERRA! - BBO - @Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Показать все...
👍 144 51🏆 14👏 12🙏 11👌 9🫡 6
🙏 18👍 7 7👏 6🏆 2
"Rakkinni rakkina caalu fira rakkinaa ta'uudha!" (Mihretuu Shaanqoo) BBO @Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Показать все...
40👍 22👌 10😢 4🎉 2
Loading Qormaanni Kutaa 12ffaa Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa barattoota Saayinsii Hawaasaatiif Adoolessa 3-5 bara 2016 tti, barattoota Saayinsii Uumamaatiif ammoo Adoolessa 9-11 bara 2016 karaa online fi Yuunivarsiitii keessatti waraqaa dhaan ni kennama. Barattoonni Saayinsii Hawaasaa waraqaa irratti qoroman Waxabajjii 30 hanga Adoolessa 1 bara 2016 tti, akkasumas warreen Saayinsii Uumamaa ammoo Adoolessa 6-7 bara 2016 tti gara Yuunivarsiitiitti kan seenan ta'a.
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.