cookie

ะœั‹ ะธัะฟะพะปัŒะทัƒะตะผ ั„ะฐะนะปั‹ cookie ะดะปั ัƒะปัƒั‡ัˆะตะฝะธั ัะตั€ะฒะธัะฐ. ะะฐะถะฐะฒ ะบะฝะพะฟะบัƒ ยซะŸั€ะธะฝัั‚ัŒ ะฒัะตยป, ะฒั‹ ัะพะณะปะฐัˆะฐะตั‚ะตััŒ ั ะธัะฟะพะปัŒะทะพะฒะฐะฝะธะตะผ cookies.

avatar

JABAANNEE HAA DHAABBANNUU๐Ÿ™โ›ชโœค

Walaloo,faarfannaa,barnoota,kitaabaf pdf,ergaawwaan afuura ni argattuu hordofaa,waliif qooda. @Jabaannee_haa_dhaabbannuu https://youtube.com/@Jabaannee_haa_dhaabbannuu?si=5SNe2F-HNSjJdZrU TikTok, YouTube,Telegram,Fb account:-JABAANNEE HAA DHAABBANNUU

ะ‘ะพะปัŒัˆะต
ะ ะตะบะปะฐะผะฝั‹ะต ะฟะพัั‚ั‹
277
ะŸะพะดะฟะธัั‡ะธะบะธ
+124 ั‡ะฐัะฐ
+27 ะดะฝะตะน
+430 ะดะฝะตะน

ะ—ะฐะณั€ัƒะทะบะฐ ะดะฐะฝะฝั‹ั…...

ะŸั€ะธั€ะพัั‚ ะฟะพะดะฟะธัั‡ะธะบะพะฒ

ะ—ะฐะณั€ัƒะทะบะฐ ะดะฐะฝะฝั‹ั…...

ะคะพั‚ะพ ะฝะตะดะพัั‚ัƒะฟะฝะพะŸะพะบะฐะทะฐั‚ัŒ ะฒ Telegram
โž โœ๏ธJiini Galee Guyyaa 24  ttii yeroo hundumaa kan isan yaadannuu luboota samii 24n ilmaan namaa gidiraa fonii fi lubbuu irraa nuu haa olchanii ๐ŸŒน โ™จLubonnii samii(surafeel) 24n maqaan isanii akkaa armaan gadittii kan jiruu dha แขโžป โถ,Qulqulluu Aka'eel โท ,Qulqulluu fanu'eel โธ ,Qulqulluu Gaanu'eel โน ,Qulqulluu Tadi'eel โบ ,Qulqulluu Afdi'eel โป ,Qulqulluu zeera'eel โผ ,Qulqulluu Eli'eel โฝ ,Qulqulluu Teda'eel โพ ,Qulqulluu yooka'eel โฟ,Qulqulluu   Gerdi'eel โถโถ,Qulqulluu Lefdi'eel   โถโท ,Qulqulluu Merwa'eel โถโธ,Qulqulluu Nura'eel   โถโน,Qulqulluu Kisiltu'eel โถโบ,Qulqulluu Ura'eel  โถโป,Qulqulluu Batu'eel  โถโผ,Qulqulluu Rufa'eel โถโฝ,Qulqulluu Salata'eel โถโพ,Qulqulluu Xari'eel โทโ—‹Qulqulluu Imnu'eel โทโถ'Qulqulluu pelali'eel โทโท ,Qulqulluu  Taldi'eel โทโธ,Qulqulluu peseldi'eel โทโน ,Qulqulluu Aleti'eel Ebbii ,sugnii ararsumman lubootaa samii nurraa addaa hin ba'iin kadhannaa isaniin nu haa maaru #Subscribe_ https://youtu.be/Quh16sGyOH8       #Join_Share https://t.me/sagaleegammachuu #follow_me๐Ÿ™๐Ÿ‘‡๐Ÿ™ https://vm.tiktok.com/ZMMEgKPk5
ะŸะพะบะฐะทะฐั‚ัŒ ะฒัะต...
F/taa Firaa'ol Tashoomaa... ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡follow โ•”โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•— โ™จ๏ธ โšช๏ธ @OrtoOroKoon โ™จ๏ธ โ•šโ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•
ะŸะพะบะฐะทะฐั‚ัŒ ะฒัะต...
Firaa'ol Badhaasa biyya keenya .mp33.70 MB
๐Ÿ‘ 1
โค#Rajii_Abunee_Teklehaayimanoot๐Ÿ™ โœณ"Kadhanna fi ebbii isa dhugumatti bara baraaf nurra haa buluuti abban keenyaa abune teklehayinanoot rajii innii godhee isa kana dha. โ˜žBiyyaa danbii jedhamuttii mucaa godhachuuf da'uumsaf yeroo gessutti baay'ee kan dhiphattuu fi baay'ee kan rakkatuu dubartiin tokkoo turtee mucaa isan dessees yerooma sana jalaa du'aa turee. โ˜žYeroo da'uumsa ishee achittii akkaa dessuuf ergaa dessen boodas mucan ishee akka jalaa hin duunef gara monoksoota kawwaala demtee. โ˜žAkkasiis osoo gootu kawwaalota monoksoota sadii yoo demtees ijolleen ishee sadanuu jalaa du'aan. โ˜žBakkaa demtee hundumattii duuti mucaa ishee hordoofa demuu isan dubartiin kun ergaa ulfooftee booda akkaa ijollee koo warraa jalqabaa na jalaa du'anii mucaan amma anii godhadhuus akka na jalaa hin dunee abban koo tekleehayimanoot akkaa naf fayyisuusf gara bakka awwalchaa isa demee kadhachuun qabaa jettee. โ˜žAchis demtee kawwaala dubartoota gessee rakkoo ishee irraa ga'ee fi ijolleen ishees jalaa akka du'aan monoksootattii himtee osoo isanitti himaa jirtuus akkuma tasaa ciniinsuun ishee qabatee. โ˜žSana booda dubartiin sun da'uuf yeroo rakkattuu dhiphattuu yeroo arganittii obbolettii keenyaa kan gochaa jirtuu maalii dha abban keenyaa abune teeklehayimanoot gara kawwaala kanatti ergaa galee jalqabee nama yaadu danda'uu dhiisiti horiin bineldonnii illee kawwaala kanatti hin da'aan jedhaniin. ]kanas ergaa jedhaniini booda tabbaa kawwaala dubartoota irratti ol ishee basanii ishee boqochiisanii achittis mucaa durbaa bareduu tatee dessee. โ˜žAchii abjuu isheetin abban keenyaa abban teeklehaayimanoot itti mul'atee fannoodhan yeroo ishee ebbisuu argitee. โ˜žwaktii qulqulla'uu ergaa fixxee boodas maqaa muca ishee #Amete_Tekleehayimanoot jettee moggaasun abba keenyaaf tajajiltuu akka taatuf ishee kenneera jettee kawwaala sanaf kenniite gara biyyaa ishettii demtee. mucan sunis hangaa guyyaa boqonnaa ishetti tajaajilaa jirattee, โ˜žKadhannaa fi ebbii araarsumman isa nuf haa bay'atuu ameen. โ˜ž(Qabsuura teklehayimanoot) โ˜ž ameeen ameen ameen !๐Ÿ™#Yeroo_Gaarii๐Ÿ’•๐Ÿ™ #Subscribe๐Ÿ‘‡ https://youtu.be/HICsd3hkt04    #Join_Share https://t.me/sagaleegammachuu ๐Ÿงฟ๐’๐ก๐š๐ซ๐ž๐Ÿค
ะŸะพะบะฐะทะฐั‚ัŒ ะฒัะต...
TEKLEHAYIMAANOT Teklahayimaanot qulqulluu(2) Kan Itiyoophiyaa Si argatanii Tseggaza'ab Igzihariyaa|2 Eeyyee Qulqulluu qulqulluu qulqulluu jedheetii Ni galateeffata gootichi Amantii Waggaa 7 guutuu luka tokko ta'ee Biyya isaaf kadhate namarraa adda bahee Eeyyee... Qorumsi addunyaa yoo nutti baay'atee Adda addummaaf  tuffiin sanyuummaan hammaatee Waadaa siif kennameen nuuf kadhadhu atii Abbaa jabaa qabna kan araarsu Gooftattii Eeyyee... Kennaa guddaa qabda Gooftaan kan siif laatee Bakkeen Tsabala kee fayyina nuuf taatee Biyya kootiif kadhuu adda addummaan haa haafuu Wal qoqqoduun hafee tokkummaan ishee haa dhufuu Eeyyee... Qulqulluummaa kan kee hundummarraa addaa Firii abbaan dhaabee arjummaan kee addaa Abbaaf haadha keetiif ajajaan guddattee Badhaasa Itiyoophiyaa taatee nuuf laatamtee Eeyyee... Teklahayimanot Tsadiki(2) we hawariya Zeweleduke tsegazeab Igzihariya 2 Ehee...             ==โ€ข|โ€ข== ๐Ÿ“Œ F/taa Dn Charinnat Sawunnat ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡follow us โ™จ๏ธ@Jabaannee_haa_dhaabbannuuโ™จ๏ธ
ะŸะพะบะฐะทะฐั‚ัŒ ะฒัะต...
Teklehayimaanot Dn Charinnat Sawunnat.mp38.71 MB
๐Ÿ‘ 3
โœGiyoorgisiiโœ Waggaa torbaaf dhugaa baate Wareegamtee gonfoo jireenya kan argatte Giyoorgisii Giyoorgisii(4) Giyoorgisii kottu nu eebbisii Abbaa Walde Gabri'eel Abbabee ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ @DirreeGalataa @DirreeGalataa @DirreeGalataa
ะŸะพะบะฐะทะฐั‚ัŒ ะฒัะต...
+++Giyoorgisii+++.mp34.55 MB
IYYESUUS KIRISTOOS EENYUDHA? =========================== โžก๏ธilma Daawwit. (Maat. 1~1) โžก๏ธKiristoos. (Maat.1~16) โžก๏ธIyyaasuus Maat 1~21 โžก๏ธAmaanu'el. Maat. (1~23, Isa. 7~14.) โžก๏ธilma Waaqayyoo. (Maat. 26~63.) โžก๏ธMootii Ayihuudii. (Maat. 27~37) โžก๏ธMooti Israa'eel (Maar "15~32) โžก๏ธilma filatamaa. (Luq.9~35.) โžก๏ธMasihii Yoh. (1~41.) โžก๏ธQoricha Addunyaa. (Yoh. 4~42.) โžก๏ธBuddeena Samii. (Yoh. 6~32.) โžก๏ธBuddeena Jireenya. (Yoh. 6~5.) โžก๏ธQulqulluu fi qajeelaa  (Yoh. Ho. Du. Bu. 20~42) โžก๏ธGooftaa. (Room. 10รท8~13.) โžก๏ธQoricha. (Room. 11~26.) โžก๏ธHoolaa Faasikaa. (1Qor. 5~7.) โžก๏ธJecha Jireenya. (1Yoh. 1~1) โžก๏ธ Ilma Abbaa. (Yoh. 1~3). โžก๏ธ Ilma tokkicha waaqayyoo. (1Yoh. 4~9.) โžก๏ธ Leenca_Yiihudaa. (Mul. 5~5.) โžก๏ธ Mootii moototaa. (Mul. 19~16.) โžก๏ธGooftaa gooftotaa. (Mul. 19~16 ๐Ÿ‘‰Fayyisaa_Addunyaati_1Yoh 4;14 Utuu Addunyaan hin Uumamin dhalli namaafi Ergamoonni Qulqulloonni haala hin Beekneen Abbaa isaa Isa samii irraa, haadha Malee dhalate. (Far. 2 : 7) ๐ŸŽšAddunyaa / lafa Irraati immoo durbee Maariyaamii irraa Abbaa  Malee dhalate.Luqaas 2 : 6 - 11 1. Uumaa(Waaqadha) Kana sagalee Barumsaatiif Hojiiwwan Isaa Irraa Beekameera. Utuu Addunyaan hin Uumamin dura Amalummaa abbaa isaa Wajjin ture.      Yohaannis 1 : 2-3     Yohaannis  17 : 5    Qolaasiis 1 : 17 2. MUCAA WAAQAYYODHA. ๐ŸŽšโ†ชMormitoonni isaa amananiiru      Yohaannis 5 : 28 ๐ŸŽšโ†ชQulqulluun pheexiroos dhugaa baheera. Gooftaanis dhugaa ba'uu pheexiroos fudhateera.    Maatewoos 27 : 32 - 56   Yohaannis 6 : 69 ๐ŸŽšโ†ชGooftaan Iyyesuus kiristoos Mirkaneesseera. 3. IYYESUUS KIRISTOOS CUBBUU HIN HOJJENNE . KUNIS WAAN WAAQA TA'EEFIDHA. ๐ŸŽšโ†ช Gooftaanis jarreen mormitoota isaa gaafatee qaanesseera. โ†ชQulqulluun pheexiroos dhugaa baheera.    1pheexiroos 2 : 21 - 22 ๐ŸŽšโ†ชQulqulluun phaawuloosis Iyyesuus kiristoos cubbuu hojjechuu irraa walaba tahuu isaa Qulqullummaa isaa ibsee barreesseera.     2Qoronxoos 5 : 21 4. IYYESUUS CUBBUU NAMOOTAA DHIISEERA. CUBBUU DHIISUU KAN DANDA'U WAAQAYYO DUWWAADHA. ๐ŸŽšโ†ชJecha raajeffannoo barsiisota Seeraa     Maariqoos 2 : 7 ๐ŸŽšJecha amanamaaa dhugaa Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos     Maatewoos 9 : 6   Yohaannis 8 : 11 5. RAAJIIWWAN ADDAA GOCHUU ISAA. Raajiiwwan  36  taasiseera. ๐ŸŽš Dhukkubsattoota Fayyisuu Isaa     Maatewoos 8 : 9-13     Luqaas 4 : 31-44     Luqaas 5 : 12-15 ๐ŸŽšYohaannis 4 : 43 ti hanga Yohaannis 5 : 16 dubbifadhaa. ๐ŸŽš WARRA BEELA'AAN RAAJII ISAATIIN SOOREERA. Yohannis boqonnaa 6 Maatewoos boqonnaa 6 C. DU'AA KAASEERA.     Luqaas 7 : 11 - 18     Yohaannis 11 : 1 - 46 6. CUBBUU NAMAAF DU'EERA.     Maatewoos 27 : 32 - 56       2 Qoronxoos 5 : 21      1pheexiroos 2 : 22 - 24      Raajii Isaayyaas 53     1Yohannis 3 : 5 - 8     1Qoronxoos 15 : 2 - 4 7. DU'A MO'EE KA'EERA.          Maatewoos 28                       โ€ขH.Ergamootaa 2 : 24 - 36     1Qoronxoos 15     Galaatiyaa 2 : 20    Roomaa 10 : 9 - 10   1pheexiroos 1 : 19 - 21                       1Tasaloonqee 1 : 10 Du'aa ka'umsa Du'ootaa nii amanna. 8. ๐ŸŽšMURTOO LAACHUUDHAAF LAMMATA DEEBI'EE NII DHUFA.๐ŸŽš                         โ€ข1Tasaloonqee 4 : 13 - 18                        2Tasaloonqee 2 : 1 - 11                         โ€ข2 Qoronxoos 15 : 51 - 57   Yohannis 14 : 1 - 6                         H.Ergamootaa 1 : 11 Maatewoos 24 : 30                           M.Yohaannis 1 : 7 Yohannis 21 : 23 Maatewoos 24 : 42 - 44 1Yohannis 3 : 2 - 3 Akka hojii keetti kan sitti murteessuuf , sii murteessu Kiristoos Iyyesuusidha.2Qoronxoos 5 : 10. Galanni Waqayyoof haa ta'u (3)//// @Jabaannee_haa_dhaabbannuu @Jabaannee_haa_dhaabbannuu @Jabaannee_haa_dhaabbannuu
ะŸะพะบะฐะทะฐั‚ัŒ ะฒัะต...
โœGiyoorgisiiโœ Waggaa torbaaf dhugaa baatee Wareegamtee gonfoo jireenyaa kan argattee Giyoorgisii Giyoorgisii(4) Giyoorgisii koottu nu eebbisii Abbaa Walde Gabri'eel Abbabee ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ @Jabaannee_haa_dhaabbannuu @Jabaannee_haa_dhaabbannuu @Jabaannee_haa_dhaabbannuu
ะŸะพะบะฐะทะฐั‚ัŒ ะฒัะต...
akkuma ati jaalattee siif haaraawwatamu jedheen. Maqaa keetii kan mana kiristaanaa ijarre anis iddoo (bakka) ifaa nan qopheessaaf. Mootummaa samiittis bultoo qulqulluu nan qopheessaaf๏ถ Nama dhukkubsate maqaa keetiin kan gaafate, kan gargaare anis yeroo inni dhukkubsatee sireerra ciisutti isan daawadha. Addunyaa kanarraa gara addunyaa hin dabarreetti duโ€™aan yeroo fudhatamutti hadhaawaa kan taโ€™e xoofoo duโ€™aa isa hin dhobaasu. Hamma mootummaa samiitti galuti isarraa adda hin baโ€™u. Yeroo jinnoonni (seexanoonni) xuraaโ€™oon waaโ€™eesaa falmanitti ani isaaf abukkaattoo nan taโ€™aaf, yeroo rakkina isaattis ani nan gargaaraan.๏ถ Dabalataanis maqaa keetiin kan daare kan daara baase( kan huwwise), haraka namaatiin kan hin hojjetamnee fi bareedinnii fi hulfinni isaa adda kan taโ€™e uffata jireenyaa isan huwwisa.๏ถ Siif jedhee nyaata isaarraa hirrisee kan beelaโ€™e kan soore, nyaata lafaa otoo hin taโ€™iin kan samii nyaata jireenyaa isan soora. Isa dheebote kan dheebuu baase (kan dhobaase) dammaa fi shukkaara caalaatti kan miโ€™awu, aannan caalaatti kan addaatuu fi Jannata Eedoom keessaa kan burqu bishaan jireenyaa isan obaasa.๏ถ Maqaa keetiin warra gaddaan kan jajjabeesse anis yeroo rakkinaa fi gaddasaatti isan jajjabeessa jechuun waadaa galeef.๏ถ Manni kiristaanaa keenyas kana hubachuun waggaa waggaan yaadannoo addaatiin kabajjee oolti. Galannii fi ulfinni Gooftaa keenya Waaqa keenya Iyyasuus kiristoosiif haataโ€™u. Araarrii fi waadaan haadha keenya dubroo Maariyaamii, kadhannaan qulqulloota hundaa hunda keenyaa wajjin haataโ€™u. Wagaa dhufuun nagaa fi jaalaan nu haa geessisu. Ameen!!! #Torban_milkii @Jabaannee_haa_dhaabbannuu ๐Ÿงฟ๐’๐ก๐š๐ซ๐ž๐Ÿค
ะŸะพะบะฐะทะฐั‚ัŒ ะฒัะต...
#Baga_Gessan๐Ÿ‘๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqullu Waaqa Tokko. Ameen. #Baga_geessan_baga_geenye. โ€œWaan gaarii kan raawwatan (kan hojjetan) dubartoota hedduutu ykn baayyeetu jiru. Ati garuu hundumaa nii caaltaโ€ Fakke.31:29 Baatii Waxabajji 21 guyyaa ayyaana waggaa kadahannaa Maariyaamiin Golgootaatti taasiftee fi guyyaa galatooshee Waxabajjiin 21 ayyaana waggaa yaadannoo kadhannaa haadha keenya dubroo Maariyaamii kana Sanee Golgootaati. Sanee Golgootaa jechuun waxabajjii 21 haati keenya ququlleettii dubroo maariyaamiin bara Gooftaan keenya fannoo irratti nuuf jecha duโ€™ee awwaalamee guyyaa sadii fi halkan sadii awwaala keessa turee aangoosaatiin duโ€™a ajjeesee Diyaabiloosii fi cubbuu dhala namaa barbadeesse kaโ€™e sana keessa bakka (iddoo) awaalcha Gooftaa keenyaatti deddeebitee kadhannaa taasisaa turte jechuudha. Irra jireessayyuu waxabajjii 21 haala adda taโ€™een dhala namaaf jettee gaddaa olโ€™aanaa taโ€™een kadhannaa isheen nuuf kadhattedha. Kadhannaan haati keenya dubroo Maariyaamiin guyyaa sana kadhattes kan armaan gadiitti caqasamedha. Maaloo ani haatii fi tajaajiltuun kee gadameessa kootti jiโ€™a (baatii) 9 fi guyyaa 5iif si baadhee, dhalattee boodas harma koo waggaa 4 hootee guddattteettaa.๏ถ Yeroo mootichi Heeroods jibbaa fi hinaafaan si ajjeessuuf kaโ€™etti siin Ilma koo dugda kootti si baadhee waggoota afuriif (4) biyyaa gara biyyaatti gammoojjii keessa jooreeraatii kanaafuu Ilma koo Gooftaa fi Waaqa koo Iyyasuus Kiristoos kadhannaa koo naaf dhagaโ€™i๏ถ Maaloo gadameessa koo magaalaa taasifattee jiโ€™a (baatii) sagalii fi guyyaa shaniif keessa kan jiraatte, yeroo diilallaaโ€™aa fi qorra hamaa keessa dallaa saawwaa Beetaliheemiitti narraa dhalachuu kee yaadadhu.๏ถ Maaloo biyya tokkoo gara biyya biraatti godaanuu koo, gidiraa fi dhiphina narra gaโ€™e, beelaa fi dheebuu na qaqqabaa tures yaadadhu, Anis kanan si kadhadhu warra qajeeltota (qulqullootaaf) miti, otoo adduunyaa kana keessa jiraatanii cubbuun kan kufaniif, garuu arjummaa kee amananii maqaa kootiin yaadannoo koo kan taasisan, araarsummaa kootti warra amanataniif malee. Maaloo kadhannaa koo naaf dhagaโ€™i, waanan si biraa barbaadus jecha sagalee koo naaf raawwadhu,๏ถ Yaa mucaa koo, jaallatamaa koo! Waggaa afur guutuu hootee kan ittin si guddise harmaa koo lamaaniif jettee akka waadaa naaf galtuuf sin kadhadha.๏ถ Yaa mucaa koo, jaallatamaa koo! Heerodsi isa abaaramaa jalaa baqannee hamma biyya Misira geeenyutti beelaa fi dheebuu, gidiraa fi dhiphina narra gaโ€™e hunda yaadattee akka waadaa naaf galtu sin kadhadha.๏ถ Yaa mucaa koo, jaallatamaa koo! Sitti homtuu siquuf kan hin dandeenye taatee otoo jirtuu hidhii (afaan) koo si dhungateef jettee akka waadaa naaf galtu sin kadhadha.๏ถ Yaa mucaa koo, jaallatamaa koo! Miillaa fi harka kee mismaaraan waqarameef, akkasumas kabajamaa Foon kee fi qulqulluu Dhiiga keef jettee akka waadaa naaf galtun si kadhadha.๏ถ Yaa mucaa koo, jaallatamaa koo! Dhala namaaf jettee gidiraa sirra gaโ€™ee fi duโ€™a duuteef jettee akka waadaa naaf galtuuf sin kadhadha.๏ถ Yaa mucaa koo, jaallatamaa koo! Guyyaa sadii fi halkan sadii awwaala keessa turuu keef jettee akka waadaa naaf galtuu sin kadhadha.๏ถ Yaa mucaa koo, jaallatamaa koo! Saadoor, Alaadoor, daanaat, Adeeraa, Roodaas kan jedhaman waqqarraa fannoo (แŠ แˆแˆตแ‰ฑ แ‰…แŠ•แ‹‹แ‰ฐ แˆ˜แˆตแ‰€แˆ)๏ถ keetiin jettee akka waadaa naaf galtun si kadhadha. Maaloo kadhannaa fi sagalee koo naaf dhagaโ€™i, waanan sitti himu hundumaa warra yaadannoo kee taasisan, maqaa kootiin warra mana kiristaanaa ijaaraniif ati bultoo ifaa naaf qopheessiif.๏ถ Maaloo anaaf jedhanii warra daaran kan daara baasaniif harka namaatti kan hin qophoofne(hin hojjetamne) uffata dhugaa kan hin dulloomnee (hin moofanne) qopheessiif.๏ถ Maaloo maqaa kootiin rakkaataa (hiyyeessa) kan gargaare dhiifama keetiin yaadadhuun,๏ถ Maaloo maqaa kootii kan beelaโ€™e kan soorachiise biddena (nyaata) jirenyaa nyaachisiin (sooriin), kan dheebote dheebuu kan baasee bishaan jireenyaa jannata Eedoom keessaa kan burqu obaasiin.๏ถ gutuu isaaGooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoosis Sagale fi kadhannaa haadhasaa dubroo Maariyaamii dhagaโ€™ee booda:-Tole siif haataโ€™u,
ะŸะพะบะฐะทะฐั‚ัŒ ะฒัะต...
ะŸะพะบะฐะทะฐั‚ัŒ ะฒัะต...
Faarfannaa Ortodoksii Tawaahidoo Haaraa|GOOFTAA KOO\Fta Caalaa Nagaash

"Faarfannaa haaradhaan Waaqayyoon galateeffadhaa Far"95;1#faaruudaawit

ะ’ั‹ะฑะตั€ะธั‚ะต ะดั€ัƒะณะพะน ั‚ะฐั€ะธั„

ะ’ะฐัˆ ั‚ะตะบัƒั‰ะธะน ั‚ะฐั€ะธั„ะฝั‹ะน ะฟะปะฐะฝ ะฟะพะทะฒะพะปัะตั‚ ะฟะพัะผะพั‚ั€ะตั‚ัŒ ะฐะฝะฐะปะธั‚ะธะบัƒ ั‚ะพะปัŒะบะพ 5 ะบะฐะฝะฐะปะพะฒ. ะงั‚ะพะฑั‹ ะฟะพะปัƒั‡ะธั‚ัŒ ะฑะพะปัŒัˆะต, ะฒั‹ะฑะตั€ะธั‚ะต ะดั€ัƒะณะพะน ะฟะปะฐะฝ.