cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Waliif Midiyaa!

Больше
Страна не указанаЯзык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
205
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

#Oromoonni_martii_dammaaqi Booree dhaami Booreessi ~~ hin taa'ini oromoo ka'ii wal kakaasii tokkummaa kee isa durii waliif dhaamii baasii#x2 nuu ga'aa oromoo ajjeechaafi godaansii shiraafi hammeenya Ofii gidduudhaa yaasii gantuudhaafi nafxanyaa mandhee isii mancaasii eeboof gaachanaa kee Daalee kee kakaasii gumaa hin nyaatinii lolitii lolaasii waanjoo garboonfataa Ofii irraa calaasii#x2 Barataan kee ka'ee Utubii jabeessii tokkummaa kee ka'ii Diina kee bobeessii galmee seenaa irratti waan gaarii galmeessii tokkummaa shiraan dabees deebisee waliin fuudhee Barataan fincilaa jiraa Garboonfataa hudhee Iluudhaaf tuulamaa Harargeef boorannii hunduu waliif dhaamaa Garboonfataa jigsuuf yeroon keenya ammaa#x2 Fincilii eegalee mii? wal tumsaatii cimaa warri arsiif baalee Isinis warri jimmaa hin rafinaa akka kalee Namtichi osoo nutii waamnuu didee nuttii malee#x2 Jarrii gantuudhumaa shiraan guddatanii sobaafi lubbuu laatuu haqaa hin jaallatanii dhaaba ummatichaa ABO-WBO koo jibbaanii Maqaasaa xureessuu sobaa irraa dibanii Miidiyaan dabarsuu haqaa isaa haqaan#x2 Gujiidhaaf wallaggaa maqaa jijjiranii wantaa takkaan jirree Shaneedhaan waamanii Ummataa isaa ajjeesuun kaan immoo saamanii Abbaa qabanii hiidhuun Ilmaan ajjeessanii Haadhaa fi Intalaa dirqiin gudeedaanii mirgaa uumaa caabsuun baay'ee nuu miidhanii#x2 Yaadadhuu seenaa kalee tanii Abboota gadaa Karrayyuuti wan hojjatan warri abbaan fandaa warroota isaan ajjeessan kan boollatii naqan godaa. sabboonummaa isaa cabsuuf Walloottis darbaanii adda adda nuu baasuun qofaatti nuu nyaatanii#x2 Gandummaa facaasuun kan jarrii muraanii cimsiiti deeffadhuu tokkummaa duraanii akkaas malee hin jiruu Mallii fi furmaanni#x2 kaayyoo isaaniitti cimnaan hololaaf hin raafaminii tokkummaaf jaalalaa Jaallan nuuf dhaamanii fakkeenya nuuf tahuun Ofii dhabamanii boolla tokkichaatti warraa nuufi dhumaan#x2 Hayyootaf barattoota kan jiran mana hidhaa kan mormaa muramees kaanis diroonidhaan ammaa sagalee haa taanuuf Yeroottiin xiiqiidhaan miidhaan isaanii har'aa booda numaas miidhaam#x2 Jiruuf jireenyasaa hundaa dhiisee bahee Qawwee Elemootiif Taaddee Isa fuudhee ka'ee seenaa badee kaasee Isa har'aan gahee#x2 Isa lubbuun nuuf laate nuu tiksuuf kutatee aarii warra irbuu lafaa fuudhe hundeef Magarsaa bari. Keessati ba'atee okkole Ijjiniis Imimmaan aadaa Qawwee laggasaan loleen Kan jaarraa abbaa gadaa Wajjiin yoo falmanne Sichi boonyu amma booda#x2 Oromoonnii martuu Bakkuma jiraannuu Waan qabnuun garagaarree WBO ha cimsannuu. Qawweedhaan garboomnee filannoo hin barbaannuu gootota itti dhabneem Imaanaa hin nyaannuu galmaa keenyaa malee yoomuu hin dhaabbannuu#x2 #Dhaamsa_Oromoota_Maraati. #Nasruu_Arsii
Показать все...
Dhiiroo xiqqoo tureera, naannoo sa'a 10ti HAO warri ofiin jettu konkolata 21n beddellee irraa kaatetti kallatti naqamte qabatte deema jirti.garuu cawwaqas ta'u mala haa hordofamu.
Показать все...
Arsii Bahaatti Kaadiree 32 Harkaa Leencoota Kee Lixxee Jirti Kanumaa! Itti Fufaa.
Показать все...
#Cawwaaqaa ONM-ABO Fulbaana 20,2022 Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn Zoonii Lixaa tarkaanfii diina baaragsu fudhachuu itti fufuun diina godina Bunnoo Beddelle aanaa Cawwaaqaa keessatti du'aa fi madoo hedduun adabee meeshaalee waraanaa fi waraanaa bilxiginnaa hedduu booji'ee jira. Lola kaleesaa Fulbaana 19,2022 ganama irraa eegaluun godina Bunnoo Beddellee ona Cawwaaqaa ganda Cawwaaqaa 2ffaa keessatti eegaleen gootichi Waraana Bilisummaa Oromooo loltoota qindaa'oo murna bilxiginnaa kanneen mataan nafxanyootaa Abiy Ahimed torbee darbe keessa xiyyaaraan magaalaa Jimmaatti buusuun magaalaa Beddellee keessatti poolisoota humna addaa Oromiyaa, milishoota, poolisii idilee, raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhan, poolisii federaalaa fi farra riphee lolaan wal gurmeessuun dhufan rasaasaan akaa'ee baarudaan macheessuun ganda keessa ari'ee ganda Cawwaaqaa 5ffaatti galcheera. Tarkaanfii laalessaa WBOn humna qindaa’aa waraana bilxiginnaa kana irratti fudhateen humni nyaaphaa 235 ajjeefamuun 131 madaa'anii jiru. Gama meeshaatiin gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo bireena 6, isnaayippera 1, qawwee AKM Turkii 305 fi AKM durii 107, ujummoo dishqaa 2, boombii 30, rasaasa bireenaa, rasaasa AKM fi uffata waraanaa dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira. Akkasumas waraana bilxiginnaa poolisii humna addaa Oromiyaa, federaalaa fi kanneen biroo WBO loluuf bobba'an 10 ol booji'uun gootummaa isaa agarsiisee jira.
Показать все...
# GUYYAA 21/9/2022 ODUU INJIFANNOO WBO ZONII KIBBAA BAHAA godinaa arsii bahaa anaallee shan irraa kabinoota wolgahii arifachiis godinaa irraattii yamamanii ergamaa yamamaniif xumuraachuun ergamaa ittii kenamee akkata WBO godinichaa keessaa Socho,uu ittii dhabsifnuu jedhanii yadaan hundaa qajeelfamaa fudhachuun gara anaallee irraa dhuftettii galaa jirtuu WBON odeessaa keessoo isanii irraa argateen wbo zoonii Kibbaa bahaa haxxee ittii hidhuun egaa Turee shakkuun irraa miliquun karaa jijjirattee anaa bosataa keessaan bahuuf yaltee odeessaa argachuun wbo bahaa shagar anaa bosaata keessaa Socho,uu haxxee ittii hidhuun guttuun gutuuttii dhunfatee jiraa kabinonnii Kun baayyiinaan nama 32 kan ta,anidha warannii pp hamileefii gahumsaa wbo Lolu hin qabne kan ufannii qoftii woranaa fakkeesse rebuu kabinotaa harkaa wbo basuu jedhuun konkolata 5 arsii bahaa Aboomsaa irraa Katee garaa magalaa bolee deemaa turtee odeessaa argachuun WBON ZOONII KIBBAA BAHAA CIBRAAN HAMBA ANOOLEE BUTTAAN LEENJISOO DIGAA ANAA MARTII GANDAA LAQICHOO IDDOO ADDA JAJJABAJEDHAMUTTII HALKAAN SA,AA 5:00 IRRAATTII GOTICHII ONNEE SIBILAA WBON HAXXEE ITTII HIDHUUN KOLKOLATAA LAMAA GUTUMATTII BARBADEESSUUN IMALICHAA FASHALEESSUUN 23 AJEESSEE 12 MADOO TASISEE JIRAA ITUMAA FUFUUN HALKANUMA KANA CIBRAAN HAMBA ANOOLEE BUTTAAN LEENJISOO DIGAA BULCHAA GANDA TOKKOO MESHAA ISAA WOLIIN DHUFACHUUN DANTAA QABSOOF OLCHEE JIRAA INJIFANNOON UUMMAATA OROMMOOF GADAAN GADAA XUMMURAA GABRUMMAATII WBON HAA WARUU
Показать все...
Shira Diina fashaleessaa. Diinni keenya nafxanyaa fi ilmeeleen nafxanyaa (opdo) jarmiyaalee oromoo kan yeroo adda addatt gurmeessaa diinatt bobbaasuu maqaalee adda addaa itti keennuun diguuf ajjeessuu seera qabeessa godhatu. Wayta ammaa kana waraana bilisummaa Oromoo, kan sabni diina fulduraan dhaabbataaru, maqaalee adda addaa itti keennuun adamsuu seera qabeessa godhatanii sareelee ofii itti bobbaasaaniiru. Maqaalee kanneen keessaa 'ሸኔ ጁንታ ነው, ሽኔ የጁንታ ተላላኪ ነው, shaneen hattuu fi kkf meshaalee sab-qunnamtii isaaniitiin hafarsa ooluu. Dhugaan lafa jirtu garu kanarraa fagoo dha. WBOn kan bosonatt galeef dhugaa Oromoo jalaa dabdee, injifannoo Oromoon wareegamaa baayyeen fidate, jalaa danquun sirna nafxanyaa irratt labsuun, yakkaa duguuggaa sanyii irratt raawwachu fi saamicha lafaaf qabeenya isaa irraatt godhamaaru falmuun bosonatt galee. Siyasaa toophiya Amaaressuu ( Ethiopian Amarization) fi sirna nafxanyaa itt fufsisuu 'ኢትዮጵያን መስቀጠል' duula jedhu biyyatt irratt labsuun Saba fi sab-lammii dhiituu, gad-dhahuu fi diiguu jalqaban. Hammeenya faashizimii nafxanyaa fi ilmeeleen nafxanyaa jalqaban saboonni humna qaban mormuu jalqaban. Humnoota kanneen keessaa WBOn isa tokko. WBO fi wayyaaneen wanni isaan tokko godhu, duula sirna nafxanyaa irratt godhamu malee, walii galtee walii ergamuu hin qaban. Tplf waraana waggaa lamaatiin dhukkee taatee maal ishii barbaaduuf ergamaniif. Garuu nafxanyaan diina keenya. Tplf nafxanyaa waraanaatt jennee, nafxanyaa waraanuu irraa hin dhaabbannu. Wanuma feete yaa jettuu. Seenatt yoo deebine hoogganaan waraana Oromoo tokkoo yoo _harargee, walloo, Jimma, iluu f Arsii ta'ee alqaida አክራር jedhaanii itti duulu turan _Tuulama, Gujiif Boorana osoo ta'ee ጣኦት አምላኪ jedhaanii itti duulu turan _ harraa immoo hogganaan waraana bilisummaa Oromoo, akka carraa ta'ee, ilma Oromoo kan Wallaggatt dhalatee dha. Sababbii kanaaf maqaalee 'wallaggi shaneedha' akka oromott duulaniiru. Kanaaf gorsi kiyyaa tokkoommaa keessaan cimsuun shira diinaa fashaleessuu qabdu.
Показать все...
Biiroo Qunnamtii Hawaasaa irratti odeeffannoo haaraa Gareen faashistii Abiy Ahmad dirooniin walitti fufiinsaan ummata nagayaa irratti haleellaa raawwatu faashisummaa isaa mirkaneessu qofa osoo hin taane kasaaraa lafarratti isa mudachaa jiru hin jijjiiru!! Mootummaan faashistii Abiy Ahimad gootummaa dinqisiisaa fi kutannoo sibiilaa waraana keenyaatiin weerara isaa gama hundaan lolaa jira. Gareen kun Tigraay balleessuuf mootummaa abbaa irree Isaayyaas Afewerki waliin tumsa seexanaa uumeera. Haleellaan diroonii kun magaalota Tigraay hedduu keessatti lubbuu namoota nagaa fi bu'uuraalee misoomaa irratti miidhaa guddaa geessiseera. Mootummaan Tigraay maatii namoota lubbuun isaanii darbee fi uummata Tigraay hundaaf gadda guddaa itti dhagahame ibsa. Mootummaan Tigraay carraa kanatti fayyadamuun dhiigni ummata keenya qulqulluu akkasumaan akka hin dhangalaane fi yakkamtoota hanga dhumaatti akka adabamnu mirkaneessuu barbaada. Duula gara jabinaan duguuggaa sanyii garee faashistii Abiyyi Ahimad fi mootummaa abbaa irree Isaayyaas Afewerkii kanaan ummannii fi mootummaan Tigraay yoomiyyuu hin injifatamu. Gama biraatiin tokkummaa keenya cimsinee humnoota nu weeraruuf dhufan hunda akka ka’umsa isaaniitti itti fufna. Mootummaan Tigraay hanga mirga hiree murteeffannaa qabnu guutummaatti dhugoomsinutti ummanni Tigraay qabsoo jiraachuuf taasisaa jiru akka itti fufnu waamicha dhiheessa. Duguuggaa sanyii fi weerara ifatti nurratti labsame karaa nagaan akka furamuuf ummanni fi mootummaan Tigraay waamicha ummataaf dhiheessuun, mootummaan faashistii waamicha keenyaaf deebii gaarii kennuu dhiisee haleellaa diroonii walduraa duubaan magaalota Tigraay irratti gaggeessee jira. Haa ta’u malee, lola dhiigaa adeemsifamaa jiruuf furmaata karaa nagaa fi waaraa ta’e argachuuf waan barbaachisu hunda gochuudhaaf qophii ta’uu keenya irra deebinee ibsuu barbaanna. Nageenyi fi nageenyi keenya harka keenyatti!! Tigraay injifatti!! Biiroo Hariiroo Hawaasaa Oromiyaa 06 Adoolessa 2015 - OBN Afaan Oromoo MEKELLE
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
Demeeqee Mekonniin, Liyaa Taaddeese fi Melles Alen UN irratti dubbachuuf har'a USAtti imalu. Lakkofsii Balalii isaanii ET512 arrival schedule time 8pm JFK terminal 8 dha.
Показать все...
Humnoonni Tigraay adeemsa marii nagaa gaaddisa Gamtaa Afrikaa -AU jalatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf waliigaluu himaniiru. Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) waamicha kana kan dhiyeesse, erga waraanni isaan mootummaa Federaalaa Itoophiyaa waliin gaggeessan irra deebiin eegale boodadha. via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/dXLiEcT
Показать все...
Waamichi nageenyaa TPLF maal akeeka, callisuun mootummaa hoo?

Humnoonni Tigraay adeemsa marii nagaa gaaddisa Gamtaa Afrikaa -AU jalatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf waliigaluu himaniiru. Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) waamicha kana kan dhiyeesse, erga waraanni isaan mootummaa Federaalaa Itoophiyaa waliin gaggeessan irra deebiin eegale boodadha.

Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.