cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

QBO ZOONI BAHAA (Jaal Bari Saba)

#oromiyaa_haa_baraarruu #save_oromia #OB #QBO #Stopkillingoromopeople

Больше
Рекламные посты
582
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Фото недоступноПоказать в Telegram
Adii uffanna, Adii dubbanna, Waliif dubbanna Akka aduu ifnaa!
Показать все...
#Of_Eeggannoo‼️ Rakkoo Humna tika Itoophiyaa sabaan ama*aara ta'anii fi Of eeggannoo Abboonni keenya gochuu qaban. Yeroo ammaa Itti gaafatamaan Teeknika humna tika itoophiyaa walii galaa obbo Xilaahun isheetuu rakkoo jajjaboo dhaqqabsiisaa jira. 1. Bilbila abboota oromoo haaraa filaman butee, sochii fi haasaa isaanii Abuna-Abraham fi Abuna Petros fa'aaf geessee himata akka irratti bananiif haala mijeessaa jira. Akkasuma humna tikaa muraasa hordoffiif abboota keenya jalatti ramadee hordofsiisaa jira. Tarii rukuchiisuu mala jedhamees sodaa guddaatu jira. Abboonni keenya of eeggannoo guddaa godhaa. 2. Obbo Xilaahun Kanaan duras jawar mohammed gaafa qaallittii jiru, meetira 15 irratti Camera dhoksaan kaa'ee hordofsiisaa ture. Sabboontotaa fi abboota qabeenyaa jawaar bira dhufan itti gaafatamaa humna tika magaalaa finfinnee obbo Asraat-Ayyaloo wajjiin adamsee hidhaa ture. Maallaqas miliyoonotaan irraa fuudhaa turan. 3. Torbee sadi duras abbaa qabeenya oromoo Obbo Tashitaa Tufaa humna tikaatin hordofsiisee Airport Itoophiyaa irraa kan qabsiise isaadha! 4. Ijoollee oromoo humna tikaa keessa taa'anii isa dura dhaabbachuun morman maqaa "Shanee" jedhuun farrajee hojii irraa ariisisaa jira.  Kana qofaa miti. Badiilee gurguddoo baay'ee hojjataa jira. Obbo Xilaahun Ama*ara goondaritti dhalatee Dallotti guddateedha. Iddoon jireenya isaa yeroo ammaa Boolee Hooteela Raamaadaa dugda duubaadha. Kanaaf rakkoon yoo uumamee fi balaan tokkos abboota oromoo irra yoo kan ga'u taate adda dureen kan itti gaafatamuu Hooggansa olaanaa Teecknika Dahninat Itoophiyaa Obbo Xilaahun Isheetuuti!
Показать все...
Inbox unversity Dire Dawaa ‼ Akeekachiisa Jarri yeroo abdii kutannaa keessa jirti. Akka odeeffannoo qaama alaarraa argannetti barattoota afaan oromoo dubbatan magaala keessa bakka arganitti tarkaanfii cimaa irratti fudhachuuf qaamni hundaa'e akka jiru nutti himamee jira.kana malees galgala sa'aatii 12 booda alarra qofaa ykn nama muraasaan akka hin deemne of eeggannoon akka goonuu ergaa qaama nageenyaa irraa nuf darbedha Galatoomaaa Hadaraa of eeggannoo akka taasistan.
Показать все...
#Inbox Ofeeggannoo Kaaba oromiyaa walloof meshaa keessani akka gootan isin yaadachiifna 👇 Komaandi poostin godina oromoo wallootti bu'e ammaas meeshaa gurguddaa liyyuu hayilii irraa hiiktan deebisaa osoo mana keessan dhufnee takka takkaan hin sakattane jechuun ummata doorsisaa jira . ummanni keenya ammoo meeshaa tokko tokko kan gareen bitatee diina ittiin ofiirraa eegaa jiru gandoota hunda keessaa waan qabuuf sababaa meeshaa liyyuu hayilii deebisaa jedhu kanaan meeshaa ummanni bitatee of harkaa qabu carraa kanaan akka irraa hin guurre ummanni waan qabu haleelee karaarraa akka maffatuu fi odeeffannoo akka qabaatu ummataaf ergaa dabarsi dhimmi kuni Wan akkan jabaatti dhabbatu qaba meshaaleen isan deebisa jechaa jiran kanas hin agarre nuti maanguddoonni keenyas wa'ee kanarratti dura dhaabbanna jabaa akka gootan asumaan isin yaadachiisuu barbaanna.
Показать все...
Repost from Grade 12 students
Ayii wayii ya baraa Qeerensi hari’amee Iyyaan ni kabajamee Lugni ni muudamee Hayyuun kabalamee Xobbeen ni xoobaamte Jaarsii ni sarbamee Raqni ni dhoobamte Haqni ni darbamee Leenci boo'e ciisee Lootuun qa'e dhaalee Arbi gad daddisee Taafkiin gad ilaalee Yoo leenci baroodu Namuu gurra laatuu Hantuuta gadooduu Fincaan buusa kaatuu Yoo funyaan reebamuu Tumamee qaranii Iji rooban beekamuu Qasa'ee kolfa garanii Dachee waan wallalee Bitaa nu gale martuu Dugdatuu garaa ta'ee Akkamiin hin agartuu? Miilli yaade karoorse Sammuutu nu deemee Qotton muka sororsee Jaalachusaas himee Loogiin qa'ee dhaalee Roobni haqa caamee Ilmi abbaasa wallalee ''Gurbaa''jedhe waamee Safuun keenya badee kan ormaa weedisnee Abaarsa ormaa yaadee Tufne waan eebbisnee t.me/Afoolan
Показать все...
Waamara

Kuusaa ogafaanii fi ogbarruu

#Odeessaa! Oromiyaa Giddu Galeessa Toora Magaalaa Naannawaa Finfinnee jiruu Fi Godiina Lixa Shawaa Aanaa Gindabaratii Fi Abuunaa Gindabarat tibba kana jiruun Sirni Nama nyaataan Bul*uu Abiyi Ahmad guyyoota 20/5/2015 Irraa eegalee Waliigalatti Oromiyaa Gidduu Galaa Fi Naannoo Gujii Irraa Ummata Nagaa maqaa Qabsoo Oromoo ABO /WBO deeggartuutiin kaan ajjeesaa,kaan hidhee dararaa Fi kaan Ukkaamsee Maqaa Leenjii Fi Waan gararaatiin Fuudhee manaa baasee hidhee,hidhaadhaas baasee eessaan Akka dhaqaa jiru Kan hin beekamne ta'uu isaa,  Ummatni Oromoo Biyya Alaa Fi keessaa Hunduu Quba Qabaattanii ,Dhaabbilee Mirga Namummaa fi Miidiyaalee Idila Addunyaatti Sagalee Akka nuuf taatanii,Ummata keessan bira dhaabbattan Waamicha isiniif goona.Data Hidhamtootas Godina, aanaa  gandaa Itti hidhaman maqaan guutuu waliin sassaba nun gahan Dhaamsa keenya!
Показать все...
Gujii Baha Aanaa Sabboo Boorutti Gootichi Abdii Saba Waraa-nni Bilisummaa Oromoo Cibraa Laga Dambii waaree booda kaasee Waraa-na Weerar*uu waliin l*la jajjabaa gaggeessa jira. Meeshaa weerar*uu irraa booji'amefi Weerar*uu booji'amte qabanne walitti deebina!
Показать все...
Lola humni addaa naannoo amaaraa qotee bulaa oromoo wallorratti baneeen lubbuu qaqqaalii hedduu dhabnee jirra. *Wareegamtoota Wallo Aanaa Aaanaa harxummaaa fursee *Maqa  》》》》》》》 Ganda!!* 1~Hasan Hajii      =》Coqorsoo 2~Aliyyi masnoo   =》  Dobbii 3~Hussen Hasane =》Wanbee 4~Md Aliyyi Hasan  =》 Coqorsoo 5~ Ibraahim Aliyyi  =》  Garboota 6~A/d m/d Adee  =》 Cirraati 7/Adam umar yasuf>. Kaarra kaloo 8~Mohamad Xaahiir   =》  caffa/roobit 9~ Qunni A/d tuutto =》  luxee 10~ Hasan Amiinu =》  Hara 11~ Aliyyi hasan muhee=》G/Raasaa 12~ Abdu mahamad =》Cirraati 13~ Aliyyi umar m/d =》qicico 14~ yaasuf Ahmade =》 Gohaa 15 Hawwa Da.iid   =》 luxee 16~M/d Husseen  =》 Abba jiloo 17~ Adam Abdu Husen =》 irroo 18~Nuree Hussen =》 irroo 19~ Hasan Adee     =》Diidoo 20~ Hasan Abdalla =》Diidoo 21~ Hasan umar   =》 Diidoo 22~Husen md  Amme=》 Diidoo 23~ Ahmad Mohamad Aliyyi=》 raasaa qilxuu 24~Muhamad Saallee = jabaa siibaa 25~ilma Abdussamad=》Ganda laaluu 26.,Nuure Umar 27.,Adam Abdu Hussen 28.,Hawwaa Dawud 29.,Qunnii Adam Tuutto>Ashawaa Luuxee 30.M D Hussen Abbaa Birraa> Abbaa Jiloo 31.,Urbaahim Aliyyi M D> Garboota 32/Ahmed Rumee *Hulaa* 33/Ammadee Hasan *Dalgoo* 34/Sayyid Abubakri *Cirrii* 35/Sayyid Ali *Cirrii* 36/Qaasim Aliyyi Agizow *Cirri* 37/Hussein Hamzaa *Cirrii* 38/She Hasan adee >Diidoo 39/Hasoolii Anballaap>Diidoo 40/Hussein M/D Amme>Diidoo 41/.Ahimad Mld aliite>furse) 42/.Muhammad sallee >Jabaasiiba 43/.Hasan Adee>shugaye 44/.Abduu Adamuu>golboojabbii 45/.Hasoolii>caakkaa murri 46/ Mohamad Yasuf Adam> bookkisaa Waregamtoota keenya Rabbiin kan Jannata nuuf haa taasisu warraa madaahe Rabbiin nuuf haa fayyisu Ammad Ali Wadoo irraa
Показать все...
Weerrarrii fi babal'fannaan daangaa golee Oromiyaa irratti bifa qinda'een gaggeefamaa jiru Oromoo fi Oromiyaa diiguuf kan akeekkate tahuutti hubanna jechuun jaarmiyaa Oromoo koonyaa Jabuutii ibsa baase. ONM-ABO Amajji 31,2023 Oromoon akka sabaatti erga kolonii gita bittootaa jalatti kufee kaasee yeroo inni itti nageenyaa fi tasgabbiin jiraate hin jiru.  Akka sabaatti Oromoo adamsuu fi ajjeesuun akkasumas daangaa isaa dhiibuu fi qabeenyaa isaa barbadeessuun aadaa akkasumas hojimaata dhufaa darbaa impaayeerattii ta'eera. Sirni bulchiinsaa kabajamuu mirga dhala namaa fi ol aantummaa uummataa moggaatti dhiisee faayidaa akkasumas  dantaa dhaaltee akeeka sirna moofaa tiksuurratti xiyyeeffate keessatti rakkoo fi gidiraan uummanni keenya har'a keessa jiru daangaa darbuu isaa ni hubanna kan jedhu Jaarmiyaan Oromoo biyya Jabuutii kun, labsiin waraanaa fi weerara daangaa golee Oromiyaa hedduu keessatti labsame cinaatti ololli maqa balleessii  Qabsoo Bilisummaa Oromoo qindoomina murna bilxiginnaa fi finxaaleyyootaan taasifamaa jiru fudhatama hin qabu jedhan. Lolli qindaa'aan Miliishotaa, Faannoo fi humna addaa Amaaraan godinaalee Oromiyaa kanneen akka Wallagga Bahaa, Horro Guduruu Wallaggaa,  Baha Shaggarii fi Walloo keessatti gaggeeffamaa jiru iggita dhabuu isaatiin akkasumallee fedhiin daangaa babal'ifannaa baha Oromiyaatiin jiru akka babal'atu taasisuun har'as uummanni keenya daangaa irra jiru dhiigaa jira. Daangaan Oromoo gama maraan sharafamee to'annoo fi bulchiinsa alagaa jalatti buluuf dirqamuun akkuma jirutti ta'ee har'as fedhiin daangaa babal'ifannaa fi saamichi qabeenya Oromoo bal'inaan gaggeeffamaa jira waan ta'eef, qabsoo Bilisummaa Oromoo barootaaf gaggeeffamaa turee fi itti jiru daran jabeessuun galma akkasumas kaayyoo tokkoo jalatti hiriirree lafee dugdaa qabsichaa kan ta'e tin'isa dinagdee taasisaa turre jabeessinee itti haa fufnu jedhuun waamicha Oromoo bal'aaf dhaamaniiru. Dhuma irrattis uummata keenya qe'ee isaa irratti nageenya dhabuun buqqa'ee qabeenyi irratti barbadaa'e, maatii wareegamtootaa fi kanneen qaamaa fi qorqalbiin isaanii miidhame, akkasumas warreen bulchiinsa seeraan alaa jalatti gidirfamaa jiran, uummata keenya godina Walloo, gargaarsaa fi sagalee ta'uufiin cinaa akka dhaabbannu ni dhaammanna jechuun ergaa isaanii dabarfataniiru.
Показать все...
Gubachuu Tulluu Waataaf sababaa guddaa kan tahe sirna  Nama NYAATA loltootni achi kessa sossoochan dhalootan oromoo waan tahanif hidhannoo guutuu dhaan waan gara qabsoo haqattii waan dabalams jiraniif Abdii kutanna isaa dhumaa waan Itti uumeef abiddaa Itti naqxe .saniyyuu dishqaadhaan reebdi ,Akkasuma meesha gurguddan guyyuun.Akka odessi gama sanan as qaari'a jirutti, kan kanaa goosisuu keessa beektoota ,Kannen Akka miilishoota, kaabinoota aana sanaa Fi RIB keessa ilmaan mini*lik kanan qabeenyaa uumamaa kana gubu jiran. Ganna darbe ,jechunis (2014 shakalanii Turan gubuuf. Garuu yeroo sani bookkatu bonan roobe caamse ,warri gubuuf yaalte sun hedduun bakka waaqa irratuu fixe ,Quba qabaadha:-QBOnis ta'e,  WBO, Akkasumas qarreef qeerroon Namni Kamiyyuu hojjii Jara kana haa ilaaluu gara isaan imalaa jiran Kana.kan,booda qabenyaa ummataf mana gubuun ishee hin akkuma baratame tti jabeessuuf jirti.. Kanaa of bararuuf falmiin murteessa yaa oromoo!
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.