cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

TAJAAJILA YIDIIDIYAA

✞❤Sagaleen kee qoonqoo koof Mi'aawadha. akka damma walalaa caalaa Afaan kootti ni mi'aawa ❤✤Far 118/103

Больше
Рекламные посты
211
Подписчики
+424 часа
+57 дней
+530 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Tokko garuu gara boodaatti haafee turee bahee. eergaa sadan isani bahaani booda jibichii AB AbrahamDargageessa Qalchiisisee Akkuma Duraatti ni deebi'ee Loonitti makamee dhabbate jiraa. ◎yaa saboota waqayyoo mee fakkeenyoota AB Abrahamin biratti ta'an kanneen Hiikaa Tokkoni isaani Abboonni maal jedhuu laata? waliin yaa ilaluu. ➺Manguddoonni sadan Qulqulleetti sillaasedha. Abbaa, ilmaa, Afuura qulqulluudha. Miilaa isani yeroo isan keessa tokkoo dhiquu sadan isani dhiqatani itti muldhachuun isani qaaman, Gochaan maqaashan sadi tanus waqummaa fi Bulchiinsaan Tokkoodha yeroo jedhanidha. Damma, Itittuu fi Dhadhaan akkasumaas Foon dhiyachuun isani hoo maal ibsaa lata!. Dammi seera Oriitidha jedhuu Abbooni. Dammii yeroo diibamuu ykn nama irraa bu'uu wan gad dhiisuu hin fakkatu garuu bishaan biraa geenyaan ni gad dhiisa. Seerii oreetis wan darbuu hin fakkatu turee garuu ni darbee. Dhadhaan immoo yoo diibamu ykn nama irraa bu'uu wan gad dhiisuu fakkata. dhaadhan kunis Wangeeladha jedhuu Abboonni. wangeeli yeroo ilalamuu wan darbuu fakkati garuu tasuma kan darbiituu miti. Foon dhiyaachuun isaani fi nyaachuun isani immoo qaama adda ta'een ilmii foon ni uffata isin gidduu ni deeddebi'a jechuudhafidha. yeroo mana Abrahami bahaan manguddoonni lama dursaani kan bahaani Waqayyoo Abbaa fi Afuura Qulqulluudha. Tokkoonis Immoo Gara Gomoratti maalif Qajeelanni yoo jedhamee fakkeenyaa Eergamoota lamanniti Isanis HEQ Mikaa'eel fi Gabri'eelidha. Manguddoion tokko manativhafuun isa Waqaytoo ilmii lafaa kaba irraa deddebi'ee barsiisuu, fi waadaa fayyinaa rawwachuuf kan fedhas Abbaa fi Afuura Qulqulluu ta'uu ibsuudhafi. ➺ Kan Biroo Immoo Bara Eegeree Yoonaa Gargaarsa koon sin dawwadha, saraan ilmaa ni Deessi kan jedhuu kun immoo kan immoo kan ibsuu. saraa fi AB Abraham dhala dhabanii baay'ee rakkacha wan turaanif Saraan waggaa tokkoo osoo hin guutin ji'a sagal keessatti Ilmaa ni argaati yeroo jedhanidha. Tokkonis Abdii ilmaa argachuu Adooleessa 7 Dhageesse jirtii. Fulbana ni ulfooftii waxxabajii immoo ni deessi. Tokkoonis barii yoo jijjiramee jedhani. Tokkoonis gara bara boodaatti Dhala dhala kee irraa dhaladhee ( Foon kee irraa Foon, lubbuu kee irraa lubbuu hirmaadhe yeroon Adduunyaa Fayyisuu dhiyaachuu isa itti himuuf. Saraan ilmaa ni deessi. kan jedhuu kun immoo Saraan Wangeeladha, Amantoota Argaamsistii Jedhaani Abboonni Ni Hiikuu. Eegaan sillasen Mana Garbichii isani AB Abrahamiin seenani ni Eebbisani. seexannis Gidiraan ishee fashala'ee AB Abraham keesumma isa simachuu itti fufee.. Egaan yaa saboota waqayyoo keesumma simachuu hin dagatinaa! ✞✞✞ GALANNI FI ULFINNI AMALAMUMMA QULQULLEETII SILLASEEF YAA TA'UU, EEBBII ABBAA HIIKUMMAAN ILMAA FI QABEENYUMMAN AFUURA QULQULLUU KIRIISTANOOTA HUNDAA FI BIYAA KEENYAA ITOOPHIYAAF YAA TA'UU!! AB ABRAHMIIN GODOO ISA KAN DAWWATAN GODOO KEENYAAS NUF YAA DAWWATAN. ✤❤ AYYAANA GAARII HORAA DEEBANA BULAA❤✤ ➽ MADDA: Kitaaba dhaloota( seera uumama) boq 18 guutusa, hiikaa tokkooni kitaaba seera uumama, Tuufitti fi yaadannoo kooti. QOPH.. DHAQQABAA T.
Показать все...
✢✢✢ MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKOO AMEEN(!!!) " EEGEREE YOONAA GARGAARSAA KOON NAN DHUFAA SARAAN ILMAA NI DEESSII" SER U 18/8 Jalatamtoota maatiwwan waqayyoo, waqayyootti Amanee Abbaadhan kan basuu jenne ilmaan kan dhalate jenne Afuuraa Qulqulluudhan kan bahee jennee, kiriistoosiin kiriistanoota, Afuura qulqulluun jiraatoota, Abbaadhan Eebbiifaamtoota, ilmaan hiikamtoota,, Dubroo Maariyaamin Ararfamoota,Eergamootan tiifkamoota, Qulqulloota fi Wareegamtootan Eebbaa Hirmaatoota kan jedhamnee Bagaa Ayyaana kabaja Qulqulleetti sillaasen sin gahee nun gahee!!! ➺Sagalee waqayyoo Mata duree godhannee kana kan nuf barreesse, Abbaasa Anbaar Fi Haadhasa Yokaabidaa kan jedhaman irraa kan dhalate, Da'imummaasatti Gara Lagaa gatamee kan turee,, Intali Fara'oon argatee Masara Fara'oon keessatti kan guddate, Darara Israa'eelota bitaa Biyyaa Misira jala jiraanif Quuqama kan turee,inuma sababa Isra'eloota Darara fara'oonni yeroo Arguu Loltuu Fara'oon kan ajjeesse,boodaa Gara Biyyaa kuush( Itoophiyaa)tti kan baqate, hooloota Nama Ogummaa Qabeessa ta'ee Yootoriin kan eegaa turee,intala yootoris kan fuudhe, Isra'eelonni bitaa misira jala akka bahanif waqayyoo Afaan godhate aja'ibaa gara gara kan rawwachiisee dhahichaa 10n biyaa misiraatti kan muldhiisee, galanna gargar uleesan kan hiree,Gabatee dhugaa baatu halkaan 40 fi guyyaa 40 soomee waqayyoo biraan kan Fudhee Kitaabota seerota shan kan barreesse, Dursaa Rajoota Museedha. Musee jechuun Bishaan keessa kan Bahee jechuudha. ➺ Egaan yaa saboota waqayyoo Abbaan hundumaa ( kan namoota baayee) Abraham Waqharkee Abbaa isa dhiisi waqayyoo of Amaname nama qulqullumman jiraatedha. Abbaan baayee Abraham Jireenyaa isa keessatti kan ittin beekamu Keesumma simachuudhani. Abraham yeroo mana isa keesumman hin jiraane manasatti(duukkanaa) oldeebi'ee nyaata hin nyaatu turee. Seexanni uumamni haamaan kun hojii Abrahamitti inaafee shiraa Abbaa baayee Abbrahamitti hojechuu eegalee. Keesumma gara mana Abbaa baayee Abraham deemna jedhaani mana Abraham dhufaan karaatti Hanbiisuu eegalee.Abbaan sobaa kan jedhamee sobaa kan maddiisisuu Seexaanni Namee matan isaa reebamee buruqee dhiigaan makama fakkatee keesummoota Mana Abbaa baayee(AB) Abraham deemanitti muldhaate. isanis maal taatee yaa namanana jedhaani gaafatani AB Abraahamtu Ani mana isa deeme jennan akka kanatti reebe gad naa dhiisee jedheeni. isanis gara AB Abraham deemuu ni dhiisani. AB Abrahaam immoo Yaa waqayyoo maliin balleesse, mana koo keesumman tokko illee ol lixuu didee Anis beelan du'uu kooti jedhee kadhaanna isa gara waqayyoo boo'ichaan taasisa turee. Waqayyoo uumaanis hojii seexana kana ilalee Kadhanna Abrahamin dhaga'ee Abraham dawwachu murteessani. ➺AB Abraham osoo Mukaa Ejersa jala ta'ee jiruu Bifaa Manguddoota Sadin gara isa ni dhufaani. AB Abraham isan argee mataadhan lafaa tuqee sagadeedi akkas jedheen Yaa Gooftooli koo yoon isin fulduraatti Faara Tolaa argadhee Bishaan miilaa ittin dhiqaatanin fidaa miilaa keessan isin dhiqee gara duukana koo seena jedheeni. Isani Akka fedha kee yaa ta'uu ittin jedhani. yeroo kana Abraham gara duukana isa ol lixee saraadha Daabboo(Bixixilee) Daakuu Qicaa sadii iddoo tokkoti bukeessi Tolchii jedheeni sarani ni rawwate. gara Loon isa deeme sirritti kan coomee fi furdate jibichaa dargageessa tokkoti kenne qallii ittin jedhee.. Gara Mukaa Ejeersaa jala jiruuti deebi'ee Manguddota sadan miilaasani isaa tokko duwwa yeroo dhiiquu sadani isaani dhiqatani itti muldhatani. manguddooni sadanuu gara mana Abbraham ni seenani. AB Abrahamis Foon jibichaa Dargageessi midhaagsee mumuree, Ittituu, Damma fi Dhadhaa Isani ni dhiyeesse. manguddooni sadsnu ni nyaatan". Eegere Yoona Gargaarsaa Koon isin Dawwadha , Saraan ilmaa ni deessibittin jedhaani" saraan duukaana godaa keessa teessi ni dhageeffatti turee garaa isheeti shakkitee ni kolfitee. yerooma kana saraan ni shaakkitee kun garuu nii ta'a ittin jedhaani. saraanis isa kana yeroo dubbatan ni sodaate. Eergaa Kana itti dubbatani boodaa Manguddoonni lama ni bahaani gara Gomoratti qajeelanni.
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
Фото недоступноПоказать в Telegram
Adduunyaan kuni guyyaa jimaatati Kiristanoota biraatti guyyaa jimaata guyyoota torbaani keessaa haala addaatin kan beekamuudha. Guyyaa kanattis dararri ilmaa nama kan ta'ee gooftaa keenyaa qorichaa Iyyaasus kiriistoos hangaa fannisani ajjeessuuti kan simaatedha. Guyyaa jimaatati gaddaa malee gammachuun hin jiruu..guyyaa jimaatatti saamtuu fi ajjeessaa kan ta'ee hiikamee badiin tokko illee kan irraatti hin argamnee kiriistoosin immo dabarsani du'af kennan. Guyyaa jimaatatti namni yoo dheebotee bishaan kennuu dhiisani hadhooftuu guyyaatti kennanidha. Guyyaa jimaatatti ragaa sobaani dhugaa ta'ee inni dhugaan immoo sobaa ta'ee kan itti fudhatameedha. Guyyaa jimaatatti uumaan kan murteessu qabu uumamnii guyyaa itti murteessedha. Guyyaa jimaatati goonfoo akkeenyumaa kan godhaatuti goonfoon qoraatti itti goonfame. Addunyaa keessatti kan taasifama jiruu kanumaadha. Kan muudamuu qabuu osoo jiruu kan muudamuu hin qabnee muudamee jiraa. Inni ajjeessuu fi saamuu dhiisamee kan hin saamnee kan hin ajjeesnee hidhama jira. Kan itti murteeffamuu qabu dhiisamee kan itti murteeffamu hin qabneetti murteessa jirtii.kan kabajamuu qabuu dhiisamee kan kabajamuu hin maleetu kabajama jira. Kan nama gammachisuu dhiisamee kan nama hin gammachiisnee fudhatama argaate jira.
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
Фото недоступноПоказать в Telegram
Фото недоступноПоказать в Telegram
Фото недоступноПоказать в Telegram
"Qajeelummaan keenya martuu akka uffata abaarsaati "(isaay 64:6) 🐘🐘🐘🐘🐘🐘🐘 Ilaa mee oolmaa kiristoos nuuf oolen sitti himaa, gurra naaf ergisi. Yoo arba ilaaltu, arbi kan irreen isaa jabaatee hin kottoonfannee(Abiy negie 🐘werchu yetenekere zihon) fi kan kottoonfachuu danda'u( Wurzwu nege🐘werchu yaltenekere zihon) dha. Inni irreen isaa jabaatu, yoo ciisuu fedhu dhaqee mukatti erkata. Adamsitoonnis oogummaadhan mukicha soqanii akka arbi hin beekne godhuuf dhoqqee dibu. Arbichis yoo dhaqee itti erkatu, mukichi ni jiga. Arbichis, irreen isaa hin kottoonfatu waan ta'eef carraan qabu ciisee iyyuudha. warri akka isaa birmatanis, kaasuu waan hin dandeenyef walumaan boowu. Booda warri irreen isaani dadacha'u sun isa kufe ni kaasu. Addamis sababa baalatin seexanan kufee ni boowe, raajonni baayyeenis hojii araaraf bobba'anis homaa gochuu dadhabani addam waliin sagalee olitti katabe sana dhageessisanii ni boowan.booda, Abbaan nagaa kiristoos dhufee isa kufee jiru addam ni fayyise. . Galanni uumaaf yaa ta'u, ameen. Mk
Показать все...
2🙏 1
Показать все...
እጅግ ድንቅ ስብከት(አለማዊ ጋብቻን በስርዓተ ቁርባን ማደስ ይቻላል??)መጋቤ ሀዲስ መምህር ተርቢኖስ ቶሎሳ @Keziyas_Media

እጅግ ድንቅ ስብከት(አለማዊ ጋብቻን በስርዓተ ቁርባን ማደስ ይቻላል??)መጋቤ ሀዲስ መምህር ተርቢኖስ ቶሎሳ @-mahtot @Keziyas_Media @Kendilmedia @etartmedia

Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.