cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Kaayyoo Keef Jiraadhu!

Karaa sarara channel kana: Kitaabile garagara Seenaa gotoota oromoo fi jechoota gorsaf olaan ni argaatu

Больше
Страна не указанаЯзык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
220
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Jaalala Waliif Qabaachuu | @Grace_Media24 ➱ Obboleessα kee, hiriyαα kee hin tuffαtin! Amαlli isαα gααriis hαα tα'u hαα dhiisus. Yααdα gααrummααtiin ofitti qαbii gorsi! Kophαα fiiguun tαrii milkαα'inα dhihootti birα gahuu dαndeessu αchi fαgeessα. ➱ Guddinni wαliinii sαffisα qαbα. ➱ Obboleessi (obboleettiin koo) yookiin hiriyααn koo hαnqinα kαnα qαbα jettee irrαα fαgααchuu dhiiftee qoodα kαnαα immoo yoo mααl wαliin hojjenne wαliin guddαnnα? jettee itti yααdudhααn jireenyα ofirrα dαrbee cαrrαα namootα biroof fαkkeenya ta'u irrα gahuu dαndeessα. ➱ Wαntα αkkα siif tα'u bαrbααddu, αkkαsumα nαmααfis godhi! ➱ Inni tokko humnαα fι gαα¢нαиα isα kαn birααti. Hir'inα wαlii guutuudhααn milkαα'inα guutuu gαlmα bαreedαα qαbu gαhi!
Показать все...
👍 3
YAADA GAARII Waliif Qabaachuu | ❍ Aduun ofiif ifa ta'uuf  hin baatu! ❍ Abaaboonis ofitti miidhaguudhaaf hin daraarani! ❍ Lagni (bishaan) laga akka isaa hin dhugu! ❍ Muktis ija (firii, dhala) isaa deebisee hin nyaatu! ❍ Wanta biraatiif jiraachuun seera uumamaati!  ❍ Nuti hundumti keenya walgargaarree jiraachuuf uumamne! ❍ Kan ofii isaa danda'ee qofaa jiraachuu danda'u hin jiru! ❍ ATI NAMA BARBAACHIFTA, NAMNIS SI BARBAACHISA! ❍ Waan dandeenyu waan gaarii waliif ooluun yoo jiraanne, gammachuun jireenya akka sanaa keessaa argamu eessayyu hin jiru! ❍ Yaada Gaarii waliif yaaduun tarkaanfiin fuulduratti! ➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!     ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααrii
Показать все...
👍 2
jireenya fi jiruu addan baafadhu. Marqos 10;17 ✍️ Jiruun maali : 1) waan ittin biyya lafa  jiraatanidha 1xim6:7- 2) nyaataf kan argamu fakk 30; 8~9 3) karaa sobaa  wan argamu luqas16.10~12 4) waaqayyon dhagahu diduudha kan namatti dhufee. Ser uum 3:17~19 5) gahee waaqayyoo lafarratti namaf kennedha ser uum 2:15~18 ✍️ Jireenyi maali 1) goofta keenya yesuus Kiristoos qabachudha. yoh 8.12~ 2) Akka dubbii Waaqayyotti jiraachudha.far 119.120 yohn  8.51 3)Abboommii Waaqayyo eeggudha. far 119.119 4) Waaqeeffannaa dhugaadha mana waaqayyootti deddeebi'uudhaan. far 27.4 far 84.10 5) Michummaa biyyaa lafa ganuu . Yaq 4.4- Rom 8.7 ✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️ 👉“Jireenyi nyaata irra guddaa in caala, dhagnis uffata irra guddaa in caala.” — Luq. 12:23 ✍️Hin gowwoomina jireenyi waanta kaam irra iyyuu in cala. Jireenyi dhugaan kun immoo karaa Yesuus duwwaa argama. Waanti biyya lafaa kaam iyyuu koosin ishee asuma biyya lafaa kana irrati hafa. Namnii Yesuusin Gooftaasa' Jireenyasa 'Waanta hunduma godhatee wajjiin jraatu garuu bara baraan gammaachuu daangaa hin qabne jiraachuuf jira obboollesa ko obboolletikoo' abbootakoo kotta maaloo waan hunduma dhiisnee jaalalaaf abdiidhan dhufaati Yesuus eeganaa. 👉YESUUS IN DHUFAA ABDIIN AMANTOOTAA! 👉MAALOO HADAMAQNU YAA NAMOOTAA!🙏🙏🙏❤️❤️❤️
Показать все...
𝐌𝐮𝐥'𝐚𝐭𝐚 | 𝐕𝐢𝐬𝐢𝐨𝐧 𝐎𝐟𝐢𝐢 𝐆𝐮𝐝𝐝𝐢𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐃𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮𝐮 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❐ Nama guddaa ta'uuf waan guddaa irraa eegaluu hin qabdu. ❐ Ol baatee Mul'achuuf dirqama gaara irratti Dhalachuu hin qabdu. ❐ Gaggeessaa biyyaa ta'uu dhaaf abbaan kee yookiin haati kee gaggeessaa ta'uu hin qaban. ❐ Fageessitee arguu dhaaf dirqama biyya fagootti dhalachuu hin qabdu. ❐ Dursuu dhaaf dirqama dura jalqabuu hin qabdu. ❐ Beekaa ta'uu dhaaf beekumsa irraa jalqabuu hin qabdu. 𝐌𝐚𝐚𝐥 𝐆𝐨𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐝𝐚𝐫𝐞𝐞? ➊. 𝙼𝚞𝚕'𝚊𝚝𝚊 𝚜𝚒 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚞 𝚐𝚞𝚍𝚍𝚒𝚏𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚞𝚞! ➋. 𝙳𝚊𝚗𝚍𝚎𝚎𝚝𝚝𝚒𝚒 𝚊𝚍𝚍𝚊𝚊 𝚜𝚒 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚞 𝚋𝚊𝚊𝚏𝚝𝚎𝚎 𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚏𝚊𝚢𝚢𝚊𝚍𝚊𝚖𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚞𝚞! ➌. 𝙺𝚊𝚊𝚢𝚢𝚘𝚘 𝚞𝚞𝚖𝚊𝚖𝚝𝚎𝚎𝚏 𝚜𝚒𝚛𝚛𝚒𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚑𝚞𝚋𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚞𝚞! ➍. 𝙾𝚏𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚊𝚖𝚊𝚗𝚊𝚖𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚌𝚒𝚖𝚜𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚞𝚞! ➎. 𝙺𝚊𝚛𝚘𝚘𝚛𝚊 𝚖𝚊𝚝𝚊𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚝𝚒𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚞𝚞 𝚍𝚑𝚊!
Показать все...
👍 1
MAMMAAKSA AFAAN OROMOO  •|• Mammaaksi dubbii fida. •|• Dubbii fixa. •|• Gorsa xinsammuu cimaa of keessaa qaba. Mammaaksa Oromoo kanneen baay'ee natti tolan keessaa muraasa isiniif dhiheesseera. ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Akka hin cabne beekaaf  bishaan dhagaatti bu'a.  ➋. "Akkan itti dhales akkan itti arraabbadhus natu beeka," jette xaddeen. ➌. "Akkan ani jedhe fardatu dide akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne." ➍. Adurree barri qabe hantuutni eegee nyaate. ➎. "Anaafis rafuu hin taatu atiifis nyaachuu hin taatu osoo na dhiifte,"  jedhe namichi tafkiidhan. ➏. Anatu farda se'ee harreetti okoo haame. ➐. Baay'attee dallaa guutteef harreen loon hin taatu. ➑. Bofti qal'ateef eegee hin qaban. ➒. "Bishaantu afaan na jiraaf malee silaa waanan dubbaadhu baay'eedha," jette qurxummiin. ➓. Barcuma irra taa'anii muka hin hamatan. ➊➊. Barcumaa fi ulfina abbaatu of jalatti qanansiifata. ➊➋. "Cilee ta'uuf gubanne cilee taanees gubanne," jedhe mukti. ➊➌. Daa'imni hin boonye dugda haadhaa irratti du'a. ➊➍. "Deemi teenya okkoteen raafuu barte," jedhe namichi gogorrii qalachuuf qabee harkaa baanan. ➊➎. Dhugaa fi lubbuun gaafa rabbiin jedhe baati. ➊➏. Dhoksaan fanxoo hin fayyisu. ➊➐. Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatan. ➊➑. Firri firatti gala jennaan mukti qottoo lagatti qajeelte. ➊➒. Firoomne jedhanii waraabessatti foon hin fe'atan. ➋✿. Gowwaan yoo itti kolfan waan kolfaniif se'a. ➋➊. Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti. ➋➋. Gowwaan fardaa ergisaatiin boona. ➋➌. Hoolaan gaafa qalame samii arga. ➋➍. Hammaarranis hammaatanis dhuma hin ooltu. ➋➎. Hiriyaan wal hin amanne laga hundatti waliif kakata. ➋➏. Humna qabaannan sagaliin lolu, dhabnaan sagalee tolu. ➋➐. Humnaan nyaataniif humna namaaf hin ta'u. ➋➑. Ijaa fi saree ganda hin lagan. ➋➒. Kan dhadhaa baqsite osoo jirtuu kan raafuu affeelte michiin dhahe. ➌✿. Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu. ➌➊. Loon kana ooftee ooftee abbaan geessa jedhee namichi hatticha dhama'een. ➌➋. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya. ➌➌. Mucaa boo'uuf jedhu jabbiin irra ejjate. ➌➍. Muka ol guddate fiixee muruun jirma lafa jalatti gabbiisuu dha. ➌➎. Namni daara baasan daaraa dhaan nama qaba. ➌➏. Nama beekaa du'e osoo dhaga'uu awwaalu. ➌➐. Osuma beeknuu huuba wajjin jettee sareen. ➌➑. Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka. ➌➒. Qe'ee abbaan hin jirretti titiisni wal horti. ➍✿. Re'een baala argatte qeerransa hin sodaattu. ➍➊. "Situ diriiree of qochisiise" jedhe gaarri lafa diriiraa gad ilaalee. ➍➋. Sareen abbuma biraa nyaattuuf dutti. ➍➌. Sabbata jedhee hidhannaan bofa ta'ee na ciniine. ➍➍. Ulfi ulfina qaba jennaan gowwaan garaa dhiibe. ➍➎. Ulee bofa ittiin ajjeesan alumatti gatu. ➍➏. Waraabessi na nyaate jedhanii sareetti hin iyyatan. ➍➐. Waraabessi guyyaa yuuse yeroo dhan beekkachiise. ➍➑. Waan lafatti falan gaalati fe'an. ➍➒. "Walii galtee dhabaaf sareen tokkittiin qileetti nu naqxe" jedhe jaldeessi. ➎✿. Waan hancufti nama oolchitu gaafa kokkeen nama dhukkubdu beekan. ➎➊. Yoo akka maleetti baatan tafkiinuu dugda nama kutti. ➎➋. "Yaa harree kaan dhiittee, kaan ciniintee eenyu wajjin araddaa irra ooluufi."
Показать все...
👍 1
JECHOOTA HAYYOOTAA 1)Ati of Daangesitee Teenyaan Eenyutu Daangaa si Ceesisa ? 2)Osoo Nama Hin Ta'in, Namaaf Ta'uun Hin Jiru. 3)Of Beekuuf Murtoo hin Qabdu Taanaan; Of Beektees Murtoo hin Murteessitu. 4)Barachuun Beekuu Miti. Beekuun Garuu Barachuudha. 5)Gad-aantummaa×Hirkattummaa×of awwaaluu= Of wallaaluu. Of Wallaaluun of Awwaaluudha. 6)Qabeenyi Bakka Malee Kufee fi Dagatame Ilma Namaati. 7)Namni Lakkoofsa Guutuuf Dhalate hinJiru. Lakkoofsa Guutuu Ta'ee Dhalata Malee. 8)Addunyaa keessa Jirramoo Addunyaatu nu keessa jira ? 9)Yoo Qophaa'aa Taate Guyyaan Borii Qabeenya ati Qooddachuuf Eeggattuudha. 10)Jaarraan kun Jaarraa Mul'ataan Injifatan Malee;Jaarraa Mufachuun Injifatanii Miti. 11)Addunyaan Sammuu kee fi Jecha Ati Waa'ee Keef Qabdu keessa jirti. 12)Nama Jechuun Bu'aa Yaada Isaati. Namni Waanuma yaadu Fakkaata. 13)Barrisuu kan Dandeessu; Hanga Barrisuu Dandeessu yoo Amante Qofa. 14)Of hin Shakkin Inni Namni Biraa si Shakku Iyyuu si Ga'aa. 15)Dirree Injifatamtetti Lubbuun Jiraachuu Caalaa; Dirree Injifatte keessatti Duutee Awwaalamuu Wayya. 16)Meeshaa Ammayyaa Caalaa; Sammuu Injifannoo Qabaadhuutii Gara Dirree Seeni. 17)Tulluun Ofiin Beekee si Duraa Kufu hin jiru. Tulluun Ati Dhiibdee si Duraa Kufuu Didus hin jiru. 18)Sammuu Injifannoo Malee Hidhamee jiru Qabaachuun Rakkisaadha. 19)Sammuu Hidhamaan Addunyaa Hiikkamaa keessa Jiraachuu irra Qaamaan Hidhamanii Sammuu Hiikkamaa Qabaachuu Wayya. 20)Rakkina Kaleessa Sirra Ga'e Har'as Rakkina Jettee Dubbatta Taanaan, Har'a Iyyuu Namatu Si hin Argine Malee Ati Rakkina Kaleessa Caalu keessa jirta. 21)Of Booda hin Ilaaliin! Borii kee Namni Siif Ilaalu hin Jiru:: Maddi:-MIRATUU SHAANQOO Please add More* Positive mind find opportunity in everything.
Показать все...
👍 1
✔️Biyyaa tokkoo keessaa mucaa🙎 barataa harmeen Isaa bayy'ee jalaatuu tokkoottuu turee jedhamaa ✔️Innis dhaloonii Isaa baadiyaa waan ta'eef harmee Isaa irraa fakkatee magaalatii barataa turee achumaan gaaftokkoo harmee isaatif bilbilee maloo naan rakkadhee qarshii naaf ergii jedheeni itti himee ✔️Achumaan ishinis guyyaa biraa qarshii inni jedhuu uttuu hin tanee Macaafa Qulquluu 📖 namaatii ergiteef kanumaa dubbisii kaan si barbaachisuu as keessaa jiraa jeteni itti dhamtee ✔️Mucaanis ergaa haatii Isaa ergiteef argee bayy'ee gaddee harmee isaati bilbilee maaliif qarshii naaf erguu didee naa rakkadhee jedhee Siti himnee jedheen gafaatee ✔️Achumaan ishinis ammas irraa deebbittee ilmaa koo macaficha📖 fudhii dubbisii kaan si barbaachisuu achumaa keessaa jiraa jeteni ✔️Mucaanis qoosaa itti fakkatee macaficha 📖 uttuu hin dubbisinii dhiisee ✔️Achumaan ergaa harmeen Isaa boqotee waggaa dheerraa booddee gaaftokkoo uttumaa waraaqa jalaa baddee barbaadaa jiruu macafaa qulquluu harmeen Isaa ergiteef 📖 sanaa banee yeroo ilaaluu qarshii 1000 fi xalaayaa akkaas jedhuu argee ilmaa koo qarshii hin qabuun turee Isaa kanaa iyyuu akkumaa ta'eetin liqeefadhe sif ergee hin tufatiin yeroo biraa moo Sifan ergaa Kaan jedhuu macaficha keessatti argee bayy'ee rifatee olmaa harmee Isaa yaddattee mararamee bo'ee 😭😭 jedhamaa ✔️Seenaa kanaa irraa ergaa 2 akkaa barataan abdiin qabaa 1 ✍️Olmaa harmee keessaanii isin yaadachisaa ✍️😭😭 2 ✍️ Kitabaa dubbisuu dhabbuudhan akkaa beekkumsii nutii hir'attuu nu hubbaachisaa ✍️ Kanaaf yeroo hundumaa amalaa waa dubbisuu qabadhaa waan isin fayyaaduu bayy'ee argattuu ✔️ Keessaattuu macaafa Qulquluu 📖 yeroo hundumaa dubbisaa ✔️Maaliif jenan ebbii hafuraa fi foonif ta'uu Sagalee waaqayyoo keessaa jiraa waan ta'eef ✍️ ✔️Waan dubbiftaniif moo ulfadhaa jechaa yeroo hundumaa seenaa Ajaa'ibaa bakkumaa isin jirtaniti akkaan isin biran gahuuf paje fb koo kanaa #Follow gochudhan naa hordofaan dhamsaa kootii 🏃🚶🚶
Показать все...
👍 1
JIRAATEE HAR'A GAHUU KEETUF GALATEEFFADHU! ➦ Namoonni gaaffiin kuni gααffιι isinitti ta'e, kunooti itti dhihaadhaa! Нαиgα ᴅнυмααттι ᴅυввιѕαα! ❓ Waaqayyoon galateeffachuun maaliif barbaachise? ❓ Waaqayyoon kadhachuunis maaliif barbaachise? ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➢ Kadhachuun jireenya ofii waaqayyotti kennachuudha.    — Fak. 16:3 ➢ Waaqayyo jireenya kee keessatti akka qooda qabaatu affeeruu jechuu dha. Far. 4:3 irratti "Garuu Waaqayyo warra kan isaa ta'an, addaan akka baafate beekaa! Waaqayyo yeroo ani isa waammadhutti anaaf in dhaga'a;"      — Far. 4:3 ➢ Waaqayyo yoo kadhatte siif dhaga'a. ➢ Waan barbaadde yoo kadhatte siif kenna. Garuu jireenya kee keessatti gooftaa Yesus affeeruu fi garaa kee guutuu jaalachuun siif ta'a. Yohaannis. 15:7 irratti "Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'as." Ermiyas 33:3 irratti: "Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a; wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye sitti nan hima." ➢ Waaqni lafaa fi samii uume yoo si gargaare malee jireenya hiika qabu jiraachuu hin dandeessu. Dhumni warra gooftaa Yesuus fayyisaa lubbuu isaanii godhatanii hin fudhannee ibidda bara baraati. Obbolee koo sittan hima, ➢ Carraan waan hundumaa yoo si darbe illee Carraan mana Waaqayyoo keessa jiraachuu si hin darbin! ➢ Biyyi lafaa yeroodhumaaf nama gowwoomsiti! Beekumsi biyya lafaas ogummaa fi hubannaa waaqni namaaf kennu irra hin caalu! "Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna. Karaa kee waaqayyotti kennadhu! Isa amanadhu!" (Far. 37:4-5) Inni kadhata kee siif dhaga'a. "Waaqayyo gaarii waan ta'eef, gaarummaan isaas bara baraan waan jiraatuuf, isaaf galata galchaa!   — Far. 118:1
Показать все...
👍 1
HIRIYAA GAARIIN !!! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ √ Yoo kufte kan si kaasu! √ Yoo rakkatte kan si gargaaru! √ Yoo dhibamte kan si yaalu! √ Yoo yaaddoofte kan si bohaarsu! √ Kan si duuba toltuu siif yaadu! √ Kan faayidaaf sin jaalanne! √ Kan namummaa keetiif sitti dhiyaaatu! √ Kan dogoggora kee siif himu! √ kan guddina kee siif hawwu! √ Kan diinaaf dabarsee sin kennine! √ Kan si biraa deemee sin komanne!
Показать все...
KEESSUMMICHA Irraa baradhaa! @Nan_Baradha ☆ Baay'ee kan wal rakkisan yeroo hunduma kan walii hin galle haadha manaa fi abbaa manaatu ture! Yeroo hundumaa gaafa galgala'uu utuu wal caqacaqani hirriibni isaan qaba. Utuma kanaan jiranii guyyaa tokko keessummaan tokko mana isaani dhufa. Akka seera biyya isaanitti keessummaa miillaa dhiqanii nyaata kennaniifii erga keessumsiisaniin booda hamma sa'aatin hirribaa ga'utti abidda qabsiisanii sirriitti erga hoo'isaniin booda walitti qabamanii qaammatu; isaanis akkuma kana abidda qabsiisanii qaammachuu jalqaban! Kana gidduutti haadhi manaa fi abbaan manaa sun wal jeequu jalqaban! Akkuma amala isaanii Wal arrabsuu jalqaban, akkuma keessuummaan jiruu iyyuu in irraanfatan. Lola walitti banan; Ati Ati waliin jechuu jalqaban. Kana gidduutti haati manaa Gomjii walakkaadhaa qoraan boba'aa jiru fudhattee abbaa manaa ishee rukutuuf ol dhaabbatte👯‍♀ Abbaan manaas anis harka kootu cabaadhaaree jedhee qoraan boba'aa jiru keessaa tokko luqqifatee ol dhaabate🕺 Keessumichatti wanti ta'aa jiru bitaa galee innis qoraan boba'aa jiru keessaa tokko luqqifatee ol dhaabate!🕺😂 Abbaan manaas naasuudhaan keessumnichatti galagalee "Haati manaa koo na rukutuudhaaf qoraan fudhatte, ani immoo haadha manaa koo rukutuufan qoraan luqqifadhe; ati immoo eenyuun rukutuuf abidda kana fudhatte? " jedhee miira aaridhaan😡 Keessumman sunis akkas jedhee deebise lakkii! Koodee koo, ani nama kamiyyuu rukutuuf hin fudhanne isin lamman keessan iyyuu fudhattanii dhaabbattanii jennaan seeraa mana keessaniitii laata? Jedheen anis luqqifadhee dhaabbadhe🙆‍♀😂 jedhee deebiseef! Baay'ee nama kofalchiisa; anis waa malee barreeffama kana isiniif hin maxxansine waa akka irraa barattan Abdiin qaba. Yoo nuti waliif tolle ormi nuuf tola, mudaa keenya irraa akkuma ormi baratu, Gaarummaa keenyaa irraas in barata! Gaarummaa Gochuudhan warra Gaarummaa nama barsiisan haa taanu! Eebbifama obboloota koo akkan baay'ee isin jaalladhu, isinitti himeera ergaa kana immoo hiriyyoota keessaniif share godha!
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.