Creative Dev
Открыть в Telegram
Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev
Больше2 421
Подписчики
-124 часа
-217 дней
-9230 день
Архив постов
2 420
+1
Spend your free time with reading books. Because books are good friend and neighbor who will not harm you.
Yeroo boqonnaa keessanii kitaaba dubbisuun dabarsaa. Kitaabni michuu (hiriyaa) gaarii fi ollaa si hin miine waan ta'eef.
#Have a nice day 🙏🫶👌
@dhaamsa_koo @dhaamsa_koo

Gammachuu guutuu argachuuf wanta lubbuu teetiin feetu obboleeysa keetiinis fedhi. Sababaa ati obboleeysa kee gammachiisuutiin Rabbiin keetis jireenya kee jireenya gammachuu siif taasisa waan taheef.
Halkan gaarii isiniif haa tahu
Nagayaan naaf bulaa
✍️ @dhaamsa_koo
2 420
Repost from Jechoota Gaggaarii️️
Adeemsi jijjiiramaa Sawud Arabiyaa keessatti geggeeffame ajaa'iba ture, Mootoliin Sawud Arabiyaa jijjiirama biyyattii keessatti jalqaban galmaan gahuuf wantoota isaan sakaaluu malan daandii irraa maqsuu hojii idilee isaanii taasifatanii itti fufan.
Ulamaa'ii haayyota Islaamaa kanneen beekumsa biyyattii bira darbee sadarkaa guutuu Addunyaa Islaamaa haaromsuu danda'u qaban hedduu isaanii manneen hidhaa suukanneessoo keessatti hidhuun dararaa garaagaraa irraan gahuu erga jalqabanii waggoonni hedduu lakkaa'amanii jiru, hundaa ol ammoo wanti nama gaddisiisu Haayyota gurguddoo kanneen dhaddacha mana Murtii dhaabuun himata irratti bananii osoo murtee seeraa irratti hin dabarsiin bilaashuma hidhaa dukkanaa keessa tursiisaa jiraachuu isaanii dha.
Faallaa kanaa yeroo ammaa biyyi Sawud Arabiyaan (مملكة السعودية) dirree Muuziqaa, fiilmii, Koonsertii fi Kubbaa Miillaa taatee jirti! Inumaayyuu dhiheenya kana 'fashion show' dubartootaa isheen qopheessite waan ni mudata jedhamee yaadamaa hin turre ta'e!! Mootoliin gonfoo Sawud Arabiyaa biyyattii Aadaa ammayyummaa biyyoota dhihaa fudhachiisuuf imala jalqaban haalaan jabeessanii itti fufanii jiru.
Mootichi Muhammad Bin Salmaan adeemsa kufaatii kana akka hin milkeessineef qormaata natti ta'uu danda'u jedhee Haayyota sodaatu hidhee sagalee isaanii ukkaamsuun beektota isa deeggaran alatti hambisuun biyyattii gara jijjiirama saffisaa kanatti imalchiisaa jira.
Urjiilee Da'awaa Addunyaa Islaamaa haroomsuuf dandeettii ol'aanaa itti qaban, warra Da'awaan isaanii hanga guyyaa har'aatti dhaggeeffatamee hin quufamne kan akka Kaalid Al-raashidii, Dr. Salmaan Al-Awdaa dabalatee Hayyicha beekaa Hadiisaa isa Muhaddisa jabanaa kanaa jedhamee dinqisiifatamu isa beekumsi isaa Addunyaa kana raasu isa bilchina isaa Haayyonni hedduun ragaa ba'aniif Sheek Dr Abdulaziiz Al-xariifii sakaalanii mana hidhaa keessatti dararaa jiru.
Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.
Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
2 420
TapSwap ilaalchisee wantoonni beekuu fi gochuu qabnu.
1. TapSwap'n akkuma Not coin crypto currency haaraa gabaa Dijitaalaa seenaa jiru ta'ee ammatti kan coin bilisaa bittinsaa jiruudha. Amanamummaan isaas kan Not coin gadi miti. Garu dhugummaan isaa 100% miti.
2. May 30 ibsi ni kennama. May be, akkuma Not coin'n amma gurguramaa jiru kana TapSwap'nis sana booda gurguramuu jalqaba ta'a.
3. Akkam haa goonu?
✔Tarii akkuma Not coin sana dhugaa ta'uu waan maluuf ofii keenyaa gatii osoo hin itti hin baasin(yeroo yoo qabaanne) callifnee Tap Tap gochuudhaan coin bilisaa haa sassaabbannu.
✔Yeroo hunda harka keenyaan Tap Tap gochuun yeroo keenya qisaasessuu hin qabnu. Boast keessa gallee coin 200,000'n Tap Bot yoo bitanne yoo nuti offline taanes ofumaan taphata.
✔Task warra jalqabaa qofa hojjachuudhaan coin gara Miliyoona tokkoo walitti qabachuu in dandeenya.
Task'n akka isiniif baay'atuufimmoo Application VPN on godhadhaa.
#Hub: Task jechuun Telegram jaraa join gochuu fi Twitter isaanii follow gochuu faa yoo ta'u link Twitter isin gaafatu bantanii qofa yoo deebitan rakkoo hin qabu dirqama follow gochuu hin qabdan. Telegram jaraas join gootanii kaatanii erga task fixxanii booda leave gochuu in dandeessu.
✔ Boast keessa galaatii Tap guru (bonus) guyyaatti al tokko yoo isiniif bane tuqaatii dafaa dafaa Tap godhaa(Tap takka shaniin siniif baay'isa).
✔Boast keessa seenaatii coin qabdaniin; Multitap, Energy limit fi Recharging speed bitadhaa.
✔League tokkorraa isa itti aanutti yemmuu dabartan bonus waan qabuuf ishees claim godhaa.
Warri kana dura hin eegalin link kanaan seenaatii 'Start" godhaa taphadhaa waan hin beekanii👇
https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_913093702
https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_913093702
2 420
Dubbii Ajaa'ibaa!
Gaafa tokko Waltajjii guddoo England (UK) keessatti gaggeeffamte takkarratti namni tokko "dogongora Islaamummaa baay'een baasee jira. Namni naan mormu jiraa?!" Ja'ee dhaadachuu eegale. Dhaadannaa itti fufnaan, Barataan Muslimaa Palestine irraa barnootaaf achi ture, isaan mormuuf Speakera fudhate. Namayyuu isaan hordafuu eegale.
Namtichi kun "Nabiyyiin keessan akkamitti halkan takka keessatti Samii bahuu dandaye?!" Jachuun gaafate.
Mucaaniis, "Galgala Sa'aa 2:00 Miidiyaan wahii Australia irraa oduu Live dabarsaa jira. Daqiiqaa walfakkaataa keessatti as UK, Lendon keessa teessee oduu tana hordafuu dandeessa. Mitii? Akkamitti daqiiqaa Haga kana keessatti oduun Australia irraa dhufuu dandeesse?!" jachuun isa gaafate. Osoo namtichi hin dubbatin Manni guutuun barataa kanaaf harka dhawuu eegale.
Itti fufuun, namtichi kun "Isin Malaa'ikaa tokkootu Nama hunda ajjeesa jattan. Ok, Airplane tokkootu osoo Nama hedduun balali'aa jiruu, Atlantic keessatti kufe. Xayyaarri biraa tokkoos osoo namaan deemaa jiruu, Garba Hindiitti kufe. Xayyaarri lachuu daqiiqaa walfakkaataa keessatti kufan Yoo tahe, Malaa'ikaan tokko akkamitti namoota kana ajjeesuu dandaye?" jachuun gaaffii 2ffaa dhiheesse.
Barataaniis, "As Magaalaa tana keessatti Sa'aa 2:00 irratti Buufanni Ibsaa (Electric station) Ibsaa dhaamse. Daqiiqaa walfakkaataatti ibsaan mana hundaa dhaama. Mitii?! Akkamitti namni tokko, Ibsaa Magaalaa guutuu yeroo takkatti dhaamsuu dandaye?!" jachuun isa gaafate. Hoggaa kana barattoonni Muslimaa hundi ol ka'anii mucaa kana ol fuudhanii isaan daddeemuu eegalan. Stadium guutuun Takbiirtaan oowwite. Haala kanaan mucaan injifate. Maasha Allah!
Dubbii tanaan Yoo gammadde Muslima tahuu kee qofaaf Alhamdulillaahi ja'i. Alhamdulillaah!
@dhaamsa_koo @dhaamsa_koo
2 420
Inshaa Allaah guyyaa tokko akka waan takkaa miidhamtee hin beeynetti kolfuuf jiraatta!
Rabbii keetirraa amantii guutuu qabaadhu 🙏🫶
2 420
Yoomiyyuu eeysattuu
Lubbuun too si yaaddii
Of duraa si dhabnaan
Yaadaan kuttee aaddii
Si wajjiin wal arguun
Anaaf gammachuudhaa
Waa'ee jaalala kee
Mee maaluman jedhaa?
Ijarraa na beeytaa
Waaniin jechuu fedhu
Abadan hin eegdu
Hangan an dubbadhu
Umrii naaf dheeradhu
Ummaa tiyya qaalii
Turii naaf jiraadhu
Waggaa kuma caalii 🙏❤
✍️ Ararso Mohammed
@dhaamsa_koo @dhaamsa_koo @dhaamsa_koo @dhaamsa_koo
2 420
Oolmaa Kee Moo’ichaan Gaggeessuuf Qabxiilee Si Gargaaran
Sadan (3):
➊. Karooraan Jalqabi:
➮ Galgala karoorfadhuu buli, san booda ganamaan ka’ii karoora san
hojiitti hiikuu jalqabi. Ganama yeroodhaan akka kaatuuf immoo galgala yeroodhaan rafuun gaariidha.
➮ Namootni hojii isaaniitti milkaa’an baay’een ganama sa’aatii 11:00 booda ka’uudhaan guyyaa isaanii jalqabu waan ta’eef ganama sardama hin taane keessa hin galani. Galgala immoo galanii karoora sana madaalu. Atis ganama yeroon kaatee akkaataa
karoora keetiin yoo jalqabde, galgala immoo galtee yoo of madaalte guddinaaf baay’ee si gargaara.
➋. Sochii Qaamaa Taasisi:
➮ Sochii jabeenya qaamaa ganamaan taasisuun dhiphina sammuu hir’isuuf, humna dabalataa siif kennuuf, kaka’uumsa hojiidhaaf qabdu siif dabaluuf si gargaara.
➌. Waan Gaarii Yaaduudhaan, Ilaalcha ‘Positive’ ta’een Jalqabi: ➮ Ani nan milkaa’a, guddachuu nan danda’a, hojii harka kiyyaas Waaqayyo naaf eebbisa jedhanii jalqabuun guyyaa keenya irratti dhiibbaa guddaa qaba.

Share godhaa wal biraan gahaa
2 420
Harvard university Recognize Quran
Yuunivarsiitiin Harvard Yuunivarsiitii guddicha addunyaan tun qabdu yoo taatu waggaa 207 dura bara 1817 G.C tti biyya Ameerikaa keeysatti hundeeyfamte. Iddoo hooggantoonni ciccimoon akka Baaraak Obaamaa fa'aan itti baratanii bahaniidha. Yuunivarsiitii kana keeysatti bara 2015 G.C tti Kitaabota seeraa sadarkaa idil-addunyaatti beekkamoo tahan walitti qabanii qorannoo geggeysuuf erga karoorfatanii booda hajjattoonni, barsiisonnii fi barattoonni Yuunivarsitichaatis Kitaabota garaa garaa irraa yaadota garaa garaa 150 walitti qabatanii qorannoo sana irratti dhiheeysan. Qorattoota qorannoo kanaaf yaadota garaa garaa Kitaabota adda addaa irraa dhiheeyfatan keeysaa namni tokko ammoo Aayata Qur'aanaa tokko dhiheeyse. Eega yaadota dhihaatan hunda hayyootaan qorannoon gahaan irratti geggeeyfamee booda dhumarratti Aayanni Qur'aanaa tokkichi dhihaate sun qorannicha guutummaatti injifatee argame. Aayanni Qur'aanaa kunis kami seetan:
Suuraa Nisaa'i Aayata 135
{يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ كُونُواْ قَوَّٰمِينَ بِٱلۡقِسۡطِ شُهَدَآءَ لِلَّهِ وَلَوۡ عَلَىٰٓ أَنفُسِكُمۡ أَوِ ٱلۡوَٰلِدَيۡنِ وَٱلۡأَقۡرَبِينَۚ إِن يَكُنۡ غَنِيًّا أَوۡ فَقِيرٗا فَٱللَّهُ أَوۡلَىٰ بِهِمَاۖ فَلَا تَتَّبِعُواْ ٱلۡهَوَىٰٓ أَن تَعۡدِلُواْۚ وَإِن تَلۡوُۥٓاْ أَوۡ تُعۡرِضُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٗا }
Sababaa qorannicha injifachuu Aayata kanaatiin Aayanni Qur'aanaa kun seensa balbala (Karra) Yuunivarsiitichaa irratti baafamee maxxanfame.
Alhamdulillaah!
Qur'aanni dhugumaan jecha Rabbiiti. Kanaaf yeroo mara injifataadha. Nabi Muhaammadiis Sallallaahu Aleeyhi Wassallam dhugumaan ergamaa Rabbii kan xumuraati. Wanni Qorannoon saayinsii dhiheenya kana mirkaneeysaa jirtuus waanuma nabi Muhaammad jaarraa 14 dura nuuf hime. Qur'aanarraa Aayaaleen baay'een (80%) qorannoo saayinsiitiin mirkaneeyfamanii jiru. Hangi hafees (20%) saayinsii ammayyaa tanaatu itti hin dhaqqabini. Inshaa Allah gaafa qoratanii bira gahan dhugummaa isaa isaanuu ragaa bahuuf jiraatan.
Barreeysaan: Araarsoo Mahaammad.
May may 09, 2024
Join us

Yuunivarsiitiin Harvard Yuunivarsiitii guddicha addunyaan tun qabdu yoo taatu waggaa 206 dura bara 1817 ALA tti biyya Ameerikaa keeysatti hundeeyfamte. Iddoo hooggantoonni ciccimoon akka Baaraak Obaamaan fa'aan itti baratanii bahaniidha. Yuunivarsiitii kana keeysatti bara 2015 ALA tti Kitaabota seeraa sadarkaa idil-addunyaatti beekkamoo tahan walitti qabanii qorannoo geggeysuuf erga karoorfatanii booda hajjattoonni, barsiisonnii fi barattoonni Yuunivarsitichaatis Kitaabota garaa garaa irraa yaadota garaa garaa 150 walitti qabatanii qorannoo sana irratti dhiheeysan. Qorattoota qorannoo kanaaf yaadota garaa garaa Kitaabota adda addaa irraa dhiheeyfatan keeysaa namni tokko ammoo Aayata Qur'aanaa tokko dhiheeyse. Eega yaadota dhihaatan hunda hayyootaan qorannoon gahaan irratti geggeeyfamee booda dhumarratti Aayanni Qur'aanaa tokkichi dhihaate sun qorannicha guutummaatti injifatee argame. Aayanni Qur'aanaa kunis kami seetan: Suuraa Nisaa'i Aayata 135
{يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ كُونُواْ قَوَّٰمِينَ بِٱلۡقِسۡطِ شُهَدَآءَ لِلَّهِ وَلَوۡ عَلَىٰٓ أَنفُسِكُمۡ أَوِ ٱلۡوَٰلِدَيۡنِ وَٱلۡأَقۡرَبِينَۚ إِن يَكُنۡ غَنِيًّا أَوۡ فَقِيرٗا فَٱللَّهُ أَوۡلَىٰ بِهِمَاۖ فَلَا تَتَّبِعُواْ ٱلۡهَوَىٰٓ أَن تَعۡدِلُواْۚ وَإِن تَلۡوُۥٓاْ أَوۡ تُعۡرِضُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٗا }
Sababaa qorannicha injifachuu Aayata kanaatiin Aayanni Qur'aanaa sun Seensa balbala (Karra) Yuunivarsiitichaa irratti baafamee maxxanfame.
Alhamdulillaah!
Qur'aanni dhugumaan jecha Rabbiiti. Kanaaf yeroo mara injifataadha. Nabi Muhaammadiis Sallallaahu Aleeyhi Wassallam dhugumaan ergamaa Rabbii kan xumuraati. Wanni Qorannoon saayinsii dhiheenya kana mirkaneeysaa jirtuus waanuma nabi Muhaammad jaarraa 14 dura nuuf hime. Qur'aanarraa Aayaaleen baay'een (80%) qorannoo saayinsiitiin mirkaneeyfamanii jiru. Hangi hafees (20%) saayinsii ammayyaa tanaatu itti hin dhaqqabini. Inshaa Allah gaafa qoratanii bira gahan dhugummaa isaa isaanuu ragaa bahuuf jiraatan.
Barreeysaan: Araarsoo Mahaammad
Уже доступно! Исследование Telegram 2025 — ключевые инсайты года 