cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Sammuu dhala namaa leenjisuun milkaa'inaaf qopessuu

Ofii ta'iii yeroo kamuu

Больше
Рекламные посты
197
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Yoon gaafatame... Gatiin namummaaf baafamu kabajaafi jaalala namummaa qofa. Namummaan kun meeshaa rakasa wantoota mumuldhataniin sharafamu miti. Namummaan qodaa lafa salphoo kaawwamu miti. Namummaan gabaa kamisaa ykn dilbataatii bitamee kan gurguramu miti. Namummaan akka kafana keenyaatti takka uffannee takkammoo kan baafannu miti. 👉 Namummaan qaaliidha. Namummaan siyaasaa fi wantoota itti jirru maraa oli. Namummaan kabajaafi ulfina uumaan dhala namaaf laatedha. Namummaan hunda dursa. Haata'u malee yeroo tokko tokko namoonni gatii namummaa wallaalaanii namummaa isaanii waan hin malletti sharafuun ofiisaaniis ta'ee nama biroo lafa salphinaa dhaabu. Maqaa salphinaa walittis ofittis moggaasu. Wanta namummaa isaanii hin madaalleen ofis walis jijjiiru. Ilaalcha badaafi babbadaa ofiifis nama biroofis qabu. Namoonni akkasii gariin nama biroof ergamuufi tajaajiluuf waan uumaman ofse'u. Kaan immoo nama biroo ergachuufi itti fayyadamuuf akka dhalatanitti yaadu. Sammuun isaanii gooftaa fi giiftii, ajajaafi ashkara isa jedhamaa tureen duudeera. 👉 Namana, namummaa keessaa olaantummaafi gadaantummaan hin jiru. Namummaan walqixxummaa fi ilaalcha qajeelaan ibsama. Maarree namummaan yoo durse waan si miidhu qabaa? Tokkollee. Namummaaf dursa kenni! Gatiin namummaaf baafamu kabajaafi jaalala namummaa qofa. ... jedheen haasa'a. Galatoomaa ❤ 📢JOIN & 🔗SHARE ╔══ https://t.me/yz03g ════════════════╗
Показать все...
Sammuu dhala namaa leenjisuun milkaa'inaaf qopessuu

Ofii ta'iii yeroo kamuu

Nama sababaa tokko malee si jibbuuf bakka hin kannin, yeroo fi inarjii(energy) kee firraa hin fixin. Nama si boodaa si dubbatu, dantaa dhabiif duraanuu wan hundaan waan si booda jiruuf si boodaa si dubbataa. Nama tokko waliin of hin madaalin, dandeettii fi kannaan Rabbi siif kanneehu lakkaawamee hin dhumuu. Waan dhumuuf of hin hiraarsin(Adunyaan guutuun dhumtuudha), waan qabduun gammadii jiraadhu. Naaf gala gorsootan kanneen itti hojachuun ni ulfaata, garuu hanga dandeesse numa yaali. Aartee jacha badaa hin dubbatin; yeroo muraasa booda Ati waan si aarse san irraanfachu malta,garuu jachi ati dubbatte waggaa dheeraa turuu mala, Lafee nama cabsuu mala!
Показать все...
Waan faayidaa qabu dhaggeeffadhu.Sababa barbaadi, yaada gaari dubbadhu. " dubbiin namootaa akka biyyeeti; yoo qilleensa keessa hin balali'in miila jalatti dhiitama. Kana gochuu hin dandeessu taanaan, ofuma keef jiraadhu. Arrabni hin callisu" jedha ogeessi tokko. Miidhamni hundinuu sadarkaa bilchina haaraati. Wanta jibbitu hundarraa fagaadhu. Waamicha si aarsu tuffadhu. Ergaawwan si miidhan haqi. Waan jaalattu haala ittiin argachuu dandeessu yaalii argadhu. Waan abdii kee haaressu barbaadi. Waan kamuu dhiisuun fedhii keeti malee hiree kee miti. Yeroon filannoowwan hedduu yoo siif kennite wanta ejjennoo keef malu gara keetti dhiyeessi. Yeroo ofitti amanamummaa qabnu keessatti immoo, ija qalbi cufnee waan eenyummaa keenya guutuudhaan hin argine ilaaluuf ija sammuu banuun dirqama. https://t.me/yz03g
Показать все...
Sammuu dhala namaa leenjisuun milkaa'inaaf qopessuu

Ofii ta'iii yeroo kamuu

MAALLAQA yoo qabaanne gaaridha GARUU: ✧ "Ittiin nama jiraachisuuf, ✧ ittiin nama oolchuuf, ✧ ittiin nama gargaaruuf, ✧ ittiin tokkummaa uumuuf, ✧ ittiin mul'ata ofii bira gahuuf ITTI FAYYADAMNA MALEE, ⁃ ittiin nama bituuf, ⁃ ittiin nama ajjeesuuf, ⁃ ittiin nama miidhuuf, ⁃ ittiin walhammeessuuf, ⁃ ittiin nama qoqqooduuf HIN FAYYADAMNU!" Sababni isaa   ⇣⇣  ⇣⇣  ⇣⇣ MAALLAQNI: ▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Mana malee, maatii hin bitu! ➋. Siree malee, hirriiba hin bitu! ➌. Kophee malee, miila hin bitu! ➍. Amartii malee, jaalala hin bitu! ➎. Fullee ijaa malee, ija hin bitu! ➏. Qoricha malee, fayyaa hin bitu! ➐. Rasaasa malee, jireenya hin bitu! ➑. Cubbuu malee, qulqullummaa hin bitu! Maxxansa kana yoo jaalatte #share godhi. ♻️➕  Share JOIN🔔 https://t.me/yz03g ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Показать все...
Sammuu dhala namaa leenjisuun milkaa'inaaf qopessuu

Ofii ta'iii yeroo kamuu

SEENAA NAMA BARSIISU ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Niilsan Mandeellaa Yeroo Yunivaristii keessatti barumsa seeraa barachaa turan waan isaan mudate dha. Yeroo sanatti barsiisaa adii Pitar jedhamu qabu ture. ➨ Guyyaa tokko Profesar Pitar nyaata osoo nyaataa jiruu Mandeellaan nyaata isaa qabatee bira ta'e. Profesarichis "Mandeellaa Booyyee fi Gugeen nyaataf walbira hin taa'an jedheen!" Mandeellaanis deebisee hin cinqaminaa ka'een balali'ee deema jedhee teessoo biraa irra taa'e! ➨ Kanaan kan aaran Pitar guyyaa biraa eeggatanii haaloo itti bahuu barbaadan. Haaluma kanaan guyyaa tokko Pirofeesarichi kutaa keessatti utuu barsiisanuu Mandeellaa gaaffii tokko gaafatan "Mandeellaa utuu karaa irra deemtuu utuu boorsaa lama tokko kan #qarshii qabu tokko immoo kan #Ogummaa qabu yoo argite kam fudhatta?" Mandeellaanis kan qarshii qabu jedhee deebise. Profesarichis miira moo'ichaatin gowwicha ana utuu ta'ee ogummaan filadha ture jedhee deebiseef. Mandeellaanis seeqaa "sirrii jette namni hunduu waan hin qabne fudhata" jedheen. ➨ Kana hundaan kan aare pirofeesarichi adiin waraqaa qormaata isaarratti #Doofaa jedhee bareessee kenneef. Barattonni kaan qabxii isaanii yoo ilaalan Mandeelladhaaf garuu #Doofaa kan jedhu qofaatu barreeffameef. Mandeellaanis gara Pirofesarichaa deemuun "dhiifama barsiisaa mallattoo kee qofa naaf keessee qabxii koo dagatteerta jedheen" jedhama. Hiriyoota keessaniif share godhaa! Galatoomaa!!! https://t.me/yz03g
Показать все...
Sammuu dhala namaa leenjisuun milkaa'inaaf qopessuu

Ofii ta'iii yeroo kamuu

𝘿𝙤𝙜𝙤𝙣𝙜𝙤𝙧𝙞𝙞 𝙆𝙚𝙣𝙮𝙖𝙖 ━━━━━━━━━━━ Rakkoon keenya dogongora namoota biroo wajjin of wal bira qabuudha.  Ati ilma namaa kamiinuu gadi hin tatuu ykn hin caaltu ... Milkaa'ina kee namoota biroo wajjin of wal bira qabuun hin murteessiin;  kanaa mannaa bu’aa ba’ii fi dandeettii kee wal bira qabuun milkaa’ina kee murteessii.  Waan qabduun, guyyaa hunda, waan dandeessu hunda yeroo hojjettu 'lakkoofsa tokko' taata. ▬ ▬𝐉  𝐎  𝐈 𝐍 & 𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄▬  ▬  ༆  ༆   ༆  ༆  ༆  ༆   ༆  ༆   ༆  ༆ 😘Hiriyoota keetiif share godhii 💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐 📚JOIN: ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ! https://t.me/yz03g
Показать все...
Sammuu dhala namaa leenjisuun milkaa'inaaf qopessuu

Ofii ta'iii yeroo kamuu

Показать все...
Sammuu dhala namaa leenjisuun milkaa'inaaf qopessuu

Ofii ta'iii yeroo kamuu

ᴡᴀɴᴛɪ ʙᴀʀᴀᴛᴀᴍᴜ: ➊. Akkaataa fi haalli itti adeemaa jirtu kun dhuma kee hin ibsu. Wanti bor ta'u wanta biraati. Waa'een kee haa odeeffamuu ati garuu isa odeeffamuu miti isa odeessanis. ➋. Waan si gorsan hunda osoo hin taane naaf ta'a kan jettu fudhadhu! ➌. Isa kaleessa turte irraa geeddaramtee gara jireenya fooyya'aatti geeddaramtee jirta taanan dhimmicha of keessaa baasii kaanis barsiisi! ➦ ωααи ᴅυввιfтαиιιf Gαℓαтσσмαα! #Ѕнαʀє Gσ¢нυυи σввσℓσσтααf qσσ∂αα! 📚JOIN: https://t.me/yz03g 📚JOIN ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Показать все...
Sammuu dhala namaa leenjisuun milkaa'inaaf qopessuu

Ofii ta'iii yeroo kamuu

Sammuun ilma namaa akka hojiilee gaaragaraa ittiin hojjennu, akka ittiin qorannuufi itti fayyadamnee addunyaa kana jijjiirruuf waan nuuf kennameef, yeroofi sammuu keessan waan gaariifi egeree keessaniifi dhalootaaf bu'aa buusu irratti xiyyeeffachuun qaban. Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin. Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha. Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree? Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef. Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf battala barreefama kana dubbisteen of qopheessi. Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti. Maxxansa kana yoo jaalatte share gochuu qofaan hiriyootakee onnachiisi. Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha. https://t.me/yz03g
Показать все...
Sammuu dhala namaa leenjisuun milkaa'inaaf qopessuu

Ofii ta'iii yeroo kamuu

#kutaa_12ffaa #ODASPECIALBOARDINGSCHOOL Barattoonni Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa /ODA SPECIAL BOARDING SCHOOL/ bara kanas qabxii olaanaa galmeessaniiru 1. Roobeeraa Asmaraa...............652 2. Biqilaa Haacaaluu.................. 650 3. Sanyii Dassaalany.................. 644 4. Olaanaa Abarraa.................... 641 5. Firaa'ol Danoo........................ 639 6. Geexee Boonaa...................... 637 7. Roobeeraa Bushuraa .............637 8. Barakat Kabbadaa .................635 9. Elihaam Jibriil ........................634 10. Hayaat Ibraahim.................. 630 11.Siyyum Waldee .....................630 12.Saamu 'eel Xaasoo............... 628 13. Firoomsaa Mohaammad ....625 14. Dastaa Nigusee ....................619 15. Naafyaad Daagim................ 619 16. Leencoo Baay'isaa ...............617 17. Meeroon Abbabaa............... 617 18. Indaaluu Qalbeessaa ...........616 19. Abdii Geetuu .........................614 20. Roobee Abaataa ..................614 21.Warquu Camadaa .................612 Walumaa galatti barattoota 76 qoraman keessaa barattoonni 21 /27.6%/ qabxii 600fi isaa ol, barattootni 45 qabxii 500-599 fi baratoonni 2 immoo qabxii 400 keessa kan galmeessan yoo ta'u gosa barnoota Herregaas100% galmeessuun danda'ameera. Ummanni keenya, barattootni, maatiin barattootaa, hawaasni mana barnootaa, boordiifi miseensonni WMO, hojjeettootni caasaa WMO sadarkaa sadarkaan jirtaniifi deeggartootni misoomaa hundi baga gammaddan baga gammanne! Waldaan Misooma Oromiyaa dhaloota qareeyyii, egeree saba keenyaa qajeelchan oomishaa jira.  https://t.me/yz03g
Показать все...
Sammuu dhala namaa leenjisuun milkaa'inaaf qopessuu

Ofii ta'iii yeroo kamuu

Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.