cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Calanqoo Post

Odeeffannoo qulqulluu 💯💯💯💯💯💯

Больше
Рекламные посты
1 022
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
-230 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

DU'A GURRAATTII CALANQOO MADAA. CIQILEE Gantoota haadhoo gaafa Murruqii weerara Nafxanyaa Calanqoo fi Aanoolee san Oromoota basaasanii diina ficcisiisan keeysaa hangafoota hanga tokko. 1.Gobanaa Daacee 2. Qucaas/Quncaas Daacee....Obboleeysa Goobanaa Daacee. 3. Halkoo Daargee Dubartiin tun basaastuu gaafa Lola Azuulee fi Anoolee Arsii ficcisiifte. Maqaan abbaa isii Daargee osoon taane, ka akka isiin gantu godhee bite Raas Daargee waan taheef maqaa isaatiin moggaasan. Namtittii tana nama Alii Maaree jedhamu itti erganii bitatan. 4.Kabiir Aadam Qusaa 5. Garaad Ali/ Ali Galmoo Yaayyaa Alii Siree Nafxanyaa iyyisiisee Emir Abdullaahii Nafxanyaa qubsiisee Abaar kabajaan qabuu Manguddoo iyyisiisee Elemtuu Diida Niinnii Jabbiin jalaa duutee Gogaa jabbii sanii Jabbii biraa gootee Tolchi ni toolchinaa Jabbii mii Tolee dhaa Obsi ni obsinaa Dubbii akka maleedhaa Shunkurtiin Calanqoo Nama gubdii barii Walleen Qullibbiidhaa Dubbi qabdii bari Keenyumaa Malkaadhaa Gambeella gararreedhaa Nama Amaarri ajjeese Gumaansaa mararreedha Girgirii Calanqoo Ta bultii diiddamii Qawween dimdim jettii Madaafni dirgimii Keenyumaa nu fixee Qarxam taane damii Kaaniis Garaad Alii Kaan Kabiir Adamii Lolli guyyaa tokkoo Nam kum 35 galaafate Dhiiga lola guutuu Eenyuu iyyaafate Dhiiyni jeeynoota sanii Maagada baafatee Dhiiga Murti Guutoo Korriftuun korrifte Ta qayya aarfatte Fooliidhaan beeysiftii Seenaa jijjiiraniis Dhugaan lubbuun jirtii Duubo akkiniin je'e............ Diinni hamaan diina seenaa dhimu Hayyuu dhimaan hayyuu seenaa uumu Alagaa firan qabu ka senaa dhimu Lachuutuu diinaa ka seenaa uumu Diinni hamaan diina fira keeysaa Afuufaa si miidhaa hasaaseen himuu Seenaan seenaa baasan Dhiigaan dhiiga baasan..............! TORBEE MURTI GUUTOO GUYYAA 2FFAA SEENAAN LUBBU QABDI ! Itti fufa............ Moonenuus Abduraman Oromiyarraa
Показать все...
ARRA GUYYAAN YAADANNOO CALII CALANQOOTI Gogorriin ceetee Qilxoota gamattii Diinni diinaa Nujjeese tasattii Laalaa yaadannoo Mudannoo badduu Murtii gootummaa Murannoo jabduu Calii Calanqoo Ta lammii hedduu Du'a farfamtuu Ta seenaa qabdu (GGO) Ka furga'u madaafaa Ka furgaasu Gabreedhaa Ka duulchise Mokanninii Ka gargaare Faranjiidhaa Ka murruq godhe Minilikii Ka murruq tahe lammiidhaa Ka narraa yaa'u imimmaanii Ka na boochisu garaadhaa Lola guyyaa salaasaa Fidee nu roobse rasaasa Ka guyyaa san nu baase Arraas sumaa nu baasa Lafeen Warseeysaan caphxuu Lameen waliin caphasanii Oromoo lammii tiyyaa Waliin nu caphasanii Wal arkiin dirree MURTI GUUTOO haa taatu.... #Moonenuus Abduraman Dirree MURTI GUUTOOTIRRAA
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
👍 6
Daddafi yaa dafoo Daddafi yaa dafoo! Jabaan booree Booressa booreenii Namaa gadi ta'ee Namatti roorrisa garaanii! Biyyi Abbaa biyyaatiin tolaa Warra Abbaa biyyaati nuti Akka keenyatu akkanaa Kan gizeen nu fidde mitii! Baala gizee jettee Na waamti jarrii Dhugumaaree? Dhugumaaree? Kan jettu jarri Nan didaaree ? Nan didaaree ? Yoo tole barrii Nan jibbaaree ? Nan jibbaaree? Yoo tole barrii Nan sarmaaree? Nan sarmaaree ? Yoo bade barrii! Yoo soban malee Dhiiroo boseen Ataraa boseen ataraa? Ulfa rakkaataa fuudha Quufaan ulfa maa fuudhee Faana rakkataa? Tokko gamasii saamaa Tokko gamanaa haama Haadha katamaa, Eenyutu garaa laafee Raafama namaa dhiiroo Raafama namaa! Buqqisan malee dhiiroo Sayyoo sayyoo! Hin ta'u waldhabbii qoodee Sayyoo sayyoo! Qancaru Lammii nyaataa Sayyoo sayyoo Bubbulu gosaan qoodee Sayyoo sayyoo! Ee sayyo sayyoo aaroo! Ee sayyoo Gadaa meelbaa Gabbisi Gadaa abbaakee Gurbaa...! Wal ta'i Nagaan eebbaa! Daddafi dafoo, daafi dafoo! Daddafi dafoo dafi dafoo! Keenya wal ta'uu didee Didaa Wal conqolaasaa Ormi Wal ta'eetu Ija jibbaa nutti babaasaa Nutti ija babaasaa Nutti ija babaasaa! "Beenu baadiyyaa Seeni tokkichaa, Mul'adhu jiruu Ilma oromticha! Akkuma kalee Dhiiba lafasaa! Maaliif hin jirreen Coomsa gurrasaa! Gaggaalafattee Geeba hin fudhatuu! Maaliif tokkummaan Diina hin qolattuu! Gaaddisa biyyaa Oromtichakoo! Cimsi tokkummaa Falmadhu rakkoo! Yaa isa biyyaaf Baate hidhattee! Yaa isa biyyaaf Aangoorra kortee! Teepha hin haammadhuu Qaphu bakkakee! Deebisi Gadaa Bulchi biyyakee! Roobee,roobee.......! 🥰🥰🥰🥰🥰 #yoosiiiii_baga_itti_Cabsitee jabaa Koô
Показать все...
👍 4 1
#WBO_fi_Mootummaa Ajajaan WBO Kibbaa mariif Taanzaaniyaa gale. Ameerikaa IGAD, Keeniyaa fi Noorweey haala mijeessummaan hirmaachaa jiru. Mariin mootummaa Itoophiyaa fi bakka bu’oota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti adeemsifamaa jiru Taanzaaniyaa, Daar es Salaam, Hoteela Hyaat Rajansii keessatti ta’aa jiraachuu odeeffanneerra. Kana malees, Ajajaa WBO Kibbaa Gammachuu Raggaasaa ykn Jaal Gammachuu Abboyyee fi itti aanaan isaa, buufata isaanii Kibba Oromiyaa Boorana irraa karaa Keeniyaatiin gara bakka walga’ii kanaatti har'a ganama balali’uu isaaniis himameera. Kaleessa Ajajaan Olaanaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marroo Taanzaaniyaa galuun isaa ni yaadatama. Marii kana irratti haala mijeessitoota alaa, keessattuu Ameerikaan karaa jila Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Ambaasaaddar Maayik Haamariin durfamuu fi dippilomaatota olaanoo IGAD bakka bu’an, akkasumas mootummoota biyyoota Keeniyaa fi Noorweey hirmaachaa jiru.
Показать все...
😁 1
Фото недоступноПоказать в Telegram
Mariin araaraa Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Itoophiyaa jiddutti jalqabuu madden keenya odeeffate. Mariin araaraa kun qondaalota waraanaa olaanoo gama lachuu akka hirmaachise kan ibsame. Ajajaan olaanaan Waraana Bilisummaa Oromoo Marroo Dirribaa fi jilli itti gaafatamaa kutaa odeefannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Geetachoo Guddinnaatiin durfamu marii araaraa kana irratti kan hirmaatan ta'uun ibsamee jira.
Показать все...
😁 2
#WBO_fi_Mootummaa Ajajaan WBO Kibbaa mariif Taanzaaniyaa gale. Ameerikaa IGAD, Keeniyaa fi Noorweey haala mijeessummaan hirmaachaa jiru. Mariin mootummaa Itoophiyaa fi bakka bu’oota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti adeemsifamaa jiru Taanzaaniyaa, Daar es Salaam, Hoteela Hyaat Rajansii keessatti ta’aa jiraachuu odeeffanneerra. Kana malees, Ajajaa WBO Kibbaa Gammachuu Raggaasaa ykn Jaal Gammachuu Abboyyee fi itti aanaan isaa, buufata isaanii Kibba Oromiyaa Boorana irraa karaa Keeniyaatiin gara bakka walga’ii kanaatti har'a ganama balali’uu isaaniis himameera. Kaleessa Ajajaan Olaanaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marroo Taanzaaniyaa galuun isaa ni yaadatama. Marii kana irratti haala mijeessitoota alaa, keessattuu Ameerikaan karaa jila Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Ambaasaaddar Maayik Haamariin durfamuu fi dippilomaatota olaanoo IGAD bakka bu’an, akkasumas mootummoota biyyoota Keeniyaa fi Noorweey hirmaachaa jiru.
Показать все...
Gaazexeesituun duraanii OBN Firehiwoot Taammiruu, badhaasa Idil-addunyaa 'Focus on ability' injifatte. Dorgommichas Dhaabbanni Idil-addunyaa 'Focus on ability film festival' kan qopheesse yemmuu ta'u, gaazexeessituun Firehiwoot Taammiruus addunyaarraa sagalee olaanaa argachuun injifatteetti. Erga dhaabbatichi badhaasa qopheessuu eegalee adeemsa sagalee kennuutiin rikardii addunyaadhas jedhame. #OBN
Показать все...
Qabxiin darbiinsaa savants fooyya’iinsaa(Remedial Program) Ifoomeera. Haaluma kanaan 👉Barattoota Idileefi Halkanii Saayinsii Uumamaa Dhiira=255 Dhalaa=234 👉Barattoota Idileefi Halkanii Saayinsii Hawaasaa Dhiira=218 Dhalaa=200 👉Barattoota Idilee Saayinsii Uumamaa naannoowwwan guddataa jiranii Dhiira=224 Dhalaa=210 👉Barattoota Idilee Saayinsii Hawaasaa naannoowwwan guddataa jiranii Dhiira=192 Dhalaa=180 👉Barattoota Idilee Saayinsii Uumamaa naannoowwwan Horsiisee Bultootaa Dhiira=210 Dhalaa=210 👉Barattoota Idilee Saayinsii Hawaasaa naannoowwwan Horsiisee Bultootaa Dhiira=180 Dhalaa=180 👉Barattoota Idilee Saayinsii Hawaasaa naannoowwwan Qaro Dhabeeyyii Dhiira=150 Dhalaa=150
Показать все...
SAAYKOLOOJIIN AMALA NAMAA BAKKA GURGUDDAA SADIHITTI QOODAMA👇 1. Passive_person( Suutee)Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma namoonni godhan gochuu barbaada.Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dalageetuu ati sirrii miti yoo jetteen eeyyen sirrii miti siin jedha.dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha. 2.Aggressive_person (Ofittoo)Namni akkasii immoo kiyya malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa tasuma hin qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada, ija diimeffata. Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. Namoota akkasii rabbiin aalamaa sirraa haa qabumalee guyyaa adiin qullaa si hambisa.hanga ati sagalee qabdu dagalee sigodhata gaafa ati qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!! 3.Nama sammuu banaa qabu (open minded person), yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigus bareechee beeka.Namni akkasii kun yaada namoota biroofudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha. Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha.Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta,odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana.Waan dubbistaniif galatoomaa itti fufa. Har’a dubbisuun kee,dubbachuu kee boriitiif wabiidha.
Показать все...
👍 4