cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

Рекламные посты
1 045
Подписчики
Нет данных24 часа
+27 дней
+4730 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Namni waan kana hin eegalin yoo jiraate ammuma eegalaa!!!!
Показать все...
https://t.me/hamster_kombat_Bot/start?startapp=kentId1024352999 Play with me, become cryptoexchange CEO and get a token airdrop! 💸 2k Coins as a first-time gift 🔥 25k Coins if you have Telegram Premium
Показать все...
Hamster Kombat

Just for you, we have developed an unrealistically cool application in the clicker genre, and no hamster was harmed! Perform simple tasks that take very little time and get the opportunity to earn money!

Repost from ABDII SABAA
#Oduu_Gaddaa Yuunivarsitii Miizaan Teeppiitti barataan Guddinaa Girmaa du’aan addunyaa kana irraa boqote. Barataa muummee fayyaa hawaasaa(public health) kan ture Guddinaan dhukkuba tasa isa mudateen addunyaa kana irraa boqoteera. Barataan Guddinaa Girmaa kan dhalate guddate Godina shawaa lixaa aanaa baakkoo tibbee Ganda Gudeyyaa lakkuutti hadha isaa aadde Guddoo Booressaa fi Abbaa isaa obboo Girmaa Lachiisaa irra bara 1992 kan dhalate yoo ta'u, yeroo umuriin isaa baruumsaaf ga'utti mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Dasoo Dongorootti baratee qabxii ministrii argachuun Kara mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Shobokatti darbe. Guddinaan qorumsaa kutaa kurnaffaa waan milka'eef kutaa 11 fi 12 barachuuf Kara mana barumsaa qophaa’inaa sabbataatti darbee haluuma kanaan qabxii gaari galmeessun qabxi seensa Yuunivarsitii argachuun gara Yuuni Miizaan Teeppii damee Teeppiitti imaluun fresh man course erga achitti baratee booda dept public health waan argateef gara moora fayyaa imaluun baruumsa isaa hordofaa osuma jiruu Wagga 4 tti dhibee tasa isa mudateen yeroo muraasaaf Hospitaala barnootaa moorichaatti yaalama turus dhibee isaa irra dandamachuu waan hin dandeenyeef yaala foyya'aaf gara maatii imaluun achitti yaalama osoo jiruu lubbuun isaa gaafa guyya 12/10/2016 guyyaa keessaa sa'a kudhan irratti du'an adunyaa kanarra boqotee sirni awwalcha isaas gaafa guyyaa 14/10/16 bakka dhaloota isaatti raawwatameera. Barattoonni moorichaa lubbuun darbuu hiriyaa isaaniitiif gadda gudda itti dhaga’ame sirna dungoo qabsiisuun yaadannoo taassisaniiruuf. Miidiyaan @Abdii_Sabaa maatiifi hiriyoota Guddiinaaf jajjabina hawwa. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Показать все...
Repost from ABDII SABAA
Dhimma Noonnoo gama Feesbuukin deemuun share taassisaa! miidiyaaleen Fiinxaaleyyii gocha kana kan raawwate haaluun Oromoomatu kana raawwate jechaa jiru! Namni hundi adeemuun maxxansaa dhimma kanaa fuula Feesbuukkii miidiyaa @Abdii_Sabaa jalaa, like share taassisuun shoora keessan ba’aa! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/share/p/n6cmavgZsriJM5Dg/?mibextid=CTbP7E
Показать все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Фото недоступноПоказать в Telegram
Baga geessan Hordoftoota Amantii Islaama marti baga ayyaana Arafaan isin ga’e. IID MUBAARAK SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Показать все...
Repost from ABDII SABAA
Фото недоступноПоказать в Telegram
#ODUUGADDAA Balaa Abiddaa Biyya Bahrain 🇧🇭magaalaa manamaa keessatti mudateen lubbuun namoota hedduu darbe. Namoota lubbuun darban keessaa ijoolleen Oromoo akka jiran odeeffanneerra. Yeroo ammaa kanas ijoollee kanniin gara biyya isaanii deebisuuf tattaaffiin taassifamaa kan jiru yommuu ta’u kanneen miidhaman yaalamaa jiru. Miidiyaan Abdii Sabaa gaddaa itti dhaga’ame ibsaa hundaaf jajjabina hawwa. Namoonni biyyattii jirtanis kan biyya keessa jirtanis reeffa ijoollee kana deebisuu irratti carraaqqii akka gootan kabajaan isin gaafanna. Nagaan boqodhaa. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Показать все...
Repost from ABDII SABAA
Kabaja Ayyaana Iid Al Adaha waggaa 1445ffaa sababeeffachuun daandiiwwan tajaajila geejjibaaf cufaa ta'an poolisiin bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ifoomse. Sababa kanaan boru barii sa'aatii 11:00 eegalee sirni Salaataa Addabaabayii Masqalaa fi daandiiwwan gurguddoo naannawaa isaatti argamanitti geggeefamee hanga xumuramutti daandiiwwan armaan gadii cufaa ta'uu poolisiin magaalaa Finfinnee ibsee jira. Daandiiwwan cufaman kanneen akka; • Daandii Piyaassaa Baaroo Kormaan gara Laga Harree fudhatu Addabaabayii Teediroositti, • Maqa Gootaraa gara Istaadiyeemii fudhatu, Agoonaa Siinimaatti, • Meeksiikoo gara Laga Harree gara Addabaabayii Meeksikootti, • Masaraa mootummaa biyyaalessaa gara Addabaabayii Masqaalaatti kan fudhatu, Ibsaa Paarlaamaatti, • Olompiyaa gara Addabaabayii Masqaalaatti kan fudhatu, Addabaabayii Olompiyaatti, • Magganaanyaa gara karaa Uraa'eeliin gara Addabaabayii Masqaalaatti kan fudhatu, • Xiqur Ambaassaa gara Laga Harree fudhatu, Xiqur Ambassaatti kan cufamu ta'uu himeera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Показать все...
#YuunivarsitiiBaahirDar Barattoota bara 2016 sagantaa sirreeffamaan Yuunivarsitii Baahirdaaritti ramadamtan guyyaan galmee Adoolessa 22 fi 23/2016 ta’uu yuunivarsitichi beeksiseera. Bakkeewwan Galmee: ➧ Barattoota saayinsii hawaasaa mooraa polii keessatti ➧ Barattoota Saayinsii Uumamaa Mooraa Giish Abaayitti SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Показать все...
👍 1
#OduuAmmee Fiinxaaleyyiin faannoo haleellaa suukanneessaa mana cidhaa irratti raawwataniin lubbuu hedduun darbe Godina shawaa Lixaa aanaa Noonnoo ganda Qondaala jedhamee beekamutti finxaaleyyiin Amaara hidhatanii jiran halkan edaa jechuunis gaafa guyyaa 7/10/2016 jiraattoota gandichaa sabaan Oromoo ta’an irratti haleellaa sukkanneessaa raawwataniin lubbuun namoota hedduu darbeera. Haleella kana kan rawwatan meeshaalee waraana jajjabaa fayyadamuun yeroo ta’u, mana cidhaa(aruuzaa) irratti dhukkasa banuun namoonni tilmaaman 20 ol ta'an mana keessatti gubachuufi namoonni 4 rasaasan rukutamuun lubbuun isaanii darbuu maatiin miidiyaa @Abdii_Sabaa bakkicha ture nuuf himeera. Yeroo ammaa kanas Namoonni miidhaan cimaan irra gahe hospitaalatti yaalama jiru. Miidiyaan @Abdii_Sabaa taatee kana cimsee kan haaluufi kan gaddu ta’uu ibsaa, ummanni tokkummaan socho’uun, qaamni dhimmi kun ilaallatu martis itti gaafatamummaa fudhachuun taateewwan akkanaa irra deddeebiin ummata keenya irra ga'aa jiru akka ofirraa qolatu cimsee dhaama! maatii, hiriyootaa fi ummata Oromoo haleellaa diinummaa suukanneessaa kanaan onneen cabe maraaf jajjabina hawwina. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Показать все...
1
Repost from ABDII SABAA
Фото недоступноПоказать в Telegram
Ayyaanni Iid Al Adahaa Arafaan Waayita Kabajamu Namoota Rakkatan Gargaaruun Ta’uu Qaba – Mana Marichaa Hawaasni Musiliimaa Ayyaana Iid Al Adahaa Arafaa waayita kabajan akkaataa barsiifata amantichaan kan qaban waliif qooduun kabajuu akka qaban Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa waamicha dhiyeesse. Manni marichaa Ayyaana Iid Al Adahaa Arafaa waggaa 1445ffaa guyyaa boruu kabajamu ilaalchisee ergaa dabarseera. Hawaasni Musiliimaa waayita Ayyaana kana kabaju akkaataa barsiifata amantichaan namoota sababoota garaagaraan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anii fi harka qalleeyyii waan qabaniin akka gargaaraan Pireezidaantiin mana marichaa Hajii Ibraahiim Tufaan ergaa dabarsaniin eeraniiru. Hordoftoota amantaa biroo waliinis tokkummaa fi obbolummaa haala cimsuun akka kabajan waamicha dhiyeessaniiru. Hawaasni Musiliimaa marii biyyaaleessaa gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaannaa hoo’aa akka taasiisaniis gaafataniiru. Miidiyaan @Abdii_Sabaa hordoftoota amantichaa maraaf Ayyaana gaarii akka ta’uuf hawwa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡 Yaadaa, Qeeqaa fi Eeru qabdan karaa https://t.me/AbdiiSabaaDM nu qaqqabsiisaa, sagalee keessan dhageessisaa.
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.