cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Xurree Milkaa'inaa Official

XM Tawhidni Bu'uura Milkaa'ina Duniyaa Fi Aakhiraati! Inshaa Allaah Ilmaan namaa Xurree qajeellummaa, gammachuu fi milkaa'inaa itti akeekuudha. YouTube Channel https://youtube.com/channel/UCQ79DMxqy8IdFtaiiK_rbGA

Больше
Рекламные посты
555
Подписчики
Нет данных24 часа
+17 дней
-1130 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Nabi Muhammadﷺ akkuma ergameen jalqaba Shirkii balleessuuf qabsaawe. Shirkiin badii guddoo namni hojjatu. Namni Khaaliqa malee makhluuqa waan deemee badu, waan jiraatee du’u gabbaruu hin qabu. Jiraataan zalaalam, kan jiruufi jireenya uume, kan dachii fi samii waan isaan keessa jiruu waliin uume Rabbii tokkicha Allaah qofa. Allaah qofa gabbarra, Isa qofa gargaarsifanna, Isa qofa dirmachiifanna, Isa qofaaf Salaannee Soomanna, jiruufi duuti teenyaas Isa qofaafi. Kan nagaya namaaf kannu, kan beela nama baasee duroomsu, kan injifachiisee bilisummaa nama goonfachiisu, kan rakkoo mudanne hundaaf furmaata kannu Allaah qofa. Allaah malee waan isin fayyaduu ykn isin miidhuu hin dandeenye hin gabbarinaa. Kaayyoon Islaamaa gabrummaa uumamaa jalaa bilisummaa Allaah/Uumaatti nama baasuudha. “Laa ilaaha illaLlaah. Haqaan gabbaramaan Allaah malee hin jiru ja’aa. Ni milkoytan!” Nabi Muhammadﷺ #JirraYaaErgamaaRabbii
Показать все...
Jaala koo dubbisi dabarsi : قال تعالى: { وإذ قال لقمان لإبنه وهو يعظه يابني لا تشرك بالله إن الشرك لظم عظيم } لقمان:[ 13] "Mee yaadadhu yaa Mohammed S.W.W yeroo luqmaan ilmasaatin jedhu ; yaa ilmoo koo rabbitti waa hin qabin rabbin bira waa qabuun midhaa guddaadha " luqmaan : [ 13] قال تعالى:{ وإن جاهداك على أن تشرك بي ماليس لك به علم فلا تطعمها وصاحبهما فى الدنيا معرفا واتبع سبيل من أناب إلي ثم إلى مرجعكم فأنبئكم بما كنتم تعملون } لقمان: [15] "Yaa ilmaan rabbin dhuguumsitan Haadhaafi Abbaan kee natti qindeessuurratti yoo si dirqan tole hin jedhin duniyaa keesatti waan gaarin isaanitti waa hiloomii karaa namoota Gara koo debi'anee jala deemi eegasi deebin keesan gama koo yoota'uu Wonti isin hojjettan isinitti odeeffama " luqmaan: [15] قال تعالى: { وأقم الصلاة وأمر بالمعروف وانه عن المنكر واصبر على ما أصابك إن ذالك من عزم الأمور } لقمان: [17] ," Yaa ilma koo salaata salaati ,toltuutti nama Ajaji,Waan jibbamaarraa nama dhowwi ,rakko simudatuu kamuurratti obsi ,Kana godhuun hojilee kutannoon hojjetanirraahi " luqmaan: [17]. قال تعالى:{ ووصى بها إبراهيم بنيه ويعقوب يابني إن الله اصطفى لكم الدين فلا تموتن إلا وأنتم مسلمون } البقرة : [ 132} "Nabi ibiraahimi fi Nabi yaaquub Aleyhimussaalam Amantaa muslimummaa kana ilmaan isaanitti dhaammachuun Akkana jedhan ; yaa ilmaan koo rabbin Amantaa Muslimaa kana isinif jaallateefilateeraa Akka hin duune muslimummaarratti malee "jechuun dhaamsa gidhan Baqara : [ 132] "Yaa ya hudaa nasaaraa yeroo Nabi yaaquubitti mallattoon du'aa dhufnaan yaa ilmaan koo maal Gaggabbarattan jedhee gaafannaan isaanis Waan Ati ,Abbaan kee ibiraahim ,Isimaail fi ishaaq gabbarttan gabbarraa Haala islaama taaneen jedhan Sana bira jirtu " baqara [ 133] أربا واحدا أم ألف رب أدينُ إذ تقسمت الأمور عزلت اللات والعزى جميعا كذالك الجلد الصبور فلا العزى أدين ولا ابنتيها ولا صنمي بني عمر أزور ولا هبلا أدين وكان ربا لنا فى الدهر إذ حلمي يسير Rabbi tokkomoo rabbi kuma tokkon gabbaraa yoos Amantaanuu Qoqqodamegaa ? Laat,uzzaa hundarraayyuu fagaadhe Ani namni Cimaan obsaata'ees Waan sobaarraa Akkuma kana fagaata-- Uzzaafi ilmaan ishee durbaa lamaan Amantaa Hin godhuu --- Taabotaa lamaan hortee worra amiri dhaqee hin dubbisu -- Safa AbbaRaayyaa
Показать все...
2. Guyyaa jum’ataa qaama dhiqachuun barbaachisaadha. 3. Qulqulleefachuufii urgeeffachuun barbaachisaadha qeensa (kottee) cirachuufii rifeensota haaduun barbaachisu kan akka rifeensa qaama saalaa, kan bobaatiifii anfarroo funyaan jalaa haadachuun barbaachisa. 4. Uffata bareedaa uffachuun barbaachisa. Hadiisatti “tokkoon keessan osoo uffata hojii isaa malee uffata lama kanbiroo osoo bitatee gaariidha.” 5. Halkaniif guyyaa jum’ah salawaata nabiyyirratti buusuu heddummeessuu. “guyyaa jum’ah salawaata narratti buusuu heddummeessaa”. 6. Salaata fajrii ganama jum’ah irratti suuraa sajdah fii suratul insaan qara’uu barbaachisa. Guyyaa jum’ah ammo suuratul kahfi qara’uu barbaachisa. ”namni guyyaa jum’ah suuraa kahfii qarae ifaan miila isaa jalarraa kaasee hanga moggaa samiitti guyyaa qiyaamaa isaaf ifa. Wanni jum’ah lameen jiddutti tahe isaaf araaramama”. 7. Guyyaa jum’ah tis tahee guyyaa biro namni masgiida seene osoo hinteenye raka’aa lama salaatuu qaba. 8. Du’aa’ii (kadhaa Rabbii) heddummeesuu barbaachisa. Yeroo du’aa’iin qeebalamtu barbaadachuutu qabna. Nabiin s.a.w. akkana jedhan “guyyaa jum’ah keessa saa’aa takkaatu jira gabrichi muslimaa dhaabbatee salaataa Rabbi kadhachaa isii qunname Rabbiin isaa kennu malee hin hafu.”
Показать все...
as wr wb Barnoota Salaata Jum'ah {kitaaba keenya -Fiqhii islaamaa- irraa.} Guyyaan jum’aa muslimtootaaf sadarkaa qaba. iida torbaaniiti. Salaata jum’aattu keeysa jira. Aayatoowwan itti aanu kuni waayee jum’aarraa dubbata. يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِذَا نُودِيَ لِلصَّلَوٰةِ مِن يَوۡمِ ٱلۡجُمُعَةِ فَٱسۡعَوۡاْ إِلَىٰ ذِكۡرِ ٱللَّهِ وَذَرُواْ ٱلۡبَيۡعَۚ ذَٰلِكُمۡ خَيۡرٞ لَّكُمۡ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ Yaa warra amantan! Yeroo guyyaa Jimaataa salaataaf lallabame gara zikrii Rabbii deemaa; daldalas dhiisaa Yoo kan beektan taataniif kanatu isiniif caala.” فَإِذَا قُضِيَتِ ٱلصَّلَوٰةُ فَٱنتَشِرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَٱبۡتَغُواْ مِن فَضۡلِ ٱللَّهِ وَٱذۡكُرُواْ ٱللَّهَ كَثِيرٗا لَّعَلَّكُمۡ تُفۡلِحُونَ “Yeroo salaatattiin xumuramte immoo dachii keessa faca'aa; tola Rabbii irraayis barbaaddadhaaAkka milkooftaniif jechas baay'inaan Rabbiin faarsaa.” وَإِذَا رَأَوۡاْ تِجَٰارَةً أَوۡ لَهۡوًا ٱنفَضُّوٓاْ إِلَيۡهَا وَتَرَكُوكَ قَآئِمٗاۚ قُلۡ مَا عِندَ ٱللَّهِ خَيۡرٞ مِّنَ ٱللَّهۡوِ وَمِنَ ٱلتِّجَٰرَةِۚ وَٱللَّهُ خَيۡرُ ٱلرَّـٰزِقِينَ “Yeroo daldala yookiin tapha wahii argan dhaabiitti si dhiisanii gara isaaniitti faffaca'u; wanta Rabbiin bira jirutu taphaafi daldala irra caala Rabbiinis Irra caalaa arjootaati" jedhiin Jum’ah Ganamaan gara salaata deemuun ajrii (galata) guddaa qaba. hanguma ganamaan deeman sawaabni namaaf guddata. Kunoo hadiisaan ibsame. عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ - رضي الله عنه -: أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ - صلى الله عليه وسلم - قَالَ: ((مَنْ اغْتَسَلَ يَوْمَ الْجُمُعَةِ، ثُمَّ رَاحَ في الساعَةِ الأُولى فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ بَدَنَةً. وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الثَّانِيَةِ فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ بَقَرَةً. وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الثَّالِثَةِ فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ كَبْشًا أَقْرَنَ. وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الرَّابِعَةِ فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ دَجَاجَةً. وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الْخَامِسَةِ فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ بَيْضَةً. فَإِذَا خَرَجَ الإِمَامُ حَضَرَتِ الْمَلائِكَةُ يَسْمَعُونَ الذِّكْرَ)). Abuu Hurayraa irraa odeeffamee رضي الله عنه Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: "Guyyaa Jumu'aa namni dhiqatee sana booda sa'aatii duraa keessatti (masjida) deeme akka nama gaala dhiheesseeti (sadaqateeti). Namni sa'aatii lammaffaatti deeme immoo akka nama sa'a yookiin sangaa dhiheesseeti. Namni sa'aatii arfaffaatti deeme immoo akka waan lukkuu dhiheesseeti. Kan sa'aatii shanaffaatti deeme immoo akka waan hanqaaquu dhiheesseeti. Yeroo imaamni (mimbaratti) ba'e maleykaan zikrii dhaggeeffachuuf hirmaatu." Salaanni jum’ah raka’aa lama. Khuxbaa lama qabdi.عَنْ جَابِرٍ- رضي الله عنه - قَالَ: ((كَانَ رَسُولُ اللَّهِ - صلى الله عليه وسلم - يَخْطُبُ خُطْبَتَيْنِ وَهُوَ قَائِمٌ، يَفْصِلُ بَيْنَهُمَا بِجُلُوسٍ)). Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe: Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم dhaabbatanii khuxbaa lama khaxxabu turan. Taa'ichaan isaan lamaan adda baasu turan.” Jum’ah namni qaama dhiqatee itti deema. عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عُمَرَ رضي الله عنهما أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ - صلى الله عليه وسلم - قَالَ: ((مَنْ جَاءَ مِنْكُمْ الْجُمُعَةَ فَلْيَغْتَسِلْ)). Abdullaah bin Umar irraa odeeffamee رضي الله عنه Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: "Namni isin irraa jumu'aa dhufe haa dhiqatu.” الخطبة Khuxbaa Kuxbaafii salaata namummaan tokko xumuruu barbaachisa.yoo rakkinarraa tahe malee. khuxbaa keessatti sagalee olfuudhee ummata gorsuu qaba. Du’aa’ii muslimtootaa kadhata akka Rabbiin diinif duniyas isaaniif tolchu. Angaawota muslimaa kan seera Rabbiitin bulchan akka Rabbiin gargaaru kadhataaf. Kuxbaa dhaabbatee godha. Jiddutti taa’ee tan lammeessaatis olka’ee godha. Minbararratti yookaa bakka olfuudhamturratti taati. Kuxbaan boodaa tan duraarra gabaabduu taati. سنن يوم الجمعة Sunnaalee guyyaa jum’aa 1. Ganamaan gara salaataa jum’ah deemuun barbaachisaadha. Sawaaba gudda nama argachiisa.
Показать все...
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Показать все...
‏من وصايا القرآن : ﻓﺘﺒﻴﻨﻮﺍ..,ﻓﺄﺻﻠﺤﻮﺍبين أخويكم..,ﻭﺃﻗﺴﻄﻮﺍ..,ﻻﻳﺴﺨﺮ قوم من قوم.. ولا نساء من نساء ..,ﻭﻻﺗﻠﻤﺰﻭﺍ أنفسكم..,ﻭﻻﺗﻨﺎﺑﺰﻭﺍ بالألقاب..,ﺍﺟﺘﻨﺒﻮﺍ ﻛﺜﻴﺮا ﻣﻦ ﺍﻟﻈﻦ..,ﻭﻻﺗﺠﺴﺴﻮﺍ..,ﻭﻻﻳﻐﺘﺐ بعضكم بعضا.. Dhaamsa qura'aanaa irraa: 👉Dubbii takka fiinxa qabanii fiigu dura dhugummaa isii fi kaan adda baafatuu 👉nama waldhabe jiddutti toltuu yaaduu fi walitti araarsuu 👉haqa dalaguu,dhugaa dabsuu dhabuu fi haqa irraa maquu dhabuu 👉qishnaa walitti godhuu fi wal xiqqeessuu dhabuu 👉wal arrrabsuu fi ija tuffiitiin wal laaluu dhabuu 👉maqaa fokkotaa (qoosaa)abbaan hin feeneen wal yaamuu dhiisuu 👉zanni(yaada) walitti baduu dhabuu 👉iccitii walii baasuuf waljala qoqqotuu,wal jala dalaguu fi wal basaasuu dhiisuu 👉wal duuba wal hamatuu,waan namni sun hin feene fi tan isa bira hin dubbanneen wal dubbachuu dhabuu!
Показать все...
"Jatte jattee, qabeenya qisaasuufi gaafii guddachuu waa Sadan kana keessa seenuu Rabbiin isinirraa jibba." Nabi Muhammadﷺ [Muslim 593] - Waan kheyrii hin taane dubbachuufi horii balleessurraa fagaadhaa. *إنَّ اللَّهَ كَرِهَ لَكُمْ ثَلَاثًا: قيلَ وَقالَ، وإضَاعَةَ المَالِ، وَكَثْرَةَ السُّؤَالِ.* الراوي : المغيرة بن شعبة.
Показать все...
#JAHANNAM...!!! 1: Ibiddi Jahannam irra guddaa waan Rabbiin nama Isa dideetiin qixaatuuti. 2: Ibiddi Jahannam akka qajeelatti owwitee, diimattee, gurraachatti jijjiiramtuuf woggaa 3000 bobeeffamte🥲. "Salaataan qabbaneessaa" jedhan Nabiyyiin Sallallaahu Aleeyhi Wosallam. 3: Owwiinsa Ibidda Jahannam kan addunyaa kana biratti yoo wolitti fidne 70/1 takka qofa. Harka 69liin kana caala owwiti. 4: Ibidda duniyaa nyaataa fi o'iffatuuf yoo fayyadamte tan aakiraa ittiin gubatuuf qopheeffamte. Tan duniyaa yoo qoraaniin qabsiifamte, tan aakiraa namaa fi dhagaan qabsiifamti. 5: gad fageenya Jahannam osoo dhagaa woyii gad darbitee woggaa 70tti boolla Jahannam kan xumuraa bira gayuu hin dandeettu. 6: Maqaaleen isiitis hedduudha, Coraa luqqiftuu, Belbaltuu, Laalessaa, Gubduu, Diqqeessituu kan biraatis hedduudha. 7: Malaa'ikaan isii eegan Rahmata takka namaaf hin qaban, osoo umrii kankee guutuu itti boottee maal tahe jedhee kan achi silaalu hin jiru. 8: Namni Jahannam galu akkuma duniyaa kana nama qaamni isaa didiqqaatii miti. Guyyaa San Rabbiin bokoksee bokoksee waan biraa geessia Subhaanallaah. Gurra nama jahannam seenuu fi morma isaa qofa jidduu woggaa 70 osoo deemtee gayuu hin dandeettu, Ilkaan nama Jahannam galuu tokkochi gaara fakkaata! Subhaanallaah. Dhuma irratti; Habiibii Jahannam galuu feetaa? Waan Rabbii dhiisii waanuma lubbuun tee feete qofa hojjadhu. "Jahannam waan lubbuun namaa feetuun marfamte" jedhan Nabiyyiin Sallallaahu Aleeyhi Wosallam.
Показать все...
Intala karaa jaarsaafi ilmaan isiitiin kaayyoo qabdu galmaan gahuu barbaaddu fuudhi. Intala yaadni isii jeeqame, tan waa’ee manaa dagattee waan karaa gubbaarratti tahuuf dursa kannitu dhiisi. Nama dantaa maatiif bakka guddaa kannu filadhu. Dhiira meeshaa miidhagina sobaa duubatti hafe tahuun kee akka sitti hin dhagahamneef, intala Saaliha dhugaan dursa siifi mana isiitiif kennitu jaaladhu. Guddina joollee teessanii hojjettuu manaatiif hin dhiisinaa. Hojjattuun hangam barattee jaalala joolleef qabaattuus haadha tahuufii hin dandeessu. Lubbuu teetii fi joolleef yoo waan gaarii yaadde intala humna haadha tahuu qabduufi mana isii jabeessitu malee hin fuudhin. ‏تزوَّجْ تلك التي لديها رغبة في تحقيق طموحها من خلال زوجِها و أولادها ودَعْ عنك التي اضطربتْ أفكارُها فصار الشارعُ عندها مقدَّماً على بيتِها. ‏عليك باختيارِ من تَضَعُ مصلحةَ الأسرةِ فوق كلِّ اعتبارٍ؛ عليك بتلك الصالحة التي تمنحُ الأولوية لك ولبيتِها، كي لا تشعُرَ -أيُّها الزوجُ- يوماً بأنَّك تزوَّجْتَ رجلاً يختفي وراء مساحيق التجميل. لا تَدَعْ تربيةَ أطفالك للخادمة، فمهما كانتْ على ثقافةٍ وعاطفة فإنها لن تكون كأُمِّهم التي هم بَضْعَةٌ منها. فإن لم تَجِدْ في التي أمامك قوةَ الأمومةِ وتقديس المنزلِ فلا تقترِبْ إن كنتَ تريدُ لنفسِك ولأطفالك الخير.
Показать все...
Husnal-Khaatimaa(booddee toluu) jechuun maali? Booddeen namaa akkamitti tolti? Sheekh Ibn Useymiin(Rabbi haa araaramuuf) dhimma kanarratti waan barreyse qaba. Kunooti.. “Husnal-Khaatimaa jechuutti wanni fedhame, namni tokko Masjida keessatti, Sijaadaa irratti osoo Salaatuu ykn osoo Qur’aana harkaa qabuu du’uu jechuu miti. Irra caalaan uumama hundaa Nabi Muhammadﷺ Firaasha isaarra osoo ciisuu addunyaarraa godaane. Akkasuma Abuubakr a-sSiddiiqis Firaasha isaarra osoo ciisuu adunyaarraa gale. Abuubakr caalaa Sahaabaa, caalaa ummata Muhammadi. Khaalid Ibn Waliidis kan ‘SeyfuLlaahil-masluul (habalee Rabbii luqqaafamte)’ ja’amee moggaafame, kan lola 100 ol irratti hirmaatee seenaa Islaamaa keessatti injifannoo gurguddoo galmeessees Firaasha isaarra osoo ciisuu lubbuun baate. Husnal-Khaatimaa jechuun ati Muslima taatee, Shirkii irraa qulqulloytee du’uudha. Munaafiqa taatee hin du’in. Husnal-Khaatimaan ati Nifaaqa ykn osoo hin amanin Muslima fakkaatee du’urraa fagaatuudha. Bid’aa/waan Qur’aanaafi Sunnaan si hin gorsine irraahis fagaadhu. Husnal-Khaatimaan Bid’aa-rraa qulqulloytee du’uudha. Husnal-Khaatimaa jechuun osoo Qur’aanaafi Sunnaa sirritti hordoftuu addunyaarraa godaanuu jechuudha. Husnal-Khaatimaa jechuun dirqama Rabbiin sirra kaaye fudhattee raawwattee, dhiiga Muslimaa dhangalaasuurraa fagaattee, haqa namaa nyaatuu lagattee, kabaja namaa eydee addunyaarraa galuudha. Qalbiin tee akka Rabbi beytu, akka Rabbi abdattu godhi. Gaarii malee, hamtuun akka Rabbi biraa si qunnamtu hin yaadin. Muslimatti haalaafi amala toli, Muslimaaf hamtuu garatti ba’attee cabaafi kufnan hin farrisin. Harkaafi arraba keetirraa osoo Muslimni nagaya qabuu du’i. Kanaatu Husnal-Khaatimaa ja’ama. Husnal-Khaatimaa jechuun yeroon osoo Shanan Salaattuu, osoo Salaata qabduu addunyaarraa galuudha.” Yaa Rabbi waa hunda keessatti booddee teenya bareechi, haala gaarii nuuf kanni, gama kee nu deebiffadhu. Yaa Rabbi addunyaarratti xiqqaachuufi Aakhirattiis adabamuurraa nu oolchi.
Показать все...