cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Daandii bilisummaa

Gaachena saba oromoo #WBO n haa jiraatu hanga galma geenyutti falma hin lakkifnu beelaaf dheebuuf hin jilbiiffannu #WBO jajjabeessaa diina barbadeessaa !! Share gochuun WBO jabeessaa 👇👇👇

Больше
Страна не указанаЯзык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
209
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbayyaa gandoota sadii keessatti gootichi ergamtoota irra dhukkee kaasaa oolera. Ganda Diqqicha, dhibbichaa fi Geeloo keessatti ergamtuu gugsuun ol oofee gadi oofee hidhannaa mimmidhagduu ishee si'anaa kana irraa hiikkatee wannoo ishee waraabuuf galaase!
Показать все...
Meeshaa kana jajjabeetti darbachaa kan turte ppn hammam akka dadhabdee baduuf kaate mul'isa.
Показать все...
ODUU INJIFANNOO WBO ZOONII KIBBAA KONYAA GUJII BAHAA Irreefi gaachanni ummata oromoo wbon zoonii kibbaa konyaa gujii bahaa keessa socho'u guyyaa 15 /2/ 2022 cibraan laga dambii aanaa sabbaa boruu magaalaa darmee barraaqa irraa seenuun tarkaanfii fudhateen loltuu pp 8 battalatti ajjeesuun 12 madoon adabee jiraa Guyyuma kana cibraan laga dambii aanaa sabbaa boruu magaalaa darmee gama oddootiin iddoo diigaa jedhamutti tarkaanfii fudhateen 6 battalatti ajjeesuun 7 madoo dandammii hin qabneen adabee jiraa Ammas itti fufuun cibraan laga dambii aanaa sabbaa boruu ganda siree buqqii fi qanxicha giddutti woraana pp kan konkolaata lamaan aanaa shaakkisoo irraa gara aanaa sabbaa boruu deemaa turte irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen loltuu pp 10 battalatti ajjeesuun 14 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jiraa Haaluma kanaan guyyaa 15/2/2022 cibraan odaa adoolaa aanaa gooroo doolaa magaalaa harqalloo fi kiliwwee giddutti tarkaanfii fudhateen loltuu pp 7 battalatti ajjeesuun 9 madeessee injifannoo boonsaa galmeesse jiraa . IUOF
Показать все...
Jawar Mohammed jechuun "Haqa ykn Dhugaa" jechuudha! Hayyuu haqaan haqa moosisu. Jagna dhugaan dhugaaf qabsaa'ee dhugaa sabasaa danqamtee fi Jallatte Qajeelchee bakkatti deebisu! Hogganaa hooggansa oomishu, beekaa hegeree fagoo dhalootatti agarsiisu! Nama ummanni oromoo hanga tilmaamuuf nama dhibuu ol jaalatu. Jawaarin jaalachuuf sababa kumiif kitilatu jira,isa jibbuuf garuu maraataa malee namni mataa fayyaa ni rakkata!
Показать все...
-IBSA-KFO:-Dhumata kan hinqabne dararaa lammiilee keenyarra ga’aa jiru dhaga’uun mataan isaayyuu nama surura! -Lammiilee keenya Saawudii Arabiyaatti Dararamaa Jiran Ilaalchisee Ibsa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) irraa kennme -Imaammatootni guddinaaf jedhamanii biyya keenya keessatti bahan, hirmaachisaafi sirrii ta’uu dhabuudhaan, gariin hojiirra hinoolan, hanga ta’e yoo hojiirra oolanis fedhii namootaafi garee muraasaaf giddu-galeessa waan taasifamaniif, fedhii ummattoota keenyaa otoo hinguutiin karaatti hafu. -Guddinni dhibeenta hanganaa galmaa’eera jedhamus, qabeenya namoota muraasaa fooyyessuurraan kan hafe, lammiilee agabuusaanii oolanii-bulaniif hinyaadamu; xiyyeeffannoon kennamus gadi-aanaadha. -Lafa bal’aafi qabeenya uumamaa hedduu otoo qabnuu, haalaan misoomsuu dhabuudhaan kan ka’e lammiileen keenya jireenya dhuunfaafi maatiisaanii fooyyessuuf jecha haala baay’ee sodaachisaafi yaaddessaa ta’e keechaan gara godaansaatti qajeelu.
Показать все...
Karaa biraatiin bulchiinsi siyaasaa biyya keenyaa walxaxaa ta’uurraa kan ka’e, lammiileen kana baqachuuf biyyarraa godaanan lakkoofsi isaanii laayyoo miti. Waggoota soddomman darban keessa qofaa, lammiileen keenya fedhiin siyaasaafi dingdee guutuufi dhabuudhaan, gara biyyoota hambaatti keessumaa gara Biyyoota Arabaatti yeroo godaananitti, huurrii gammoojjiifi irbaata kashalabbeewwaniifi bineensota galaanaa ta’anii hafaniiru. Keessumaa biyya Libiyaa galaana cinaatti dardarraan qalamaniifi yeroo dheeraadhaaf biyya Saawud Arabiyaatti mana nama dhuunfaafi tiibanammoo jumlaadhaan mana hidhaatti ukkaamfamanii dararaan isaan keecha jiran nama surura. “Yeroodhaaf wantootni baay’een nutti hafanii, mootummaan lubbuu lammiilee kanaa otoo baraaree gaariidha” qaamoleen jedhaa jiran hedduudha. KFOnis yaada kana nideeggara. Kanaafuu, hanga ammaatti lubbuu hedduu dhabnus, mootummaan lubbuu lammiilee hafanii baraaruuf, tarkaanfii hatattamaa akka fudhatuu nigaafanna. Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Finfinne: Guraandhala 03, 2014
Показать все...
Gorsa mi'aawaa Jawar Mohammed Oromoof hundaaf dhaame kana irraanfatamuu hin qabu. Gorsi kun dhaloota har'aa qofaaf osoo hin taane dhaloota dhufu hundaafiis gorsa hiikkaa guddaa qabuudha. Akka armaan gadii kanattiin isiniif dhiheessee dubbisaa. "Dura ofii ta'iitii ergaas ambaa ta'i. Mana kee yoo hin jabeeysin, mana kee yoo hin qulqulleessin, Humna Mana keetii yoo hin too'atin itoophiyaafiis hin taatuu Oromiyaafiis hin taatu. Mana kee yoo too'atte, Sabni kee yoo si wajjiin jiraate, Dantaa saba keetii yoo dursite, Humna cimaa yoo taate, gariin jaallatee sitti makama, gariin abdatee sitti makama, kuun immoo sodaatee osoo hin jaallattin sitti makama."
Показать все...
Dhaamsa Godina Wallagga Nagaa A/sibuu Siree magaalaa Gabaa Sanbataa jedhamtee beekamtuuf naannoo sana hundaatti waraanni PP guyyaa borii maqaa sakatta'insa Wbo jedhuun waraana geggeessuuf qophii xumurtee jirti firoota kaabinee gundaaf guyyaa borii manaa akka hin baane dhaamtee jirti kanaaf uummanni hundii fi WBO'n naannoo sana jiru of eeggannoo akka godhan dhaamsa dabarsaa bilbilaan waliif akka dhaamtan ergaa oromummaa dhaammanna
Показать все...
Jirra jirtuu❤️💚❤️
Показать все...
Haacee koo 😭😭😭
Показать все...