cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

💻 Barannoo Tech 💻

ꨄ︎ beekuun gaariidha, waan beekan nama barsiisuun ammoo gaarummaadha.

Больше
Рекламные посты
17 366
Подписчики
+36824 часа
+5577 дней
+1 33930 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Repost from N/a
Фото недоступноПоказать в Telegram
Saree lakkoofsa meeqa irra jirtutu aannan dursee argata? 𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥 ⦿ Lakk - 1 ⦿ Lakk - 2 ⦿ Lakk - 3 ⦿ Lakk - 4
Показать все...
⦿ Lakk 1
⦿ Lakk 2
⦿ Lakk 3
⦿ Lakk 4
Hackeridhaaf isin saaxila Link adda addaa isiniif ergamu, adda baaftanii utuu hin hubatin hin tuqinaa!
Показать все...
18
8 Best Websites To Learn Computer Science online For Free 1. www.tutorialspoint.com 2. www.javatpoint.com 3. www.geeksforgeeks.org 4. www.w3schools.com 5. www.studytonight.com 6. www.quora.com 7. www.stackoverflow.com 8. www.computerhope.com join and share it Join Us 💻 @Barannoo_Tech 💻
Показать все...
🙏 9👍 3
⚠️ Hubachiisa Liinkiiwwan bakka garaagaraa irraa isinitti ergamu hunda cal jettani hin baninaa. Irra jireessaan ammoo Liinkiiwwan telegram irraa baasuuun gara #browser biraa geessan maal akka ta'e osoo adda hin baafatiin #please hinbanina. 👉Sababiin isaas of eeggannoo yoo hin gootan ta'e karaa liinkiiwwan kanneenii waa argadha jettaniitu #cyber_attack (#phishing_attack) dhaaf saaxilamu dandeessu. 👉Malli #hacking kun kan barame yoo ta'u osoo isin hin yaadiin kiyyoo keessa isin galchuun odeeffannoo account keessanii akka waan barbaachisuutti sin gaafatanii wayita itti galchitanitti #account social media fayyadamaa jirtanii salphaatti butuu danda'u. So be careful 👌 Odeeffannoon teeknooloojii wayitawaan yeroo yeroon akka isin qaqqabuuf. 👇 👇👇 Join Us 💻 @Barannoo_Tech 💻
Показать все...
👏 15👍 3🤩 2
#Telegram_Wallet Akkamittiin Telegram Wallet banachuu dandeenya? Kan itti fufe... Kutaa darbe keessatti telegram wallet maal akka ta'ee fi maalif akka itti gargaaramnu ilaallee turre, harra ammoo akkamiin wallet kana banachuu akka dandeenyu ilaalla. Kanaafis steppiwwan armaan gadii hordofaa. #Step_1: Jalqaba Telegram app banuun bakka search irratti @wallet jechuun search goona. #Step_2: Result nuuf dhufan keessaa kan mallattoo #verified qabu fi #wallet jedhu banna. #Step_3: Bot bannee jirru #Start gochuun jalqabsiifna. #Step_4 : Itti aansuun #Open_wallet irratti click gochuun box nuuf dhufu tick goonee #continue jennaan. #Step_5: Amma milkaa'inaan telegram wallet banannee jirra. #Lets_Go kan jedhu irratti click gochuun gara wallet keessanii adeemuu dandeessu. 👉Dabalataanis #Sidebar menu, jechuunis gara gubbaa sarara sadii jiru irratti click gochuun tarreeffamoota jiran keessaa #wallet kan jedhu irratti click gochuun telegram wallet keessan #access gochuu dandeessu. Odeeffannoon teeknooloojii wayitawaan yeroo yeroon akka isin qaqqabuuf channel keenya join gochuu hindagatinaa 👇👇 Join Us 💻 @Barannoo_Tech 💻
Показать все...
👍 4
#Telegram_Wallet maali? 👉Telegram walletin akkuma wallet kanneen biroo #cryptocurrency addaa addaa irratti daldaluuf tajaajila Telegiraamiin dhiyaatedha 👉Telegram wallet kun TON Blockchain kan fayyadamuu yoo ta'u waaleetii telegram irratti bittaa fi gurgurtaa cryptocurrency security isaa eeggate haala salphaa ta'een raawwachuuf gargaarudha 👉Akkuma platform gurguddaa akka #Binance inni kunis cryptocurrency kanneen akka Bitcoin, USDT, Toncoin,Notcoin fi kkf haala salphaan telegram irratti kuusuu, bituu fi gurguruu kan nu dandeessisudha. 👉Kana qofa oso hin taane hiriyoota keenya telegram irra jiraniif karaa #chat cryptoowwan kanneen erguuf akka mijatutti kan qophaa'edha 👉Gabaabaatti waayeen Telegram wallet kana fakkaata, haatahu malee garuu.... yeroo dhiyoo asitti 👉Telegramiin social media ta'uu irra darbee gara giddu gala biizinesiittis jijjiiramaa jira. Kanaafuu nutis duukaa jabaannee carraawwan inni qabatee dhufaa jiru irraa fayyadamuu qabna. 📌 Kutaa itti aanu irratti ammoo akkamiin telegram wallet kana banachuu akka dandeenyu waliin ilaalla. Hiriyoota keessaniif SHARE Godhaa👌 Odeeffannoon teeknooloojii wayitawaan yeroo yeroon akka isin qaqqabuuf channel keenya join gochuu hindagatinaa 👇👇 Join Us 💻 @Barannoo_Tech 💻
Показать все...
2👏 2
👉Website sagalee(#voice) nama feetan kamiinuu #clone gochuuf gargaaru tokko waliin wal isin haa barsiisu 👉Jalqaba irratti garuu teknooloojiin voice cloning jedhamu maalidha? 👉Teknooloojiin #Voice_cloning jedhamu bu'aawwaan AI( artificial intelligence) keessaa isa tokko yoo tahu, sagalee namaa Kan fakkeessee uumuu danda'uudha. 👉Voice cloning gabaabaadhumatti mala ykn haala itti sagale nama tokkoo fakkeessuun wanta namni sun hin dubbatiin haala inni itti dubbate fakkeessanii qopheessaniidha 👉Teknooloojiin kun sagalee namaa fayyadamuun haasaa namni tokko hin haasayiin akka waan inni dubbateetti #generate gochuu danda'a 👉Dursa irratti #audio sample nama barbaaddani tokko platform ykn website qophaa'ee irratti upload gochuun #AI sana #train gootu jechuunis shaakalchiistu 👉Itti aansuun wayita isin barreeffama feetan kamiinuu itti galchuun akka inni gara sagaleetti jijjiiruuf gaafattanitti, sagalee nama duraanii sana fakkeesseeti isiniif qopheessa 👉Egaa Voice clone gochuuf website gargaaran hedduun jiraatanis inni kun fooyya'aa natti fakkaata. https://play.ht/voice-cloning/ Odeeffannoon teeknooloojii wayitawaan yeroo yeroon akka isin qaqqabuuf channel keenya join gochuu hindagatinaa 👇👇 Join Us 💻 @Barannoo_Tech 💻
Показать все...
Unparalleled AI Voice Cloning Online

PlayHT enables exceptional AI voice cloning which can be used for different cases and applications. Explore the benefits of real-time voice cloning here!

Kan itti fufe.... 1. #Google_Photos Google Photos irratti Suuraalee lakkoofsan baay’ee tahan irratti fe’achuu dandeessu. Google Photos bilbiloota ammayyaa hedduu waliin waan dhufuuf bilbila keessan irra ilaalaa yoo dhabdan Google Photos playstore irraa download godhadhaa. 2. #Google_Drive Google Drive irratti faayiloota gosa adda addaa baay’ee irratti fe’achuu dandeessu. Irra jireessaan Vidiyoo fi audiyoo akkasumas faayila akka PDF fi dokumantii adda addaa yoo irratti fe’attan gaaridha. Suuraas irratti fe’achuu ni dandeessu. Garuu kan jalqaba jenne ‘Google Photos’ suuraadhaf waan qophaayee jiruuf suuraaf jecha Google Drive faayyadamuun dirqma miti. Google Drive bilbiloota ammayyaa hedduu waliin waan dhufuuf bilbila keessan irra ilaalaa yoo dhabdan Google Drive playstore irraa buufadhaa. 3. #Google_Keeps Google Keeps barreeffamoota adda addaa baay’ee tahan akka irratti fe’attaniif isin gargaara. Barreefamni kuniis yoomuu isin jalaa baduu hin danda’u. Yaadannoo (Note) yemmuu qabattaniis asuma Google Keeps irratti qabachuu dandeessu. Kan adda isa godhu, Fakkeenyaf; yeroo yaadannoo barreessitu sagaleedhan (record) godhaa yaadannoo kee bira kaayyachuu dandeessa. Akkasuma suuraa yaadannoo sanaan wal qabatu itti dabaluu dandeessa. Google Keeps bilbila hedduu waliin waan hin dhufneef buufattani itti fayyadamuu dandeessu 4. #Google_Contacts Google Contacts filannoo biroo kan Lakkoofsa bilbilaa namoota irratti qabachuu dandeenyudha. Akkuma hundi keenya beeknu bilbilli kamuu ‘Contacts’ ofirraa ni qaba. Yoo fedha keenya tahe kanuma bilbila keenya irra jiru gargaaramuu dandeenya. Yoo bifa fooyyee qabuun faayyadamuu barbaanne Google Contacts buufachuun itti fayyadamuu dandeenya Odeeffannoon teeknooloojii wayitawaan yeroo yeroon akka isin qaqqabuuf channel keenya join gochuu hindagatinaa 👇👇 Join Us 💻 @Barannoo_Tech 💻
Показать все...
👏 2
👌👌Faayila Kamuu Akka Yoomuu Hin Bannetti Ol Kaayachuuf maloota akkami fayyadamtu laata?? 👉Akkaataa faayiloota keessan (Suuraa, Sagalee, Vidiyoo, Barreeffamaa fi kkf) ol kaayachuu dandeessan isin agarsiifna. 👉Ati nama faayilli jalaa baduun rakkate yoo taate kuni furmaata filannoo hin qabneedha. 👌Akkaataa nuti isin agarsiifnun faayila keessan yoo ol kaayattan yoomuu na jala bada jettanii yaadda’uun hin jiru. 🤷‍♂Tarii bilbilli keessan baduu danda’a. Garuu faayila isin ol kaayattaniifi bilbila keessan wanti walitti hidhu tokkolleen hin jiraatu. 📱faayila billbila duraanii irra ture bilbila haaraya irratti ykn kompiitara keessan irratti argachuu ni dandeessu. 👉Malli kun haaraya ta’uu dhabuu danda'a garuu itti fayyadamaa hinjirru taanaan akka itti fayyadamuu eegalluufi 👉Faayila kamuu akka yoomuu si jalaa hin bannetti ol kaayachuun kuni akkamitti? 👉Dursa irratti waan hubatamuu qabu. faayilli ol kaayamu ‘E-mail’ keessaniin walitti hidhama. Hanga email kee beektutti faayila kee guutuu Gosa bilbilaa kamuu irratti, Gosa kompiitaraa kamuu irratti, Biyya kamuufi yeroo kamuttuu argachuu ni dandeessa. Faallaa kanaatin Email kee dagatte yoo ta’e faayila keetis bakka jiru dagatte jechuudha. 👌Dhaabbanni Google tajaajiloota 200 ol kenna. isaan keessaa kan Nuti baay’inaan beeknu, Youtube, Play Store fi Gmail tahuu danda’a. Garuu kanaan ala kan osoo faayyadamnee hedduu irraa gargaaramuu dandeenyu ni jiru. 👉Fkn: kanneen akka Har’a ilaaluf deemnu.. Google Nama tokkoof (email tokkoof)kuusaa 15GB bilisaan (free) kenna. Kuusaa ykn storage siif kenname kana irra faayila gosa kamuu kaayyachuu dandeessa. 👉Faayilli Ati ol kaayachuu barbaaddu kana caalaa guddaa yoo tahe Kuusaa dabalataa Google irraa bitachuu ni dandeessa. kuusaa kanaas gara GB 100, 200 fi kanaa olitti siif guddisu. Yoo kafaltii raawwachuu hin dandeenye Aappii biroo tajaajila wal fakkaataa kennan akka dabalatatti faayyadamuu ni dandeessu. 👉Fkn: Mega fi OneDrive filatamoodha. kunneenis GB dabalataa argachuuf kafaltii si gaafatuu danda’u. 👉Haa ta’uu malee kuusaan Google isiniif kennu 15GB jechuun SUURAA, VIDIYOO fi AUDIO murteessoo qofa yoo irratti feetan isin gahuu danda’a. Barreeffamni fi Lakkoofsi bakka guddaa hin fudhatu waan taheef yaachisaa miti. 👌Faayiloota asii olitti jenneefi Dokumantiilee adda addaa Sarvara Google irra kaayyachuuf kanneen isin tajaajilan Aappii gosa 4tu jira. Isaan keessaa Lama bilbila ammayyaa yeroo ammaa waliin dhufu, Lama immoo kan download godhamaniidha. Haa ilaalluu: √ Google Photos √ Google Drive √ Google Keeps √ Google Contacts 👉Aappiiwwan kanneen maqaa isaanii ilaaluun salphaatti maaliif akka nu gargaaran hubachuu dandeenya. Garuu Hordoftoota keenya maraaf akka ifa ta’uuf jecha tokkon tokkoon isaanii bifa itti aanuun ilaalla. ================== Itti fufaa....... ================== Odeeffannoon teeknooloojii wayitawaan yeroo yeroon akka isin qaqqabuuf channel keenya join gochuu hindagatinaa 👇👇 Join Us 💻 @Barannoo_Tech 💻
Показать все...
👍 16
√Kabajamtoota hordoftoota keenya bilbilli keessan yeroo baay'ee akkam ta'uudhaan isin rakkise?Anonymous voting
  • Kaardii fixuun🗃️
  • Chaarjii fixuun♻️
  • Storage Guutuun📱
  • Waa tokkollee ana hin rakkisne😁🙏
0 votes
👍 58👏 7
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.