cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Walin Wolif - SSSCO

This organization is organised to help the poor and to strengthen the love and respect of SELAM students.

Больше
Рекламные посты
208
Подписчики
Нет данных24 часа
-27 дней
-330 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Фото недоступноПоказать в Telegram
👍 7
1.19 KB
Baargerii Manuma keessam keessatti Dalaguuf👇🏻👇🏻 https://ethiobrief.com/the-perfect-classic-burger-a-step-by-step-guide-to-grill-bliss/
Показать все...
The Perfect Classic Burger: A Step-by-Step Guide to Grill Bliss - Ethio Brief

Introduction:There's nothing quite like sinking your teeth into a juicy, classic burger. The combination of a perfectly grilled beef patty, fresh toppings,

Imaamu Ahmad Umurii Ijoollummaatti(22) biyya Amma Ethiopia jedhamtuu Fi kanneen biroo kan akka Jibuutii Fi Somaaliyaa fa'as yeroo jelqabaatiif Tokko godhee Bulchaa Ture. https://ethiobrief.com/imaamu-ahmed-ibin-ibraahim-ahmed-gran/
Показать все...
"It’s Waaqayyo kanan jedhu kanaafi" 👉Umurii koo waggaa 4ttin abbaa koo dhabe,jireenya haaraa Haadha koof obbolaa koo wajjin jiraachuu itti fufne. 👉Maatii abbaan irra hin jirre taanee, jireenyaa wajjin wallaansoo qabuu jalqabne. 👉yerooma sana turtii muraasa booda jarri faranjii tokko obboleettii koo an of biratti ilalee jajjabaadhu guddifachaan na jalaa fudhatan. Kun hundumtuu yeroo narratti ta’u, anaan fuulduratti ifaatu natti mul’ata, “it is waaqayyo kanan jedhu kanaafi” Amma filannoon jiru, jabaadhee maatii koos jabeessee jireenya itti fufuudha, waggaa 5 Yookiin 6 waan hin caalleef haala kanaan jiraachuu itti fufne. 👉An xiqqoo guddadhee, umuriin koo dabalaa dhufee, jabaadhu an siif jiraa yeroon jechuunii jalqabetti ammoo Hadhii koos na jalaa boqotte. It’s pain full😭 👉Amma Obboleessa koo qofa wajjin jireenya itti fufne. 👉Inni quxisuu koo waan tureef, itti gaafatamummaa guddaatu narratti kufe. 👉Amma ofiis jiraachaa obboleessa koo gargaaruuf, waanan danda’u hundumaa utuu of hin qusatin hojjechuun jalqabe, fiilmiin agarsiise, achuma mana fiilmii keessa sharaa uffadheen rafe, gabaa keessa naanna’een samunaa gurgure. 👉Fiilmiin agarsiisu yeroo baayee fiilmii biyya Hindii waan ta’eef, sammuun koos baayee active waan tureef, carraa sanaan afaan hindiin bare. 👉Namoota biyya hindiiti dhufanii Amboo jiraataniif tajaajila afaan hiikuu kennaan qarshii irra fudhachuu jalqabe. Hammuma rakkinni natti Dabalamaa deemu, daandiin ittiin dandamadhus naaf mijata. ‘It’s waaqayyo’ kanan jedhu kanaafi. 👉Yeroon jiraadhu kana hundumaatti obboleettii koo barbaadaman jiraadha, Biiroo jara faranjii sana deeddebiinan dhaqa, garuu darbee darbee suuraashee naaf kennu malee, eessa akka jirtu address ishee natti hin himani. Jabina waaqayyo naaf kennuun ammas jireenya ittuman fufe. 👉akka kanatti, Obboleessa koo wajjin waggaa muraasa jiraanne. 👉 rakkinichi ammas na biraa hin hafne, Obboleessa koo na jaalaa dhukkube. 👉Yeroon sun qabsoon diddaa garbummaa yeroo itti finiinee jirudha, mucaa Amboo taateemmoo qabsoo keessaa hin dhabdu mitiiree? Guyyaa tokko utuu Obboleessi koo dhukkubsatee mana ciisaa jiruu, alaa dubbiin ka’e, ijoollee hedduun humna hidhate baqachuuf fiiganii mana keenyatti ol seenan, sana booda mana keessaatti waan uumame haga har’aattiyyuu hin beeku, garuu obbolessikee du’eera kottu naan jechuu qofan dhaga’e. 👉Amma qofaattan hafe, filannoon jiru, akkuma koo durii obboleettii koo lubbuudhaan jirtu barbaaduudha. 👉Carraan argadhe hundumaan, marsariitii hawwaasummaa hundumaan ishee barbaaduttan jabaadhe. Yeroo dheeraadhaaf yaalus Milkaa’uu hin dandeenye. 👉an uumamumaan barnoota baayee jaallachuu baadhus garuu addaan kutee hin beeku, ittiin qabeema baradheen kutaa 10 ga’e, sana booda gorsa namoota ollaa koo jiraaniin barnoota Tekinikaaf ogummaa barachuun eegale, Isas akkuma koo durii haaluma salphaa ta’eenan baradhee fixe. Waan Nama dhibu akkasumatti baradhee, yoo qormaata namni 5 qofti darbe tokko anadha. ‘It’s waaqayyo kanan jedhu kanaafi. 👉Barnoota sana akkuman xumureen University Amboo tti mana dubbisa kitaabaa keessaa hojjechuufan carraa argadhe. Carraa kanattis akkuma koo durii sirnaanin fayyadame, kanan baradhe IT waan ta’eef computer wajjinan oola, achirra taa’ee ganamaa galgala obboleetti koon barbaada. Akkasuma kitaabota nan dubbisa. 👉Barnootan jibbu sana ammas hin dhiifne Degree jalqabaan fudhadhe, achuma university Ambootti gargaara lecturer ta’uunan hojii itti fufe. 👉An nama media akkan ta’e sirriittan beeka, daandiin irra deemaa jiru hundisaa irra deemuu waanan qabuuf malee kennaa koo akka hin taane nan beeka. 👉Magaalaa finfinnee kutaa magaalaa Ekkaatti biiroo mootummaa keessa hojjechuufan carraa argadhe, sanaan gara finfinneen dhufe. 👉Ammas Ofuma koo carraa wayii barbaadeen Radio tokko irra akkan hojjedhuuf haalli naaf mijate, achi ji’a 8 qofan hojjedhe.
Показать все...
👉Sana booda Bank keessa hojjechuufan carraan argadhe, waggaa lamaaf achan ture. 👉Utuun kanaan jiruu, platform haaraan TikTok jedhamu dhufe, an duruma yeroon magaalaa Amboo jiraadhuyyuu YouTube Fi Facebook irratti video gaggabaabaa hojjechaa waanan tureef, TikTok tti haalan fayyadamuun eegale. 👉Achirras hordoftoota hedduun horadhe, beeksisa garaagaraa hojjechuun jalqabe. Namoota hedduu birattis beekamtiin argadhe. Akkasuma qarshii gaariin argachuu eegale. 👉Egaa amma rakkoowwanan arge hedduu irraa dandamadhee jireenya fooyyaa’aa jiraachuun jalqabe. 👉Ta’us anaaf milkaa’ina jedhee isan yaadu, obboleettii koo argachuu hin dandeenye, barbaacha koo ittuman fufe. 👉Waaqayyo nama tooftaa godhee waan na uumeef, tooftaalee garaagaran barbaacha kootti jabaadhe. 👉Guyyaa tokko, social media irraa website namoota hojii barbaadaniif oolu tokko fayyadameen, hojii hin barbaaddaa jedheen barreesseef. 👉Yeroo jalqabaatiif “Eeyyennoo” jettee naaf barreessite, baayeen nahe, waanan deebisu wallaaleen bilbila koo lafan godhe, waan Nama dhibu yeroo sana isheenis barnoota reef xumurtee hojii barbaadaa jirti. Waaqayyotu wal irra naaf buuse ‘it’s waaqayyo kanan jedhu kanaafi’ 👉Sana booda obboleettii koo akka taatee ittan himeen, isheenis xiqqoo xiqqoo waan yaadattu natti himte. 👉Barbaacha waggaa 16 booda obboleettii koo argadhe. 👉Amma Gammachuun koo guutuu ta’e. Rakkoo koo hundumaa furee, amma nama kan biraaf carraa hojii uumuu irra ga’een jira. Kana hundumaa keessatti jabinni koo waaqayyoodha. ‘It’s waaqayyo kanan jedhu kanaafi’ Rache Tesfaye n jedhama, Amma an nama milkaa’edha jedhee waanan of yaaduuf seenaa koo qoma dhiibee dubbachuu nan danda’a. Sabni koo Oromoon wan na jaal’atuuf Tiridentii, ocholoonii, of jaalattuu Fi maqaa hedduu naaf mogggasee ittiin na waama. Gemeda Olana Kebede, Gammadaa show Seenaa dinqiif afgaaffii yeroosaa eeggate kanaaf ulfaadhu. Haala ulfaata duubaan milkaa'inatu jira Tridantii Oromoo Rachu Tasfaye
Показать все...
Dhugaa eenyuu dhooksuu hin dandeenye dha Anas akkuma kee Yoon dhaabbadheen yaadu malli na harkatti badeera Said Muhammad mee kutaa 2ffaa gadadoo osoo hin taane furmaata qabadhuu nuu koottu
Показать все...
Share Yaa barataa.....By Sa'iid.pdf Barreeffama jireenya barataa ibsu... dubbisaa..
Показать все...
Yaa barataa.....By Sa'iid.pdf1.35 MB
Rabbi sodaatuun Rabbi sodaatuun Namooma;Rabbiin sodaadhu! ~Namni Rabbiin sodaatu waan sodaatu hin qabu;Namni Rabbiin hin sodaanne waan sodaatu hin dhabu. Rabbi sodaadhu;Rabbiin sodaatuun Namoomaa. ~Sodaan Rabbii Hara galfiidha ~Rabbiin sodaatuun daangaa beekkumsaati. ~Rabbi sodaatuun dhugaa fi dhara adda baruudha. ~Rabbiin sodaatuun Hayyummaadha. ~Sodaan Rabbii boqonnaa sammuuti. ~Sodaan Rabbi tasgabbii qalbiiti. ~Sodaan Rabbii xurree milkaayinnaati. ~Sodaan Rabbii milkii Ganda lamaaniti. ~Sodaan Rabbii icciitii injifannooti. ~Sodaan Rabbii furmaata Rakkoo maraati. ~Rabbii sodaatun bilisummaadha. ~Rabbi sodaatuu duuban gabrummaan hin jiru. #ilaa👌🏾 Ilmi namaa yoo waan sodaatu dhabe bineensarra hammaataa beeki. Ilmi namaa yoo Rabbiin hin sodaatin Waa Ijaruurra waa diigutu laafaafi hubadhu. Waa tolchuurra waa balleesutu isaaf dhihaata. Ilmi namaa yoo rabbiin hin sodaanne wal dhiba,wal dhiiba,wal dhaba,wal rakka,wal hamata,walitti hammaata,wal jibba,walitti jabaata. Ee Ilmi namaa yoo rabbiin hin sodaanne rakkoo walii furuu dhiisee madda rakkoo walitti taya,rakkoo keessaa wal baasuu dhiisee rakkoo keessa wal galcha, waliif dawoomuu dhiisee dhukkuba walitti taya. Nama Guddaa wajjiin ooluun nama guddaa gooti. Nama nagayaa waliin fi nagayaa irra turaa.
Показать все...
Показать все...