cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Peace man

Taa'uu irra siquu wayya!

Больше
Финляндия2 904Язык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
229
Подписчики
Нет данных24 часа
+27 дней
+630 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Dooniin keemikaala baatu tokko diroonii Iraanirraa dhukaafameen garba guddaa Indiyaa keessatti rukutamuu Waraanni Ameerikaa beeksise. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/6qYwZHB
Показать все...
Dirooniin Iraanirraa ka'e garba Indiyaarratti doonii rukutuu US ibsite

Dirooniin Iraanirraa ka'e garba Indiyaarratti doonii rukutuu US ibsite

Taphoonni torban 18ffaa Piriimer Liigii Kamisarraa kaasee taphatama. Ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan eenyu akka mo'atu sababa waliin xiinxalee tilmaameera. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ijDnKAl
Показать все...
Liiverpuul V Arsenaal dabalatee taphoota Piriimer Liigii torban kanaan eenyu akka mo'u tilmaamni kennameera

Taphoonni torban 18ffaa Piriimer Liigii Kamisarraa kaasee taphatama. Ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan eenyu akka mo'atu sababa waliin xiinxalee tilmaameera.

Фото недоступноПоказать в Telegram
Ameerikaa kutaa bulchiinsa Okilamaa keessatti abbaan seeraa nama jaarraa walakkaaf yakka hin raawwatiiniif mana-hidhaatti dabarse bilisa jedhe. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/M0drgJ6
Показать все...
Lammiin gurraachi Ameerikaa yakka hin raawwataniin erga waggaa 48 hidhamee booda bilisa jedhame

Ameerikaa kutaa bulchiinsa Okilamaa keessatti abbaan seeraa nama jaarraa walakkaaf yakka hin raawwatiiniif mana-hidhaatti dabarse bilisa jedhe.

#yuunivarsiitii_salaalee Yuunivarsiitiin salaalee Barattoota Haaraa bara 2016tti gara yuunivarsiitichaatti Ramadamanii fi Barattoota Bara 2015tti sagantaa fooyya'iinsa Barnootaa barachaa turanii qabxii darbiinsaa parsantii 50 fi isaa ol galmeessisan guyyaa har’aa simachuu eegalee jira. Barattoonni imalarra jiran rakkoo adda addaatiif akka hinsaaxilamne kallattiiwwan konkolaataan gara magaalichaa seenu hundatti konkolaataa ramaduun akka simataman taasifamaa kan jiru yemmuu ta’u, adeemsa simannaa kan milkeessuufis koreewwan barattoota buleeyyii yuunivarsiitichaafi kutaalee Yuunivarsiitichaa garagararraa hundaa’an qindoominaan hojjechuurratti argamu . Simannaan Barattootaa kunis haaluma walfakkaatuun guyyaa boruus itti fufee kan oolu ta’a. @haqummaaf
Показать все...
Ganama nagaan bahanii galgala manatti deebi'uu kan hin dandeenye hedduutu jira. Ati garuu, nagaadhaan baatee nagaadhaan galte. Uumaa kee Galateeffadhu. Nagaan isin hin dhabin✍ @haqummaaf
Показать все...
👉Wantoota 12 kan yeroo hunda yaadachuu qabnu!. 1) wanti darbe kamiiyyuu jijjiiramuu hin danda'amu. 2)yaadni namootaa eenyummaa kee isa dhugaa ibsuu hin danda'u!. 3)amalli nama hundaa daandii adda addaati. 4)wanti hundi yeroo wajjiin tolaa adeema!. 5)murtiin ati murteessitu ibsituu amala keetiiti!. 6)Humnaa ol yaaduun gara dallanuutti(aaruutti) nama geessa!. 7)Gammachuun kee suma keessa jira!. 8)Yaadni gaariin waan gaarii uuma!. 9)seequun furtuu namoota ittiin banani!. 10)nama gaarii ta'uun kaffaltii si hin barbaachisuu!. 11)ati kan kuftu yoo dhiiste qofa!. 12)akkuma itti of yaadde taata!. @haqummaaf
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
BARATOOTA HAARAA GARA MOORAA YUUNIVARISTII GALANIIF GORSA TOKKO TOKKO: ========================================== Yuunivarstiin ykn kooleejjiin iddoo saayinsiin ykn tiyooriin qofti itti baratamu qofaa miti- iddoo dhagaa bu'uraa jireenyaa Keenya boruuf tolu itti ka'annuudha. Kanaaf barattootni haaraan/fresh students/gara mooraa yuunivaristii galatan ;barattoota turan- baratoota hangafa/ senior students/ irraa gorsa gaaffachuu fi dhagahuun isaan barbaachisa. Mee ka ani waan muraasan isin gorsa dhagahaa: 1. Itti gaaffatamummaa qabda Hedduun keessan too'annaa maatii keessanii irraa baatanii barumsaaf fagatanii yeroo itti deemtaniidha. Maaree ;amma eessa seentee; eessaa-baatee kee; eenyu waliin ooltee kee namni si to'ootu hin jiru. Kanaaf kan of tikkisuu qabu si'uma. ''Abbaatu of mara jedhe mitiree;bofti''. Haatii ykn abbaan Koo na hin argan jettanii akka feetan ta'uu akka hin qabanne mooraa yuunivaristii osoo hin seenne ofitti himuu qabdu. Yaadadhu maatii kee irraa fagaattee kan baateef hojiidhaaf (barumsaaf) malee taphaaf miti. Kana yeroo hundaa yaadadhu. 2.Hiriyaa filadhu Hanga siif danda'ametti nama hunda wajjiin hariiroo gaarii horachuuf yaali. Garuu nama barumsa isaaf iddoo Kennu, kan ilaalcha gaarii qabuti irra caalaa hiiqii-hiriyaa taasifadhu. Yaadaa fi Gorsaa baratoota si dursan; akkasumas barsiisota kee osoo hin sodaatiin itti hiiqii gaaffadhu. 3.Akka ofii keetti jiraadhu "Akka ormaatiin sirbaan morma nama jallisa" jedhama mitiree. Tarii maatiin kee maallaqa gahaa siif hin ergan ta'a ;yeroo kana hiriyoota kee ilaaltee hin gaddiin . Maallaqa siif ergamu abashaalummadhaan itti fayyadami- wantoota bu'uura ta'an yoo guuttatte kan hafe dabalata. Yaadadhu fedhiin dhala namaa daangaa hin qabu. Kanaaf kan argatteef galateeffadhu;kan si hanqateef ammoo bira geessa waan ta'eef bira gahuuf abdiin jabaadhuuti baradhu. 4.Guddaa yaadi Barumsa kee irratti cimi. Barumsa hunda irrattu 'A' galmeessuuf kaayyeffadhu. 'A' galmeessuuf kaayyeffatte yoo hojjatte; 'A' dhabdu 'dhabdu--maarree kunis badaa miti. Wanta feete kan argatu dursa fedhii guddaa yoo qabaatedha- 'you can achieve what you concieve' jedhu warri adii. Wanti irranfatamuu hin qabne garuu wanta baratan yeroo yerootti jala jalaa qo'achuudhaan hubannoo gadi fageenyaa qabaatanii 'A' galmeessuu fi qorumsa guyyaa boruuf qophii qo'annaa halkan takkatiin (short memory) 'A' galmeessuun gargari. 'A' qabattee beekumsa gahaa osoo hin horatiin eebbifamtee gara hojiitti gaafa baatu si rakkisa. Kanaaf qorumsaaf qofa osoo hin taane beekumsa gadi fageenya qabu horachuuf yeroo hunda dubbisi. 5.Eenyummaakee kabajii-kabachiisi Afaan keen dubbadhu, aadaa fi duudhaa kee mirga nama kamuu osoo hin dhiibin yeroo barbaachisetti calaqqisiisi.Mirga namoota biroos hin dhiibiin. Dhimma sabaa ,amantaa fi siyaasaa irratti bifa mariitiin haalli irratti haasoftu yoo jirateen alati atakaroo keessa hin seenin. 6. Sagantaa qabaadhu Qo'annaaf, sagadaaf ykn mana amantaa deemuuf, bashannanaaf ykn shaayii-bunaa fi akkasuma hirribaaf saganteefadhu. Sagantaa keen ala yeroodhuma hunda karuma namni si harkisetti hin harkifamin. 7. Amala ykn Araada hin barbaachisne irraa of eegi. Baratootni baay'ee yuunivarsitii ykn kooleejii erga galanii bahanii booda amala haaraa yoo calaqisiisani fi araada garagaraa keessa yoo galan arguun waan baratame ta'eera. Kun kan dhufu ammoo dhiibbaa hiriyootaa 'peer pressure' tin. Kanaafi ati hiriyoota keen dhiibamtee araada hin taane keessa galuu irraa of egi. #walumaagalatti yeroo boqonna kee gara maatii keeti yoo deebitu nama beekumsa dabalatee dhufe;kan maatii fi namoota ganda kee kan kabajju fi isaniinis kan kabajamtu ta'uu qabda malee kan quba sitti qabanii 'ilaalaa ilmi abaluu ykn intalli abaluu erga yunivaristiidha deebitee...akkas....akkana ta'e/taate' jedhanii buna irratti kan si hamatan ta'uu hin qabdu. Waliigallee? Galatoomaa! Bara barumsaa gaarii isniif haa ta'u; jabaadha! 👉Kun Channela keessaan "Milkaa'ina jireenyaa" ti waan dhalootaaf ta'u qofa maxxansina, itti goraa miseensa ta'aa👇👇👇👇👇👇 @haqummaaf
Показать все...
))Yuuniversiti Al-Qaraawiyyiin.(( Yuuniversiti Hangafa fi Jalqaba Aduunyaa tana. Yuuniversiitiin al qarawiyyin yuniversiitoota adunyaa khana irraa jiran kheeysa isa jalqaba hundeeyfamedha. Bara 859 ALA tti(ji'a ramadaana bara 245 akka lakkoofa hijraati) shamaree Faaxuma al Fihiriyi jedhamtuun biyya Morookoo magaala Fiizitti hundeeyfame. Jaarmaynii  yuniversiiticha jalqaba masgiida ture. Tahuus booda jaarmaya manneen isaa dabaluun gara mana barnoota (madarasaa)tti ol guddisun barnoota amantaa barsiisuu jalqabe. Itti aansudhanis gosoota barnoota adda adda khaneen akka Fayyaa(medicine), seerluuga afaani, loojikii, herregaa, astroonomi fi kkf barsiisuun gara yuniversiititti ol guddate. Haala khanniinsa barnoota isaatin yuniversiitichi hawwatamummaa gudda haawasa islaama khutaale adunyaa iddoo garagara jiraatan biratti argate. Sababa khanan baratooni baay'een biyyoota Africa, Eeshiyaa, Awroopaa faa irra barnoota barbaacha gara isaa dhufuu itti fufan. Baratooni iddoowwan adda adda irra gara yuniiversiiticha dhufaan heddumachu irra khan kha'een ulaaga ittin yuniiversiiticha galan bahuun baratoota yuniiversiiticha galan nama qur'aana qomatti hafazee, afaan arabaa dubbachu dandahu fi dandeeyti beekumsaa waligalan madaalamee dabrutti dangeeyfame. Yuniiversiiticha irra namooni babeekamoon muslimaa fi muslimaa hin tahin heddun barataani eeybifamaa turan kheeysa ibnu Khaldun, ibnu Rushdi, ibnu Arabi, qeensicha gudda warra lixaa khan lakkofsa 1,2,3... warra awroopa barsiisee Gerbert of Aurillac (Pope Sylvester II),Dutchman Golius faan isaan hangafa. Yuniiversiiticha faakaltii gargara 425 jalatti sirna halaqaa(baratooni bifa geengootin barsiisatti marsanii ta'un barachu)tiin barsiisaa ture. Akkasumaas hanga yeroo ammatti akkaata baruu barsiisuu isaa khan ganama halaqaa saniin barsiisaa jira. Yuniiversiitichi UNESCO dhan yuniiversiiti iddoowwan seena qabeeyii adunyaa tanaati fi Guinness World Records dhan yuniversiiti jalqaba hundaa'e jedhamuun galmee seenaa adunyaa tana irrati barraahe jira. Seenalee islaam tan  adda adda argachuuf gara 👇 👇👇 join my channel👇👇 @Hawwiiislamictube @Hawwiiislamictube
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.