2 166
Подписчики
+224 часа
+137 дней
+3630 дней
- Подписчики
- Просмотры постов
- ER - коэффициент вовлеченности
Загрузка данных...
Прирост подписчиков
Загрузка данных...
CARII👇
Asoosama gabaabaa 𝙠𝙪𝙩𝙖𝙖 3𝙛faa
Cariin rakkina keessa ba'uuf manaa baatee karaatti rakkinaan xaxamtee, miila ittin gara fuulduraatti tarkaanfatteen duubatti tarkaanfachun dirqama itti taanaan duubatti deebite. otoo miidhaginni gogaa qaama namaa rakkina ittisa ta'ee, cariin kanaaf hin maltu. Otoo gaarii hojjachuun rakkina irraa nama oolcha ta'ee cariin kanaaf hin saaxilamtu. Otoo Jireenyi qorumsa hin qabne bareedina ijaa fi mudhii ilaalame kennama ta'ee silaa dunkaanni jireenya inni nagaan guutu,burqaan gammachuu isheef laatama. Maal godharee jireenyii faalladha tokko yoo guute tokkommo hir'uuyyu miti duwwaadha. Miidhagdee uumamteetti miidhaga biratti rakkina malee homaa hin qabdu. rakkinni ishee qabatee dhuka lafee nyaachuu eegale. abdiin isheen qabdus harkaa haphatee, falli isheen jireenyaaf qabdu mana abbaa isheetti galtee waan taate ta'uudha. gaafa haadha ishee awwaallattee Abbaa badii tokko malee dhabdee manaa baatu waan haftee haati ishee mana keessa ol-keesse muraasa harkatti qabattee baatullee amma, akka nama ergaa dhaquu harka raasaa gara mana isaanitti deebi'uuf imalte. Of ilaaltee of dhaggeeffatte gaafa duwwaa ta'uunshee itti dhaga'amu karaa irraatti of ceepha'aa "akkamittan debi'aa? namnis maal naan jedhaa?" jechaa namni ishee beeku yoo itti dhufe akka nama waa hatee ija namaa da'eeffachaa yeroo mana geessu, Abboomaan (diinni aabba ishee inni Abbaa, ishee dabarsee kenne sun) mana isaanitti galee hoo'ifatee biriqqisee keessa jiraachaa jira. qabeenya jal'inaan argatetti waaqa galateeffachaa keessatti dhugee machaa'aa jiruu dalgaa jiraata. "bara bofti nama iddite lootuun afaan namatti banti" akkuma jedhamu, inni carraa argatetti fayyadamee gocha namummaa bakka hin buune ishee irratti rawwate. Cariin waan rakkatte nama ittiin mari'attu bakka itti boqottu,hin qabdu. Ollaa dhiyoo jirutti baqachuuf bakki isaan jiran baadiyyaa waan ta'eef ollaa dhiyoo isheen qabdu Abbooma malee dhiyeenya irra namni biraa hin jiru. kanarraa ka"uun kaka'umsi jireenyaaf qabdu hir'achaa dhufe. abdii isheen qabdus akka aannan okkotee cabe keessaa dhangala'utti harkaa dhangala'e ,haadha ishees abaaruu jalqabde. Sammuun ishees gaaffi deebiisuun itti ulfaatuu gaafachuu jalqabe"Jireenyumti maalii? Kaayyoon jireenyas maalii? ..." Jedhee. Kana kan yaadde mana isaanii (isa abboomaan itti gale) fuuldara dhaabatteeti. Dhiiste deebi'uuf bakki deemtu hin jiru, gara lameenittuu filannoo waan hin qabneef "mana abbaa kooti ti" jettee falmite . Abboomaan nama quufaa nama jireenyi guutee fi nama rakkina nama hin hubannee, nama hundumaa akkuma maqaa isaa "Abboomee" bulchuu barbaadudha. Cariin akkas jechuu isheef caccabsee, daaraa dha'ee bun! godhee ari'e. isheen homaa hin goone qabeenya abba ishee falmite. bara namni qabeenya abbaa isaa falmate ofuma itti miidhamu keessa dhalachu isheef waaqa ishee uumatti gungumte😓. haadhaa fi abbaa dhabuu isheetti aansee qabeenya haftee maatii ishee dhabuun dhukkuba qoricha hin qabne itti ta'e😪 Dhukkubni qoricha hin qabne yaalii hin qabu, dhukkubuu hin dhiisu , si nyaachuu , si dhiiphisuu hin dhiisu. hanga ati turte si wajjiin tura. Maarre isheenis dhukkubichaan qabamtee jirti. Dhukkubichaaf Abbaanshee qoricha ta'uu mala. Waa'ee abbaa ishee immo lubbuun jiraachuu fi du'uu isaa hin beektu. "Yeroo tokko×2 namni gaarii godhe godhee jibbama yeroo tokko×2 immo hamaa godhee jaalatama. Jireenyumtu toora hin qabu, waaqnis na hin beeku ...😔 " jetti dhaabattee. gocha inni godhe yaadattee, nama hundumaatu hamaadhas jetti aarin. Deebite gargaarsa matiin Daadhii isheef godhan yaadattee, namni hamaa miti jette ofumaa jecha ishee faallessiti. "Uumamaan namni hamaa,jallina kan yaadu of-qofa kan jaalatu miti. garuu jiraachuuf wanti isa barbaachisu waan hin guunneef tokko miidhee ofii guttachuu filata. Otoo hundi hamaa ta'e isaan lafa rakkinaa sanatti na wajjin hin ta'an ture" jetti. Lafti dhi'eera. bakka bultu hin qabdu. Ishenis akkuma dhaabataa ooltetti demte mana namaa barbaaddee na bulchaa jechuuf kara qabatte qajeelte...🚶kuta 4ffaan itti fufa. .....✍️ Samuel Girma (JU)
Ecci.....😡😏
Of si tuffachiisaa jireenya jibbitaa
Gadi jettee bultaa diinatu si bitaa...
Dhiibbaan wal gurmeessee Fuulatti si fiigaa.....
Dadhabbiikee mara libsuu takkaan diigaa......
Tiifuutu sijjeesa, Gaaddisatu si gubaa......
Yaaddon si huuqqisa, jechatu si hubaa.....
Gaafas icci jettaa gaafas of tuffattaa
Eenyummaa kee baaftaa, salphina uffattaa😰
........
Buddeen sagal fixaa, Garaadhaa beeloftaa
Kotteedhaan socho'aa, keessoodhaan eeloftaa
Duumessi ulfaataa, wanti hundumtuu yakkaa.....
Lama tarkaanfattaa, nageenya kee shakkaa...
As laaltee achi laaltee, qilleensa bir'attaa.....
Lootuun" shokok" jennaan, kiiloo shan hir'attaa😳
Gaafas ecci jetta, bifa kee xaragaa.............
Yaadaan dhoqqee faaltee, ofitti maragaa...
Yaa jireenyaa jetta, mormakee cabsitaa.....
Sagal afuurfattee, dhiphina labsitaa............😠
......
Egaa maal gootagaa, jiruun si faallessaa
Osoo birraa yaadduu, gannaan si daallessaa
Yaanni kee soorummaa, Gin kaboota ultaa
Fedhiin kee xiyyaaraa, farda ooftee bultaa
Huccuu haaraa feetaa, kan qabdu citaadhaa......
Ati mirgaan yaaddaa, jireenyi bitaadhaa.....😭
......
Gaafa akkasii kanaa, Gaaf jireenyi burree
Gaafa of oolfachuuf, gurgurattu surree.......
Gaafas ecci jettaa, sururfattee laaltaa
Bubbee wajjiin fiigdaa, eergama kee haaltaa..
Yaadaan baddaa baatee, takka boolla lixxaa
Abdii kee sharaftaa, gurgurattee fixxaa........
Harkaan marii qabdee, yaadakeetiin mugdaa
Ibicha cuunfitee, malakkeedhaan dhugdaa😂
✍️Chala Beyisa Caamsaa 30-2016 @#Wku
Qorumsi mi'eessituu jireenyaa ta'uushee hin dagatin😂! Muudannoon qorumsaa si muudachuunsaa dammaqsituu hirriibaa ta'uushees yaadadhu🙄 Yeroo baay'ee lafa rafne jirrutti qorumsi gaafa nutti Dhufuu, maalirraa akka rafneefii maal keessaa akka rafaa jirru nu barsiisa.❤...qorumsa sitti dhufe akka carraatti fayyadamiitii maalirraa akka rafaa jirtu adda baafadhu😉 Sana booda calliftee keessa gangalachuun sin barbaachisu❌. Dammaqi✅..Raafamni dhaabbii keetii ol yoo ta'es jabaadhuu hiixadhu guyyaa tokko keessaa baatatii💪 Rakkinoota guyyuun nu muudatan injifachuuf furtuun tokko nii jira..... Innis obsa jedhama. Hubadhu👉 Obsi riqicha ittiin qorumsaalee nutti dhufaniif riqicha ta'ee keessa nu dabarsudha.....Haala(situation) sitti dhufe ciniinnattee yoo obsite, akkasumas tattaaffii barbaachisaa ta'e yoo gootee, wanti ati injifannoo cululuqaa hin galmeessineef hin jiru❌. Rakkisaakee hundeen buqqisuun durammoo luqqa'uun akka jiru beeki😭 luqqaateetuma luluqqaateetu gaafa guyyaan ga'e akka warqee calaqqifta😀💪 Miidhaguu dursa miidhamuun akka jiru quba qabaadhu! Kana beeknaan madaankee homaa sitti hin fakkaatu....madaakee dhiifteetu lafa galma keetii sana qofarratti ijakee dagatta. Dhiphina kaayyeffatee si dhiphisuu dhufe waliin teessee dhiphachuudhaan osoo yerookee gubuu baattee gaariidha.✅
Obsi furtuudha🔑. Balbaloota fuula durakeetti cufamanii jiran banachuudhaaf tarkaanfiin ati fudhachuu qabdu aariif dhiphina osoon taanee...Balbalicha rakkinaa sana si fuulduraa banuuf kan si gargaaru furtuun ijoon obsadha😘 Eeyyen obsi. Ciniinnadhu, Garaa kee sabbataan hidhadhu, yoos lafa yaadde geessaatii💪
Yaadaaf 👉@Chalchalish
✍️BARREESSAA: CAALAA BAAY'ISAATIIN!
Akkas siin jedha YESUUS👇
Ilaamee mucaa koo
Du'akee siif du'eeraa
Fannoo kee siif baadhee
Bakka kee bu'eeraa.......
Lubbuu kee olchuufan
Gidiraallee obsee.....
Dhiiga koo qulqulluun
Balleessa keef cobsee
Hin boo'in dhala koo
Anoo si jaaladheeram
Jaalala agaaphee.....
Jireenya siif lachuufan
Bakkakee adabamee
Fannoorra sif dhaaphee
Fayyina kee xumuruuf
Alangaan reebamee
Luqqa'eem irrikoo...😭
Jaalala keef jedhee
Muka jiidhaa baannan
Dhiigeera dirrikoo.. .....😭
Osoon an siif jiruu.....
Gadadoon marfamtee
Hin duutu cubbuunii
Mirga abbaan si kaa'a
Gammadaa jiraatta
Fayyitee lubbuunii....❤
Beelakee beela'een
Gadadoo kee nyaadhee
Mirga koo si kaa'een
jireenya siif laadhee
Dabarsee of kenneen
Dhiiga koo gad-naqee
Galmee badiisaarraan
Maqaa kee siif haqee🙏
........
✍️Chalish Beyisa
Yaadaaf 👉@Chalchalish
Harkisa jaalalaa...
......
Maali jaalalichi
Maaltu si harkisee?
Eessa koo jaalattee
Maaltu si rakkisee...???
Silaa ani hiyyeessa
Harkaa hin qabu meetii
Isayyuu ormadhaam
Silaa diina keetii.......!
Silaa an yakkaamaadhaa
Cubbuudhaan kan guutee....
Maaluma siif goonaan
Darbitee naaf duutee....?
Maaluma siif goonaan
Samiirraa gad dhuftee?
Gatii cubbuu kootii
Dhiiga keetiin cuftee?
.....
Dadhabaa jaalattee
Dhiphina hirattaa....?
Beekaan osoo jiruu
Wallaalaa filattaa....??
Waaqummaakee dhiiftee
Miila namaa dhiqxaa.....
Dhoqqeefii raqraqii
Laalaa natti siqxaa...?
Maali jaalalichi
Maalumaaf gad buutee??
Ani eenyu taanaan
Darbitee naaf duutee😭??
........
Cubbamaaf darbitee
Ba'aa cubbuu baattaa
Nama yakkamaadhaaf
Lubbuu kankee laattaa....
......
Jireenyiif boqonnaan
Dhiigakeerraa maddaa
Safuudha uumaa koo
Maali jaalalli addaa.......
Gatii nan gaafanneem
Tola natti siqxee......
Manca'aa jiruu koo
Dhiiga keetiin dhiqxee...
Ofii keetii baattee
Fannoo koo naaf yaabdee
Dhiqxee qulleessitee...
Fuula abbaa na dhaabdee....❤
✍️ Chala Beyisa
Vidion 👉https://www.tiktok.com/@chalishbey/video/7364857289380990214?_t=8m3nig1ak8k&_r=1
TikTok · @chala beyisa
Check out @chala beyisa’s video.
"Waraanni yemmuu jalqabu: abbootiin siyaasaa rasaasa gumaachu, dureessonni nyaata gumaachu, hiyeessonni ammoo ijoollee isaanii gumaachu.
Waraanichi yemmuu xumuramu: abbootiin siyaasaa rasaasa waraanarraa hafe walitti qabatu, qabeenyi dureessotaa inni waraanarraa hafes guddachuu eegala, hiyyeessonni ammoo reeffa ijoollee isaanii naannoo awwaalaa barbaadu."
[ jecha Sarbiyaanotaa].
"Waraanni yemmuu jalqabu: abbootiin siyaasaa rasaasa gumaachu, dureessonni nyaata gumaachu, hiyeessonni ammoo ijoollee isaanii gumaachu.
Waraanichi yemmuu xumuramu: abbootiin siyaasaa rasaasa waraanarraa hafe walitti qabatu, qabeenyi dureessotaa inni waraanarraa hafes guddachuu eegala, hiyyeessonni ammoo reeffa ijoollee isaanii naannoo awwaalaa barbaadu."
[ jecha Sarbiyaanotaa].
Sona walaloo
Sona baay'ee argattu!! @Walaloo @Barumsa jajjabeessan
Abdii kutuun lubbuu baasuudha. Ati gaafa abdii kutattu, lubbuu kee akka dhabde beeki😢 Abdii kuttu malee lubbuukeerratti tarkaanfii hin fudhattu waan ta'eef. maalif ree? Abdii kutuu keessa lubbuu balleessuun akka jiru erga quba qabaattee.....egaa amma dafii lubbuu kee oolfadhu. Goonkuma abdii hin kutatin( Never Give up) jireenyuma addunyaa kanatu akkasi, takka ol si baasaa takka gadi si buusa. Al takka nii gammaddaa al takka nii gaddita. Kuni haalota(situation) dha.
Nii dukkanaa'ee jechuun hin bari'u jechuudhaaree? Har'a harkaa dhabde jechuun borus hin qabaattu jechuudhaaree? Har'a kufte jechuun bor hin milkooftu jechuudhaaree? Goonkumayyuu akkas jechuu miti. dadhabuunkee har'aa cimina dhabuu kee isa borii hin murteessu. Haalonni har'a jireenya keerratti calaqisan kamiyyuu yeroosaanii eeggatanii godaanu. Girrisanii wal guurratanii sirraa cala'u.....🏃 Eeyyen!
Addunyaan ati keessa jiraattu kun....addunyaa gufuuf qoraattiidhaan guuttedha. Nii tarkaanfatta, nii gufatta nii kufta😢 Abdii yoo qabaatte garuu tattaafattee kaata💪 Kufe jettee achi ciifnaan garuu, achumatti rirmi si nyaata😢 Hin ciisin! Tattaafadhuuti ka'ii deemsakee itti fufi... fuuldura kee qofa ilaalii fiigi! Waca simbiraaf yuusa waraabessaatti gurra hin qabin! Saree si duubaa duttutti dhagaa darbachuuf hin dhaabatin! Maalif? Dutuun sareedhaaf amala🐈....Akkasumas dhaabbatanii dhagaa darbachuun amala nama kashalapheeti. Rom'uun, akkasumas sodaatanii abdii kutuun amala nama sodaattuuti🙄 Atimmoo akka goota taate nan beeka. Kanaafuu tarree saree fii tarree kashalapheetii maal dalagdaree? Tarree abdii kutuutii maal dalagdaree? Namni jabaan abdii hin kutatu. Tattaafateetu fuulduratti fiiga malee....jabaadhu...Ammas jabaadhu. Abdii hin kutatin malee, lafa yaadde sana inuma geessa💪
Waan dubbifteef galatoomi🙏
✍️ Chala Beyisa
Telegram 👉https://t.me/bashannanuuf
Sona walaloo
Sona baay'ee argattu!! @Walaloo @Barumsa jajjabeessan
BEEKUMSA WALII-GALAA👇
1. Namni yeroo jalqabaatiif ji'a(moon) irra qubate Neil Armstrong jedhama.
2. Dubartiin yeroo jalqabaaf gaara Everest yaabde Junko Taibei(Japan) jedhamti.
3. Dubartiin yeroo jalqabaaf galaanota murtoossoo addunyaa torba(7) daakkidhaan qaxxaamurte Bula Chaundhury(India) jedhamti.
4. Dubartiin yeroo jalqabaaf Pireezidaantii taate Maria Estella Penon jedhamti.
5. Dubartiin yeroo jalqabaaf Muummee Ministeeraa taate Mrs. Srimavo Bhandarnaike jedhamti.
6. Biyyi yeroo jalqabaatiif Saatalaayitii hawaatti ergite Russia dha.
7. Namni yeroo jalqabaaf Ardii Awurooppaa irraa Chaayinaa dhaqqabe Marco Polo jedhama.
8. Namni yeroo jalqabaaf xiyyaara oofe obboloota lamaan Wilber Wright fi Orville Wright jedhamu.
9. Namni yeroo jalqabaaf addunyaa naanna'e Ferdinand Magellan jedhama.
10. Biyyi yeroo jalqabaatiif Kitaaba Maxxansite Chaayinaa dha.
11. Dubartiin yeroo jalqabaatiif Olompikii irratti badhaasa Geeba Warqee(Gold Medal) mo'atte Charlotte Cooper jedhamti(UK), Tennis dhaan(1990).
12. Biyyi yeroo jalqabaatiif Maallaqa Waraqaa (paper money) Maxxansite Chaayinaa dha.
13. Namni yeroo jalqabaaf bantii Kaabaa (North Pole) bira gahe Robert Peary jedhama.
14. Dubartiin Musliimaa yeroo jalqabaatiif badhaasa Noobeelii argatte Shirin Ebadi jedhamti, Noobeelii Nageenyaa(2003).
15. Namni yeroo jalqabaatiif Bantii Kibbaa (South Pole) bira gahe Amundsen jedhama.
16. Magaalaan yeroo jalqabaatiif Atomic Boombiin irratti dhoofame Hiroshima (Japan) dha.
17. Namni yeroo jalqabaatiif Hawaa keessa gahe Yuri Gagarin (Russia) jedhama.
18. Magaalaan Asia yeroo jalqabaatiif Olompikii qopheessite Tokyo (Japan, 1964) dha.
19. Movie'n yeroo jalqabaaf Addunyaa kanarratti hojjatame "The JazzSinger( 1927)" jedhama.
20. Biyyi Yeroo jalqabaatiif Olompikii ammayyaa qopheessite biyya Giriikii dha.
#SONAWALALOO
Выберите другой тариф
Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.