cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

ERGAA DIINAL ISLAAM!!

✔Ergaalee diinal islaam gaggabaaboo ✔Wolaloo ✔Seenaa sahaabota ✔Dhaamsa woliigalaa ✔Gaafii,odeeffannoo, yaadaaf @Allahi_qofa irraan na argattan🙏

Больше
Рекламные посты
1 048
Подписчики
-324 часа
+67 дней
+4730 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

The Prophet said: Whoever gives food to a fasting person with which to break his fast, will have a reward equal to his, without it detracting in the slightest from the reward of the fasting person! Source: Saheeh Targheeb (v. 1, p. 451) Shaikh al-Islam Ibn Taymiyyah: What’s meant is that he should feed him until he’s satisfied. Source: al-Ikhtiyaaraat al-Fiqhiyyah (p. 109) @Attaqwa3 @Attaqwa3 @Attaqwa3
Показать все...
👍 1
Waa Shan Booda Waa Shantu Jiraa Qalbeeffadhu!!! 1: Jiruu Booda Du’aatu Jira 2: Rakkina Booda Ballinaatu Jira 3: Fayyaa Booda Dhukkubaatu Jira 4: Dargaggummaa Booda Dullumaatu Jira 5: Addunyaa Booda Aakhiraatu Jira Yeroo Shan Tan Du’aa’iin Haalaan Namarraa Qeebalamtu 1: Yeroo Sujuuda Keessa Jiran 2: Guyyaa Jumu’aa Asrii Booda 3: Halkan Walakkaa 4: Azaanaa fii Iqaamaa Jidduu 5: Yeroo Imaltuurra Jirtu Milkiin Gurguddoo Shan Rabbi Nuuf Haa Kennu 1: Fayyaa 2: Rizqii 3: Nagaya 4: Beekkumsa 5: Toltuu Addunyaa fii Aakhiraa Yaa Rabbi Khaatimaa Teenya Nu Tolchi. 👉 Let the copy be left ❤        ⎙          ⌲            🔔  𝒓𝒆𝒂𝒄𝒕    𝒔𝒂𝒗𝒆     𝒔𝒉𝒂𝒓𝒆   𝒖𝒏𝒎𝒖𝒕𝒆 𝒄𝒉𝒂𝒏𝒏𝒆𝒍 @Attaqwa3 @Attaqwa3 @Attaqwa3
Показать все...
🌿Ergaa Diinal Islaam🌹 #Karaalee ittiin yaada sammuu keenyaa cimsannu.. 1. Sammuun kee waanuma tokkottiyyuu akka hin dhiphanneef of eeggadhu! ✍Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta.. ✍Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu! 2. Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu! ✍Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. ✍Beekumsi nama hundaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata.. 3. Yaada gaarii maddisiisuu! ✍Yeroo hunda yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi! ✍Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa.. ✍Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara.. ✍Yaada namoota hundaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama👌 @Attaqwa3 @Attaqwa3 @Attaqwa3
Показать все...
👍 3
🌿Ergaa Diinal Islaam🌹 ✍Amala qusannaa hin qabdu taanaan badhaadhummaa gonfachuu hin dandeessu.. ✍Nama jabaa laaffisuudhaan, nama laafaa jabeessuu hin dandeessu.. ✍Sooreessa hiyyoomsuudhaan, hiyyeessa duroomsuu hin dandeessu.. ✍Maallaqa liqeeffachuun, jireenya kee tasgabbeessuu yookiin rakkoo maallaqaa jalaa bahuu hin dandeessu. ✍Nama miindaa kaffalu gadi dhiibuudhaan, nama miindaan kaffalamuuf ol kaasuu hin dandeessu.. ✍Namni tokko of danda'ee akka hin hojjenne, gootee kutannoo fi sabrii horachuu hin dandeessu. ✍Nama tokko jibbaaf kakaaftee, obboleessa ta'uu hin danadeessu. ✍Baasiin kee galii kee caala taanaan iyyummaa keessaa bahuu hin dandeessu. ✍Waan namoonni hojjechuu danda’aniifi hojjechuu qaban hojjechuufiin bara baraan isaan jiraachisuu hin dandeessu👌 #Abraham_Liinkan @Attaqwa3 @Attaqwa3 @Attaqwa3
Показать все...
👍 2
ስለ ረሱል ምን ያህል እናውቃለን 20 ─────────── የነብዩ صلى الله عليه وسلم አሳዳጊ ቤተሰቦች ( አባታቸው፣ እናታቸው፣ አያታቸው እና አጎታቸውም ጭምር) በሽርክ ላይ ሆነው ነበር የሞቱት። አንዱ ሶሃባ ነብዩን صلى الله عليه وسلم አባቴ የት ነው ያለው ብሎ ጠይቃቸው “ አባትህ እሳት ውስጥ ነው” ብለው ሲመልሱለት በጣም አዘነ። አስከትለውም “ የኔ እና የአንተ አባት በእሳት ውስጥ ናቸው” ብለው እንዳፅናኑት ተዘግቧል። ይቀጥላል..... Share👇👇👇   @Attaqwa3 @Attaqwa3 @Attaqwa3
Показать все...
SEENAA SAHAABOTAA BOQONNAA SADI [3] KUTAA [16FFAA] ✍Walitti Qabiinsa Qur’aanaa👇👇 Dachiin muslimaa babal’annaan hedduminni muslimas dabalee. Sababa kanaan qaraatiin qur’aana garaagarumma ummachuu jalqabde. Namoonni muslima cufti akka afaan isaanitittii qara’uun dhufte. Haala kana kan qalbise Huzeeyfaan Binu yamaan wanni kun garaa isa quuqee jennaan, Lola biyya Azar baajaani fi Armaaniyaa irratti qooda fudhachuuf kan biyya Iraaq jiru achii ka’ee Usmaanitti dhaquun baduuf deemu qur’aana ykn dubbisa loqodaa biraatti makataa deemuuf ta’uu qur’aanaa sodatee itti hime. Osoo wal dhabbiin akka kitaaba warra Amantii yahuudaa fi Nasaaraa Qur’aana kessatti hin uumamin dafii dhaqqabi jedheen. Battalumatti Usmaan qur’aana Abbaan Bakrii walitti qabee Hafsaa bira jiru gara isaatti eyyama isiitin fichisiisee, Sahaabdota akka Zeydi ilma saabiti, Abddallah ilma Zubeyri, Sa’iid ilma Aasi, Abduramaan binu Haaris binu Shaam walitti qabuun akka gama qiraa’aa takkatti deebisan taasise. ✍insha allaah Itti fuufa.... Share👇👇👇 @Attaqwa3 @Attaqwa3 @Attaqwa3
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
🌿Ergaa Diinal Islaam🌹 ✍Jireenya kana keessatti dogongorri guddaan nuti dalagnu yoo jiraate Of tuffachuudha... ✍Ati Jireenya keessatti namni akka sareetittuu osoo si laalee atimmo akka leencaatti of laali.. ✍Sababni hanguma ati kabajaa guddoo ofiif qabduun namnis kabajaa siif qabaata waan ta'eef.. #kanaaf.. ✍Kabajaa kee gadin buusin kabajaaf teessuma abbatu of jelaan deemaa👌 @Attaqwa3 @Attaqwa3 @Attaqwa3
Показать все...
🌿Ergaa Diinal Islaam🌹 #Dubbii hikmaa xiinxallaa barbaadu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 💬 Hayyuun islaamaa tokko akki jedhe. 🌿Dadhabbiin karaa rabbii keessatti dadhabde ni dabarti, ajriin isiidha ammoo siif ol kaayamti. 🌿Mi'aan yeroo dilii dalgduu ni kutti, adabbiin isiis oluma kaayamti. #Rabbii wajjiin tahi, waan biraa hin yaadin. 🌿Dukkana halkanii keessa harka kee isatti ol qabii, Yaa Rabbi kiyya jedhiin! Duniyaan zikrii tee malee hin toltu, Aakhiraanis Afwii keetiin malee, jannannis si arkuun malee hin bareeddu!" 🌿Hoggaa wanni ati jireenya koo keessatti gammachuu naaf laata jettee yaaddu si jalaa bade, dhugoomsi wanni rabbiin sirraa balleesseef akka sababa dilii sitti hin taaneefi. 🌿Irra namaaf dabri, dhiifama namaaf godhi, Namaafis laaffisis! 🌿Dhimma Uumamatoota rabbuma isaan uumeef dhiisi! Nutiifi isaanis asirraa deemuuf jirra. 🌿Dalagaa keeyriidhaa, Hangam xiqqaattus hin tuffatinii toltuu hojjadhu; toltuu keysaa tan Jannata si galchita hin beytuu!" ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ ✅Yeroon keysan Zikrii Rabbiitiin haa bareddu!! @Attaqwa3 @Attaqwa3 @Attaqwa3
Показать все...
🌿Ergaa Diinal Islaam🌹 #Rakkina_hin_jibbiin... 🌿Garuu rakkoo keessa taa'uus hin jaalatiin.. 🌿Rakkinni hiree namoota muraasaa miti Sadarkaa rakkina isaatu wal caala malee namuu rakkoo qabu qaba. Rakkinni jiraachuun mala rakkoo keessa ittiin darban barbaaduu nama barsiisa.. ✍Mala tokkittii sana Barbaaduuf garuu bu'aa bayii baay'ee qaxxaamurta, galaana beekumsaa heddu keessa lixxee daakta... ✍Kana jechuun rakkoo tokko furuu yaaluun beekumsa dabalataa sigonfachiisa jechuudha💪 🌿Wanti rakkoo ta'u garuu bakkuma amma jirrutti quufuudha. Rakkoo keessaa bahuuf gaafa sosochoonu huuba nurraa harca'aniifi wantoota nu fuulduraa kukkufan akka waan karaa nutti cufaniitti ilaallee sodaachuudha.. #Kanaaf.. 🌿Rakkinaaf harka laachuun hin taatu. 🌿Rakkina dhabamsiisuun ulfaachuu malus rakkoo keessa taa'uun waan hin malle. Sosocho'i waan sirraa harca'uufi kan sirra qubatu adda baafadhu.. 🌿Yaali, tattaafadhu, iddoo amma jirtu kanatti hinquufiin, isa caalutti hiixadhu malee👌 @Attaqwa3 @Attaqwa3 @Attaqwa3i
Показать все...
👍 4
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.