cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Being_an_Ethiopia

Больше
Страна не указанаЯзык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
2 134
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

👉👉Beekumsa waliigalaf👌👌 1.Biyyi guddoo addunyaa tana "ruusiyaa"gaafa tatu km2 milliyoona 17.09 kan ta'u bal'ina qabdi. 2.Gammoojjummaadhan biyyi guddoon "liibiyaa" yemmuu tatu bal'ina biyyiti keessaa 99% kan ta'u gammoojjiidha. 3.Biyyi laga kam iyyuu kan hin qabne "sa'ud arabiyaa" dha. 4.Addunyaa kanarra biyyi baay'ina kiristaanan beekamtu Ameerikaa gaafa tatu baayi'ina ishee keessaa 245.9 milliyooni kiristaana. 5.Addunyaa kana irraa biyyi baay'ina islamummaan kan beekamtuu indoonejiyaa yemmuu tatu 209 milliyooni hordoftota amanta islamati. 6.Addunyaa tana irraa biyyi baay'ina haroon beekamtuu kanadaa yemmuu tatu gara milliyoona 3 kan ta'u haroota qabdi...Kana jechuun 60% haroo addunyaa kanadaa jira jechuudha. 7.Deenimark biyyaa malanmaltummaa xiqqoon keessatti rawwatuu dha. 8.biyyi mirga filatamuu dubartoota yeroo jalqabaf ragastee "new ziiland"dha. Join and share     https://t.me/Hachalu_Hundesa
Показать все...
👍 14👎 2
Waa'ee channalii keenyaa yaada aakkamii qabdu? Mee yaada qabdan comment nuu godha...
Показать все...
👍 9👎 3
M Abiy Maammoo Mihiratuufi Alamuu Simee dabalatee aanga’oota olaanoo muudan January 20, 2023 Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) Obbo Maammoo Mihiratuu bulchaa Baankii Biyyaalessaa gochuun muudan. 👉Obbo Maammoo gorsaa dhimma diinagdee Ministira Muummee Abiy Ahimad ta'uun nama tajaajila ture yeroo ta'u, qaalayinsi jireenyaa diinaagdee biyyattii wayita raasaa jirutti bulchaa duraan obbo Dr Yinnaagar Dassee bakka bu'an. Dr. Yinnaagar dhufaatii Ministira Muummee Abiy hordofeeti Baankii Biyyaalessaa bulchuutti kan dhufan. Akka Waajirri Ministira Muumee beeksisetti, MM Abiy Alamuu Simee ministira Geejjibaafi Loojistikii, Hambtaamuu Tagany (Injinar) ministira Albuudaa, Girmaa Amantee (PhD) ministira Qonnaa gochuun muudaniiru. Dabalataanis Diyaaqon Daani’eel Kibirat Ministira Gorsaa Dhimma Hawaasaa, Ambaasaaddar Taayyee Asqe-sillaasee Ministira Gorsaa Imaammata Alaa, Aadde Alamtsahaay Phaawuloos itti-gaafatamtuu Waajira Ministira Muummeefi ministira Dhimmoota Kaabinee, akkasumas Obbo Mallas Alamuu sadarkaa ministiraatti qindeessaa Damee Ijaarsa Dimokiraasii gochuun muudaniiru Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD). Torban Manni-Maree Ministeerotaa Injinar Taakkalaa Uumaa, Obbo Umar Huseeniifi Obbo Tafarii Fiqiree fi Adde Daagimaawwit Mogas sababa ifatti hin ibsineen aangoorraa gaggeessee ture. Ministiroota har’a muudamni kennameef keessaas warra kana bakka bu’uun itti-gaafatamni kennameeraaf. Aanga'oonni olaanoo Federaalaa torban darbe aangoorraa gaggeeffaman keessaa kunneen fuulduratti hireen isaanii maal akka ta'u ykn eessa akka geeffaman hanga ammaa hin ibsamne ni jiru. Amajji 18, 2023 irraa kaasanii bulchaa Baankii Biyyaalessaa ta'uun kan muudama Obbo Maammoo Mihiratuun ammoo bakka Yinnaaggar Dasee (PhD) kan bakka bu'an ta'u. Dr. Yinnaaggar Dasees Baankii Biyaalessaa kana hogganuu irraa fedhii isaaniitiin gadhiisan ta'uu, mootummaan bakka kanaa isaan kaasuu ykn itti-gaafatama biraatu itti kennamuuf ta'aa wanti jedhu ammatti hin baramne. Bu'uura Heera Mootummaa Keeyyata 74 (2)tiin muudama kennan kana manni-maree bakka bu'oota ummataa akka raggaasisuufis ministirri muummee gaafataniiru. Bulchaan Baankii Biyyaalessaa haaraaa eenyu? MM Abiyiin bulchaa Baankii Biyyaalessaa ta’uun kan muudaman  Obbo Maammoo Mihiratuu bara darbe irraa kaasanii hoji-gaggeessaa Itiyoophiyaa Invastimant Hoolding ta’uun hojjetaa turaniiru. Dhaabbanni kun jalqaba bara dabee keessa kaappitaala hayyamameef Birrii Biliyoona 100 kan hundeeffame yoo ta’u, dhaabbileen misoomaa mootummaa dabalatee dameewwan invastimantii gara garaa irratti hojjeta. Obbo Maammoo Mihiratuu bulchaa Baankii Biyyaaleessaa ta’uun yeroo muudaman kanatti biyyattiin humni waa bituu Birrii wayita akka malee gadi bu’ee jiruufi hanqinni sharafa alaa guddaan mul’atutti ta’uun isaa hojii-cimaan isaan eeggata jedhameera.  Obbo Maammoo Mihiratuu kanaan dura gorsaa olaanaa dhimmoota dinagdeefi daldalaa ministira muummee kan turan yoo ta’u, isaan dura ammoo Baankii Addunyaa keessatti ogeessa oaalaanaa ta’uun hojjetaniiru. Barnoota Seeraan digirii jalqabaa Yunivarsiitii Finfnneerraa, Daldala Addunyaafi Invastimantiin ammoo Neezerlaandis Yunivarsiitii Amistardaam irraa dippiloomaa, akkasumas Yunvarsiihtii Harvaarditti Mana-barumsaa Sirna Mootummaatii Bulchiinsa Ummataan digirii lamaffaa barataniiru https://t.me/Hachalu_Hundesaa
Показать все...
👍 10
Biyyoota addunyaa kana irraa Itoophiyaa waliin ayyaana cuuphaa kabajan.. 👉 Ertiriyaa 👉 Joordaan 👉 Ruusiyaa 👉 yuukirenii
Показать все...
👍 5
♻️Liinkiin Affeerraa keessan isa kanadha. share godhaan bonus argachuuf👇 https://t.me/FiassOromoPay1bot?start=r0558033125 ======================== Hanga Ammaatti Hiriyyoonni isin affeertan nama 0 qofaadhaa.🤦
Показать все...
Warri hidhamtoonni siyaasaa hundi maaf hin hiikamne jettan Guyyoo Wari'oo deebii gabaabaa isiniif kaa'eera 👌 Odeeffannoo dabalataaf 👇👇 👇👇👇👇👇👇👇👉https://t.me/+JXiKo7U5nkY5YmY0 https://t.me/+qpHvhegiwuU4MTU0 https://t.me/+lbAr2KPoknZkNmNk https://t.me/+2h-LdXEBZ6g5NzM8
Показать все...
1.59 MB
Watch "a love of people to his #Bulloo_Jawar_Mohammed. Jaalala ummatni jawaariif qabu addaam!" on YouTube https://youtu.be/ip8NlRs3Bhc
Показать все...
a love of people to his #Bulloo_Jawar_Mohammed. Jaalala ummatni jawaariif qabu addaam!

Показать все...
1.65 MB
Breaking news Oduu amma nu qaqqabeen Finfinnee Iddoo Qaallittii biratti Qeerroo fi humna Mootummaa giddutti walitti bu'iinsa uumameen yoo xiqqaate lubbuun qeerroo...... t.me/qeerrooqarre
Показать все...
GADAA MELBAA

Gadaa melbaa jalqabaa qabssoo oromoo fi Xummuraa qabssoo oromoo ta'uu akka qabuu waaqa oromoo uummetuu beekaa

- Lakkoofsi IMEI maali? - Bilbila bade argachuuf nu gargaaraa? Lakkoofsi IMEI (International Mobile Equipment Identity) jedhamu lakkoofsa addaa bilbila hundaan wal qabateedha. Lakkoosfi kun baay'inni isaa dijitii 15 yoo ta'u, yeroo ariifachiisaa keessatti baay'ee barbaachisaadha. Lakkoofsi IMEI lakkoofsa MEID jedhamuunis ni beekama. Lakkoofsi IMEI ykn MEID wal fakkaataan hin jiru. kuni immoo bilbila badu/hatamu irra gahuuf mala dhumaa ta'ee jira. Lakkoofsi addaa kun bilbila haaraa hundaaf muudameera. akkasumas SIM card waliin wal qabatee jira. Kanaafuu, yoo bilbila dual-SIM (kan siimii lama fudhatu) faayyadamta ta'e, bilbilli kee lakkoofsa IMEI lama qaba jechuudha. Bilbilli kee yoo bade/hatame karaalee adda addaa gargaaramuun carraan bilbila sana argachuu ni jiraata. Fkn; kaampaanii bilbila kee oomishe yoo quunnamte si gargaaruu danda'u. akkasuma, poolisoota naannoo keetii yoo quunnamte si gargaaruu danda'u. kan si gargaaran immoo yoo ati lakkoofsa IMEI qabaattedha. Biyyoota gurguddatan tokko tokko keessatti website lakkoofsa IMEI report irratti godhamu ni jira. Lakkoofsa IMEI qofaan bilbila na jalaa bade irra gahuun danda'aa? Ati lakkkoofsa IMEI qofa beektef bilbila tokko irra gahuu hin dandeessu. Qaamota olitti jenne gargaarsa gaafachuu si barbaachisa. qaamonni kun si gargaaruf haal-duree adda addaa si gaafachuu danda'u. Fkn; Abbummaa bilbila sanaa nuuf mirkaneessi jechuu, akkasuma; maalif bilbila sana argachuu akka barbaaddes si gaafachuu danda'u. Sababni; dogoggora ati dalagdeef bilbilli kee si jalaa bade/hatame waan ta'eef yeroo siif kennuu hin barbaadan. Garuu; poolisoonni yakki hamaan bilbila keetin wal qabatu yoo raawwatame bilbilaaf jecha osoo hin taane namicha yakka raawwate adamsuuf mala kana gargaaramuu danda'u. isaanis kana gochuuf lakkoofsa IMEI sihirraa fedhu. Amma barbaachisummaa lakkoofsa IMEI hubanne fakkaata. sababa kanaafis ta'ee kan birootif yeroon itti si barbaachisu dhufuu danda'a. kanaafuu; har'uma beekii ol kaayadhuu siif dhaamna. Qabxiilee sadi lakkoofsa addaa kana argachuuf nu gargaaran haa ilaalluu. yoo bilbilli kee badellee argachuu ni dandeessa. (Join and share) t.me/qeerrooqarre
Показать все...
GADAA MELBAA

Gadaa melbaa jalqabaa qabssoo oromoo fi Xummuraa qabssoo oromoo ta'uu akka qabuu waaqa oromoo uummetuu beekaa

Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.