cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Ifnan Tube (RVUMSJ ADAMA)

For All Comment @Rvumsj_bot Rift Valley University Muslim Students Jamea @RVUMSJ Life of youth https://www.youtube.com/@Ifnantube

Больше
Рекламные посты
295
Подписчики
+124 часа
+37 дней
+1130 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Фото недоступноПоказать в Telegram
SEENA AKKAAN NAMTTI TOLU🌿Namicha dulacha tokkotu mucaa dargageessa akkas jedhee isa gaafateen walqunname: Dargaggeessa:Na yaadattaa? Jaarsa: Lakkii. Achiis dargaggeessi kun akka barataa isaa ture itti hime. Jaarsis, maal hojjachaa jirta ree amma? Jireenya keetiin Maalirra geesse? Jedheen. Dargaggeessichis: " Barsiisaan tahe" jedheen. Jaarsichis: "akkuma koo gaariidhaa ree? "Jedheen.. Dargageessicha: "eyyeen. Kaka'umsa keessaniin Ani barsiisaa tahuu murteessee tahuus dandahe". Jaarsichis ittiin boonaa yeroo kam akka inni murtee barsiisaa tahuu kana isa murteessise gaafate. Dargageessichis seenaa armaan gadii kana itti hime: Guyyaa tokko hiriyyaan koo kanumti waliin barachaa turre sa'aatii harkaa bareedaa qabatee kutaa barumsaa dhufe. Sa'aatichi garmalee waan natti bareedeef jalaan hate. Yeroo muraasa booda hiriyyaan koo sa'aatiin isaa jalaa baduu arginaan barsiisatti himate. Barsiisaan sun isin ture. Achiis akkas jettanii kutaatti dubbattan " sa'aatiin mucaa kanaa har'a jalaa hatameera. Namni hate maaloo deebisaafii?. Anis deebisuu waanan hin barbaanneef nan caldhise. Atis balbala cuftee ol kaanee geengoo uumnee akka dhaabbannuuf nu ajajje. Hamma sa'aatichi argamuttu borsaa keenya sakatta'uuf kaate. Garuu sakatta'uun dura ija keenya akka dunuunfannu nu ajajje. Akka ajajamne ija dunuunfanne. Borsaa/kiisii nama hundaa sakatta'aa gaafa kiisii koo galtu sa'aaticha argatte. Haa ta'u malee Ammas sakatta'uu ittuma fufte. Eega waliin geessee booda amma ija banadhaa sa'aatiin argameera jette. Maqaa koo na hin dhoofne☘, nama na hin hamachiifne, nattillee hin dubbanne. Eenyu akka hatellee hin kaasne. Guyyaa san kabajaa koo naaf eegde. Bara jireenya kootti guyyaan akkaan salphadhee ture guyyaa sani. Haa tahu garuu, guyyaan ani hattuu , nama badaa fi kkf tahuu hin qabu jedhee itti murteessedha. Ati waan tokko naan hin jenne, addattis na baaftee akkan ani lammata itti hin deebineef gorsa naaf hin laanne. Ergaa kee garuu fudheera. Galatoomi. Barsiisaan dhugaa maal akka gochuu qabu sirraa bare.  Ni yaadattaa "professor" waan kana? Jedheen. Profesoriin buleessi kun" eyyeen, sa'aatiin hatamuu fi sakatta'uu koo nan yaadadha. Garuu si tahuu hin yaadadhu. Anis ija koo cufadheen/dunuunfadheen isin sakatta'aa ture jedheen. Kanatu Akkaataa ittiin barsiisani: "Yoo sirreessuu barbaadde gad of qabi, Akkaataa namni sun itti baratu hin beektu seenaa kana. Irraa akka waa hedduu hubattan abdii qaba. @Rvumsj T.me/Ifnantube YouTube https://www.youtube.com/@Ifnantube Comment @Rvumsj_bot
Показать все...
Ifnan Tube (RVUMSJ ADAMA)

For All Comment @Rvumsj_bot Rift Valley University Muslim Students Jamea @RVUMSJ Life of youth

https://www.youtube.com/@Ifnantube

Repost from N/a
Фото недоступноПоказать в Telegram
بسم الله الرحمن الرحيم الحمد لله رب العالمين والصلاة والسلام على رسول الله صلى الله عليه وسلم وبعد فيا إخواني في الله احييكم بتحة الإسلام السلام ورحمة الله وبركاته Mee obboleeyyan hadiisa tokkoon lubbuu tiyyaa teessaniis yaadachiisuu fedha Ergamaan Rabbii sallallaahu aleeyhi wasallam Akkana jedhan Irra hedduun hojii ilma namaarraa tan jannata isaan galchitu 1 sodaa rabbiiti 2 haaluma toluudha jedhan Sallallaahu aleeyhi wassallam Dubbiin immoo itti yaaduu feesifti Akki nuti keessa jirru kuni Garuu nu baasa laata? Jannanni qaaliidha waan qaaliin malee hin argamtu Sodaa isaa akkasuma haala baareedaas Rabbi nuuf haa kennu @rowdatuljannah
Показать все...
👍 1
"Meeqatu guuttatee Hawwii jireenya isaa Gammachuu argatee Kan ciise garaan isaa? Nama meeqaa laataa Kan harkaan ga'atee Fedhii garaa isaatii Hawwii kan dhuunfattee? Meeqa duraa haftee Hawwiin hawwii taatee Hinaaffan guutamtee Hammeenyaan hudhamtee? Nama meeqaa laataa Hawwee kan argatee Fedhii garaa isaatii Soonaan kan guuttate? Eenyutu natti himaa Eenyuu beekaa laataa? Eessa daangaan hawwii Eessatti dhaabbataa? Eessaan bahee deemee Eessatti jallataa? Eessatti qajeelee Eessa irratti gufataa? Dhugaa tahuu baannaan Hawwiin hawwiidhumaa
Показать все...
👍 1
Assalamu aleeykum waraahmatullaahi wabarakaatuhu 💡☪☪☪🕌🕌🕌🕋🕋 🧿Galatoomfachuu🏳️ 🌠 Namni xiqqoo argatee rabbiin hin galatoomfanne baay'ee argatus baay'ee argatus rabbiin hin galatoomfatu namni rabbiin hin galatoomfanne namas hin galatoofatu. (Beeyhaqiyyi) ⚖️Of-Madaaluu🏳️ 🌠 Salphina nama biraa dubbachuu yoo yaadde jalqaba salphina kee yaadadhu. (Raafi'iyyi) 🔮Dargaggummaa🏳️ 🌠 Namni dargaggummaan beekumsi jala darbe waan du'eef salaata janaazaa irratti salaati.   (Imaamu Shaafi'yyi) 🧬Of-eeguu🏳️ 🌠 Wanta afur irraa of eegi 1.Nama guddaa(kabajamaa) tuffachuu irraa 2.Nama beekaa dallansiisuu irraa 3. Nama badaa/hamaa  kabajuu irraa 4. Nama gowwaa(wallaalaa) waliin taphatuu(cooruu) irraa of eegi. 🕳Amala fokkataa🏳️ 🌠 Wanti afur mallattoo amala fokkataa irraa ijoodha 1. Iccitii baasuu 2. Namaan faallaa ta'uu/yaaduu 3. obboleyyan hamachuu 4. ollaa irratti dhara yookan shira xaxuu 💡Beekumsa🏳️ 🌠 Beekumsi waa sadi malee hin bareedu 1. wanta baratte/beekte irra deddeebitee laaluu 2. Wanta hin beekne beekuuf tattaaffii gochuu 3. wanta baratte/beekte namaaf dabarsuu 🧫Furmaata hinqabu🏳️ 🌠 Wantu sadi furmaata hin qabu 1. Hiyyummaa dadhabinaan wal qabate 2.  Diina/xalaata Waanyoon walqabate 3. Dhukkuba dullummaan walqabate 🧾Kabajaan baduu🏳️ 🌠 Wanti sadi kabajaa namarraa balleessu 1. Donyummaa/waanyummaa 2. Haafa'iinsa/Haafa'uu 3. Lola/Qaaqa 💊 Mallattoo Munaafiqaa🏳️ 🌠 Mallattoon munaafiqaa sadi 1. Yeroo dubbatu ni kijiba 2. Beellama ni diiga 3. Amaanaa yoo itti kennan ni gana/waakkata 🎛Hawwii🏳️ 🌠 Wanta sadi namni hunduu ni hawwa 1. Beekumsa 2. Qabeenya 3. Fayyaa 💎Gammachuu Dhiiraa🏳️ 🌠 Ilmi Dhiiraa wanta sadiin gammada 1. Mana bal'aa 2. Galii gahaa 3. Haadha manaa isa jaalattuFayyadamuu🏳️ 🌠 Wanta shan wanta shan dura itti fayyadami -- Jiruu kee du'a kee dura -- Fayyaa kee Dhibee deura -- Dargaggummaa kee dullummaan dura -- Ara galfii kee tattaaffachuun dura 🤲 Rabbi nu haa tiysu 🤲 @Rvumsj T.me/Ifnantube YouTube https://www.youtube.com/@Ifnantube Comment @Rvumsj_bot
Показать все...
Ifnan Tube (RVUMSJ ADAMA)

For All Comment @Rvumsj_bot Rift Valley University Muslim Students Jamea @RVUMSJ Life of youth

https://www.youtube.com/@Ifnantube

👍 1
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته EidMubarak to all Muslimsa To the global Muslim community, a heartfelt Eid Mubarak! May this blessed Eid al-Adha fill your lives and those of your loved ones with joy, peace, and blessings. May Allah accept our prayers and grant us forgiveness and mercy." Let us remember the true meaning of this special occasion: compassion, and sharing with those in need. May this Eid be a time of reflection, gratitude, and strengthening our bond with Allah and each other. Iid Mubaarak! Taqabbalallaahu Minnaa Waminkum. عيد مبارك تقبل الله منا ومنكم! ዒድ ሙባረክ ተቀበለላሁ ሚና ወሚንኩም! Kan gammachuu kan milkii kan Nagaaha kan tookkumma kan nasrii muslimaa cufaa nuuf ha ta'uu Bakka jirtanuttii Baga geessaan RVUMSJ Ayyaan gaarii❤💚❤ @Rvumsj T.me/Ifnantube YouTube https://www.youtube.com/@Ifnantube
Показать все...
Ifnan Tube (RVUMSJ ADAMA)

For All Comment @Rvumsj_bot Rift Valley University Muslim Students Jamea @RVUMSJ Life of youth

https://www.youtube.com/@Ifnantube

👍 1
Фото недоступноПоказать в Telegram
Baga Ayyana Iidal Adhaatiin(Arafaan) Isiniin Gahe. Iidni Kun Iida Gammachuu, Kan Nagayaa fi Kan Milkii Isiniif Haa Ta'u. #Eid #Mubark عيد مبارك ، كل عام وانتم بخير، تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال
Показать все...
ARAFAA Akka Lakk. Hijraatti ji'a 12ffaa kan ta'e Ji'a Zul-Hijjaa, guyyaa 9ffaa kan guyyaa Arafaa irratti argamna. Ergamaan rabbii ﷺ sadarkaa guyyaa kanaa ilaalchisuun akka jedhanitti "Rabbiin  guyyaa Arafaa caalaa gabroottan isaa ibidda irraa guyyaan bilisa itti baasu hin jiru" (Muslimtu gabaase) Dabalataanis, Guyyaa Arafaa soomuun dilii waggaa dabree fi kan waggaa dhufuu akka balleessu fi du'aayin guyyaa arafaa du'aayii irra caalaa fi jaalatama ta'uu isaa ibsaniiru. Hojiilee Guyyaa Arafaatti Jaalataman. ✅️ Sooma ✅️ Zikrii heddummeessuu ✅️ Du'aayii Gochuu ✅️ Dalagaalee Gaggaarii hunda irratti jajjabaachuu #eid #arafa #zulhijah
Показать все...
👍 1
00:10
Видео недоступноПоказать в Telegram
Zikrii Irraa caalaa ta'e kan guyyaa Arafaa @RVUMSJ
Показать все...
4.56 KB
🙏 1
Repost from N/a
Rabbiin gabrootan akka isa gabbaraniif uume... namni tokkollee haala sirrii taheen fi Rabbiin isarraa jaallatuun  Rabbiin gabbaruu hindanda'u... haga Rabbiin isaa sirritti beeku... haga maqaa fi sifa isaa beeku...haga diinii fi shari'aa isaa beeku... akkasumas haga galataa fi adabbii isaa beekutti. @rowdatuljannah
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.