cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Darbee Laalla❤💚❤

𝐶𝒉𝑎𝑎𝑛𝑎𝑎𝑙𝑖𝑖𝑛 𝑘𝑢𝑛 𝑜𝑑𝑒𝑒𝑓𝑓𝑎𝑛𝑛𝑜𝑜 𝑤𝑜𝑞𝑡𝑎𝑎𝑤𝑎𝑎 𝑏𝑖𝑦𝑦𝑎 𝑘𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑎 𝑓𝑖 𝑘𝑎𝑛 𝑏𝑖𝑦𝑦𝑎 𝑎𝑙𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑟𝑎𝑎 𝑞𝑢𝑙𝑞𝑢𝑙𝑙𝑖𝑛𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑢𝑢𝑛 𝑖𝑠𝑖𝑛𝑖𝑖 𝑑𝒉𝑖𝑦𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎 𝑛𝑢 𝒉𝑜𝑟𝑑𝑜𝑓𝑎𝑎

Больше
Страна не указанаЯзык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
145
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Humni Weeeartuu Hojjataa UNCHR Magaala Asoosaa kan ta'e Kaalif Namicha jedhamu Jaal Marroo Qabne jedhanii Dararaa erga turanii booda Hidhaa sa'aa tokkoon booda Hoogganaan Dhaabbaticha hojjataa kooti gadhiisaa jedhee gaafannaan gadhiisan. Hidhamtoonniif uummanni magaalaa Asoosaa Jaal Marroo qabne yeroo jedhanii haasa'an dhagahanii ilaaluuf mana hidhaatti yaa'aa ture 😂 Jaal Kaalifaan Akkuma qabameen Afaan Oromoofii Amaariffaan yeroo itti haasa'an Afaan English deebisaa turuufii dhalataa Afrikaa lammii Amerrkaa yommuu ta'u bifaan Magaala Areedni isaa dheeraa nama ta'eedhan mana bunaatii osoo Buna qicatuu qabanii hidhan. Jaal Marroon Yoom Guutteefii Mana bunaa taa'a sanuu Magaala Asoosaa 😂
Показать все...
Qotee bulaan keenya of eeggannoon arfaasaaf of qopheessuuti qabdu. Qaamni mootummaadha ofiin jedhu bakka waraanni adeemaa jirutti xaa'oo isiniif rabsuuf fedha hin qabu. Lafti keessan immoo xaa'oo malee oomisha isiniif hin baasu, kanaafuu xaa'oo mootummaa qofa eeguun beela keessatti isin kuffisa. Isin dursitanii argamuuti qabdu. Akkas godhaa, faltii loonii dikee osoo yeroo itti hin qabatiin, lafa qonnaa keessan waliin wal hammachiisaa. Bakka hanqinni dikee jirutti immoo kompostii fayyadamuun oomisha keessaniif of qopheessuuti qabdu. Yeroo itti hin qabiinaa, dhimmi kun dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabuuti!
Показать все...
Sirna gaggeessaa obboleessa keenya #Haaji_Abdurahmaan_haaji_Buuntii bakka olomaaiin baldhaan jirutti bifa nama gammachiisuun raawwatee jira.rabbiin qubsuma isaanii jannata ol aanaa haa taasisu.
Показать все...
Mootummaan naannoo @maaraa humna faa**oo jedhamtu fi milishaa hedduminaan leenjisaa ture gara daangaalee oromiyaatti bobbaasaa jiraachuutu dubbatama. Oromoon tokkummaa fi irree kee jabeeffadhu weer*ra kallattii lamaan sitti baname kana irree tokkummaan yoo falmatte malee akka lamuu hin bayyaannannetti si cabsuuf kutatanii siif ka'aniru!
Показать все...
Waraanni 80,000 tibba kana Operation gaggeessuuf Oromiyaatti bobba'e,Oromiyaa bakka garagaraatti akka gaaritti cafaqama jira.torbee kana keessa qofa Waraanni Weerartuu gara 6,000 ol ta'u du'af madoo dabalatee,Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun moonaa diinaa haphiseera.
Показать все...
Shaashamannee! Ergamtoonni konkolaataa Odaa Baasii lamaa fi TATA shaniin magaalaa Shashamannee keessa darbun gara Gujiitti deemaa jirti jedhu jiraattonni waraanni keenya qub qabaadhaa!
Показать все...
#Irraa of eegaa Jaallan cufti waliif qoodaa! Marii hooggantoonni waraana pp yeroo darbe mari'achaa turan keessa kan nu dhaqqabedha innis akkas ture Hanga ammaatti WBO baleesuuf yaalii gara garaa gochaa ture garuu nuuf hin danda'amne kanaaf kana booda tarkaanfii isa dhumaa fudhanee fixuus yoo dadhabne irraa xiqqeesuu yaala jedhan. Tarkaanfiin sunis akkas ture: Gaafa WBO loluu deemnu reeshina keenyatti sumii naqnee gaafa isaan dhukaasa nuratti banan reeshina sana achumatti ganee yoo baqane isaan immoo ni booji'ane jedhanii nyaatanii dhumuu danda'u jedhanii mari'atanii jiru¡¡ By Jaal Tokkummaa
Показать все...
#Fichee irraa gara gadam Waraannii PP imalaa jiru Jaallan of hin dagatinaa
Показать все...
-Galaasan nama tokko osoo hintaane, kumaatama baay’edha. Galaasaa jechuun Oromoodha, Galaasaa jechuun Oromiyaadha. Galaasaa jechuun Qubee Afaan Oromooti. Siyaasa Oromoo kana keessatti namni ganamaa hanga galgalaa Oromoof jecha akka manaa ba’etti dhaabbitti hafe Jaal Galaasaa Dilbooti. -Seenan Galaasaa Dilboo kan bara dukkana dheeraa, seenaa shira ilmaan OPDO bara Bilxiginnaa waggaa 2tin hinmadaalamu. Galaasan nama tokko osoo hintaane, seenaa kumaatama bara isaa isa wajjin ifa nu baasuf, dukkanatti dhokataa hafan sani, Galaasan nama tokko qofa osoo hintaane, miliyoonota Oromiyaa har’aa keessatti qubeen barachaa, Afaan Oromoon dubbachaa, Odaa jalatti baratan kanneeni. -Namni oolmaa gootummaa fi jagnummaa jaal Galaasaa Dilboo hinbeekne, nama daaraa fi daakuu, jaldeessaa fi Qeerransa adda baasee hinbeeknedha! Nani Galaasaa Dilboo hinbeekne, nama seenaa as dhufaatii Oromoo fi Oromiyaa kan waggoota 40n darbanii hinbeeknedha! -Galaasan Oromoorraa dhalate, humnaa fi beekumsa qabuun Oromoo fi Oromiyaaf jiraatee darbe. Galata qalama warqeetin barreeffamu seenaa Oromoo keessaa qabu. Rabbi warra jannataa haa godhu! Galatoomi, farewell & Rest In Power Jaal Galaasaa Dilboo!
Показать все...
Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam Onoota Waraanni Bilisummaa Oromoo dhuunfatee jiru heddutti kayyoo fi sagantaa siyaasaa ABO-WBO Galaanicha barsiifamaa ooleera. Gammachuun Uummata keenyaa akkam namatti tola
Показать все...