cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Taqwaa TV🖥️💻🖥️🤲

Kaayoon isaa waa barsiisuudha.utubbaan jireenyaa beekumsaa Amantii beekumsaan jalqabee islaamummaa

Больше
Страна не указанаЯзык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
391
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Фото недоступноПоказать в Telegram
Kaayyoon Keenya Ramadaana Kana Keessa Maal Tahuu Qabdi? Yaa obboleeyyan kiyyaa gaafi tana wantin kaaseef nama hedduudha kan Ramadaana ji'a boqonnaa kan raahaa sehu Ramadaanni ji'a hojiiti; Ramadaanni takkaa muslimtoota hojirraa dhaabee hin beeku...... Hojitti nama kakaasa hojirra illee tan irra caaltuu taate 👉 Rasuulli lola badrii guddaa Ramadaana keessa akka godhe beeytuu 👉 lolli fathii makkaatis Ramadaanuma keessa akka tahe beeytuu? 👉 Gartanii yaa jama'a Ramadaanni ji'a hojiiti (ibaadaa) malee ji'a hirriibaa fi bashannanaa ti miti 👉 Muslimtoonni dabran hadiisa baratan, kan barsiisan dhiisanii gama qur'aanaa deebi'an.... 👉 Mee nuti hoo maal dhiisnee gara maalii deebina 👉 Interneeta dhiifnee gara Qur'aanaa deebi'uutu nurraa eegama kessattuu feesbuuka yoo dandeenye soomana kana kessa guututti dhiisuu yoo hin dandeenye parsantii 90% hir'isuu qabna yaa obboleyyan keenya maalif yoo janne muslimtoonni nu duraa keyrii dhiisan keyrii san caalu hojjachuuf....... 👉 Salaata 5n booda fuula 4 qofa osoo qaraatee ji'a Ramadaana kessatti akka qur'aana xumuruu dandessu beytaa? 👉 Sahaabaan qataadaa ja'amu waggaa guutuu guytaa torba torbatti quraana xumura hoggaa soomanni dhufe 20 dura guyaa sadihitti xumura kurnan booda guyya guyyatti xumura... 👉 Imaamu shaafi'iin soomana kessa quraana yeroo jahaatama akka xumuru beytaa? Rabbiitu yeroo isaanii kessa barakaa kaayaaf... 👉 Ramadaanni ji'a qur'aanni kessa buufame 👉 Kanaaf jecha kaayyoon kenya guddoon Rabbi gabbaruu kessaahuu qur'aana irratti xiyyeefannaa kanninee kan beeku qur'aana qara'uun kan beeyne barachuu haa jabaannuu.. 👉 Hongayaana Namaa Nama Ramadaanni Dhufee Araarama Rabbii Hin Argatinii. Yaa Allaah Ati Araarama Kee Rahamata Kee Nu Badhaasi Ibidda Jahannam Jalaahis Nagayaa Nu Baasi. Yaa Rabbii Nama Ramadaana Kana Keessa Milkaawuus Nu Taasisii
Показать все...
⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱ Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱ ─━❪KUTAA 3️⃣FFAA✍❫━─ Kutaa 2ffaa dubbisuu Hubadhaa Arjooma Abdurahmaan Binu Oowfii Akkuma qaamni namaa dhiiga malee hindalagnetti sahaabonnis ajaja qur’aanaa fi Rasuulaatiin ala, lubbuun isaanii hojii takka kan hin rawwanne turan. Suuraa qur’aanaa Al-imraan aayata 92. لَن تَنَالُوا الْبِرَّ حَتَّىٰ تُنفِقُوا مِمَّا تُحِبُّونَ ۚ وَمَا تُنفِقُوا مِن شَيْءٍ فَإِنَّ اللَّهَ بِهِ عَلِيمٌ. آل عمران: 92 “Gaaritti hin geettan, hamma waan jaalattan kennattanitti.” ta jettu erga dhagahe, Abdurahmaan lubbuun isaa jecha Rabbii kana hojitti jijjiiruf isa ciiftee boqachuuf tasgabbii dhabde. Erga eebba Muhammad s.a.w Rabbiin awwaateefi Abdurahmaan duroomee, diinagdee isaa bakka sadihitti qoodun, ummata Madiinatif harka tokko kenne, harka tokko immoo haqa namaa irraa kafale, harka sadaffaa ni hambifata. Urwaan akka Abdurahmaan irraa odeessetti “Abdurahmaan kuma shantama karaa Rabbi keessatti diinagdee isaa akka kennan maatii isaatti dhaame. Kuma shantama inni dhaames; kuma tokko tokkotti hiruun namaa qoodanii fixan.” Zuhriinis akka Abdurahmaan irraa dubbatetti “Abdurahmaan guyyaa addunyaa tanarraa boqatuuf kalaahe, diinagdee isaa irraa Dinaara dhibba afur afur ummata duula badrirratti duulanif akka kennamu dhaamee du’e. Garuu sahaabonni duula Badrii duulaan nama dhibba qofattu yeroo sanitti argame. Hunduu dhibba afurii isaani dhaamamte fudhatan.” Akka Abu Hureeyraan Nabi irraa odeessetti; “Erga kooti: irra caalaan keessan nama tola maatii kiyyaa oole.” jedhan Nabin Rabbii s.a.w. Abdurahmaanis Iddoo isaa kuma dhibba afuritti gurguree, Jidduu maatii Rasuulatti s.a.w qoode. Osoo Nabin s.a.w lubbuun jiran walakkaa diinagdee isaa kennatee jira. Erga saniille; dinaara kuma afurtama, Gaala dhibba shanii fi Farda dhibba shan kennate. Guyya tokko akka inni gabra soddoma bituun bilisoomsellee irraa dubbatama. Anas akka Abdurahmaan irraa odeessetti; “Abdurahmaan haadha warra isaa Afraniifuu diinaara kuma dhibba tokko tokko qoode.” Guyyaa tokko daldaaltonni Abdurahmaan Gaala dhibba torbaa kan kotteen isaanii hedduminnarraa lafa sochoosan meeshaa ummanni barbaadan fe’anii gara Madiinatti seenan. Aa’ishaan didiisa sagalee dhageette jennaan, namoota isitti dhihaatu maal akka ta’e gaafatte. Akka sagalee kootte Gaalota Abdurahmaan ta’e itti himan. Aa’ishaan booda “Rabbiin barakaa isaaf haa heddummeessu, waan kennate keessatti. Immoo mindaa aakeraattu irra caala.” jettee eebbisteen. Eebba isii kana namni isii bira jiru ka dhagahe, gara Abdurahmaan binu Oowfi deemun, akka Aa’ishaan “Rabbiin barakaa isaaf haa heddummessu, waan kennate keessatti immoo mindaa aakeraattu irra caala.” ka jettee eebbifteen itti himan. Abdurahmaanis yeroma san sardammiidhaan gara isii dhaqe. “Dhugaa dubbatte yaa aayyoo mu’mintootaa, kunoo ragaa naf ta’i. ija kee duratti kenadhaa.” erga jedhee geesse booda, Gaallan cufa ba’aa isiiti fi Raroo waliin kennate. Dubbii Aa’ishaa dhugomfatuuf qabeenyaa adunyaa kanarra badhaasa Rabbii kan akeraa filate. Kutaa 4ffaan Itti fufa insha'allaah....
Показать все...
Kheeyrii Kun Sin Darbin Ofii Soommanuu Yoo Dadhabde Namaaf Dabarsii Share Godhii Ajrii Irratti Hirmaadhu ✅ Boruu Isniinaa/Wiixata, Guyyaan Ammoo Baatii Sha'abaana 11 Guyyaa Boruu Kana Soommana Sunnaa Soommanuun Akkaan Jaalatamaadha, Ammas Guyyaa Dalagaan Ilma Namaa Keessa Olfuudhamtus Waan Ta’eef Haa Soommannu! ✅ Guyyaan Salaasaa Ammoo Baatii Sha'abaana 12. Sha'abaana Keessa Soommanaa Heddummeeysinuu Hedduu Jaalatamaadha Waan Ta'eef Haa Soommannu! ✅ Guyyaan 3n Itti Aanu Ammoo (Arba'aa 13, Kamisaa 14 fi Jimaata 15 ) Yoo Soommante Ayyaamul Biid Soommante. Baatitti Guyyaa Sadii Soommante Jechuudha. Abuu Hureeyraan Rabbii Irraa Haa Jaalatuu Akkana Jedhe:- Jaalalleen Kiyyaa Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ Waa Sadii Hangan Du'utti Akkan Hin Dhiifnee Naaf Dhaame Soommanaa Guyyaa Sadii Baatirraa Soommanuu, Salaata Duhaa Salaatu, Witrii Salaatee Rafuu. Muslim 720 Tanaafuu Obboleeyyan Islaamaa Haa Soommannu! Rabbiin Warra Itti Fayyadamu Nu Haa Godhu Kheeyrii Nu Haa Qunnamsisu Dilii Teenya Nuuf Haa Araaramu Share Waliif Godha
Показать все...
KUTAA 2️⃣FFAA ABDURAHMAAN ⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱ Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱ ─━❪KUTAA 2️⃣FFAA✍❫━─ Kutaa 1ffaa dubbisuu Hubadhaa Sadarkaa Abdurahmaan Binu Oowfii Rabbitti kakadhee sadarkaa sahabdicha kabajamoo kanaa waanin jedhee isa ibsu hin beeku. Jecha itti dhabe; jecha sanuu ka qalamni barreessuu irraa hifate. Sadarkaa isaa hedduu irraa, tan guddattee, sadarkaa kamiinuu hin madaalle arge. Mee eennu namni nabiyyii s.a.w nabiyyoota hundaa caalu ka salaachisu ta’ee ka argame? Garuu Abdurahmaan Binu Oowfii guyyaa duula tabuuk Imaama ta’uun Nabi Muhammadiin s.a.w dura dhaabbatee ummata salaachise. Akka Mugiiraa irraa odeeffametti “Rasuulli s.a.w fincaanif jecha ummatarraa fagaate. Waqtiin salaata fajriiti. An weelkaa bishaanii qabadhee waliin deeme. Booda Rasuulli s.a.w an bishaan buusaafii, inni shanacha isaa, fuula isaa al sadii sadii dhiqate. Booda dhumdhummee isaa dhiqatuuf yoo inni kooti ol harkisu itti toluu dide. Kootii isaa baafatee dhumdhummee isaa dhiqachuun wuduu’a isaa xumuree,yoo nuti gara ummataa deebinu, Abdurahmaan Bin Oowfii ka salaachisu ta’ee ummanni salaatatti jira. Anaa fi Rasuullis s.a.w duubaan hidhannee erga salaata xumurree booda; Rasuulli s.a.w waqtiin salaataa darbuu irra, ummatni osoo isaan hin eegin salaatuu isaanii akka gaarii dalagan itti himuun gammachiisan.” Oduu Abii Sa’iid nuu gabaase “guyyaa tokko wal dhabbiin Abdurahmaan Binu Oowfii fi Kaalid jiddutti uumamte. Kaalid waan kana obsuu dadhabee Abdurahmaanin waa jedhe. Dubbiin deemte Rasuula s.a.w bira geette. Rasuulli s.a.w arrabsamuu Abdurahmaan dhagahanii jennaan, sahaabota tiyya narraa hin arrabsinaa Osoo isin sadaqaa ziqaya hammi isii gaara Uhud geettu kenattanii, ganaa (shanacha) sahaaboonni koo kennatan hin geettu.” jechuun darajaa sahaabota isaanii nuuf himan. Sa’iid Binu Zeyid akka Rasuula s.a.w irraa nuuf dubbatetti, “Nabin Rabbii s.a.w osoo Abba Bakrii, Umar, Usmaan, Aliyyi, Zubeeyr, Xalhaafii Abdurahmaan faa waliin Gaara gubbaa jiran, Gaarri sosocha’uu eegalte. Rasuullis s.a.w Gaara miilan gadi dhiitaa “gadi dhaabadhu namuu sirra hin jiru. Anaa, Siddiiqi fi shahiide malee jedhan’. Duula badrii keessatti warroota duulan cufa Rabbiin (SW) waan feetan dalgaa, an isinii araaramee jira jechuun qur’aana isaa keessatti dubbate. Isaannan Rabbiin qur’aana isaatin faarse osoo isaan lubbuun jiran, warra Rabbiin waan feetan dalagaa jedheen keessaa Abdurahmaan Binu Oowfi sahaabdicha duraati. Kutaa 3ffaan itti fufa inshaa'llaah.... T.me/isaalmniiNagaa
Показать все...

الســـــــــــــــــــــــــــلام عليــــــــــــــــــــــــــــكم ورحمة الله وبــركاتـــــــــــــــــــــــــــــه ═══════════════ ⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱ Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱ ─━❪KUTAA 1️⃣FFAA✍❫━─ Isaannan Rabbiin milkii isaanii garaa haadhaa keessatti barreesse keessaa, Abdurahmaan bin Oowfi tokko. Tokkoo warra saddettan dura islaamawaniiti, tokkoo kurnan warra jannataati, tokkoo jahan koree mariiti. Osoo Nabi Muhammad s.a.w lubbuun jiran tokkoo warra fatwaa kennaniiti. Kan tola kana cufaan islaamummaa keessatti Rabbiin isa badhaase kun Abdurahmaan Binu Oowfiiti. Islaamahuu Abdurahmaan Binu Oowfii Abdurahmaan Binu Oowfii jalqaba barii diin islaamaa warra saddeettan amanee keessaa isa tokko. Erga Abu Bakri Siddiiq amanee guyyaa lama booda innis Muhammadiin s.a.w dhugoomsee, osoo isaan ganda Gaara safaa jalatti argamu, gara ganda Arqam Binu Arqamitti hin galin islaamummatti seene. Erga Islaamummaatti seenee inni dararaa fi hammeenyi of nama wallaalchistu ummata mushrikaa kan Makkaa irraa isatti hammaattullee, Innis hamma jabeenna dararaa fi hammeenya sanii islamummaatti ka dur irra jabaatuu eegale. Godaansa Abdurahmaan Binu Oowfii Inni warroota gara Habashaatti godaanan keessaa tokko. Erga oduu sobaa ummanni Makkaa islaamahee Nabi Muhammad s.a.w waliin salaatuu jalqabe jedhu dhagahee gara Makkaatti deebi’e. Garuu dubbiin soba ta’u isaa erga Makka gahe hammeenyaa fi dararaa isarra gahaa ture, dachaan itti dabalamte isa simatte jennaan beeke. Boodas yeroo lammaffaaf deebi’ee gara biyya Habashaatti godaane. Nabi Muhammad s.a.w godaansa gara Madiinaa akkuma hayyameen, warra duraa irraa ta’uun Abdurahmaan Binu Oowfiitis gara Madiinaa godaane. Erga ummanni Makkaa gara Madiina godaane, Rasuulli s.a.w Muhaajiraa fi Ansaara walitti obboleewwan godhe. Akka carraa ta’ee Abdurahmaanis Sa’aad Binu Rabii’in walitti obboloome. Sa’aad badhaadhinna diinagdeetin Ansaarota keessatti maqaa qabeessa ture. Diinagdee isaa cufa iddoo lamatti hiree qooduufi, niitii lamaan qabu keessaallee takka obboleessi isaa Abdurahmaan binu Oowfii ta jaalate filatee, akka gad dhiisuuf waadaa seeneef. Abdurahmaan tola arjoomina Sa’aad erga galatoomfatee, qabeenyaa fi haadha warraalle itti didee, akka magaalatti daldalaaf isa qajeelchu gaafateen. Sa’aadis akkuma fedha Abdurahmaan isaaf godhe. Erga Abdurahmaan hojii daldalaa eegalee booda guyyaa tokko, isaa Urgooftu urgeeffatee deemu, kan fuulli isaa gamachuu irraa ife, Rasuulli s.a.w fuulatti dhufaniin. Foolee urgooftuu isaa dinqisiifataa, “Abdurahmaan maal argatte!?.” jedhanii gaafataniin. Abdurahmaanis akka fuudhe itti hime. Ammas Rasuulli s.a.w mahrii hangam takka kennee akka fuudhe gaafataniin. Abdurahmaanis warqii hammi isii killee geettu, akka kennee fuudhe himeef. Kutaa 2ffaan itti fufa inshaa'llaah... T.me/islaalmniiNagaa
Показать все...
─━❪BARNOOTA❫━─ ☾︎MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA☽︎ ─━❪KUTAA 3️⃣FFAA❫━─ ♡︎dura kutaa 2️⃣ffaa dubbisuu keessan hubadhaa♡︎ 𖣔 MATA DUREEN WAA’EE QALBII MATA DUREE YAACHISAADHA. ➯ Qalbi jechuun akka Lughaa Arabaatti garagaggalaa jechuudha Sababa inni yaadaan yeroo yerootti jijjiiramuuf onneen qalbii jedhamee moggaafame. ◉ Wanti qalbiin(1) qalbii jedhameef waan inni ariitiidhaan garagaggaluufi. Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan: ۞ “sababni qalbiin qalbii jedhameef garagaggaliinsa isaa qofa irraayi. Fakkeenyi qalbii akka qoochoo (goflaa) hundee mukaatti fannifamtee qilleensi duraafi duubatti garagaggalchuuti.” Ahmadtu gabaase inni sahiih Aljaami’iin keessas ni jira ۞ • Gabaasa biraatiin immoo “fakkeenyi qalbii akka qoochoo lafa gammoojjiitti qilleensi duraafi duubatti garagalchuuti.” Ibn Abuu Aasimtu kitaaba Sunnaa keessatti gabaase Sanadni isaa sahiiha. ◉ Inni akkuma Ergamaan (S.A.W) Rabbii (S.W) “qalbiin ilmaan Aadam garagaggaluu keessatti okkotee akkaan wacee garagaggalu irra ariifataadha” jedhan akkaan garagaggala. Gabaasa biraatiin ni jedhan: “qalbiin garagaggaluu keessatti distii ishee akkaan wacite irra cimtuudha.” Ahmadtu gabaase. Rabbiin ol ta’e Isatu qalbii akka fedhe garagaggalcha; ishee jijijjiira. • Abdullaah bin Amr bin Al-aas irraa odeeffamee (r.a) ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii (S.A.W) jedhanuun dhaga’e: ۞ “Qalbiin ilmaan Aadam hundinuu jidduu qubbeetii lamaan qubbeetii Rahmaan irraa ta’aniiti. Akka qalbii tokkichaa bakka fedhetti isa jijijjiiruuti.” ۞ Sana booda Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan: ۞ “yaa Rabbii qalbii garagaggalchitu! Qalbii keenya gara siif ajajamuutti garagalchi.”۞ Muslimtu Gabaase. • Odoma qalbii kana Rabbiin bakka fedhetti jijijjiiraa ta’uu Guyyaa Qiyaamaa immoo nama qalbii nagaadhaan (qaban saliimiin) gara Rabbii dhufe malee eenyunuu ibidda irraa bilisa hin ba’u. Badiin warra qalbiin isaanii zikrii Rabbii irraa gogeef mirkanaa’eera. Wareegni jannataa immoo nama Rahmaaniin ghaybiitti sodaatee qalbii gara Isaa deebituu taateen dhufeef mirkanaa’eera. • Kanaafuu Mu’umina irratti qalbii isaa hordofuun bakka dhukkubni ishee jiru baruun sababa dhukkubichaa baruuniifi odoo haguuggiin ishee irratti hin moo’in dura wal’aansa keessa seenuun dirqama ta’a. Dubbiin kun akkaan cimaadha; akkaataanis sodaachisaadha. Rabbiin qalbii goggodduu cufamtuu dhukkubsattuu jaamtuu qollofamtuu gadi gombifamtuufi kedda’amtuu irraa nu sodaachiseera. ◉ Barnoota itti aanu keessatti mallattoolee dadhabina iimaanaa sababa isaafi wal’aansa isaa barachuuf yaalla. Rabbiin anaafi obboleeyyan kiyya Muslimaa hojii kanaan fayyaduufi nama isa raabsuu keessatti hirmaates mindaa guutuu isa mindeessuun kadha. Qalbii keenya laaffisee ishee sirreessuuf Rabbuma qofatu no kadhatama. Inni gargaaraa ta’uun toleera Inni gahaa keenya isarratti hirkachuunis toleera. kutaa 4ffaan Itti fufa insha'allaah T.me/islaalmniiNagaa
Показать все...

KUTAA 2️⃣FFAA ABDURAHMAAN ⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱ Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱ ─━❪KUTAA 2️⃣FFAA✍❫━─ Kutaa 1ffaa dubbisuu Hubadhaa Sadarkaa Abdurahmaan Binu Oowfii Rabbitti kakadhee sadarkaa sahabdicha kabajamoo kanaa waanin jedhee isa ibsu hin beeku. Jecha itti dhabe; jecha sanuu ka qalamni barreessuu irraa hifate. Sadarkaa isaa hedduu irraa, tan guddattee, sadarkaa kamiinuu hin madaalle arge. Mee eennu namni nabiyyii s.a.w nabiyyoota hundaa caalu ka salaachisu ta’ee ka argame? Garuu Abdurahmaan Binu Oowfii guyyaa duula tabuuk Imaama ta’uun Nabi Muhammadiin s.a.w dura dhaabbatee ummata salaachise. Akka Mugiiraa irraa odeeffametti “Rasuulli s.a.w fincaanif jecha ummatarraa fagaate. Waqtiin salaata fajriiti. An weelkaa bishaanii qabadhee waliin deeme. Booda Rasuulli s.a.w an bishaan buusaafii, inni shanacha isaa, fuula isaa al sadii sadii dhiqate. Booda dhumdhummee isaa dhiqatuuf yoo inni kooti ol harkisu itti toluu dide. Kootii isaa baafatee dhumdhummee isaa dhiqachuun wuduu’a isaa xumuree,yoo nuti gara ummataa deebinu, Abdurahmaan Bin Oowfii ka salaachisu ta’ee ummanni salaatatti jira. Anaa fi Rasuullis s.a.w duubaan hidhannee erga salaata xumurree booda; Rasuulli s.a.w waqtiin salaataa darbuu irra, ummatni osoo isaan hin eegin salaatuu isaanii akka gaarii dalagan itti himuun gammachiisan.” Oduu Abii Sa’iid nuu gabaase “guyyaa tokko wal dhabbiin Abdurahmaan Binu Oowfii fi Kaalid jiddutti uumamte. Kaalid waan kana obsuu dadhabee Abdurahmaanin waa jedhe. Dubbiin deemte Rasuula s.a.w bira geette. Rasuulli s.a.w arrabsamuu Abdurahmaan dhagahanii jennaan, sahaabota tiyya narraa hin arrabsinaa Osoo isin sadaqaa ziqaya hammi isii gaara Uhud geettu kenattanii, ganaa (shanacha) sahaaboonni koo kennatan hin geettu.” jechuun darajaa sahaabota isaanii nuuf himan. Sa’iid Binu Zeyid akka Rasuula s.a.w irraa nuuf dubbatetti, “Nabin Rabbii s.a.w osoo Abba Bakrii, Umar, Usmaan, Aliyyi, Zubeeyr, Xalhaafii Abdurahmaan faa waliin Gaara gubbaa jiran, Gaarri sosocha’uu eegalte. Rasuullis s.a.w Gaara miilan gadi dhiitaa “gadi dhaabadhu namuu sirra hin jiru. Anaa, Siddiiqi fi shahiide malee jedhan’. Duula badrii keessatti warroota duulan cufa Rabbiin (SW) waan feetan dalgaa, an isinii araaramee jira jechuun qur’aana isaa keessatti dubbate. Isaannan Rabbiin qur’aana isaatin faarse osoo isaan lubbuun jiran, warra Rabbiin waan feetan dalagaa jedheen keessaa Abdurahmaan Binu Oowfi sahaabdicha duraati. Kutaa 3ffaan itti fufa inshaa'llaah.... T.me/isaalmniiNagaa
Показать все...

Baatiin Sha'abaanaa Baatii Dalagaan ilma Namaa Gama Rabbii Ol fuudhamtu Dalagaan ilma nama torbaanirraa guyya isniinaa fi Khamisaa gama rabbi olfuudhamti; amatarraa ammoo baati Sha’abaanaa olfuudhamti. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: Baatin Sha’abaanaa baati dalagaan ilma nama gama Rabbii olfuudhamtu jedhan, Ammas anaa Soomana qabu dalagaan tiyya olfuudhamuu ni jaaladha jedhan. Ergamaan Rabbii ﷺ tanaaf baatii sha’abaanaa heddu isaa soommanaan dabarsaa turan. Akkuma Haati mu’imintoota Aa’ishaan (R.A) jettetti “baati sha’abaanaa xiqqoo malee guutu isaa sommanu ture” Guyyaan duraa kan Ji'a sha'abaana jum'aa boruu irraa jalqabama. In shaa Allaah, Ramadaanni seenuuf ji'a tokko qofatu nuuf hafe. Kanaafuu Baatiin sha’abaanaa Kunis baatii Ergamaan ﷺ akkaan itti xiyyeefatan waan taheef hundumti kenya ibaadarratti, Istighfaara, salaata sunnaa fi soomana irratti haa jabaannuu. Rabbii warra waan dhagahetti fayyadamu nu haa godhu; ammas nama ofdagatu Rabbiin nu hin godhin. Nuuralhudaa Soora Qalbii Muslimaa
Показать все...
Zubeeyir Ibn Awwaam Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Zubeeyir Ibn Awwaam ─━❪Kut4️⃣ffaafi isa xumraa✍❫━─ 📚 Hinaaffaa Zubeeyr binu Awwaam Asmaa’an intalli Abbaa Bakrii niitin Zubeeyr akka jette,.” Zubeeyri guyyaa na kaadhimatu, diinagde, horii, lafaa fii angoo takallee hin qabu ture, Farda isaa malee. Ani Farda isaa kana kunuunsuu malee, ka qooshaa /bukoo/ qooshu malee dinagdee biraa qabaatee hindalaguuf ture. An qooshaa kanallee seeratti bilcheessu hin danda’u. Hintala ollaa takkattu naaf bilcheessa ture.” ❁ “Guyyaa tokko osoo Oorruu Rasuulli s.a.w Zubeeyriif laatan keessaa timira guuree gara mana deebi’utti jiruu, Rasuulli s.a.w sahaabota waliin natti dhufan. Yeroo kana dadhabbii kiyya arganii, Gaala naaf dhaabanii akka an isaan duubaan yaabbadhu na gaafatan. Osoo dadhabbiin kiyyaafi dheerinni karaa na yaachisuu, Zubeeyriin abbaa warraa koo hinaaffaa isaa yaadadhe, affeerraa Rasuulaa s.a.w dide. Erga manatti gale booda Zubeeyrin Abbaa manaa koo akka Rasuulli s.a.w fuulatti natti dhufanii Gaala isaan duuban akka yaabbadhu na affeeruu isaanii itti hime. inni Rasuulatti s.a.w hinaafa osoo hin tahin sahaabota hedduu Rasuula s.a.w waliin jiran saniif hinaafaa shakkite. Yeroo kana maaliif hin yaabbatin jedhee inni na gaafannaan, akka ati hinaftu yaadadhee, booda osoo an yaabbadhee silaa nan dhiiftu jedhee sodaadhee irraa of qusadhe.” jettee itti himte. Innis yeroo kana garaan isa dadhabee“akkanatti na jalaa dadhabuu kee irra osoo yaabbattee caala filadha.” jedhee isii gammachiise. 𖣔 DU’A ZUBEEYRI BINU AWWAAM Zubeeyir binu Awwam, goota onneeen isaa akka hojjaa isaatti dheerinni itti qixxaatu kan hin jirree dha. Goota dirree lolaa keessatti kan akka gaaddisa mukaa, muslimaa hara baafachiisudha. Goota dirree lolaa arjoomaa humnaati. Goota akka roobaatti waan qabu hunda namaan gahu. Hiyyeessa; onneen imaanaan dureessaati. Rabbiin goota akkana gidduu sahaabotaa keessatti uumee, Sababa irree isaatin namoota mushrikaa heddu lafarraa balleesse. Isaas Rabbiin beellama isaaf qabe kan du’aa bira hin darbine. Guyyaan isaa gahee lola Saffiina (lola duula Kormaa Gaalaa) keessatti lubbuun isaa addunyaa kanarra godaante.
Показать все...