cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

Рекламные посты
6 323
Подписчики
+17924 часа
+8957 дней
+2 84930 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

#Jireenyi Kee Adda ✍Addunyaa kanarraa jireenyi kee adda. Kana hubachuu irraa yoo jalqabde gatiikee fi gitakee barbaaduu jalqabda. Eessallee jiraadhu, jireenya gadi bu'aa akkamii keessas jiraadhu, sadarkaa barnootaa akkamii irras jiraadhu; garuu jireenyi kee addunyaa kanarraa adda akka ta'e amanii fudhadhu. #Haalonni kee jireenya kee akka ibsaniif hin eeyyaminiif. Jireenyi kee yoomillee eenyummaa addaa akka qabu amani. #Namoonni lakkuu ta'anii dhalatan illee adda adda akka ta'an hin irraanfatin. Wantootni kamillee tokko nu fakkeessuuf yoo baay'atanillee, jireenyi nama kamiituu nama kaan irraa adda. Kanaaf gatiikee fi gitnikee kanarraa jalqaba. #Ati adda! Gatiikee fi gitakee dafii barbaadii argadhu Kanaafuu, adaraa akka nama biroo ta'uuf baay'ee hin dhiphatin. Ati adda. #Gatiinkee fi Gitnikee yaada kanarraa jalqaba. #Yeroo Gaarii isiniif hawwina! https://t.me/+VN_ccHy2Fj50kaT_
Показать все...
👍 17 10🥰 2💯 1
Фото недоступно
SHARE
Показать все...
👍 13 5💯 2🥰 1👏 1
Фото недоступно
Показать все...
👍 30 12💯 3🔥 1
Фото недоступно
Warri si jaalatan, mul’ata kee deeggaran siif ka’u; warri faallaa kee jiran immoo sitti ka’u! Warri siif ka’an si deeggaru, si waliin gatii kaffaluuf ka’u, si waliin rakkinas eebbas, gaddas gammachuus qooddatu!... See More 👇👇👇 👉 Join Us 👈   👉 Join Us 👈
Показать все...
👍 5🔥 2 1
#Rakkina kee nama hundatti hin himin! ✍️Dhugaadha rakkina kee namootatti yoo himattu siif salphachuu danda'a; garuu rakkoo kee furuu caalaa si burjaajessuus ni danda'a. #Sababni isaas namoonni 70% kan ta'an rakkina namaa yoo dhaga'an ni gammadu. #Namoonni 20% immoo waa'ee waan sanaa tasuma hin yaadanu; waan si dhaggeeffatan fakkaatu garuu ati tasuma odeessita isaan quba sin qabanu; osoo deebiftee gaafattee sitti hin himanu. #Namoota10% qofatu waa'ee keessaniif dhiphata. Hamma feetanillee yoo amantan rakkoo keessaniif fala hin barbaadanu. #Kanaaf yoo dhimma fayyaa ta'e Ogeessa fayyaa yoo dhimma sammuu ta'e ogeessa xiinsammuu(ogeessa Saayikoloojii) haasofsiisuu qabdu malee rakkina keessan nama hundatti hin himinaa! #Guyyaa Gaarii isiniif hawwina! 👇👇👇👇👇👇 👉https://t.me/+VN_ccHy2Fj50kaT_
Показать все...
31👍 16🙏 7🥰 3💯 2
✍ Maaf sirraa Fagaatan? #Yeroo heddu nama tokko wajjin baay'ee wal jaalattanii waan heddu wajjin dabarsitanii icciitii heddu illee osoo wajjin qabdanii yeroo booda of biraa dhabdu ykn isinitti jijjiirama. Yeroo jaalalaan jirtan guyyaatti yeroo heddu waliif bilbiltu ykn waliif barreessitu; Qaamaan hanga wal argitanitti dharraatu, wal beeloftu akka bishaani wal dheebottu. #Namoonni kunniin kan isaan sirraa fagaataniif waantota Gurguddoo Afur Jiran keessaa tokko ta'uu danda'a. #Isaanis:_ ✍️1. Haala mijataa argatanii #Namoonni tokko tokko haalli yoo mijateef bakka ati jirtullee hin yaadatan. Kan biraa dhiisii maqaa keeyyuu ni dagatu. Kan kaleessa dirree rakkinaa keessa wajjin turte gaafa tulluu milkaa'inaa irra bahan eessaa akka dhufanis sis ni dagatu. Silaa haalli mijateefii konkolaataa wayii qabatan taanaan, Kaampaanii cimaa wayiitti qacaraman taanaa, mana kiraa keessaa bahan taanaan,  qabxiin darbinsaa dhufeefii darban taanaan ati akka waan achi keessatti hidhamteetti si ilaalu. ✍️2. Haala rakkisaa keessa jiraatanii #Namoonni kunniin immoo warreen haala hin taane keessatti kufanitu si saalfatanii sirraa fagaatu. Fakkeenyaaf kasaaraan yoo isaan mudate, jireenya hin taane keessatti yoo kufan, araada garaagaraan yoo qabaman, jireenya abdii kutannaa keessa warra seenanidha. Isaan kunniin maatii isaanii fi hiriyoota isaanii irraas adda bahanii gara lafa namni isaan hin beekneetti badanii dhokatanii jiraatu. Hamma barri kun darbutti eenyuttiyyuu hin mul'adhu jedhanii bilbila isaanii jijjiirratanii hidhii xuuxaa jiraatu. Isaan kun ofuu dagatanii akkamitti si yaadatuu komattaree? ✍️3. Waan sirraa barbaadan dhabanii #Namoonni kunniin durumaaniyyuu situ beekkachuu dide malee faayidaa wayiitiif sitti dhiyaatani. Kan isaan si wajjin turanis hamma waan barbaadan sana sirraa argatanitti qofadha. Tarii maallaqa ta'uu danda'a, carraa hojii wayii ta'uu danda'a, ykn si wajjin ciisuuf ta'uu danda'a. Kan si dhibu namoonni kun waan barbaadan sana yoo argatanis yoo dhabanis si bira hin turanu inuma deemu. #Fakkeenyaaf ati dubartiidha haa jedhu dhiirri tokko si wajjin ciisuuf kaayyoo godhatee yoo sitti dhiyaate yoo ati shakkitee didde obsa fixatee si dhiisee deema. #Ati dhuguma na jaalate jettee wajjin waan inni si gaafate kana yoo raawwattes mana siree qabee si geesse sana balbala isaa gadi siif bin deebisu dhimmasaa xumurannaan qabattoo isaa hidhataa achumatti si gatee sokka. ✍️4. Waa siif gochuu dadhabanii #Namoonni kunniin immoo namoota baay'ee si jaalataniidha; garuu waa siif gochuu yaadanii yeroo milkaa'uu dadhaban ykn jaalala siif qaban irraan kan ka'e waan guddaa siif gochuuf karoorsanii yeroo hafan saalfatanii achumaan badu. #Kanarratti Fakkeenya tokko mee haa ilaallu Hiriyaa ykn nama ati baay'ee jaalattu tokko jalaa Firri boqotee(du'ee) osoo bira hin gahin yoo turte har'a boru osoo jettuu achumaan hafta. Erga yeroon turee hamma kana tureemmoo waanuma cimaa tokko qopheeffadheen deema osuma jettuu siif mijachuu didee gargar fagaattee hafta. #Walumaa galatti namoonni maaliif sirraa Akka Fagaatan osoo adda hin baafatin Itti hin murteessin hin komatinillee atis yoona namoonni ati haalota armaan olii kana keessaa tokkoon irraa fagaatte jiru waan ta'eef. See More 👇👇👇👇👇👇 Seenaa ilaalaa
Показать все...
👍 32 14💯 4🔥 1
#Yaadota Baay'ee Barsiisoo kana dubbisii namoota biroof illee qoodi 1.#Nama namoonni akka fedha isaaniitti kaartaa jireenya isaaniitiin jiraachiisan hin ta'in. Kaartaa jireenya kee bocadhu! Kaartaa kee irratti of ijaari! 2. #Argii jalqabi malee arguu qofaaf hin jalqabin! Dhaga'ii ba'i malee dhaga'uu qofaaf hin ba'in! 3. #Ofii kee wajjin yeroo bal'aa fi sirrii ta'e qabaadhu! 4. #Kan nama kuffisu baay'ina rakkinaa osoo hin taane, mul'ata xiqqoo fi obsa xiqqoo qabaachuudha! 5. #Miidhama sirra ga'eef beellama haaloo ba'uu hin qabatin. Yeroo hundumaa ilaalchaa haaloo ba'uutu sirratti mo'a waan ta'eef. 6. #Borii keef karoorsi. Har'a keetti garuu gammachuudhaan jiraadhu! 7. #Guyyaa tokko akka addunyaa lafarraa kana wajjin waliigaltee jireenyaa xumurtee deemtu(duutu) yeroo hundumaa yaadaa mana keetii ba'i akkasumas yaadaa mana keetti gali. #Addunyaa daqiiqaa tokko booda waan ta'uu hin beekneef, nama hin jibbin ofiikees hin jibbin! #Join 👇👇👇👇👇👇 https://t.me/+VN_ccHy2Fj50kaT_
Показать все...
👍 32 9💯 3👏 2🙏 1
Repost from N/a
sticker.webp0.29 KB
👍 3 2
💋 Ergaa jaalalaa 💋
🫀 Onnee Qulqulluu 🫀
💐 Kennaa Jaalalaa 💐
🔥 Miira jaalalaa 🔥
🎉 Jaalalleewwan Lameen 🎉
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.